< Maarqos 5 >

1 Isaanis galaanicha ceʼanii biyya Gergeesenoon dhaqan.
So they arrived at the opposite shore of the Lake, in the country of the Gerasenes.
2 Yommuu Yesuus bidiruu irraa buʼetti, yommusuma namichi hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko iddoo awwaalaatii baʼee isatti dhufe.
At once, on His landing, there came from the tombs to meet Him a man possessed by a foul spirit.
3 Namichi kun iddoo awwaalaa jiraata ture; namni tokko iyyuu foncaan illee lammata isa hidhuu hin dandeenye.
This man lived among the tombs, nor could any one now secure him even with a chain;
4 Inni yeroo baayʼee funyoo sibiilaatii fi foncaadhaan hidhama ture; garuu foncaa sana kukkutee funyoo sibiilaa sanas caccabsa tureetii. Namni gad isa qabuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre.
for many a time he had been left securely bound in fetters and chains, but afterwards the chains lay torn link from link, and the fetters in fragments, and there was no one strong enough to master him.
5 Innis yeroo hundumaa, halkanii guyyaa iddoo awwaalaa keessattii fi gaarran gubbaatti iyyaa, dhagna isaas dhagaadhaan murmuraa ture.
And constantly, day and night, he remained among the tombs or on the hills, shrieking, and mangling himself with sharp stones.
6 Innis yommuu Yesuusin fagootti argetti itti fiigee, fuula isaa duratti jilbeenfate.
And when he saw Jesus in the distance, he ran and threw himself at His feet,
7 Sagalee ol fudhatee iyyees, “Yaa Yesuus Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Maqaa Waaqaatiin sin kadhadhaatii maaloo na hin dhiphisin!” jedheen.
crying out in a loud voice, "What hast Thou to do with me, Jesus, Son of God Most High? In God's name I implore Thee not to torment me."
8 Yesuusis, “Yaa hafuura xuraaʼaa, namicha kana keessaa baʼi!” jedheenii tureetii.
For He had said to him, "Foul spirit, come out of the man."
9 Yesuusis, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis, “Nu waan baayʼee taaneef, maqaan koo Leegewoon” jedhee deebise.
Jesus also questioned him. "What is your name?" He said. "Legion," he replied, "for there are a host of us."
10 Akka inni biyya sana keessaa isaan hin ariineefis guddisee Yesuusin kadhate.
And he earnestly entreated Him not to send them away out of the country.
11 Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara bira dheedaa ture.
Feeding there, on the mountain slope, was a great herd of swine.
12 Hafuuronni hamoon sunis, “Gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi; akka itti galluufis nuu eeyyami” jedhanii Yesuusin kadhatan.
So they besought Jesus. "Send us to the swine," they said, "so that we may enter into them."
13 Innis ni eeyyameef; hafuuronni xuraaʼoon sun baʼanii booyyee sanatti galan. Hoomaan gara booyyee kuma lamaa of keessaa qabu sunis ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame.
He gave them leave; and the foul spirits came out and entered into the swine, and the herd--about 2,000 in number--rushed headlong down the cliff into the Lake and were drowned in the Lake.
14 Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan; namoonnis waan taʼe sana ilaaluu yaaʼan.
The swineherds fled, and spread the news in town and country. So the people came to see what it was that had happened;
15 Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti namicha Leegewoonii hafuurota hamootiin qabamee ture sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee achi taaʼee argan; ni sodaatanis.
and when they came to Jesus, they beheld the demoniac quietly seated, clothed and of sane mind--the man who had had the legion; and they were awe-stricken.
16 Warri waan kana arganii turanis waan namicha hafuurota hamoon qabamee ture sanaaf taʼee fi waaʼee hoomaa booyyees namootatti odeessan.
And those who had seen it told them the particulars of what had happened to the demoniac, and all about the swine.
17 Kana irratti jarri akka Yesuus biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhachuu jalqaban.
Then they began entreating Him to depart from their district.
18 Utuu Yesuus bidiruu yaabbachaa jiruu namichi hafuura hamaan qabamee ture sun isa wajjin deemuuf isa kadhate.
As He was embarking, the man who had been possessed asked permission to accompany Him.
19 Yesuus garuu, “Gara mana keetii, warra keetti galiitii waan guddaa Gooftaan siif godhee fi akkamitti akka inni si maares isaanitti odeessi!” jedheen malee hin eeyyamneef.
But He would not allow it. "Go home to your family," He said, "and report to them all that the Lord has done for you, and the mercy He has shown you."
20 Kanaafuu namichi sun dhaqee waan Yesuus isaaf godhe Magaalaa Kurnan keessatti odeessuu jalqabe. Namoonni hundinuus ni dinqifatan.
So the man departed, and related publicly everywhere in the Ten Towns all that Jesus had done for him; and all were astonished.
21 Yommuu Yesuus bidiruudhaan ammas gara gama galaanaatti ceʼetti namoonni hedduun isa biratti walitti qabaman; innis qarqara galaanaa ture.
