< Maatewos 10 >
1 Yesuus barattoota isaa kudha lamaan ofitti waamee akka isaan hafuurota xuraaʼoo baasaniif, dhibee fi dhukkuba hundumaa akka fayyisaniif taayitaa kenneef.
ᏫᏚᏯᏅᎲᏃ ᏔᎳᏚ ᎢᏯᏂᏛ ᎬᏩᏍᏓᏩᏗᏙᎯ, ᏚᏁᎸ ᎠᏂᏍᎩᎾ ᏧᏂᏄᎪᏫᏍᏗᏱ, ᎠᎴ ᏧᎾᏓᏅᏬᏗᏱ ᏂᎦᎥ ᏚᏂᏢᎬ, ᎠᎴ ᏂᎦᎥ ᎥᏳᎩ.
2 Maqaan ergamoota kudha lamaaniis kana: Jalqabatti Simoon isa Phexros jedhamuu fi obboleessa isaa Indiriiyaas, Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis,
ᎯᎠᏃ ᎾᏍᎩ ᏄᏍᏗ ᏚᎾᏙᎥ ᏔᎳᏚ ᎢᏯᏂᏛ ᎨᏥᏅᏏᏛ. ᎢᎬᏱᏱ ᏌᏩᏂ ᏈᏓ ᏣᏃᏎᎰᎢ, ᎡᏂᏗᏃ ᎾᏍᎩᏉ ᎤᏅᏟ, ᏥᎻᏃ ᏤᏈᏗ ᎤᏪᏥ, ᏣᏂᏃ ᎾᏍᎩᏉ ᎤᏅᏟ.
3 Fiiliphoos, Bartaloomewoos, Toomaas, Maatewos isa qaraxa walitti qabu, Yaaqoob ilma Alfewoosii fi Taadewoos,
ᏈᎵᎩᏃ, ᏩᏓᎳᎻᏃ, ᏓᎻᏃ, ᎹᏚᏃ ᎠᏕᎸ ᎠᎩᏏᏙᎯ, ᏥᎻᏃ ᎡᎵᏈ ᎤᏪᏥ, ᎴᏈᏯᏃ ᏓᏗᏯ ᏣᏃᏎᎰᎢ,
4 Simoon Hinaafticha, Yihuudaa Keeriyoticha isa Yesuusin dabarsee kenne.
ᏌᏩᏂᏃ ᎠᎨᎾᏂᏗ, ᏧᏓᏏᏃ ᎢᏍᎦᎳᏗ ᎾᏍᎩ ᏥᏌ ᏧᎶᏄᎮᎸᎩ.
5 Yesuusis warra kudha lamaan kanneen erge; akkanas jedhee isaan ajaje; “Gara Namoota Ormaa hin dhaqinaa; magaalaawwan Samaariyaa tokko illee hin seeninaa.
ᎾᏍᎩ ᎯᎠ ᏔᎳᏚ ᎢᏯᏂᏛ ᏥᏌ ᏚᏅᏒᎩ ᏚᏁᏤᎸᏃ ᎯᎠ ᏂᏚᏪᏎᎸᎩ; ᏧᎾᏓᎴᏅᏛ ᏴᏫ ᏗᏁᎲ ᎢᏗᏢ ᏞᏍᏗ ᏫᏥᎶᏒᎩ, ᎠᎴ ᏌᎺᎵ ᎠᏁᎯ ᏚᏂᏚᎲ ᏞᏍᏗ ᎢᏥᏴᎸᎩ
6 Qooda kanaa gara hoolota mana Israaʼel kanneen badan sanaa dhaqaa.
ᎠᏫᏍᎩᏂ ᎤᎾᎴᎾᎯᏛ ᎢᏏᎵ ᏏᏓᏁᎸ ᎨᏒ ᏗᏥᏩᏛᎱᎦ.
7 Yommuu dhaqxanittis, ‘mootummaan samii dhiʼaateera’ jedhaa lallabaa.
ᎢᏣᎢᏒᏃ ᎢᏣᎵᏥᏙᎲᏍᎨᏍᏗ, ᎯᎠ ᏂᏥᏪᏍᎨᏍᏗ; ᎦᎸᎳᏗ ᎡᎯ ᎤᎬᏫᏳᎯ ᎨᏒ ᎡᏍᎦᏂᏳ ᏓᏯᎢ.
