< Maatewos 12 >
1 Yesuus yeroo sana guyyaa Sanbataatiin lafa qotiisaa midhaanii keessa darbe. Barattoonni isaas beelaʼanii asheetii midhaanii ciratanii nyaachuu jalqaban.
At that time Jesus went through the grainfields on the Sabbath. His disciples were hungry and began to pluck heads of grain and eat them.
2 Fariisonni yommuu waan kana arganitti, “Ilaa! Barattoonni kee waan guyyaa Sanbataatiin hojjechuun seeraan hin eeyyamamne hojjetu” jedhaniin.
When the Pharisees saw this, they said to him, “Behold, yoʋr disciples are doing what is not lawful to do on the Sabbath.”
3 Innis akkana jedhee deebise; “Yeroo Daawitii fi warri isa wajjin turan beelaʼanitti waan Daawit godhe isin hin dubbifnee?
He said to them, “Have you not read what David did when he was hungry, he and those who were with him,
4 Inni mana Waaqaa seene; innii fi warri isa wajjin turanis buddeena kennaa nyaatan; buddeenni sun immoo luboota qofaaf malee isaaniif hin eeyyamamu ture.
how he entered the house of God and ate the bread of the Presence, which was not lawful for him or those who were with him to eat, but only for the priests?
5 Yookaan akka luboonni mana qulqullummaa keessaa guyyaa Sanbataatiin Sanbata xureessan, taʼus akka yakka taʼee isaanitti hin hedamne isin Seera keessatti hin dubbifnee?
Or have you not read in the law that on the Sabbath the priests in the temple profane the Sabbath and yet are guiltless?
6 Ani isinitti nan hima; kan mana qulqullummaa caalu as jira.
But I tell you that something greater than the temple is here.
7 Isin, utuu dubbiin, ‘Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu’jedhu sun maal jechuu akka taʼe beektanii jiraattanii silaa warra yakka hin qabnetti hin murtan ture.
But if you had known what this means: ‘I desire mercy and not sacrifice,’ you would not have condemned the guiltless.
8 Ilmi Namaa Gooftaa Sanbataatii.”
For the Son of Man is Lord of the Sabbath.”
9 Innis achii kaʼee mana sagadaa isaanii seene;
Then he departed from there and went into their synagogue.
10 kunoo, namichi harki irratti goge tokkos achi ture. Isaanis sababii ittiin Yesuusin himatan barbaadaa waan turaniif, “Guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun seeraa?” jedhanii isa gaafatan.
And behold, there was a man who had a withered hand. In order to accuse Jesus, the Pharisees asked him, “Is it lawful to heal on the Sabbath?”
11 Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Isin keessaa namni hoolaa tokko qabu, yoo hoolaan sun guyyaa Sanbataatiin boolla keessa buʼe, kan harkisee hin baafanne jiraa?
He said to them, “What man among you who has a sheep that falls into a pit on the Sabbath will not take hold of it and lift it out?
12 Namni immoo hammam hoolaa caalaa gatii guddaa haa qabaatu ree! Kanaafuu Sanbataan waan gaarii hojjechuun eeyyamamaa dha.”
Of how much more value is a person than a sheep! So then, it is lawful to do good on the Sabbath.”
13 Namichaanis, “Harka kee diriirfadhu” jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutummaatti fayyee akkuma isa kaanii taʼe.
Then he said to the man, “Stretch out yoʋr hand.” So he stretched it out, and it was restored, becoming as sound as the other.
14 Fariisonni garuu gad baʼanii akka ittiin Yesuusin ajjeesan mariʼatan.
But the Pharisees went out and took counsel against Jesus as to how they might destroy him.
15 Yesuus waan kana beekee iddoo sanaa kaʼee deeme. Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; innis dhukkubsattoota isaanii hunda fayyise;
Aware of this, Jesus withdrew from there. Large crowds followed him, and he healed them all
16 akka isaan akka inni beekamu hin goones isaan ajaje.
and warned them not to make him known.
17 Kunis akka wanni Isaayyaas raajichi dubbate sun raawwatamuuf taʼe; innis akkana jedha:
This was to fulfill what had been spoken through the prophet Isaiah:
18 “Tajaajilaan koo inni ani filadhe, inni ani jaalladhuu fi inni ani itti gammadu isa kana; ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa; innis sabootatti murtii qajeelaa ni labsa.