When Jesus had re-crossed in the boat to the other side, a vast multitude came crowding to Him; and He was on the shore of the Lake,
22 Hooggantoota mana sagadaa keessaas namichi Yaaʼiiros jedhamu tokko dhufe; innis yommuu Yesuusin argetti, miilla isaa irratti kufee,
when there came one of the Wardens of the Synagogue--he was called Jair--who, on beholding Him, threw himself at His feet,
23 “Intalli koo xinnoon duʼuu geesseerti. Akka isheen fayyitee jiraattuuf, maaloo kottuutii harka kee ishee irra kaʼi” jedhee jabeessee isa kadhate.
and besought Him with many entreaties. "My little daughter," he said, "is at the point of death: I pray you come and lay your hands upon her, that she may recover and live."
24 Kanaafuu Yesuus isa wajjin dhaqe. Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; gara isaattis wal dhiibaa turan.
And Jesus went with him. And a dense crowd followed Him, and thronged Him on all sides.
25 Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte.
Now a woman who for twelve years had suffered from haemorrhage,
26 Isheenis ogeeyyii fayyaa baayʼee biratti akka malee dhiphatte; waan qabdu hundumas of harkaa fixxe; garuu ittuma hammaachaa deeme malee itti hin wayyoofne.
and had undergone many different treatments under a number of doctors and had spent all she had without receiving benefit but on the contrary growing worse,
27 Isheenis yommuu waaʼee Yesuus dhageessetti dugda isaa duubaan namoota gidduudhaan dhuftee uffata isaa tuqxe.
heard of Jesus. And she came in the crowd behind Him and touched His cloak;
28 Isheen, “Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya” jettee yaaddee turteetii.
for she said, "If I but touch His clothes, I shall be cured."
29 Dhiigni ishees yommusuma cite; isheenis akka dhiphina ishee irraa fayyite dhagna ishee keessatti hubatte.
In a moment the flow of her blood ceased, and she felt in herself that her complaint was cured.
30 Yesuusis yommusuma akka humni isa keessaa baʼe hubate. Innis namoota keessa garagalee, “Eenyutu uffata koo tuqe?” jedhee gaafate.
Immediately Jesus, well knowing that healing power had gone from within Him, turned round in the crowd and asked, "Who touched my clothes?"
31 Barattoonni isaas deebisanii, “Akka namoonni si dhiibaa jiran utuma argituu, ‘Eenyutu na tuqe?’ jettee gaafattaa?” jedhan.
"You see the multitude pressing you on all sides," His disciples exclaimed, "and yet you ask, 'Who touched me?'"
32 Yesuus garuu namni waan kana godhe eenyuu akka taʼe arguuf jedhee garagalee ilaale.
But He continued looking about to see the person who had done this,
33 Dubartittiinis waan isheef godhame hubattee sodaadhaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte; dhugaa hundumas isatti himte.
until the woman, frightened and trembling, knowing what had happened to her, came and threw herself at His feet, and told Him all the truth.
34 Innis, “Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi; dhiphina kee irraas fayyi” jedheen.
"Daughter," He said, "your faith has cured you: go in peace, and be free from your complaint."
35 Utuu Yesuus dubbachaa jiruus namoonni tokko tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufanii, “Intalli kee duuteerti; ati siʼachi maaliif barsiisicha rakkifta?” jedhan.
While He is yet speaking, men come from the house to the Warden, and say, "Your daughter is dead: why trouble the Rabbi further?"
36 Yesuus garuu waan isaan jedhan jalaa qabuu didee bulchaa mana sagadaa sanaan, “Amani malee hin sodaatin!” jedhe.
But Jesus, overhearing the words, said to the Warden, "Do not be afraid; only have faith."
37 Innis Phexros, Yaaqoobii fi Yohannis obboleessa Yaaqoob malee akka namni tokko iyyuu isa faana deemu hin eeyyamne.
And He allowed no one to accompany Him except Peter and the brothers James and John.
38 Yommuu mana hoogganaa mana sagadaa sanaa bira gaʼanittis Yesuus uummata wacu, namoota booʼanii fi wawwaatan arge.
So they come to the Warden's house. Here He gazes on a scene of uproar, with people weeping aloud and wailing.
39 Innis ol seenee, “Wacnii fi booʼichi kun hundi maali? Intalattiin ni rafti malee hin duune” jedheen.
He goes in. "Why all this outcry and loud weeping?" He asks; "the child is asleep, not dead."
40 Isaan garuu isatti kolfan. Innis erga hunda isaanii gad baasee booddee, abbaa fi haadha intalattii, barattoota isa wajjin turanis fudhatee iddoo intalattiin jirtu seene.
To this their reply is a scornful laugh. He, however, puts them all out, takes the child's father and mother and those He has brought with Him, and enters the room where the child lies.
41 Innis harka ishee qabee, “Xaaliitaa quumii!” jedheen; kunis, “Yaa mucattii xinnoo, ani siin nan jedha, kaʼi!” jechuu dha.
Then, taking her by the hand, He says to her, "Talitha, koum;" that is to say, "Little girl, I command you to wake!"
42 Mucattiinis yommusuma kaatee dhaabatte; asii fi achis deemuu jalqabde. Umuriin ishee waggaa kudha lama ture. Isaanis yommusuma akka malee dinqifatan.
Instantly the little girl rises to her feet and begins to walk (for she was twelve years old). They were at once beside themselves with utter astonishment;
43 Innis akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekneef ajaja cimaa kenne; akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime.
but He gave strict injunctions that the matter should not be made known, and directed them to give her something to eat.

< Maarqos 5 >