8 Dhukkubsattoota fayyisaa; warra duʼan kaasaa; warra lamxaaʼan qulqulleessaa; hafuurota hamoo baasaa. Tola waan argattaniif toluma kennaa.
ᏧᏂᏢᎩ ᏕᏥᏅᏫᏍᎨᏍᏗ, ᎠᏓᏰᏍᎩ ᏧᏂᏢᎩ ᏕᏥᏅᎦᎵᏍᎨᏍᏗ, ᏧᏂᏲᎱᏒᎯ ᏕᏣᎴᏗᏍᎨᏍᏗ, ᎠᏂᏍᎩᎾ ᏕᏥᏄᎪᏫᏍᎨᏍᏗ. ᎠᏎᏉ ᎡᏥᏁᎸᎯ, ᎠᏎᏉ ᎢᏣᏓᏁᎮᏍᏗ.
9 “Sabbata keessanitti warqee yookaan meetii yookaan sibiila diimaa hin qabatinaa;
ᏞᏍᏗ ᏕᏣᏓᏠᎲ ᏱᏣᏓᏁᎴᏍᏗ ᏓᎶᏂᎨ ᎠᏕᎸ ᎠᎴ ᎤᏁᎬ ᎠᏕᎸ ᎠᎴ ᎥᏣᏱ,
10 karaa keessaniif korojoo yookaan kittaa lama yookaan kophee yookaan ulee hin qabatinaa; hojjetaaf waan isa barbaachisu argachuun ni malaatii.
ᎠᎴ ᏕᎦᎶᏗ, ᎠᎴ ᏔᎵ ᏗᏣᏄᏬ, ᎠᎴ ᏗᎳᏑᎶ, ᎠᎴ ᏗᏙᎳᏅᏍᏗ; ᏧᎸᏫᏍᏓᏁᎯᏰᏃ ᎤᏩᏛᏗ ᎨᏐ ᎤᎵᏍᏓᏴᏗ.
11 Magaalaa yookaan ganda seentan kam iyyuu keessa nama malu barbaadaa; hamma achii baatanittis manuma isaa turaa.
ᎢᎸᎯᏢᏃ ᎤᏛᎾ ᎦᏚᎲ ᎠᎴ ᎤᏍᏗ ᎦᏚᎲ ᎢᏥᎷᎨᏍᏗ, ᎢᏣᏓᏛᏛᎲᏍᎨᏍᏗ ᎩᎶ ᎡᎲ ᎤᏓᏅᏘ, ᎾᎿᎭᏃ ᎢᏥᏁᏍᏗ ᎬᏂ ᎥᏣᏂᎩ.
12 Yommuu mana sana seentanittis nagaa gaafadhaa.
ᎠᏓᏁᎸᏃ ᎢᏥᏴᎭ ᎢᏥᏲᎵᎮᏍᏗ.
13 Nagaan keessan yoo mana sanaaf male, mana sanaaf haa taʼu; yoo isaaf hin malin garuu nagaan keessan isiniif haa deebiʼu.
ᎢᏳᏃ ᎾᎿᎭᎠᏂᏁᎳ ᎤᏩᏙᎯᏯᏛ ᏗᎬᏩᎾᏓᏂᎸᎢᏍᏗ ᎢᎨᏎᏍᏗ, ᎾᏍᎩ ᎤᏩᏙᎯᏯᏛ ᎢᏣᏤᎵ ᎤᏂᎷᏤᏗ ᎨᏎᏍᏗ; ᎢᏳᏃ ᏗᎬᏩᎾᏓᏂᎸᎢᏍᏗ ᏂᎨᏒᎾ ᎢᎨᏎᏍᏗ, ᎾᏍᎩ ᏅᏩᏙᎯᏯᏛ ᎢᏨᏒᏉ ᎢᏥᎷᏤᏗ ᎢᎨᏎᏍᏗ.
14 Yoo namni tokko illee isin simachuu baate yookaan dubbii keessan dhagaʼuu baate, yeroo mana yookaan magaalaa sanaa baatanitti awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa.
