< Maarqos 7 >

1 Fariisotaa fi barsiistota seeraa keessaa warri Yerusaalemii dhufan tokko tokko Yesuus biratti walitti qabamanii
Vafalisi ni vamwi vavañoli vavali kukazwila kwa Jerusalema nivakuungana kumuzimbuluka.
2 barattoota isaa keessaa tokko tokko harka, “Hin qulqulleeffaminiin” jechuunis utuu harka hin dhiqatin buddeena nyaachuu isaanii argan.
Mi vavavoni kuti vamwi vavarutiwa vavali zilyo ni mayanza enekwe, awo, asasambite.
3 Sababiin isaas Fariisonni, Yihuudoonni hundinuus duudhaa maanguddootaa eeguuf jedhanii utuu harka hin dhiqatin hin nyaataniitii.
(Mukuti vafalisi ni vonse maJuda kavali mbwita havasamba kumayanza avo; mukuti vechilile chizo chavakulwana.
4 Yommuu gabaadhaa galanittis utuu of hin qulqulleessin hin nyaatan. Dudhaa biraa baayʼees kan akka xoofoo dhiquu, okkotee fi huuroo dhiquu ni eegu.
Cwale vafalisi havakazwa kuchivaka chamusika, kavali mbwita havasamba. Imi kwina milao mingi ivechilila chentokomelo, kukopanya ni kusambisa inkomoki, impoto, ni kahambwe ke nsipi i venya, mi mane nanga ni zikalo zivaliila.)
5 Kanaafuu Fariisonnii fi barsiistonni seeraa, “Barattoonni kee qooda harka ‘Hin qulqulleeffaminiin’ nyaatan maaliif akkuma duudhaa maanguddootaatti hin jiraanne?” jedhanii Yesuusin gaafatan.
Mafalisi ni vañoli ni vavuuza Jesu, “Chinzi varutiwa vako havasayi ka chizo cha Vakulwana, mukuti vavaali zilyo ni mayanza asasambite?”
6 Innis akkana jedhee deebise; “Yaa fakkeessitoota, Isaayyaas yommuu waaʼee keessan raajii dubbatetti sirrii ture; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha: “‘Uumanni kun hidhii isaatiin na kabaja; garaan isaa garuu narraa fagoo jira.
Kono nati kuvali, “Isaya avaporofiti neenza kuamana nanwe valihele, ava ñoli, 'Ava vantu bani kuteka chamiromo yavo, kono inkulo zavo zinakule naame.
7 Isaan akkanumaan na waaqeffatu; barsiisni isaaniis sirnuma namaa ti.’
Kuteemba kusena intuso kuvaniha, kuruta milao yavantu kuva intuto yavo.'
8 Isin ajaja Waaqaa dhiiftanii, duudhaa namootaa jabeessitanii eegdu.”
Musiya intaero zaIreeza muya chamikwa ya chizo chavantu.”
9 Innis ittuma fufee akkana jedheen; “Isin duudhaa ofii keessanii eeguuf jettanii ajaja Waaqaa tuffachuuf mala gaarii qabdu!
Mi a va co kuvali, “Mwizi neenza kukana intaero yaIreza kuti mukuteke chizo chenu!
10 Museen, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni; namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’jedheeraatii.
Mi Mushe nati, 'Ukuteke iso ni nyoko', ni, 'Iye yowamba vuvi kuvesi kamba vanyina luli kafwe.'
11 Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaa yookaan haadha isaa gargaaruuf oolu Qurbaana jechuunis Waaqaaf kennameera jedhee dubbate,
Kono inwe muti, 'Heba muntu uwambila vesi ni vanyina, “Cinzi ni chinzi intuso zimuvavatambuli kwangu Inkoombani,” (nji kuta kuti, 'Kuva hewa Ireeza')-
12 isin akka inni abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif waan tokko illee godhu siʼachi hin eeyyamtaniif.
linu kosiwoli kumuzuminina kutenda chimwi kuvesi ni vanyina.
