< Maarqos 6 >

1 Yesuus achii baʼee gara magaalaa itti dhalatee dhaqe; barattoonni isaas isa wajjin dhaqan.
Καὶ ἐξῆλθεν ἐκεῖθεν, καὶ ἦλθεν εἰς τὴν πατρίδα αὐτοῦ· καὶ ἀκολουθοῦσιν αὐτῷ οἱ μαθηταὶ αὐτοῦ.
2 Innis guyyaan Sanbataa geenyaan mana sagadaatti barsiisuu jalqabe; warri isa dhagaʼan baayʼeenis ni dinqisiifatan. Isaanis akkana jedhanii gaafatan; “Namichi kun wantoota kanneen eessaa argate? Ogummaan isaaf kenname kun maali? Hojiiwwan dinqisiisoon harka isaatiin hojjetaman kanneen akkanaa maali?
Καὶ γενομένου σαββάτου, ἤρξατο ἐν τῇ συναγωγῇ διδάσκειν· καὶ πολλοὶ ἀκούοντες ἐξεπλήσσοντο, λέγοντες, Πόθεν τούτῳ ταῦτα; Καὶ τίς ἡ σοφία ἡ δοθεῖσα αὐτῷ, καὶ δυνάμεις τοιαῦται διὰ τῶν χειρῶν αὐτοῦ γίνονται;
3 Namichi kun sooftuu mukaa mitii? Inni ilma Maariyaam, obboleessa Yaaqoob, kan Yoosaa, kan Yihuudaa fi kan Simoon mitii? Obboleettonni isaa as nu bira jiru mitii?” Isaanis isatti gufatan.
Οὐχ οὗτός ἐστιν ὁ τέκτων, ὁ υἱὸς Μαρίας, ἀδελφὸς δὲ Ἰακώβου καὶ Ἰωσῆ καὶ Ἰούδα καὶ Σίμωνος; Καὶ οὐκ εἰσὶν αἱ ἀδελφαὶ αὐτοῦ ὧδε πρὸς ἡμᾶς; Καὶ ἐσκανδαλίζοντο ἐν αὐτῷ.
4 Yesuus immoo, “Raajiin magaalaa itti dhalatetii, firoota isaa keessattii fi mana isaatti malee kabaja hin dhabu” jedheen.
Ἔλεγε δὲ αὐτοῖς ὁ Ἰησοῦς ὅτι Οὐκ ἔστι προφήτης ἄτιμος, εἰ μὴ ἐν τῇ πατρίδι αὐτοῦ, καὶ ἐν τοῖς συγγενέσι καὶ ἐν τῇ οἰκίᾳ αὐτοῦ.
5 Innis dhukkubsattoota muraasa irra harka isaa kaaʼee fayyisuu malee hojii dinqisiisaa tokko illee achitti hojjechuu hin dandeenye.
Καὶ οὐκ ἠδύνατο ἐκεῖ οὐδεμίαν δύναμιν ποιῆσαι, εἰ μὴ ὀλίγοις ἀρρώστοις ἐπιθεὶς τὰς χεῖρας, ἐθεράπευσε.
6 Innis amantii dhabuu isaaniitiif dinqifate. Yesuusis namoota barsiisaa ganda tokko irraa gara ganda biraatti naannaʼaa ture.
Καὶ ἐθαύμαζε διὰ τὴν ἀπιστίαν αὐτῶν. Καὶ περιῆγε τὰς κώμας κύκλῳ διδάσκων.
7 Warra Kudha Lamaan ofitti waamee lama lamaan isaan erguu jalqabe; hafuurota xuraaʼoo irrattis taayitaa kenneef.
Καὶ προσκαλεῖται τοὺς δώδεκα, καὶ ἤρξατο αὐτοὺς ἀποστέλλειν δύο δύο, καὶ ἐδίδου αὐτοῖς ἐξουσίαν τῶν πνευμάτων τῶν ἀκαθάρτων.
8 Akkana jedhees isaan ajaje: “Adeemsa keessaniif ulee malee waan tokko illee jechuunis buddeenaa fi korojoo hin qabatinaa; sabbata keessanitti immoo maallaqa hin guduunfatinaa.