ᎢᏳᏃ ᎩᎶ ᏂᏗᏣᏓᏂᎸᎬᎾ ᎢᎨᏎᏍᏗ, ᎠᎴ ᎢᏥᏁᎬ ᎾᏛᎩᏍᎬᎾ ᎢᎨᏎᏍᏗ, ᎾᎿᎭᎦᎵᏦᏕ ᎠᎴ ᎦᏚᎲ ᎢᏥᏄᎪᎩ, ᏕᏥᏅᎪᎥᏗᏍᎨᏍᏗ ᎦᏓ ᏗᏣᎳᏏᏕᏂ.
15 Ani dhuguma isinittin hima; guyyaa murtiitti magaalaa sana irra Sodoomii fi Gomoraaf ni salphata.
ᎤᏙᎯᏳᎯᏯ ᎯᎠ ᏂᏨᏳᏪᏎᎭ, ᎡᏍᎦᏉ ᎢᎦᎢ ᎤᏂᎩᎵᏲᎢᏍᏗ ᎨᏎᏍᏗ ᏐᏓᎻ ᎠᎴ ᎪᎹᎵ, ᏗᎫᎪᏙᏗᏱ ᎢᎦ ᎨᏎᏍᏗ, ᎤᏟᎯᏳ ᎾᏍᎩ Ꮎ ᎦᏚᎲᎢ.
16 “Kunoo, ani akka hoolotaa gara gidduu yeeyyiittin isin erga. Kanaafuu akka bofaa ogeeyyii, akka gugee garraamii taʼaa.
ᎬᏂᏳᏉ ᎢᏨᏅᎵ ᎠᏫ ᎤᏂᏃᏕᎾ ᏣᏁᎳᏗᏙᎰ ᏩᏲᎯ ᎾᏍᎩᏯᎢ; ᎾᏍᎩ ᎢᏳᏍᏗ ᎢᎾᏛ ᎢᎨᏥᏏᎾᏌᏂ ᎨᏌᏍᏗ, ᎠᎴ ᎫᎴ-ᏗᏂᏍᎪᏂᎯ ᎢᎨᏣᏓᏅᏘ ᎨᏎᏍᏗ.
17 Namoota irraa of eeggadhaa; isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu.
ᏕᏤᏯᏙᏤᎮᏍᏗ ᎠᏗᎾ ᏴᏫ, ᏕᎦᎳᏫᎥᏰᏃ ᏙᏓᎨᏣᏘᏃᎵ, ᏧᏂᎳᏫᎢᏍᏗᏱᏃ ᏙᏓᎨᏥᎵᎥᏂᎵ.
18 Isinis akka isaanii fi Namoota Ormaatti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa duratti ni dhiʼeeffamtu.
ᎠᎴ ᎠᏴ ᎨᏒ ᏅᏗᎦᎵᏍᏙᏗᏍᎨᏍᏗ ᏄᏂᎬᏫᏳᏌᏕᎩ ᎠᎴ ᎤᏂᎬᏫᏳᎯ ᏚᏃᎸ ᎢᎬᏱᏗᏢ ᏕᏣᏘᏃᎯᎮᏍᏗ, ᎾᏍᎩ ᎤᏅᏒ ᎠᎴ ᏧᎾᏓᎴᏅᏛ ᏴᏫ ᎤᎾᏙᎴᎰᎯᏍᏙᏗ.
19 Yommuu dabarsanii isin kennanis akkamitti akka dubbattan yookaan maal akka dubbattan hin yaaddaʼinaa. Wanni isin dubbattan yeruma sanatti isiniif kennama;
ᎠᏎᏃ ᎿᎭᏉ ᏕᎨᏣᏘᏃᎯᎮᏍᏗ ᏞᏍᏗ ᏱᏤᎵᎯᏍᎨᏍᏗ ᎢᏳᏍᏗ ᎢᏥᏁᎢᏍᏗᏱ ᎠᎴ ᎢᏥᏪᏍᏗᏱ; ᎾᎯᏳᏉᏰᏃ ᎡᏥᏁᏗ ᎨᏎᏍᏗ ᎢᏥᏪᏍᏗᏱ.
