< Maatewos 13 >

1 Guyyuma sana Yesuus manaa baʼee galaana bira taaʼe.
その日、イエスは家を出て、湖のほとりにすわっておられた。
2 Tuunni namootaa guddaan naannoo isaatti walitti qabame; utuu namoonni hundi qarqara galaanichaa dhadhaabachaa jiranuu, inni bidiruu yaabbatee taaʼe.
すると、大ぜいの群衆がみもとに集まったので、イエスは舟に移って腰をおろされた。それで群衆はみな浜に立っていた。
3 Innis akkana jedhee waan baayʼee fakkeenyaan isaanitti hime; “Kunoo, namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe.
イエスは多くのことを、彼らにたとえで話して聞かされた。 「種を蒔く人が種蒔きに出かけた。
4 Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼe; simbirroonnis dhufanii nyaatanii fixan.
蒔いているとき、道ばたに落ちた種があった。すると鳥が来て食べてしまった。
5 Kaan immoo lafa kattaa, iddoo biyyoo baayʼee hin qabne irra buʼe. Sanyiin sunis sababii biyyoon sun gad fageenya hin qabaatiniif dafee biqile.
また、別の種が土の薄い岩地に落ちた。土が深くなかったので、すぐに芽を出した。
6 Yommuu aduun baatetti garuu biqiltuun sun ni coollage; waan hidda hin qabaatiniifis ni goge.
しかし、日が上ると、焼けて、根がないために枯れてしまった。
7 Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis guddatee biqiltuu sana hudhe.
また、別の種はいばらの中に落ちたが、いばらが伸びて、ふさいでしまった。
8 Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼee achitti ija naqate; garri tokko dachaa dhibba, kaan dachaa jaatama, kaan immoo dachaa soddoma naqate.
別の種は良い地に落ちて、あるものは百倍、あるものは六十倍、あるものは三十倍の実を結んだ。
9 Namni gurra qabu kam iyyuu haa dhagaʼu.”
耳のある者は聞きなさい。」
10 Barattoonnis gara isaa dhufanii, “Ati maaliif fakkeenyaan namootatti dubbatta?” jedhanii isa gaafatan.
すると、弟子たちが近寄って来て、イエスに言った。「なぜ、彼らにたとえでお話しになったのですか。」
11 Innis akkana jedhee deebiseef; “Icciitii mootummaa samii beekuun isiniif kennameera; isaaniif garuu hin kennamne.
イエスは答えて言われた。「あなたがたには、天の御国の奥義を知ることが許されているが、彼らには許されていません。
12 Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; irraa hafaas ni qabaata. Kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama.
というのは、持っている者はさらに与えられて豊かになり、持たない者は持っているものまでも取り上げられてしまうからです。
13 Wanni ani akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbadhuufis kana: “Isaan utuma ilaalanuu hin argan; utuma dhaggeeffatanuus hin dhagaʼan yookaan hin hubatan.
わたしが彼らにたとえで話すのは、彼らは見てはいるが見ず、聞いてはいるが聞かず、また、悟ることもしないからです。
14 Raajiin Isaayyaas dubbate sun isaan irratti raawwatameera; innis akkana jedha: “‘Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan; ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.
こうしてイザヤの告げた預言が彼らの上に実現したのです。 『あなたがたは確かに聞きはするが、 決して悟らない。 確かに見てはいるが、決してわからない。
15 Qalbiin saba kanaa doomeeraatii; gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu; ija isaaniis dunuunfataniiru. Utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii, gurra isaaniitiin dhagaʼanii, qalbii isaaniitiinis hubatanii ni deebiʼu turan; anis isaan nan fayyisa ture.’
この民の心は鈍くなり、 その耳は遠く、 目はつぶっているからである。 それは、彼らがその目で見、その耳で聞き、 その心で悟って立ち返り、 わたしにいやされることのないためである。』
16 Iji keessan garuu waan arguuf eebbifamaa dha; gurri keessanis waan dhagaʼuuf eebbifamaa dha.
しかし、あなたがたの目は見ているから幸いです。また、あなたがたの耳は聞いているから幸いです。
17 Ani dhuguma isinittin himaatii; raajonnii fi qajeeltonni baayʼeen waan isin argitan kana arguu hawwan; garuu hin argine; waan isin dhageessan kanas dhagaʼuu hawwan; garuu hin dhageenye.