13 Akkanaanis duudhaa keessan isa walitti dabarsitan sanaan dubbii Waaqaa busheessitu. Waan akkanaa baayʼees ni hojjetu.”
Mu kwete ku panga mulao wa Ireeza kuvula intuso chachizo chenu chimu vatambiki hansi. Ni zingi zintu ziswana zimucita.”
14 Yesuus ammas namoota sana ofitti waamee akkana jedheen; “Isin hundi na dhagaʼaa; kanas hubadhaa.
Cha sumpa chinavuungi hape ni kuwamba kuvali, “Muteke kwangu, muvonse, ni kuzuwisisa.
15 Waan nama keessaa baʼutu nama ‘xureessa’ malee wanni alaa namatti seenee nama ‘xureessuu’ dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. [
Kakwina chizwa hanze yomuntu icho cimusihisa hachinjila mwali. Nji chizwa hanze yomuntu icho chimusihisa.”
16 Namni kam iyyuu yoo gurra dhagaʼu qabaate haa dhagaʼu.”]
(Wina matwi aku zuwa a zuwe).
17 Erga inni namoota biraa mana ol seenee booddee barattoonni isaa waaʼee fakkeenya sanaa isa gaafatan.
Haho Jesu hasiya chinavuungi ni kwinjila munzubo, varutwana vakwe chivamuvuza kuamana ninguli.
18 Innis akkana jedhee gaafate; “Isin hin hubattanii? Akka wanni alaa namatti seenu tokko iyyuu nama ‘xureessuu’ hin dandeenye hin qalbeeffattanii?
Jesu nati, “Nenwe lyaho kamuzuwisisi? Kamuvoni kuti chonse chinjila kumuntu kuzwa hanze kachiwoli kumusihisa,
19 Wanni sun garaa isaa seenee ergasii dhagna isaa keessaa gad baʼa malee yaada garaaisaa hin seenuutii.” Yesuusis kana jechuudhaan akka nyaanni hundinuu qulqulluu taʼe labse.
kakuti kachiwoli kwinjila munkulo, kono chiya mwivumo ni kukachizwisikiza mukalimba-limba?” Chowu muwambiro Jesu avapangi zilyo zonse chokujolola.
20 Innis itti fufee akkana jedhe: “Wanni nama ‘xureessu’ waan nama keessaa baʼuu dha.
Chati, “Nji chizwa hanse yomuntu njichimusilafaza. Kakuli chizwa kumuntu,
21 Yaadni hamaan keessa namaatii, garaa namaa keessaa baʼaatii; innis halalummaa, hanna, nama ajjeesuu, ejja,
kuzwa mu nkulo, kuzwa mumihupulo mivi, vusaangu, vusa, kwihaya,
22 doqnummaa, hammina, gowwoomsaa, jireenya gad dhiisii, hinaaffaa, maqaa nama balleessuu, of tuulummaa fi gowwummaa.
vushyahi, kunuungwa, lunya, muna, mapa, kuchengelela, vuikuhumuso, vuholo,
23 Wantoonni hamoon kunneen hundinuu nama keessaa baʼu; namas ‘ni xureessu.’”
zonse izi zivilala zizwilila mukati, mi nji zisihisa muuntu.”
24 Yesuus iddoo sanaa kaʼee aanaa Xiiroositti qajeele. Mana tokkos ol seene; innis akka namni tokko iyyuu achi jiraachuu isaa beeku hin barbaanne; garuu dhokachuu hin dandeenye.
Chavuuka kuzwa aho ni kuyenda ku chikiliti chaTire ni Sidoni. Cheza munzubo mi kanavali kusaka kuti muntu zumwi ezive kuti kwa veena, kono kana avali kuwoleka ku patwa.
25 Dubartiin intalli ishee hafuura xuraaʼaan qabamte tokko akkuma waaʼee isaa dhageesseen dhuftee miilla isaa irratti kufte.
Kono hohwaho mukulwakazi, inyina wa mwana kazana yavena luhuho lusajololi, chazuwa kuamana naye, cheza, ni kuwila hansi hamatende akwe.