Καὶ παρήγγειλεν αὐτοῖς ἵνα μηδὲν αἴρωσιν εἰς ὁδόν, εἰ μὴ ῥάβδον μόνον· μὴ πήραν, μὴ ἄρτον, μὴ εἰς τὴν ζώνην χαλκόν·
9 Kophee kaaʼadhaa; garuu kittaa lama hin uffatinaa.
ἀλλ᾽ ὑποδεδεμένους σανδάλια· καὶ μὴ ἐνδύσησθε δύο χιτῶνας.
10 Yeroo mana tokko seentan kam iyyuu, hamma magaalaa sanaa baatanitti manuma sana turaa.
Καὶ ἔλεγεν αὐτοῖς, Ὅπου ἐὰν εἰσέλθητε εἰς οἰκίαν, ἐκεῖ μένετε ἕως ἂν ἐξέλθητε ἐκεῖθεν.
11 Yoo iddoon kam iyyuu isin simachuu baate yookaan isin dhagaʼuu baate, iddoo sanaa baʼaatii akka ragaa isaanitti taʼuuf awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa.”
Καὶ ὅσοι ἂν μὴ δέξωνται ὑμᾶς, μηδὲ ἀκούσωσιν ὑμῶν, ἐκπορευόμενοι ἐκεῖθεν, ἐκτινάξατε τὸν χοῦν τὸν ὑποκάτω τῶν ποδῶν ὑμῶν εἰς μαρτύριον αὐτοῖς. Ἀμὴν λέγω ὑμῖν, ἀνεκτότερον ἔσται Σοδόμοις ἢ Γομόρροις ἐν ἡμέρᾳ κρίσεως, ἢ τῇ πόλει ἐκείνῃ.
12 Isaanis achii baʼanii akka namoonni qalbii jijjiirrataniif lallaban.
Καὶ ἐξελθόντες ἐκήρυσσον ἵνα μετανοήσωσι·
13 Hafuurota hamoo baayʼee baasan; dhukkubsattoota baayʼees zayitii dibanii fayyisan.
καὶ δαιμόνια πολλὰ ἐξέβαλλον, καὶ ἤλειφον ἐλαίῳ πολλοὺς ἀρρώστους καὶ ἐθεράπευον.
14 Heroodis mootichi waaʼee waan kanaa dhagaʼe; maqaan Yesuus sirriitti beekamee tureetii. Namoonni tokko tokko, “Yohannis cuuphaan warra duʼan keessaa kaafameera; sababiin hojiin dinqii isaan hojjetamuufis kanuma” jedhan.
Καὶ ἤκουσεν ὁ βασιλεὺς Ἡρῴδης, φανερὸν γὰρ ἐγένετο τὸ ὄνομα αὐτοῦ, καὶ ἔλεγεν ὅτι Ἰωάννης ὁ βαπτίζων ἐκ νεκρῶν ἠγέρθη, καὶ διὰ τοῦτο ἐνεργοῦσιν αἱ δυνάμεις ἐν αὐτῷ.
15 Warri kaan, “Inni Eeliyaas” jedhan. Kaan immoo, “Inni raajota durii keessaa akka isa tokkoo ti” jedhan.
Ἄλλοι ἔλεγον ὅτι Ἠλίας ἐστίν· ἄλλοι δὲ ἔλεγον ὅτι Προφήτης ἐστίν, ὡς εἷς τῶν προφητῶν.
16 Heroodis garuu yommuu waan kana dhagaʼetti, “Yohannis isa ani mataa isaa irraa kutetu warra duʼan keessaa kaafame!” jedhe.
Ἀκούσας δὲ Ἡρῴδης εἶπεν ὅτι Ὃν ἐγὼ ἀπεκεφάλισα Ἰωάννην, οὗτός ἐστιν· αὐτὸς ἠγέρθη ἐκ νεκρῶν.
17 Heroodis mataan isaa akka Yohannis qabamee, hidhamee mana hidhaatti galfamu ajajee tureetii. Innis sababii niitii obboleessa ofii isaa Fiiliphoos, sababii Heroodiyaas ishee ofii fuudhee ture sanaatiif jedhee waan kana godhe.
Αὐτὸς γὰρ ὁ Ἡρῴδης ἀποστείλας ἐκράτησε τὸν Ἰωάννην, καὶ ἔδησεν αὐτὸν ἐν φυλακῇ, διὰ Ἡρῳδιάδα τὴν γυναῖκα Φιλίππου τοῦ ἀδελφοῦ αὐτοῦ, ὅτι αὐτὴν ἐγάμησεν.