まことに、あなたがたに告げます。多くの預言者や義人たちが、あなたがたの見ているものを見たいと、切に願ったのに見られず、あなたがたの聞いていることを聞きたいと、切に願ったのに聞けなかったのです。
18 “Egaa fakkeenyi namicha sanyii facaasuu maal akka taʼe dhagaʼaa:
ですから、種蒔きのたとえを聞きなさい。
19 Yoo namni kam iyyuu dubbii mootummichaa dhagaʼee hubachuu baate, inni hamaan sun dhufee waan garaa isaa keessatti facaafame sana butata. Kun sanyii karaa irratti facaafamee dha.
御国のことばを聞いても悟らないと、悪い者が来て、その人の心に蒔かれたものを奪って行きます。道ばたに蒔かれるとは、このような人のことです。
20 Sanyiin lafa kattaa irratti facaafame, nama dubbicha dhagaʼee yommusuma gammachuun fudhatuu dha.
また岩地に蒔かれるとは、みことばを聞くと、すぐに喜んで受け入れる人のことです。
21 Garuu inni waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa tura. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti inni dafee gufata.
しかし、自分のうちに根がないため、しばらくの間そうするだけで、みことばのために困難や迫害が起こると、すぐにつまずいてしまいます。
22 Sanyiin qoraattii keessatti facaafame sunis nama dubbicha dhagaʼu argisiisa; garuu yaaddoon addunyaa kanaatii fi gowwoomsaan qabeenyaa dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa. (aiōn g165)
また、いばらの中に蒔かれるとは、みことばを聞くが、この世の心づかいと富の惑わしとがみことばをふさぐため、実を結ばない人のことです。 (aiōn g165)
23 Sanyiin biyyoo gaarii irratti facaafame garuu nama dubbicha dhagaʼee hubatu argisiisa. Innis ija kenna; garri tokko dhibba, kaan jaatama, kaan immoo soddoma naqata.”
ところが、良い地に蒔かれるとは、みことばを聞いてそれを悟る人のことで、その人はほんとうに実を結び、あるものは百倍、あるものは六十倍、あるものは三十倍の実を結びます。」
24 Yesuus akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; “Mootummaan samii nama lafa qotiisaa isaa keessatti sanyii gaarii facaafate tokko fakkaata.
イエスは、また別のたとえを彼らに示して言われた。 「天の御国は、こういう人にたとえることができます。ある人が自分の畑に良い種を蒔いた。
25 Garuu utuu namoonni rafanuu diinni isaa dhufee qamadii keessatti inkirdaada facaasee deeme.
ところが、人々の眠っている間に、彼の敵が来て麦の中に毒麦を蒔いて行った。
26 Yeroo qamadiin sun guddatee ija naqatetti inkirdaadnis ni mulʼate.
麦が芽ばえ、やがて実ったとき、毒麦も現われた。
27 “Garboonni abbaa lafa qotiisaa sanaas gara isaa dhufanii, ‘Gooftaa, ati lafa qotiisaa kee keessatti sanyii gaarii hin facaafnee? Yoos inkirdaadni eessaa dhufe ree?’ jedhaniin.
それで、その家の主人のしもべたちが来て言った。『ご主人。畑には良い麦を蒔かれたのではありませんか。どうして毒麦が出たのでしょう。』
28 “Innis deebisee, ‘Diinatu kana hojjete’ jedhe. “Garboonnis, ‘Akka nu dhaqnee buqqifnu ni barbaaddaa?’ jedhanii isa gaafatan.
主人は言った。『敵のやったことです。』すると、しもべたちは言った。『では、私たちが行ってそれを抜き集めましょうか。』
29 “Namichi garuu akkana jedhee deebiseef; ‘Lakki, utuu inkirdaada buqqiftanuu, akka isa wajjin qamadii hin buqqifneef dhiisaa.
だが、主人は言った。『いやいや。毒麦を抜き集めるうちに、麦もいっしょに抜き取るかもしれない。
30 Hamma yeroo haamaatti lachanuu walumaan haa guddatan. Anis yeroo sana warra midhaan haamaniin, “Jalqabatti inkirdaada sana buqqisaa; akka gubamuufis bissii bissiidhaan hidhaa; qamadii garuu walitti qabaatii gombisaa kootti naa naqaa” jedhee isaanitti nan hima.’”
