< Maatewos 11 >

1 Yesuus erga barattoota isaa kudha lamaaniif ajaja kennuu raawwatee booddee magaalaawwan Galiilaa keessatti barsiisuu fi lallabuuf jedhee achii kaʼee karaa isaa itti fufe.
When Yeshua had finished directing his twelve disciples, he departed from there to teach and proclaim in their cities.
2 Yohannis mana hidhaa taaʼee yommuu waan Kiristoos hojjechaa ture dhagaʼetti barattoota isaa ergee,
Now when Yochanan heard in the prison the works of Messiah, he sent two of his disciples
3 “Inni dhufuuf jiru sun siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?” jedhee isa gaafate.
and said to him, “Are you he who comes, or should we look for another?”
4 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Deebiʼaatii waan dhageessanii fi waan argitan Yohannisitti himaa;
Yeshua answered them, “Go and tell Yochanan the things which you hear and see:
5 jaamonni ni argu; warri naafatan ni deemu; warri lamxaaʼan ni qulqullaaʼu; warri duudan ni dhagaʼu; warri duʼan ni kaʼu; hiyyeeyyiifis wangeelli ni lallabama.
the blind receive their sight, the lame walk, the lepers are cleansed, the deaf hear, the dead are raised up, and the poor have good news preached to them.
6 Namni natti hin gufanne kam iyyuu eebbifamaa dha.”
Blessed is he who finds no occasion for stumbling in me.”
7 Akkuma barattoonni Yohannis baʼanii qajeelaniin, Yesuus akkana jedhee waaʼee Yohannis namootatti himuu jalqabe; “Isin maal arguuf gammoojjiitti gad baatan? Shambaqqoo qilleensi raasu moo?
As these went their way, Yeshua began to say to the multitudes concerning Yochanan, “What did you go out into the wilderness to see? A reed shaken by the wind?
8 Yoos maal arguu baatan ree? Nama uffata miidhagaa uffate moo? Lakki, warri uffata miidhagaa uffatan masaraa moototaa jiru.
But what did you go out to see? A man in soft clothing? Behold, those who wear soft clothing are in kings’ houses.
9 Yoos maal arguu baatan ree? Raajii moo? Eeyyee; ani isinittin hima; kan raajii iyyuu caalu.
But why did you go out? To see a prophet? Yes, I tell you, and much more than a prophet.
10 Kunis isa waaʼeen isaa akkana jedhamee barreeffamee dha. “‘Kunoo, ani ergamaa koo isa fuula kee duraan karaa kee qopheessu, si dura nan erga.’
For this is he, of whom it is written, ‘Behold, I send my messenger before your face, who will prepare your way before you.’
11 Ani dhuguma isinittin hima; namoota dubartoota irraa dhalatan keessaa namni Yohannis Cuuphaa caalu tokko iyyuu hin kaane; namni mootummaa samii keessatti nama hundumaa gad taʼe kam iyyuu garuu isa ni caala.
Most certainly I tell you, among those who are born of women there has not arisen anyone greater than Yochanan the Immerser; yet he who is least in the Kingdom of Heaven is greater than he.
12 Mootummaan samii bara Yohannis Cuuphaatii jalqabee hamma ammaatti humnaan dhiibbachaa jira; namoonni dhiibbatanis humnaan mootummaa sana argatu.
From the days of Yochanan the Immerser until now, the Kingdom of Heaven suffers violence, and the violent take it by force.
13 Raajonni hundinuu, Seerris hamma Yohannis Cuuphaatti raajii dubbataniiruutii.
For all the Prophets and the Torah prophesied until Yochanan.
14 Isinis kana fudhachuuf yoo fedhii qabaattan, inni Eeliyaas isa dhufuuf jiruu dha.
If you are willing to receive it, this is Elijah, who is to come.
15 Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu.
He who has ears to hear, let him hear.
16 “Ani dhaloota kana maaliinan wal fakkeessuu dandaʼa? Isaan akkuma ijoollee iddoo gabaa taaʼanii warra kaan waamanii akkana jedhanii ti:
“But to what shall I compare this generation? It is like children sitting in the marketplaces, who call to their companions
17 “‘Nu ulullee isinii afuufne; isin garuu hin sirbine; faaruu booʼichaas faarsine; isin garuu hin boonye.’
and say, ‘We played the flute for you, and you didn’t dance. We mourned for you, and you didn’t lament.’
