< Maarqos 7 >

1 Fariisotaa fi barsiistota seeraa keessaa warri Yerusaalemii dhufan tokko tokko Yesuus biratti walitti qabamanii
YA mandaña guiya güiya y Fariseo sija, yan palo gui escriba sija ni manmato guine Jerusalem,
2 barattoota isaa keessaa tokko tokko harka, “Hin qulqulleeffaminiin” jechuunis utuu harka hin dhiqatin buddeena nyaachuu isaanii argan.
Ya malie palo gui disipuluña na mañochocho pan yan áplacha na canae, ni comequeilegña na pot ti jafagase.
3 Sababiin isaas Fariisonni, Yihuudoonni hundinuus duudhaa maanguddootaa eeguuf jedhanii utuu harka hin dhiqatin hin nyaataniitii.
Sa y Fariseo sija, yan toda y Judio sija, jaadadaje y tradision manamco sija, yaguin megae nae ti jafagase y canaeñija, ti ufañocho.
4 Yommuu gabaadhaa galanittis utuu of hin qulqulleessin hin nyaatan. Dudhaa biraa baayʼees kan akka xoofoo dhiquu, okkotee fi huuroo dhiquu ni eegu.
Ya anae manmato guine y metcado, yaguin ti jafagase sija, ti ufañocho; yan megae sija na güinaja rinesibeñija para ujaadaje, parejoja yan mafagase y copa sija, yan y jara sija, yan y bason coble sija.
5 Kanaafuu Fariisonnii fi barsiistonni seeraa, “Barattoonni kee qooda harka ‘Hin qulqulleeffaminiin’ nyaatan maaliif akkuma duudhaa maanguddootaatti hin jiraanne?” jedhanii Yesuusin gaafatan.
Ya mafaesen ni Fariseo sija yan y escriba sija: Jafa y disipulumo sija na ti manmamómocat taemano y tradision manamco sija; mañochochoja pan yan aplacha y canaeñija?
6 Innis akkana jedhee deebise; “Yaa fakkeessitoota, Isaayyaas yommuu waaʼee keessan raajii dubbatetti sirrii ture; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha: “‘Uumanni kun hidhii isaatiin na kabaja; garaan isaa garuu narraa fagoo jira.
Ya ilegña nu sija: Hipocrita jamyo; mauleg sinanganña si Isaias, ni y esta matugue: Este sija na taotao y labiosñija nae maonrayo, lao y corasonñija chago guiya guajo.
7 Isaan akkanumaan na waaqeffatu; barsiisni isaaniis sirnuma namaa ti.’
Lao taebale jaadorayo, manmamananagüe ni finanagüe ni tinago taotao sija.
8 Isin ajaja Waaqaa dhiiftanii, duudhaa namootaa jabeessitanii eegdu.”
Sa inpelo jamyo y tinago Yuus, ya mantietiene fitme y tradision taotao sija: (ni y mafagase y jara sija, yan y copa sija, yan infatinas megae sija na güinaja parejo yan este.)
9 Innis ittuma fufee akkana jedheen; “Isin duudhaa ofii keessanii eeguuf jettanii ajaja Waaqaa tuffachuuf mala gaarii qabdu!
Ya ilegña nu sija: Magajet jamyo yumute y tinago Yuus para inadaje y tradisionmiyo.
10 Museen, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni; namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’jedheeraatii.
Sa si Moises ilegña: Onra si tatamo yan si nanamo; ya y mumatdise y tata pat y nana, seguro na umatae.
11 Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaa yookaan haadha isaa gargaaruuf oolu Qurbaana jechuunis Waaqaaf kennameera jedhee dubbate,
Lao jamyo ilegmiyo: Yaguin y taotao ilegña ni tataña pat nanaña: Y Cotban (cumequeilegña y ninae) na jago umaprobecha pot guajo, güiya sumaga libre.
12 isin akka inni abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif waan tokko illee godhu siʼachi hin eeyyamtaniif.