だから、収穫まで、両方とも育つままにしておきなさい。収穫の時期になったら、私は刈る人たちに、まず、毒麦を集め、焼くために束にしなさい。麦のほうは、集めて私の倉に納めなさい、と言いましょう。』」
31 Innis akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; “Mootummaan samii sanyii sanaaficaa kan namni fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase tokko fakkaata.
イエスは、また別のたとえを彼らに示して言われた。「天の御国は、からし種のようなものです。それを取って、畑に蒔くと、
32 Inni dhugumaan sanyii hunda irra xinnaa dha; erga guddatee garuu biqiltuu hunda caalee muka taʼa; simbirroonnis dhufanii dameewwan isaa irra jiraatu.”
どんな種よりも小さいのですが、生長すると、どの野菜よりも大きくなり、空の鳥が来て、その枝に巣を作るほどの木になります。」
33 Amma illee akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; “Mootummaan samii raacitii dubartiin tokko fuutee hamma inni guutummaatti bukeessutti daakuu safartuu sadiitti makte fakkaata.”
イエスは、また別のたとえを話された。「天の御国は、パン種のようなものです。女が、パン種を取って、三サトンの粉の中に入れると、全体がふくらんで来ます。」
34 Yesuus waan kana hundumaa fakkeenyaan namootatti dubbate; innis fakkeenyaan malee waan tokko illee isaanitti hin dubbanne.
イエスは、これらのことをみな、たとえで群衆に話され、たとえを使わずには何もお話しにならなかった。
35 Kunis akka wanni raajichi, “Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha; waan gaafa addunyaan uumamee jalqabee dhokfames nan dubbadha” jedhe sun raawwatamuuf taʼe.
それは、預言者を通して言われた事が成就するためであった。 「わたしはたとえ話をもって口を開き、 世の初めから隠されていることどもを物語ろう。」
36 Yesuusis tuuta namootaa achumatti dhiisee mana ol seene. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, “Hiikkaa fakkeenya inkirdaada lafa qotiisaa keessaa sana nutti himi” jedhaniin.
それから、イエスは群衆と別れて家にはいられた。すると、弟子たちがみもとに来て、「畑の毒麦のたとえを説明してください。」と言った。
37 Innis akkana jedhee deebise; “Namichi sanyii gaarii facaase sun Ilma Namaa ti.
イエスは答えてこう言われた。「良い種を蒔く者は人の子です。
38 Lafti qotiisaa sun addunyaa dha; sanyiin gaariinis ijoollee mootummichaa ti. Inkirdaadni sun ijoollee isa hamaa sanaa ti;
畑はこの世界のことで、良い種とは御国の子どもたち、毒麦とは悪い者の子どもたちのことです。
39 diinni inkirdaada facaase immoo diiyaabiloos dha. Haamaan dhuma addunyaa ti; warri haaman immoo ergamoota Waaqaa ti. (aiōn g165)
毒麦を蒔いた敵は悪魔であり、収穫とはこの世の終わりのことです。そして、刈り手とは御使いたちのことです。 (aiōn g165)
40 “Akkuma inkirdaadni walitti qabamee ibiddaan gubamu sana, dhuma addunyaattis akkasuma taʼa. (aiōn g165)
ですから、毒麦が集められて火で焼かれるように、この世の終わりにもそのようになります。 (aiōn g165)
41 Ilmi Namaa ergamoota isaa ni erga; isaanis waan cubbuutti nama geessu hundaa fi warra waan hamaa hojjetan hunda mootummaa isaa keessaa baasanii walitti qabu.
人の子はその御使いたちを遣わします。彼らは、つまずきを与える者や不法を行なう者たちをみな、御国から取り集めて、
42 Boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa.
火の燃える炉に投げ込みます。彼らはそこで泣いて歯ぎしりするのです。
43 Yeroo sana qajeeltonni mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka aduu ni ifu. Namni gurra qabu haa dhagaʼu.
そのとき、正しい者たちは、天の父の御国で太陽のように輝きます。耳のある者は聞きなさい。
44 “Mootummaan samii qabeenya lafa qotiisaa keessa dhokfame fakkaata. Namni tokkos qabeenya kana argatee deebisee dhokse; innis waan gammadeef dhaqee waan qabu hunda gurguree lafa qotiisaa sana bitate.