18 Yohannisis Heroodisiin, “Ati niitii obboleessa keetii fuudhuun kee seera miti” jedhaanii tureetii.
Ἔλεγε γὰρ ὁ Ἰωάννης τῷ Ἡρῴδῃ ὅτι Οὐκ ἔξεστί σοι ἔχειν τὴν γυναῖκα τοῦ ἀδελφοῦ σου.
19 Kanaafuu Heroodiyaas Yohannisitti haaloo qabattee isa ajjeesuu barbaadde. Garuu isheen hin dandeenye;
Ἡ δὲ Ἡρῳδιὰς ἐνεῖχεν αὐτῷ, καὶ ἤθελεν αὐτὸν ἀποκτεῖναι· καὶ οὐκ ἠδύνατο·
20 Heroodis akka Yohannis nama qajeelaa fi nama qulqulluu taʼe beekee, isa sodaatee, eegumsa isaaf gochaa tureetii. Heroodis yommuu waan Yohannis dubbatu dhagaʼetti akka malee rifate; taʼus gammachuudhaan isa dhaggeeffachuu barbaade.
ὁ γὰρ Ἡρῴδης ἐφοβεῖτο τὸν Ἰωάννην, εἰδὼς αὐτὸν ἄνδρα δίκαιον καὶ ἅγιον, καὶ συνετήρει αὐτόν· καὶ ἀκούσας αὐτοῦ, πολλὰ ἐποίει, καὶ ἡδέως αὐτοῦ ἤκουε.
21 Dhuma irrattis yeroon mijaaʼaan argame. Heroodis guyyaa dhaloota isaatti qondaaltota gurguddootaaf, ajajjoota loltootaatii fi namoota Galiilaa keessatti beekamaniif irbaata qopheesse.
Καὶ γενομένης ἡμέρας εὐκαίρου, ὅτε Ἡρῴδης τοῖς γενεσίοις αὐτοῦ δεῖπνον ἐποίει τοῖς μεγιστᾶσιν αὐτοῦ καὶ τοῖς χιλιάρχοις καὶ τοῖς πρώτοις τῆς Γαλιλαίας,
22 Intalli Heroodiyaas yommuu ol seentee sirbitetti Heroodisii fi keessummoota isaa warra irbaata affeeraman gammachiifte. Mootichis intalattiidhaan, “Waanuma barbaadde na kadhadhu; ani siif nan kenna!” jedhe.
καὶ εἰσελθούσης τῆς θυγατρὸς αὐτῆς τῆς Ἡρῳδιάδος καὶ ὀρχησαμένης, καὶ ἀρεσάσης τῷ Ἡρῴδῃ καὶ τοῖς συνανακειμένοις, εἶπεν ὁ βασιλεὺς τῷ κορασίῳ, Αἴτησόν με ὃ ἐὰν θέλῃς, καὶ δώσω σοί·
23 Innis, “Hamma walakkaa mootummaa kootti illee waan ati na kadhattu kam iyyuu siif nan kenna!” jedhee kakuudhaan waadaa galeef.
καὶ ὤμοσεν αὐτῇ ὅτι Ὃ ἐάν με αἰτήσῃς, δώσω σοί, ἕως ἡμίσους τῆς βασιλείας μου.
24 Isheenis gad baatee haadha isheetiin, “Maal kadhadhu?” jette. Haati immoo, “Mataa Yohannis Cuuphaa” jettee deebifteef.
Ἡ δὲ ἐξελθοῦσα εἶπε τῇ μητρὶ αὐτῆς, Τί αἰτήσομαι; Ἡ δὲ εἶπε, Τὴν κεφαλὴν Ἰωάννου τοῦ βαπτιστοῦ.
25 Intalattiinis yommusuma ariitiidhaan gara mootichaatti ol seentee, “Akka ati ammuma mataa Yohannis Cuuphaa gabatee irra keessee naa kennitu nan barbaada” jetteen.
Καὶ εἰσελθοῦσα εὐθέως μετὰ σπουδῆς πρὸς τὸν βασιλέα, ᾐτήσατο, λέγουσα, Θέλω ἵνα μοι δῷς ἐξαυτῆς ἐπὶ πίνακι τὴν κεφαλὴν Ἰωάννου τοῦ βαπτιστοῦ.
26 Mootichis akka malee gadde; garuu sababii kakuu isaatii fi sababii warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaataniitiif jedhee ishee diduu hin barbaanne.