20 Hafuura Abbaa keessaniitu isin keessaa dubbata malee isintu dubbata mitii.
ᎥᏝᏰᏃ ᏂᎯ ᏱᏥᏁᎪᎢ, ᎢᏥᏙᏓᏍᎩᏂ ᎤᏓᏅᏙ ᎧᏁᎪᎢ ᏂᎯ ᎢᏨᏗᏍᎪᎢ.
21 “Obboleessi dabarsee obboleessa duʼatti kenna; abbaan dabarsee ijoollee isaa duʼatti kenna; ijoolleenis warra isaaniitti kaʼanii isaan ajjeesu.
ᎠᏍᎦᏯᏃ ᏙᏓᏳᏲᏏ ᎤᏲᎱᎯᏍᏗᏱ ᏗᎾᏓᏅᏟ, ᎠᎦᏴᎵᎨᏃ ᎤᏪᏥ ᏙᏓᏳᏲᏏ, ᎠᎴ ᎣᏂ ᏧᎾᏛᏒᎯ ᏙᏛᎾᏡᏔᏂ ᏧᏂᎦᏴᎵᎨᎢ, ᎠᎴ ᎾᏍᎩ ᏅᏛᏅᏂᏌᏂ ᏗᎨᏥᎢᏍᏗ ᎨᏎᏍᏗ.
22 Namni hundinuu sababii kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
ᎠᎴ ᎾᏂᎥᏉ ᏴᏫ ᎨᏥᏍᎦᎩ ᎨᏎᏍᏗ ᎠᏴ ᏓᏆᏙᎥ ᏅᏗᎦᎵᏍᏙᏗᏍᎨᏍᏗ; ᎠᏎᏃ ᎾᏍᎩ ᎬᎵᏍᏆᏗᏍᎩ ᎠᏟᏂᎬᏁᎯ ᎠᏥᏍᏕᎸᏗ ᎨᏎᏍᏗ.
23 Yommuu magaalaa tokko keessatti isin ariʼatanitti, gara magaalaa kaaniitti baqadhaa; ani dhuguma isinittin hima; hamma Ilmi Namaa dhufutti magaalaawwan Israaʼel hundumaa keessa naannoftanii waliin hin geessan.
ᎠᎴ ᎿᎭᏉ ᎤᏲ ᏂᎨᏨᎿᎭᏕᎨᏍᏗ ᎢᎸᎯᏢ ᎦᏚᎲᎢ, ᎢᎶᎵᏍᎨᏍᏗ ᏅᏩᎵᎴ ᏗᎦᏚᎲ ᏫᏥᎶᏍᎨᏍᏗ. ᎤᏙᎯᏳᎯᏯᏰᏃ ᎯᎠ ᏂᏨᏪᏎᎭ, ᎥᏝ ᎢᏏᎵᏱ ᏕᎦᏚᎲᎢ ᏱᎨᏤᏙᏁᏍᏗ ᎿᎭᏉ ᏴᏫ ᎤᏪᏥ ᏓᎦᎷᏥ.
24 “Barataan barsiisaa isaatii ol miti; garbichis gooftaa isaatii ol miti.
ᏗᏕᎶᏆᏍᎩ ᎥᏝ ᎤᏟ ᏱᎾᏥᎸᏉᏙᎢ ᎡᏍᎦᏉ ᏧᏪᏲᎲᏍᎩ, ᎠᎴ ᎠᏥᏅᏏᏓᏍᏗ ᎥᏝ ᎤᏟ ᏱᎾᏥᎸᏉᏙᎢ ᏒᏍᎦᏉ ᎤᏅᏏᏙᎯ.
25 Barataan tokko akka barsiisaa isaa taʼuun, garbichi tokko immoo akka gooftaa isaa taʼuun ni gaʼa. Erga abbaa manaatiin ‘Biʼeelzebuul’ jedhanii, warra mana isaa jiraataniin immoo hammam kana caalaa haa jedhan ree!