“Behold, my servant whom I have chosen, my beloved, in whom my soul is well pleased. I will put my Spirit upon him, and he will declare justice to the Gentiles.
19 Inni hin wacu yookaan hin iyyu; namni tokko illee sagalee isaa karaa irratti hin dhagaʼu.
He will not quarrel or cry out, nor will anyone hear his voice in the streets.
20 Inni hamma akka murtiin qajeelaan moʼu godhutti, shambaqqoo buruqe hin cabsu; foʼaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu.
A bruised reed he will not break, and a smoldering wick he will not extinguish, until he brings justice to victory.
21 Saboonnis maqaa isaa ni abdatu.”
And in his name the Gentiles will hope.”
22 Yeroo sanatti namicha hafuura hamaan qabame, kan iji isaa jaamee arrabni isaas dubbachuu dide tokko gara isaa fidan; Yesuusis namicha sana fayyise; namichis dubbachuu fi arguu dandaʼe.
Then a demon-possessed man who was blind and mute was brought to him, and Jesus healed him, so that the man who was blind and mute could speak and see.
23 Namoonni hundinuus dinqifatanii, “Kun Ilma Daawit taʼinnaa?” jedhan.
All the crowds were amazed and said, “Can this be the Son of David?”
24 Fariisonni garuu yommuu kana dhagaʼanitti, “Namichi kun Biʼeelzebuul, hangafa hafuurota hamoo qofaan hafuurota hamoo baasa” jedhan.
But when the Pharisees heard this, they said, “It is only by Beelzebul, the ruler of demons, that this man casts out demons.”
25 Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedheen; “Mootummaan gargar of qoodu hundinuu ni diigama; magaalaan yookaan maatiin gargar of qoodu hundinuus hin dhaabatu.
Knowing their thoughts, Jesus said to them, “Every kingdom divided against itself is laid waste, and no city or house divided against itself will stand.
26 Seexannis Seexana baafnaan, inni gargar of qooda. Yoos mootummaan isaa akkamitti dhaabachuu dandaʼa ree?
So if Satan casts out Satan, he is divided against himself. How then will his kingdom stand?
27 Erga ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasee, ijoolleen keessan immoo maaliin baasu ree? Kanaafuu isaan abbootii murtii isinitti taʼu.
And if I cast out demons by Beelzebul, by whom do your followers cast them out? Therefore they will be your judges.
28 Garuu ani Hafuura Waaqaatiin hafuurota hamoo baasa taanaan, yoos mootummaan Waaqaa isinitti dhufeera.
But if I cast out demons by the Spirit of God, then the kingdom of God has come upon you.
29 “Yookaan namni kam iyyuu yoo duraan dursee nama jabaa tokko hidhe malee akkamitti mana nama jabaa sanaa seenee qabeenya isaa saamuu dandaʼa? Ergasii inni mana isaa saamuu dandaʼa.
Or how can anyone enter the house of a strong man and plunder his goods unless he first binds the strong man? Then he will plunder his house.
30 “Namni na wajjin hin jirre kam iyyuu naan morma; namni na wajjin walitti hin qabne kam iyyuus ni bittinneessa.
Whoever is not with me is against me, and whoever does not gather with me scatters.
31 Kanaafuu ani isinittin hima; cubbuu fi arrabsoon hundinuu namaaf ni dhiifama; Hafuura Qulqulluu arrabsuun garuu hin dhiifamu.
Therefore I tell you, people will be forgiven for every sin and blasphemy, but they will not be forgiven for blasphemy against the Spirit.
32 Nama Ilma Namaatiin mormee jecha tokko dubbatu kamiif iyyuu ni dhiifama; nama Hafuura Qulqulluudhaan mormee dubbatu kamiif iyyuu garuu, addunyaa kana irratti yookaan addunyaa dhufuuf jiru irratti hin dhiifamu. (aiōn )
Whoever speaks a word against the Son of Man will be forgiven, but whoever speaks against the Holy Spirit will not be forgiven, neither in the present age nor in the age to come. (aiōn )
33 “Muka gaarii qabaadhaa; iji isaa gaarii taʼaa; muka gadhee qabaadhaa; iji isaa gadhee taʼaa; mukni ija isaatiin beekamaatii.
“A tree is known by its fruit. If a tree is good, its fruit will also be good. If a tree is bad, its fruit will also be bad.
34 Isin yaa ijoollee buutii nana, isin warri hamoon akkamitti waan gaarii dubbachuu dandeessu? Waan garaa guute afaan dubbataatii.