18 Yohannis yeroo dhufetti hin nyaatu, hin dhugus tureetii; isaan immoo, ‘Inni hafuura hamaa qaba’ jedhu.
For Yochanan came neither eating nor drinking, and they say, ‘He has a demon.’
19 Ilmi Namaa nyaachaa, dhugaas dhufe; isaan immoo, ‘Kunoo albaadhessaa fi machaaʼaa, michuu qaraxxootaatii fi cubbamootaa’ jedhu. Ogummaan garuu hojii isheetiin mirkaneeffamti.”
The Son of Man came eating and drinking, and they say, ‘Behold, a gluttonous man and a drunkard, a friend of tax collectors and sinners!’ But wisdom is justified by her children.”
20 Ergasii Yesuus sababii magaalaawwan inni itti hojii dinqii isaa gara caalu hojjete sun qalbii hin jijjiirratiniif akkana jedhee isaan balaaleffachuu jalqabe.
Then he began to denounce the cities in which most of his mighty works had been done, because they didn’t repent.
21 “Yaa Koraaziin siif wayyoo! Yaa Beetisayidaa siif wayyoo! Hojiin dinqii isin keessatti hojjetame sun utuu Xiiroosii fi Siidoonaa keessatti hojjetamee jiraatee, isaan silaa yeroo dheeraan dura uffata gaddaa uffatanii, daaraas ofitti firfirsanii qalbii jijjiirratu turan.
“Woe to you, Chorazin! Woe to you, Bethsaida! For if the mighty works had been done in Tyre and Sidon which were done in you, they would have repented long ago in sackcloth and ashes.
22 Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti isin irra Xiiroosii fi Siidoonaaf ni salphata.
But I tell you, it will be more tolerable for Tyre and Sidon on the day of judgment than for you.
23 Atis yaa Qifirnaahom, hamma samiitti ol kaafamtaa? Lakki, siiʼoolitti gad buuta. Hojiin dinqii kan si keessatti hojjetame sun utuu Sodoom keessatti hojjetamee jiraatee, isheen silaa hamma harʼaatti ni jiraatti turte. (Hadēs g86)
You, Capernaum, who are exalted to heaven, you will go down to Sheol. For if the mighty works had been done in Sodom which were done in you, it would have remained until today. (Hadēs g86)
24 Ani garuu sittin hima; guyyaa murtiitti sirra Sodoomiif ni salphata.”
But I tell you that it will be more tolerable for the land of Sodom on the day of judgment, than for you.”
25 Yesuus yeroo sana akkana jedhe; “Yaa Abbaa, Gooftaa samiitii fi lafaa, sababii ati wantoota kanneen ogeeyyii fi hubattoota jalaa dhoksitee daaʼimmanitti mulʼifteef ani sin galateeffadha.
At that time, Yeshua answered, “I thank you, Father, Lord of heaven and earth, that you hid these things from the wise and understanding, and revealed them to infants.
26 Eeyyee yaa Abbaa, ati waan kana gochuutti gammaddeertaatii.
Yes, Father, for so it was well-pleasing in your sight.
27 “Abbaan koo waan hunda dabarsee natti kenneera. Abbaa malee namni tokko iyyuu Ilma hin beeku; Ilmaa fi nama Ilmi isa itti mulʼisuu fedhu malee namni tokko iyyuu Abbaa hin beeku.
All things have been delivered to me by my Father. No one knows the Son, except the Father; neither does anyone know the Father, except the Son and he to whom the Son desires to reveal him.
28 “Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa.
“Come to me, all you who labor and are heavily burdened, and I will give you rest.
29 Waanjoo koo baadhaa; narraas baradhaa; waan ani garraamii fi gad of qabeessa taʼeef isin lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattu.
Take my yoke upon you and learn from me, for I am gentle and humble in heart; and you will find rest for your souls.
30 Waanjoon koo laafaa dha; baʼaan koos salphaa dha.”
For my yoke is easy, and my burden is light.”

< Maatewos 11 >