Καὶ περίλυπος γενόμενος ὁ βασιλεύς, διὰ τοὺς ὅρκους καὶ τοὺς συνανακειμένους οὐκ ἠθέλησεν αὐτὴν ἀθετῆσαι.
27 Innis yommusuma loltuu tokko akka inni mataa Yohannis fiduuf ajajee erge. Loltuun sunis dhaqee mana hidhaa keessatti mataa Yohannis isa irraa kute;
Καὶ εὐθέως ἀποστείλας ὁ βασιλεὺς σπεκουλάτορα ἐπέταξεν ἐνεχθῆναι τὴν κεφαλὴν αὐτοῦ.
28 mataa isaas gabatee irra kaaʼee fidee intalattiitti kenne. Isheenis haadha isheetti kennite.
Ὁ δὲ ἀπελθὼν ἀπεκεφάλισεν αὐτὸν ἐν τῇ φυλακῇ, καὶ ἤνεγκε τὴν κεφαλὴν αὐτοῦ ἐπὶ πίνακι, καὶ ἔδωκεν αὐτὴν τῷ κορασίῳ· καὶ τὸ κοράσιον ἔδωκεν αὐτὴν τῇ μητρὶ αὐτῆς.
29 Barattoonni Yohannisis waan kana dhageenyaan dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaala keessa kaaʼan.
Καὶ ἀκούσαντες οἱ μαθηταὶ αὐτοῦ ἦλθον, καὶ ἦραν τὸ πτῶμα αὐτοῦ, καὶ ἔθηκαν αὐτὸ ἐν μνημείῳ.
30 Ergamoonnis Yesuus biratti walitti qabamanii waan hojjetanii turanii fi waan barsiisanii turan hunda isatti himan.
Καὶ συνάγονται οἱ ἀπόστολοι πρὸς τὸν Ἰησοῦν, καὶ ἀπήγγειλαν αὐτῷ πάντα, καὶ ὅσα ἐποίησαν καὶ ὅσα ἐδίδαξαν.
31 Innis, “Kophaa keessan gara iddoo namni hin jirre tokkoo kottaatii takka boqodhaa” jedheen; isaan sababii namoonni baayʼeen dhufaa, deemaas turaniif carraa itti waa nyaatan illee hin qaban tureetii.
Καὶ εἶπεν αὐτοῖς, Δεῦτε ὑμεῖς αὐτοὶ κατ᾽ ἰδίαν εἰς ἔρημον τόπον, καὶ ἀναπαύεσθε ὀλίγον. Ἦσαν γὰρ οἱ ἐρχόμενοι καὶ οἱ ὑπάγοντες πολλοί, καὶ οὐδὲ φαγεῖν εὐκαίρουν.
32 Isaanis kophaa isaanii bidiruudhaan iddoo namni hin jirre tokko dhaqan.
Καὶ ἀπῆλθον εἰς ἔρημον τόπον τῷ πλοίῳ κατ᾽ ἰδίαν.
33 Namoonni deemuu isaanii argan baayʼeen garuu isaan beekan; magaalaawwan hunda keessaa baʼanii miillaan fiiganii isaan dursanii iddoo sana gaʼan.
Καὶ εἶδον αὐτοὺς ὑπάγοντας καὶ ἐπέγνωσαν αὐτὸν πολλοί, καὶ πεζῇ ἀπὸ πασῶν τῶν πόλεων συνέδραμον ἐκεῖ, καὶ προῆλθον αὐτούς, καὶ συνῆλθον πρὸς αὐτόν.
34 Yesuus yommuu bidiruu irraa buʼetti tuuta guddaa tokko arge; innis sababii isaan akkuma hoolota tiksee hin qabnee turaniif garaa laafeef. Kanaafuu inni waan baayʼee isaan barsiisuu jalqabe.
Καὶ ἐξελθὼν εἶδεν ὁ Ἰησοῦς πολὺν ὄχλον, καὶ ἐσπλαγχνίσθη ἐπ᾽ αὐτοῖς, ὅτι ἦσαν ὡς πρόβατα μὴ ἔχοντα ποιμένα· καὶ ἤρξατο διδάσκειν αὐτοὺς πολλά.
35 Yeroo kanatti galgalaaʼee ture; kanaafuu barattoonni isaa gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti.
Καὶ ἤδη ὥρας πολλῆς γενομένης, προσελθόντες αὐτῷ οἱ μαθηταὶ αὐτοῦ λέγουσιν ὅτι Ἔρημός ἐστιν ὁ τόπος, καὶ ἤδη ὥρα πολλή·
36 Akka isaan gara baadiyyaatii fi gandoota naannoo kana jiranii dhaqanii waan nyaatan bitataniif namoota kanneen gad dhiisi.”
