< Maatewos 1 >

1 Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoos sanyii Daawit, sanyii Abrahaam taʼe sanaa kanaa dha:
アブラハムの子、ダビデの子、イエス・キリストの系圖。
2 Abrahaam Yisihaaqin dhalche; Yisihaaq Yaaqoobin dhalche; Yaaqoob Yihuudaa fi obboloota isaa dhalche;
アブラハム、イサクを生み、イサク、ヤコブを生み、ヤコブ、ユダとその兄弟らとを生み、
3 Yihuudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zeraa dhalche; Faares Hezroonin dhalche; Hezroon Arraamin dhalche;
ユダ、タマルによりてパレスとザラとを生み、パレス、エスロンを生み、エスロン、アラムを生み、
4 Arraam Amiinaadaabin dhalche; Abiinaadaab Nahishoonin dhalche; Nahishoon Salmoonin dhalche;
アラム、アミナダブを生み、アミナダブ、ナアソンを生み、ナアソン、サルモンを生み、
5 Salmoon Rahaab irraa Boʼeezin dhalche; Boʼeez Ruut irraa Yoobeedin dhalche; Yoobeed Isseeyin dhalche;
サルモン、ラハブによりてボアズを生み、ボアズ、ルツによりてオベデを生み、オベデ、エツサイを生み、
6 Isseey Daawit Mooticha dhalche. Daawit niitii Uuriyaa irraa Solomoonin dhalche;
エツサイ、ダビデ王を生めり。ダビデ、ウリヤの妻たりし女によりてソロモンを生み、
7 Solomoon Rehooboʼaamin dhalche; Rehooboʼaam Abiyaa dhalche; Abiyaan Asaafin dhalche;
ソロモン、レハベアムを生み、レハベアム、アビヤを生み、アビヤ、アサを生み、
8 Asaaf Yehooshaafaaxin dhalche; Yehooshaafaax Yehooraamin dhalche; Yehooraam Uziyaan dhalche;
アサ、ヨサパテを生み、ヨサパテ、ヨラムを生み、ヨラム、ウジヤを生み、
9 Uziyaan Yootaamin dhalche; Yootaam Akaazin dhalche; Akaaz Hisqiyaasin dhalche;
ウジヤ、ヨタムを生み、ヨタム、アハズを生み、アハズ、ヒゼキヤを生み、
10 Hisqiyaas Minaasee dhalche; Minaaseen Aamoonin dhalche; Aamoon Yosiyaasin dhalche;
ヒゼキヤ、マナセを生み、マナセ、アモンを生み、アモン、ヨシヤを生み、
11 Yosiyaas bara boojuu Baabilon keessa, Yekooniyaanii fi obboloota isaa dhalche.
バビロンに移さるる頃、ヨシヤ、エコニヤとその兄弟らとを生めり。
12 Boojuu Baabilon booddee, Yekooniyaan Sheʼaltiiʼeelin dhalche; Sheʼaltiiʼeel Zarubaabelin dhalche;
バビロンに移されて後、エコニヤ、サラテルを生み、サラテル、ゾロバベルを生み、
13 Zarubaabel Abiyuudin dhalche; Abiyuud Eliyaaqeemin dhalche; Eliyaaqeem Azoorin dhalche;
ゾロバベル、アビウデを生み、アビウデ、エリヤキムを生み、エリヤキム、アゾルを生み、
14 Azoor Zaadoqin dhalche; Zaadoq Akiimin dhalche; Akiim Eliyuudin dhalche;
アゾル、サドクを生み、サドク、アキムを生み、アキム、エリウデを生み、
15 Eliyuud Eleʼaazaarin dhalche; Eleʼaazaar Maattaanin dhalche; Maattaan Yaaqoobin dhalche;
エリウデ、エレアザルを生み、エレアザル、マタンを生み、マタン、ヤコブを生み、
16 Yaaqoob Yoosefin dhalche; Yoosef kunis dhirsa Maariyaam ishee Yesuus isa Kiristoos jedhamu deesse sanaa ti.
ヤコブ、マリヤの夫ヨセフを生めり。此のマリヤよりキリストと稱ふるイエス生れ給へり。
17 Egaa walumaa galatti Abrahaamii hamma Daawititti dhaloota kudha afur, Daawitii hamma boojuu Baabilonitti dhaloota kudha afur, boojuu Baabilonii hamma Kiristoosiitti dhaloota kudha afurtu ture.
されば總て世をふる事、アブラハムよりダビデまで十四代、ダビデよりバビロンに移さるるまで十四代、バビロンに移されてよりキリストまで十四代なり。
18 Dhalachuun Yesuus Kiristoos akkana ture: Haati isaa Maariyaam kaadhima Yoosef turte; isheenis utuu Yoosef wajjin wal bira hin gaʼin Hafuura Qulqulluudhaan ulfooftee argamte.
イエス・キリストの誕生は左のごとし。その母マリヤ、ヨセフと許嫁したるのみにて、未だ偕にならざりしに、聖 靈によりて孕り、その孕りたること顯れたり。
19 Yoosef kaadhimni ishee sunis nama qajeelaa waan tureef, dhoksaadhaan ishee dhiisuu murteesse malee uummata duratti ishee qaanessuu hin barbaanne.
夫ヨセフは正しき人にして、之を公然にするを好まず、私に離縁せんと思ふ。
20 Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, ergamaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; “Yaa Yoosef ilma Daawit, kaadhimni kee Maariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin.
かくて、これらの事を思ひ囘らしをるとき、視よ、主の使、夢に現れて言ふ『ダビデの子ヨセフよ、妻マリヤを納るる事を恐るな。その胎に宿る者は聖 靈によるなり。
21 Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Yesuus jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii.”
かれ子を生まん、汝その名をイエスと名づくべし。己が民をその罪より救ひ給ふ故なり』
22 Kun hundinuu akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin dubbate sun raawwatamuuf taʼe.
すべて此の事の起りしは、預言者によりて主の云ひ給ひし言の成就せん爲なり。曰く、
23 Innis, “Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu” jedha. Amaanuʼel jechuunis, “Waaqni nu wajjin jira” jechuu dha.
『視よ、處女みごもりて子を生まん。その名はインマヌエルと稱へられん』之を釋けば、神われらと偕に在すといふ意なり。
24 Yoosefis hirribaa dammaqee akkuma ergamaan Gooftaa isa ajajetti Maariyaamin niitummaadhaan mana isaatti fudhate.
ヨセフ寐より起き、主の使の命ぜし如くして妻を納れたり。
25 Garuu inni hamma isheen ilma deessutti ishee bira hin geenye. Maqaa isaas, “Yesuus” jedhee moggaase.
されど子の生るるまでは、相 知る事なかりき。かくてその子をイエスと名づけたり。

< Maatewos 1 >