26 Dubartittiinis nama Giriik, kan biyya Sooriyaa keessatti Finiiqeetti dhalatee dha. Isheen akka inni intala ishee keessaa hafuura hamaa sana baasuuf Yesuusin kadhatte.
Cwale mwanakazi avali Mugerike, waluzuvo lwa Zirofenia. Namukumbila kuhindika idimona ku mwana'kwe wa mukazana.
27 Innis, “Dura ijoolleen haa quuftu; buddeena ijoollee fuudhanii saroota dura buusuun sirrii miti” jedheen.
Nati kwali, “Musiye bahwile pili baleliwe. Sina hakusashiyeme kuhinda zilyo zabahwile nikuzi sohela vambwa.”
28 Isheen garuu, “Eeyyee yaa Gooftaa, saroonni iyyuu maaddii jalaa hambaa ijoolleen harcaaftu nyaatuu” jettee deebifteef.
Kono cha mwitava nikuta kwali, “Eee, Simwine, nanga vambwa mwi konde lye ntafule valya tufwafwali twavahwile.”
29 Yesuusis, “Jecha kee kanaaf gali; hafuurri hamaan sun intala kee keessaa baʼeera” jedheen.
Nati kwali, “Kakuli wawamba buti, ulukuluhite kuyenda. Idimona chilyaazwa kumwanako”.
30 Isheenis yommuu manatti galtetti intalli ishee siree irra ciiftee, hafuurri hamaan sunis keessaa baʼee argatte.
Chabola ku nzubo yakwe ni kukawana muhwile ulele hamumbeta, mi idimona livayendi.
31 Ergasiis Yesuus biyya Xiiroosiitii kaʼee Siidoonaa keessa darbee, kutaa Magaalaa Kurnanii keessa baʼee gara galaana Galiilaa dhufe.
Cwale chayenda hape kuzwa muchikiliti chaTire, nikuyenda cha Sidoni kuya kwiwate lyaGalileya konji kuchililiti cha Dekapolisi.
32 Jarri tokkos namicha gurra duudaa fi arrab-didaa tokko isatti fidanii akka inni harka isa irra kaaʼuuf kadhatan.
Ni chivaleta kwali zumwi yavafwile matwi ni bukavo kukuwamba, ni va mukumbila kubika iyanzahali.
33 Yesuusis namicha sana tuuta keessaa kophaatti baasee quba isaa gurra namichaa keessa kaaʼe. Hancufa tufees arraba namichaa tuqe.
Chamuhindila kumbali kuzwa munavuungi cha kuliuungula, mi chavika minwe yakwe mumatwi akwe, mi hamana kuswa, nakwata lulimi lwakwe.
34 Gara samiis ol ilaalee, hafuura guddaa baafatee, “Eftaah!” jedheen; kana jechuunis “Banami!” jechuu dha.
Avaloli kwiwulu, hatuliza muhuza nikucho kwali, “Efafata” njikuti, “Yaluke!”
35 Gurri namichaas yommusuma baname; arrabni isaas hiikamee rakkina tokko malee dubbachuu jalqabe.
Mi haho kuzuwa kwakwe chikwe yaluka, mi chiva kwete lulimi lwakwe chiva shiywa mi chava kuwamba sinte.
36 Yesuusis akka isaan nama tokkotti illee hin himneef namoota sana ajaje. Hammuma inni cimsee isaan ajaje sana, isaanis ittuma caalchisanii odeessan.
Mi avava laeli kuti kanji vawambili muntu. Kono mwavali kuva laelelela, muvavali kuliwambila mane ni kuhita.
37 Warri oduu sana dhagaʼanis akka malee dinqifatanii, “Inni waan hunda gaarii godheera; warri duudaanis akka dhagaʼan, warri arrabni isaanii dubbachuu dides akka dubbatan ni godha” jedhan.
Vava komokiswa ahulu, ni vati, “Ava pangi zintu zonse siinte. Uwola nanga vasinkite matwi kuti vazuwe ni zimumu ku wamba.”

< Maarqos 7 >