You brood of vipers, how can you speak good things, when you are evil? For out of the abundance of the heart the mouth speaks.
35 Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessa jiru keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessa jiru keessaa waan hamaa baasa.
The good person brings good things out of his good treasure, and the evil person brings evil things out of his evil treasure.
36 Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti namoonni dubbii akkuma argan dubbatan hundumatti ni gaafatamu.
But I tell you, on the day of judgment people will give an account for every idle word they speak.
37 Dubbii keetiin qajeelaa taasifamtaatii; dubbii keetiinis sitti murama.”
For by yoʋr words yoʋ will be justified, and by yoʋr words yoʋ will be condemned.”
38 Ergasii barsiistonni seeraatii fi Fariisonni tokko tokko, “Yaa barsiisaa, nu mallattoo sirraa arguu barbaanna” jedhaniin.
Then some of the scribes and Pharisees responded, “Teacher, we want to see a sign from yoʋ.”
39 Innis deebisee akkana isaaniin jedhe; “Dhaloonni hamaa fi ejjaan mallattoo barbaada! Garuu mallattoo Yoonaas raajichaa sana malee mallattoon tokko iyyuu hin kennamuuf.
But Jesus answered them, “An evil and adulterous generation asks for a sign, but no sign will be given to it except the sign of the prophet Jonah.
40 Akkuma Yoonaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii guddaa tokkoo keessa ture sana, Ilmi Namaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa ni turaatii.
For just as Jonah was in the belly of the great sea creature for three days and three nights, so will the Son of Man be in the heart of the earth for three days and three nights.
41 Namoonni Nanawwee guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaʼanii itti muru; isaan lallaba Yoonaasiin qalbii jijjiirrataniitii; kunoo, kan Yoonaasin caalu as jira.
The men of Nineveh will rise up at the judgment with this generation and condemn it, for they repented at the preaching of Jonah, and behold, something greater than Jonah is here.
42 Mootittiin kibbaa guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaatee itti murti; isheen ogummaa Solomoon dhagaʼuuf jettee daarii lafaatii dhufteetii; kunoo, kan Solomoonin caalu as jira.
The queen of the South will rise up at the judgment with this generation and condemn it, for she came from the ends of the earth to hear the wisdom of Solomon, and behold, something greater than Solomon is here.
43 “Hafuurri xuraaʼaan yommuu nama keessaa baʼutti, boqonnaa barbaacha lafa gogaa keessa joora; garuu hin argatu.
“When an unclean spirit has gone out of a person, it goes through waterless places seeking rest, but does not find any.
44 Innis, ‘Mana koo isa ani keessaa baʼe sanatti nan deebiʼa’ jedha. Yommuu achi gaʼuttis manicha duwwaa taʼee, haramee qulqulleeffamee, qopheeffames argata.
Then it says, ‘I will return to the house I left.’ When it arrives, it finds the house unoccupied, swept, and put in order.
45 Ergasiis dhaqee hafuurota biraa torba kanneen isa caalaa hamoo taʼan fudhatee dhufa; isaanis itti galanii achi jiraatu. Haalli namicha sanaa kan dhumaa isa jalqabaa caalaa hammaata. Dhaloonni hamaan kunis akkasuma taʼa.”
Then it goes and takes with it seven other spirits more evil than itself, and they go in and dwell there, and the last state of that person becomes worse than the first. So will it be with this evil generation also.”
46 Utuu Yesuus amma iyyuu namootatti dubbachaa jiruu kunoo, haatii fi obboloonni isaa isa wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabachaa turan.
While Jesus was still speaking to the crowds, behold, his mother and his brothers stood outside, asking to speak to him.
47 Namni tokkos, “Haati keetii fi obboloonni kee si wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabatu” jedhee isatti hime.
Then someone said to him, “Behold, yoʋr mother and yoʋr brothers are standing outside, asking to speak to yoʋ.”
48 Innis deebiseefii, “Haati koo eenyu? Obboloonni koos eenyu faʼi?” jedheen.
But he replied to the one who spoke to him, “Who is my mother, and who are my brothers?”
49 Harka isaas gara barattoota isaatti qabee akkana jedhe; “Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti.
And stretching out his hand toward his disciples, he said, “Behold, my mother and my brothers!
50 Namni fedhii Abbaa koo isa samii irraa guutu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis.”
For whoever does the will of my Father in heaven is my brother and sister and mother.”