ᏰᎵᏉᏰᏃ ᏗᏕᎶᏆᏍᎩ ᏧᏪᏲᎲᏍᎩ ᎢᏧᎳᎭᏉ ᏱᎩ, ᎠᎴ ᎠᏥᏅᏏᏓᏍᏗ ᎤᏅᏏᏙᎯ ᎢᏧᎳᎭᏉ ᏱᎩ. ᎢᏳᏰᏃ ᏧᏓᏘᎿᎭᎢ ᎠᏓᏁᎸ ᏇᎵᏥᏆ ᏳᏃᏎᎸ, ᎤᏟ ᎠᎯᏗᏳ ᎾᏍᎩ ᎢᏧᏂᏪᏎᏗᏱ ᏚᏓᏘᎿᎭᎥᎢ.
26 “Kanaafuu isaan hin sodaatinaa. Wanni haguugamee utuu hin mulʼifamin hafu yookaan wanni dhokfamee utuu hin beekamin hafu tokko iyyuu hin jiruutii.
ᎾᏍᎩ ᎢᏳᏍᏗ ᏞᏍᏗ ᏱᏗᏥᏍᎦᎢᎮᏍᏗ. ᎥᏝᏰᏃ ᎪᎱᏍᏗ ᏱᎬᏍᎦᎳ ᎾᏍᎩ ᎬᏂᎨᏒ ᎢᏳᎵᏍᏙᏗ ᏂᎨᏒᎾ ᎨᏒᎢ, ᎥᏝ ᎠᎴ ᎪᎱᏍᏗ ᎤᏕᎵᏛ ᏱᎩ ᎾᏍᎩ ᎠᏙᎴᎰᎯᏍᏗ ᏂᎨᏒᎾ ᎨᏒᎢ.
27 Waan ani dukkana keessatti isinitti himu guyyaa adiin odeessaa; waan gurratti isinitti hasaasan, bantii manaa irraa labsaa.
ᎤᎵᏏᎬ ᎢᏨᏁᏤᎸᎢ ᎢᎦᎦᏛ ᎢᏥ ᏁᎨᏍᏗ; ᎡᏣᏙᏅᎡᎸᏃ ᎨᏒ ᎦᏌᎾᎵ ᎢᏣᎵᏥᏙᎲᏍᎨᏍᏗ.
28 Warra foon malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Qooda kanaa Isa gahaannam keessatti foonii fi lubbuu balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa. (Geenna )
ᎠᎴ ᏞᏍᏗ ᏱᏗᏥᏍᎦᎢᎮᏍᏗ ᎠᏰᎸᎢ ᎠᏂᎯᎯ, ᎠᏎᏃ ᎠᏓᏅᏙ ᎬᏩᏂᎯᏍᏗ ᏂᎨᏒᎾ ᏥᎩ. ᎤᎬᏫᏳᏎᏍᏗᏍᎩᏂ ᎡᏥᏍᎦᎢᎮᏍᏗ ᎾᏍᎩ ᏗᎬᏩᎯᏍᏗ ᏥᎩ ᎠᏰᎸᎢ ᎠᎴ ᎠᏓᏅᏙ ᎢᏧᎳ ᏨᏍᎩᏃᎢ. (Geenna )
29 Daaloteen lama saantima tokkotti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu fedhii Abbaa keessanii malee lafa hin buutu.
ᏝᏍᎪ ᎠᏂᏔᎵ ᏥᏍᏆᏯ ᏌᏉ ᎢᏯᏓᏅᏖᏗ ᏧᎾᎬᏩᎶᏗ ᏱᎩ, ᎠᏎᏃ ᎥᏝ ᏌᏉ ᎡᎳᏗ ᎤᏅᎢᏍᏗ ᏱᎩ ᎢᏥᏙᏓ ᎤᏓᏅᏖᎸᎯ ᏂᎨᏒᎾ.
30 Rifeensi mataa keessanii hundis lakkaaʼameera.
ᎾᏍᏉᏍᎩᏂ ᎢᏥᏍᏘᏰᎬ ᎢᏥᏍᎪᎵ ᏂᎦᏗᏳ ᏗᏎᎸᎯ.
31 Kanaaf hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.
ᎾᏍᎩ ᎢᏳᏍᏗ ᏞᏍᏗ ᏱᏥᏍᎦᎢᎮᏍᏗ; ᎤᏟᏰᏃ ᏂᎦᎥ ᏗᏣᎬᏩᎶᏗ ᏂᎯ ᎡᏍᎦᏉ ᎤᏂᏣᏘ ᏥᏍᏆᏯ.