天の御国は、畑に隠された宝のようなものです。人はその宝を見つけると、それを隠しておいて、大喜びで帰り、持ち物を全部売り払ってその畑を買います。
45 “Akkasumas mootummaan samii daldalaa lula gaarii barbaadu tokko fakkaata.
また、天の御国は、良い真珠を捜している商人のようなものです。
46 Daldalaan sunis lula gatii guddaa tokko argate; innis dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lula sana bitate.
すばらしい値うちの真珠を一つ見つけた者は、行って持ち物を全部売り払ってそれを買ってしまいます。
47 “Akkasumas mootummaan samii kiyyoo galaanatti darbatamee qurxummii gosa hundaa walitti qabe fakkaata.
また、天の御国は、海におろしてあらゆる種類の魚を集める地引き網のようなものです。
48 Yeroo kiyyoon sun guutamettis qurxummii qabdoonni gara qarqara galaanaatti isa harkisan. Ergasiis tataaʼanii qurxummii gaarii filanii qodaa isaaniitti naqatan; qurxummii gadhee immoo ni gatan.
網がいっぱいになると岸に引き上げ、すわり込んで、良いものは器に入れ、悪いものは捨てるのです。
49 Dhuma addunyaattis akkasuma taʼa. Ergamoonni dhufanii warra hamoo warra qajeeltota irraa gargar baasu; (aiōn g165)
この世の終わりにもそのようになります。御使いたちが来て、正しい者の中から悪い者をえり分け、 (aiōn g165)
50 boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa.”
火の燃える炉に投げ込みます。彼らはそこで泣いて歯ぎしりするのです。
51 Yesuusis, “Waan kana hunda hubattaniirtuu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Eeyyee” jedhanii deebisan.
あなたがたは、これらのことがみなわかりましたか。」彼らは「はい。」とイエスに言った。
52 Innis, “Kanaafuu barsiisaan seeraa kan barataa mootummaa samii taʼe kam iyyuu abbaa manaa kan qabeenya haaraa fi moofaa mana miʼa isaa keessaa gad baasu tokko fakkaata” jedheen.
そこで、イエスは言われた。「だから、天の御国の弟子となった学者はみな、自分の倉から新しい物でも古い物でも取り出す一家の主人のようなものです。」
53 Yesuus erga fakkeenya kana dubbatee raawwatee booddee achii kaʼee deeme.
これらのたとえを話し終えると、イエスはそこを去られた。
54 Innis gara magaalaa itti dhalatee dhaqee mana sagadaa isaanii keessatti namoota barsiisuu jalqabe; isaanis ni dinqisiifatan. Akkana jedhaniis gaafatan; “Namichi kun ogummaa kanaa fi hojiiwwan dinqii kanneen eessaa argate?
それから、ご自分の郷里に行って、会堂で人々を教え始められた。すると、彼らは驚いて言った。「この人は、こんな知恵と不思議な力をどこで得たのでしょう。
55 Inni ilma namicha muka soofu sanaati mitii? Maqaan haadha isaas Maariyaam mitii? Obboloonni isaas Yaaqoob, Yoosef, Simoonii fi Yihuudaa mitii?
この人は大工の息子ではありませんか。彼の母親はマリヤで、彼の兄弟は、ヤコブ、ヨセフ、シモン、ユダではありませんか。
56 Obboleettonni isaa hundinuu nu bira jiru mitii? Yoos namichi kun waan kana hundumaa eessaa argate?”
妹たちもみな私たちといっしょにいるではありませんか。とすると、いったいこの人は、これらのものをどこから得たのでしょう。」
57 Isaanis isatti gufatan. Yesuus garuu, “Raajiin magaalaa itti dhalatee fi mana isaatti malee kabaja hin dhabu” jedheen.
こうして、彼らはイエスにつまずいた。しかし、イエスは彼らに言われた。「預言者が尊敬されないのは、自分の郷里、家族の間だけです。」
58 Innis sababii amantii dhabuu isaaniitiif hojii dinqii hedduu achitti hin hojjenne.
そして、イエスは、彼らの不信仰のゆえに、そこでは多くの奇蹟をなさらなかった。

< Maatewos 13 >