ἀπόλυσον αὐτούς, ἵνα ἀπελθόντες εἰς τοὺς κύκλῳ ἀγροὺς καὶ κώμας ἀγοράσωσιν ἑαυτοῖς ἄρτους. Τί γὰρ φάγωσιν οὐκ ἔχουσιν.
37 Inni garuu, “Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii” jedhee deebise. Isaanis, “Dhaqnee buddeena diinaarii dhibba lamaa binnee akka nyaataniif isaaniif kenninuu ree?” jedhaniin.
Ὁ δὲ ἀποκριθεὶς εἶπεν αὐτοῖς, Δότε αὐτοῖς ὑμεῖς φαγεῖν. Καὶ λέγουσιν αὐτῷ, Ἀπελθόντες ἀγοράσωμεν δηναρίων διακοσίων ἄρτους, καὶ δῶμεν αὐτοῖς φαγεῖν;
38 Innis, “Buddeena meeqa qabdu? Mee dhaqaa ilaalaa!” jedheen. Isaanis yommuu arganitti, “Buddeena shanii fi qurxummii lama” jedhan.
Ὁ δὲ λέγει αὐτοῖς, Πόσους ἄρτους ἔχετε; Ὑπάγετε καὶ ἴδετε. Καὶ γνόντες λέγουσι, Πέντε, καὶ δύο ἰχθύας.
39 Yesuusis akka isaan namoota hundumaa garee gareedhaan marga lalisaa irra teteessisan isaan ajaje.
Καὶ ἐπέταξεν αὐτοῖς ἀνακλῖναι πάντας συμπόσια συμπόσια ἐπὶ τῷ χλωρῷ χόρτῳ.
40 Kanaafuu namoonni dhibba dhibbaa fi shantama shantamaan garee gareedhaan tataaʼan.
Καὶ ἀνέπεσον πρασιαὶ πρασιαί, ἀνὰ ἑκατὸν καὶ ἀνὰ πεντήκοντα.
41 Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabse. Akka isaan namootaaf dhiʼeessaniifis barattoota isaatti kenne. Qurxummii lamaanis hunduma isaaniitiif qoqqoode.
Καὶ λαβὼν τοὺς πέντε ἄρτους καὶ τοὺς δύο ἰχθύας, ἀναβλέψας εἰς τὸν οὐρανόν, εὐλόγησε, καὶ κατέκλασε τοὺς ἄρτους, καὶ ἐδίδου τοῖς μαθηταῖς αὐτοῦ ἵνα παραθῶσιν αὐτοῖς· καὶ τοὺς δύο ἰχθύας ἐμέρισε πᾶσι.
42 Isaan hundi nyaatanii quufan;
Καὶ ἔφαγον πάντες, καὶ ἐχορτάσθησαν·
43 barattoonnis hurraaʼaa buddeenaatii fi qurxummii gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.
καὶ ἦραν κλασμάτων δώδεκα κοφίνους πλήρεις, καὶ ἀπὸ τῶν ἰχθύων.
44 Warri nyaatanis dhiira kuma shan turan.
Καὶ ἦσαν οἱ φαγόντες τοὺς ἄρτους πεντακισχίλιοι ἄνδρες.
45 Yesuus yommusuma akka barattoonni isaa bidiruu yaabbatanii hamma inni tuuta sana of irraa geggeessutti isa dura gara Beetisayidaatti darbaniif isaan dirqisiise.
Καὶ εὐθέως ἠνάγκασε τοὺς μαθητὰς αὐτοῦ ἐμβῆναι εἰς τὸ πλοῖον, καὶ προάγειν εἰς τὸ πέραν πρὸς Βηθσαϊδάν, ἕως αὐτὸς ἀπολύσῃ τὸν ὄχλον.
46 Innis erga namoota of irraa geggeessee booddee kadhachuuf gaaratti ol baʼe.
Καὶ ἀποταξάμενος αὐτοῖς, ἀπῆλθεν εἰς τὸ ὄρος προσεύξασθαι.