32 “Kanaafuu nama fuula namootaa duratti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, anis fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti dhugaa nan baʼa.
ᎩᎶᏰᏃ ᎬᏂᎨᏒ ᎾᏋᏁᎮᏍᏗ ᏴᏫ ᎠᏂᎦᏔᎲᎢ, ᎾᏍᏉ ᎠᏴ ᎾᏍᎩ ᎬᏂᎨᏒ ᎤᏓᏥᏴᏁᎵ ᎡᏙᏓ ᎦᎸᎳᏗ ᎡᎯ ᎠᎦᏔᎲᎢ.
33 Nama fuula namootaa duratti na ganu kam iyyuu garuu anis fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti nan gana.
ᎩᎶᏍᎩᏂ ᎢᎠᏆᏓᏱᎮᏍᏗ ᏴᏫ ᎠᏂᎦᏔᎲᎢ, ᎾᏍᏉ ᎠᏴ ᎾᏍᎩ ᏓᏥᏯᏓᏱᎵ ᎡᏙᏓ ᎦᎸᎳᏗ ᎡᎯ ᎠᎦᏔᎲᎢ.
34 “Isin waan ani lafa irratti nagaa buusuuf dhufe hin seʼinaa. Ani goraadee fiduuf malee nagaa buusuuf hin dhufne.
ᏞᏍᏗ ᏙᎯᏱ ᎤᎾᏄᎪᏫᏏᎸ ᎡᎶᎯ, ᏱᏍᎩᏰᎵᏎᎮᏍᏗ; ᎥᏝᏍᎩᏂ ᏙᎯᏱ ᏯᎩᎾᏄᎪᏫᏏᎸ, ᎠᏰᎳᏍᏗᏍᎩᏂ ᎦᏅᎯᏛ.
35 Ani, “‘Nama abbaa isaatti, intala immoo haadha isheetti, niitii ilmaas amaatii isheetti kaasuuf dhufeeraatii;
ᎠᏴᏰᏃ ᎠᎩᎷᏥᎸ, ᏗᎾᏓᏍᎦᎩ ᎢᏳᎵᏍᏙᏗᏱ ᎠᏍᎦᏯ ᎤᏙᏓᏃ, ᎠᎴ ᎠᎦᏅᎩ ᎠᎨᏴ ᎤᏥᏃ, ᎠᎴ ᎤᏓᏦᎯᏯ ᎤᏦᎯᏃ;
36 diinonni namaa, miseensotuma mana isaatii.’
ᎩᎶᏃ ᎤᏩᏒᏉ ᏚᏓᏘᎿᎭᎥ ᎬᏩᏍᎦᎩ ᎨᏎᏍᏗ.
37 “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa na caalchisee jaallatu kam iyyuu naaf hin malu; namni ilma isaa yookaan intala isaa na caalchisee jaallatu kam iyyuu naaf hin malu.
ᎩᎶᏃ ᎤᏟ ᏄᎨᏳᏎᏍᏗ ᎤᏙᏓ ᎠᎴ ᎤᏥ ᎡᏍᎦᏉ ᎠᏴ ᎾᎩᎨᏳᏎᏍᏗ, ᎥᏝ ᏰᎵ ᎾᏍᎩ ᎠᏴ ᎠᏆᏤᎵ ᎢᎬᏩᎵᏍᏙᏗ ᏱᎨᏎᏍᏗ. ᎩᎶᏃ ᎤᏟ ᏄᎨᏳᏎᏍᏗ ᎤᏪᏥ ᎠᏍᎦᏯ ᎠᎴ ᎤᏪᏥ ᎠᎨᏴ ᎡᏍᎦᏉ ᎠᏴ ᎾᎩᎨᏳᏎᏍᏗ, ᎥᏝ ᏰᎵ ᎾᏍᎩ ᎠᏴ ᎠᏆᏤᎵ ᎢᎬᏩᎵᏍᏙᏗ ᏱᎨᏎᏍᏗ.