Ya inpelo güe na ufatinas taya para si tataña pat si nanaña;
13 Akkanaanis duudhaa keessan isa walitti dabarsitan sanaan dubbii Waaqaa busheessitu. Waan akkanaa baayʼees ni hojjetu.”
Inrechasa y sinangan Yuus ni ninaenmiyo na tradision; yan megae sija na güinaja finatinasmiyo parejo yan este.
14 Yesuus ammas namoota sana ofitti waamee akkana jedheen; “Isin hundi na dhagaʼaa; kanas hubadhaa.
Ya jaagang talo guiya güiya todo y linajyan taotao ya ilegña: Ecungog jamyo todos, ya intingo.
15 Waan nama keessaa baʼutu nama ‘xureessa’ malee wanni alaa namatti seenee nama ‘xureessuu’ dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. [
Taya gui sumanjiyong gui taotao ni y janajalom, siña numataelaye, lao y janajujuyong gui jinalomña, ayo sija munatataelaye y taotao
16 Namni kam iyyuu yoo gurra dhagaʼu qabaate haa dhagaʼu.”]
(Yaguin guaja gaetalanga para ufanjungog, uecungog)
17 Erga inni namoota biraa mana ol seenee booddee barattoonni isaa waaʼee fakkeenya sanaa isa gaafatan.
Ya anae jumalom gui guima, jadingo y linajyan taotao, y disipuluña sija mafaesen güe ni acomparasion.
18 Innis akkana jedhee gaafate; “Isin hin hubattanii? Akka wanni alaa namatti seenu tokko iyyuu nama ‘xureessuu’ hin dandeenye hin qalbeeffattanii?
Ya ilegña nu sija: Taegüenaja jamyo locue manaetiningo? Ti intingo na todo y guine jiyong ni jumajalom y taotao ti siña ninataelaye?
19 Wanni sun garaa isaa seenee ergasii dhagna isaa keessaa gad baʼa malee yaada garaaisaa hin seenuutii.” Yesuusis kana jechuudhaan akka nyaanni hundinuu qulqulluu taʼe labse.
Sa ti jumajalom gui corasonña na y tiyanña ya malolofan gui secreto; taegüenao janagasgas todo y nengcano.
20 Innis itti fufee akkana jedhe: “Wanni nama ‘xureessu’ waan nama keessaa baʼuu dha.
Yan ilegña: Y jumujuyong gui taotao, ayo munatataelaye y taotao.
21 Yaadni hamaan keessa namaatii, garaa namaa keessaa baʼaatii; innis halalummaa, hanna, nama ajjeesuu, ejja,
Sa y gui jinalomña gui corason y taotao sija nae, manjujuyong y manaelaye na jinaso sija, y manadulterio, y manábale yan y manpegno,
22 doqnummaa, hammina, gowwoomsaa, jireenya gad dhiisii, hinaaffaa, maqaa nama balleessuu, of tuulummaa fi gowwummaa.
Y mañaque sija, y manlatga, y manaelaye, y dinague, y inábale, y taelaye na atadog, y chinatfino contra si Yuus, y sobetbio, y bababa:
23 Wantoonni hamoon kunneen hundinuu nama keessaa baʼu; namas ‘ni xureessu.’”
Todo este sija na tinaelaye, manguine jalom ya janatataelaye y taotao.
24 Yesuus iddoo sanaa kaʼee aanaa Xiiroositti qajeele. Mana tokkos ol seene; innis akka namni tokko iyyuu achi jiraachuu isaa beeku hin barbaanne; garuu dhokachuu hin dandeenye.
Ya cajulo güije, mapos para y oriyan Tiro yan Sidon; ya jumalom gui guima, malagoña na taya utiningo; lao ti siña unatog.
25 Dubartiin intalli ishee hafuura xuraaʼaan qabamte tokko akkuma waaʼee isaa dhageesseen dhuftee miilla isaa irratti kufte.