47 Yommuu galgalaaʼettis bidiruun sun galaana walakkaa ture; Yesuus immoo kophaa isaa lafa irra ture.
Καὶ ὀψίας γενομένης, ἦν τὸ πλοῖον ἐν μέσῳ τῆς θαλάσσης, καὶ αὐτὸς μόνος ἐπὶ τῆς γῆς.
48 Innis utuu barattoonni sababii bubbeen fuula isaanii duraan itti dhufeef bishaan mooquudhaan dhiphatanuu arge. Innis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe. Innis waan isaan bira darbu fakkaate;
Καὶ εἶδεν αὐτοὺς βασανιζομένους ἐν τῷ ἐλαύνειν, ἦν γὰρ ὁ ἄνεμος ἐναντίος αὐτοῖς, καὶ περὶ τετάρτην φυλακὴν τῆς νυκτὸς ἔρχεται πρὸς αὐτούς, περιπατῶν ἐπὶ τῆς θαλάσσης· καὶ ἤθελε παρελθεῖν αὐτούς.
49 isaan garuu yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti ekeraa seʼanii iyyan;
Οἱ δέ, ἰδόντες αὐτὸν περιπατοῦντα ἐπὶ τῆς θαλάσσης, ἔδοξαν φάντασμα εἶναι, καὶ ἀνέκραξαν·
50 isaan hundi isa arganii akka malee naʼaniitii. Inni immoo, “Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa” jedhee yommusuma isaanitti dubbate.
πάντες γὰρ αὐτὸν εἶδον, καὶ ἐταράχθησαν. Καὶ εὐθέως ἐλάλησε μετ᾽ αὐτῶν, καὶ λέγει αὐτοῖς, Θαρσεῖτε· ἐγώ εἰμι, μὴ φοβεῖσθε.
51 Innis isaan wajjin bidiruu yaabbate; bubbeen sunis gab jedhe. Isaanis akka malee dinqisiifatan;
Καὶ ἀνέβη πρὸς αὐτοὺς εἰς τὸ πλοῖον, καὶ ἐκόπασεν ὁ ἄνεμος· καὶ λίαν ἐκπερισσοῦ ἐν ἑαυτοῖς ἐξίσταντο, καὶ ἐθαύμαζον.
52 isaan waaʼee buddeennan sanaa hin hubanneetii; mata jabeeyyiis turan.
Οὐ γὰρ συνῆκαν ἐπὶ τοῖς ἄρτοις· ἦν γὰρ αὐτῶν ἡ καρδία πεπωρωμένη.
53 Isaanis yommuu gama ceʼanitti Geensereexitti bidiruu irraa buʼan; bidiruu sanas achitti hidhan.
Καὶ διαπεράσαντες ἦλθον ἐπὶ τὴν γῆν Γεννησαρέτ, καὶ προσωρμίσθησαν.
54 Akkuma isaan bidiruu irraa buʼaniinis namoonni Yesuusin beekan.
Καὶ ἐξελθόντων αὐτῶν ἐκ τοῦ πλοίου, εὐθέως ἐπιγνόντες αὐτόν,
55 Namoonni sunis biyya sana guutuu keessa asii fi achi fiiganii iddoo Yesuus achi jira jechuu dhagaʼan hundumatti dhukkubsattoota sireedhaan baatanii fiduu jalqaban.
περιδραμόντες ὅλην τὴν περίχωρον ἐκείνην, ἤρξαντο ἐπὶ τοῖς κραββάτοις τοὺς κακῶς ἔχοντας περιφέρειν, ὅπου ἤκουον ὅτι ἐκεῖ ἐστι.
56 Iddoo inni dhaqe kam illee jechuunis gandoota, magaalaawwan yookaan baadiyyaa hundatti warra dhukkubsatan fidanii lafa gabaa kaaʼan. Isaanis akka dhukkubsattoonni sun handaara wayyaa isaa illee tuqaniif isa kadhatan; warri handaaruma wayyaa isaa tuqan hundinuus ni fayyan.
Καὶ ὅπου ἂν εἰσεπορεύετο εἰς κώμας ἢ πόλεις ἢ ἀγρούς, ἐν ταῖς ἀγοραῖς ἐτίθουν τοὺς ἀσθενοῦντας, καὶ παρεκάλουν αὐτὸν ἵνα κἂν τοῦ κρασπέδου τοῦ ἱματίου αὐτοῦ ἅψωνται· καὶ ὅσοι ἂν ἥπτοντο αὐτοῦ ἐσῴζοντο.

< Maarqos 6 >