38 Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuu naaf hin malu.
ᎩᎶ ᎾᏱᏍᎬᎾ ᎢᎨᏎᏍᏗ ᎤᏤᎵ ᏧᏓᎿᎭᏩᏛ ᎠᎴ ᎾᎩᏍᏓᏩᏕᎬᎾ ᎢᎨᏎᏍᏗ, ᎥᏝ ᏰᎵ ᎠᏴ ᎠᏆᏤᎵ ᎢᎬᏩᎵᏍᏙᏗ ᏱᎨᏎᏍᏗ.
39 Namni lubbuu isaa oolfatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni argata.
ᎩᎶᏃ ᎬᏅ ᎢᎠᏩᏘᏍᎨᏍᏗ, ᎾᏍᎩ ᎤᏲᎱᏎᏗ ᎨᏎᏍᏗ; ᎩᎶᏃ ᎢᎤᏲᎱᏎᎮᏍᏗ ᎬᏅ ᎠᏴ ᏅᏗᎦᎵᏍᏙᏗᏍᎨᏍᏗ, ᎾᏍᎩ ᎤᏩᏛᏗ ᎨᏎᏍᏗ.
40 “Namni isin simatu na simata; namni na simatu immoo isa na erge sana simata.
ᎩᎶᏃ ᏕᏣᏓᏂᎸᎨᏍᏗ, ᎾᏍᎩ ᎠᏴ ᏓᏆᏓᏂᎸᎨᏍᏗ; ᎩᎶᏃ ᎠᏴ ᏓᏆᏓᏂᎸᎨᏍᏗ, ᎾᏍᎩ ᏓᏓᏂᎸᎨᏍᏗ ᏅᏛᎩᏅᏒᎯ
41 Namni raajii tokko sababii inni raajii taʼeef simatu kam iyyuu gatii raajii ni argata; namni nama qajeelaa tokko sababii inni nama qajeelaa taʼeef simatu gatii nama qajeelaa tokkoo ni argata.
ᎩᎶᏃ ᏓᏓᏂᎸᎨᏍᏗ ᎠᏙᎴᎰᏍᎩ ᎠᏙᎴᎰᏍᎩ ᎨᏒ ᎤᏗᎦᎵᏍᏙᏗᎨᏍᏗ, ᎠᏙᎴᎰᏍᎩ ᎠᎦᎫᏴᏓᏁᏗ ᎨᏒ ᎾᏍᎩ ᎠᎦᎫᏴᏓᏁᎮᏍᏗ; ᎩᎶᏃ ᏓᏓᏂᎸᎨᏍᏗ ᎤᏓᏅᏘ ᎠᏍᎦᏯ ᎤᏓᏅᏘ ᎨᏒ ᎤᏗᎦᎵᏍᏙ ᏗᏍᎨᏍᏗ, ᎤᏓᏅᏘ ᎠᏍᎦᏯ ᎠᎦᎫᏴᏓᏁᏗ ᎨᏒ ᎾᏍᎩ ᎠᎦᎫᏴᏓᏁᎮᏍᏗ.
42 Ani dhuguman isinitti hima; namni kam iyyuu yoo warra xixinnaa kanneen keessaa isa tokkoof sababii inni barataa koo taʼeef bishaan qabbanaaʼaa budduuqsaa tokkoo illee kenne, inni dhugumaan gatii isaa hin dhabu.”
ᎩᎶᏃ ᏌᏉ ᎯᎠ ᏧᎾᏍᏗ ᎨᏒᎢ ᎤᎵᏍᏈᏗᏉ ᎠᎧᎵᎢ ᎤᏴᏜᏓᎠᎹ ᎠᎱᎥᏍᎨᏍᏗ ᎠᎩᏍᏓᏩᏗᏙᎯ ᎨᏒ ᏅᏗᎦᎵᏍᏙᏗᏍᎨᏍᏗ, ᎤᏙᎯᏳᎯᏯ ᏂᏨᏪᏎᎭ, ᎥᏝ ᎾᏍᎩ ᎤᏲᎱᏎᏗ ᏱᎨᏎᏍᏗ ᎠᎦᎫᏴᎡᏗ ᎨᏒᎢ.