Sa jajungog masasangan güe un palaoan na y diquique na jagaña, guaja un áplacha na espiritu, mato ya jatomba güe gui adengña:
26 Dubartittiinis nama Giriik, kan biyya Sooriyaa keessatti Finiiqeetti dhalatee dha. Isheen akka inni intala ishee keessaa hafuura hamaa sana baasuuf Yesuusin kadhatte.
Ya y palaoan Griega, gui tano Sirofenisa, y tinayuyut güe na uyute juyong gui jagaña y anite.
27 Innis, “Dura ijoolleen haa quuftu; buddeena ijoollee fuudhanii saroota dura buusuun sirrii miti” jedheen.
Lao ilegña nu guiya: Polo finena ya ufanjaspog y famaguon sija; sa ti mauleg machule y pan y famaguon, ya ufanmayotte y galago sija.
28 Isheen garuu, “Eeyyee yaa Gooftaa, saroonni iyyuu maaddii jalaa hambaa ijoolleen harcaaftu nyaatuu” jettee deebifteef.
Ya manope y palaoan, ilegña: Junggan, Señot; lao y galago sija, gui papa lamasa, jacacanoja y andesmoronan y famaguon sija.
29 Yesuusis, “Jecha kee kanaaf gali; hafuurri hamaan sun intala kee keessaa baʼeera” jedheen.
Ayo nae ilegña ni palaoan: Pot este na sinangan, janao y anite jumanao gui jagamo.
30 Isheenis yommuu manatti galtetti intalli ishee siree irra ciiftee, hafuurri hamaan sunis keessaa baʼee argatte.
Ya anae jumanao para iyasija, jasoda na y jagaña umaason gui jilo cama, ya y anite esta jumanao.
31 Ergasiis Yesuus biyya Xiiroosiitii kaʼee Siidoonaa keessa darbee, kutaa Magaalaa Kurnanii keessa baʼee gara galaana Galiilaa dhufe.
Ya tumalo jumanao gui oriyan Tiro yan malofan guiya Sidon, ya mato gui tasen Galilea; ya malofan gui entalo y oriyan Decapolis.
32 Jarri tokkos namicha gurra duudaa fi arrab-didaa tokko isatti fidanii akka inni harka isa irra kaaʼuuf kadhatan.
Ya maconie güe un tanga ya udo, ya matayuyut güe na upolo y canaeña gui jiloña.
33 Yesuusis namicha sana tuuta keessaa kophaatti baasee quba isaa gurra namichaa keessa kaaʼe. Hancufa tufees arraba namichaa tuqe.
Ya janasajnge güe gui linajyan taotao, ya japolo y calolotña gui talangan y tanga, ya tumola ya japacha y jilaña;
34 Gara samiis ol ilaalee, hafuura guddaa baafatee, “Eftaah!” jedheen; kana jechuunis “Banami!” jechuu dha.
Ya jaatan julo y langet sumospiros, ya ilegña: Efatha, cumequeilegña, mababa!
35 Gurri namichaas yommusuma baname; arrabni isaas hiikamee rakkina tokko malee dubbachuu jalqabe.
Ya mababa y talangaña; ya mapula y gumogode y jilaña, ya cumuentos mauleg.
36 Yesuusis akka isaan nama tokkotti illee hin himneef namoota sana ajaje. Hammuma inni cimsee isaan ajaje sana, isaanis ittuma caalchisanii odeessan.
Ya jaencatga sija, na chañija sumangangane ni jaye; lao mientras mas jaencatga, mas manamamto;
37 Warri oduu sana dhagaʼanis akka malee dinqifatanii, “Inni waan hunda gaarii godheera; warri duudaanis akka dhagaʼan, warri arrabni isaanii dubbachuu dides akka dubbatan ni godha” jedhan.
Ya ninafangosmanman, ilegñija: Mauleg finatinasña todo: janafanmanjungog y mananga, ya y manudo janafanguentos.

< Maarqos 7 >