< Maarqos 4 >
1 Yesuus ammas qarqara galaanichaatti barsiisuu jalqabe. Tuunni naannoo isaatti walitti qabame akka malee guddaa ture; utuu namoonni hundi qarqara galaanichaa irra afaan bishaanii jiranuu, inni bidiruu yaabbatee galaanicha irra achi hiiqee taaʼe.
And again he was teaching by the seaside. And a very great number of people had come to him, so that he got into a boat on the sea and took his seat; and all the people were on the land by the seaside.
2 Fakkeenyaanis waan baayʼee isaan barsiise; barsiisa isaa keessattis akkana jedhe:
And he gave them teaching about a number of things in the form of stories, and said to them in his teaching, Give ear:
3 “Mee dhagaʼaa! Kunoo, namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe.
A man went out to put seed in the earth:
4 Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼe; simbirroonnis dhufanii nyaatanii fixan.
And while he was doing it, some was dropped by the wayside, and the birds came and took it for food.
5 Kaan immoo lafa kattaa, iddoo biyyoo baayʼee hin qabne irra buʼe. Sanyiin sunis sababii biyyoon sun gad fageenya hin qabaatiniif dafee biqile.
And some went on the stones, where it had not much earth; and it came up straight away, because the earth was not deep:
6 Yommuu aduun baatetti garuu biqiltuun sun ni coollage; waan hidda hin qabaatiniifis ni goge.
And when the sun was high, it was burned; and because it had no root, it became dry and dead.
7 Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis guddatee biqiltuu sana hudhe; biqiltuun sunis ija hin naqanne.
And some went among the thorns, and the thorns came up, and it had no room for growth and gave no fruit.
8 Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼe. Ni biqile; ni guddate; ijas ni naqate. Inni tokko soddoma, kaan jaatama, kaan immoo dhibba naqate.”
And some, falling on good earth, gave fruit, coming up and increasing, and giving thirty, sixty, and a hundred times as much.
9 Yesuusis, “Namni gurra dhagaʼu qabu kam iyyuu haa dhagaʼu” jedhe.
And he said to them, Whoever has ears, let him give ear.
10 Yeroo inni kophaa turettis warri Kudha Lamaanii fi namoonni naannoo isaa turan biraa waaʼee fakkeenya sanaa isa gaafatan.
And when he was by himself, those who were round him with the twelve put questions to him about the purpose of the stories.
11 Innis akkana jedheen; “Icciitiin mootummaa Waaqaa isiniif kennameera. Warra ala jiranitti garuu wanni hundinuu fakkeenyaan himama;
And he said to them, To you is given the secret of the kingdom of God, but to those who are outside, all things are given in the form of stories;
12 kunis, “‘Isaan akka hin deebinee fi akka dhiifama hin arganneef, arguu inuma argu, garuu hin qalbeeffatan; dhagaʼuus inuma dhagaʼu, garuu hin hubatan.’”
So that seeing they may see, and it will not be clear to them; and hearing it, they will not get the sense; for fear that they may be turned again to me and have forgiveness.
13 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin fakkeenya kana hin hubattanii? Yoos isin akkamitti fakkeenya hunda hubattu ree?
And he said to them, If you are not clear about this story, how will you be clear about the others?
14 Namichi sanyii facaasu sun dubbicha facaasa.
The seed is the word.
15 Namoonni tokko tokko sanyii karaa irraa, lafa dubbichi itti facaafame sana fakkaatu. Akkuma isaan dubbicha dhagaʼaniin Seexanni dhufee dubbicha isaan keessatti facaafame sana fudhata.
And these are they by the wayside, where the word is planted; and when they have given ear, the Evil One comes straight away and takes away the word which has been planted in them.
16 Warri kaan akkuma sanyii lafa kattaa irratti facaafamee ti; isaan yommuu dubbicha dhagaʼanitti yommusuma gammachuun fudhatu.
And in the same way, these are they who are planted on the stones, who, when the word has come to their ears, straight away take it with joy;
17 Garuu isaan waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa turu. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti isaan dafanii gufatu.
And they have no root in themselves, but go on for a time; then, when trouble comes or pain, because of the word, they quickly become full of doubts.
18 Ammas warri kaan sanyii qoraattii keessatti facaafame fakkaatu; isaanis warra dubbicha dhagaʼanii dha;
And others are those planted among the thorns; these are they who have given ear to the word,
19 garuu yaaddoon addunyaa kanaa, gowwoomsaan qabeenyaatii fi hawwiin waan garaa garaa isaan seenee dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa. (aiōn )
And the cares of this life, and the deceits of wealth, and the desire for other things coming in, put a stop to the growth of the word, and it gives no fruit. (aiōn )
20 Warri kaanis sanyii biyyoo gaarii irratti facaafame fakkaatu; isaanis dubbicha ni dhagaʼu; ni fudhatu; ijas ni naqatu; inni tokko soddoma, kaan jaatama, kaan immoo dhibba naqata.”
And these are they who were planted on the good earth; such as give ear to the word, and take it into their hearts, and give fruit, thirty and sixty and a hundred times as much.
21 Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin ibsaa gombisaa jala yookaan siree jala kaaʼuuf fidduu? Qooda kanaa baattuu isaa irra keessu mitii?
And he said to them, When the light comes in, do people put it under a vessel, or under the bed, and not on its table?
22 Wanni dhokfame kam iyyuu mulʼifamuuf jiraatii; wanni haguugame kam iyyuus ifatti baafamuuf jiraatii.
There is nothing covered which will not be seen openly, and nothing has been made secret which will not come to light.
23 Namni kam iyyuu yoo gurra dhagaʼu qabaate haa dhagaʼu.”
If any man has ears, let him give ear.
24 Innis itti fufee akkana jedheen; “Waan dhageessan qalbeeffadhaa. Safartuu ittiin safartaniinis, hammas caalaa iyyuu isiniif safarama.
And he said to them, Take care what you give ear to: in the same measure as you give you will get, and more will be given to you.
25 Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama.”
He who has, to him will be given: and he who has not, from him will be taken even that which he has.
26 Ammas akkana jedhe; “Mootummaan Waaqaa nama lafa isaa irratti sanyii facaasu tokko fakkaata.
And he said, Such is the kingdom of God, as if a man put seed in the earth,
27 Akkamitti akka taʼe namichi beekuu baatu illee, inni rafus yookaan dammaqus, sanyiin sun halkanii guyyaa ni biqila; ni guddatas.
And went to sleep and got up, night and day, and the seed came to growth, though he had no idea how.
28 Lafti ofuma isheetiin midhaan baafti; jalqabatti biqila, itti aansee hudhaa midhaanii, ergasii immoo midhaan guutuu baafti.
The earth gives fruit by herself; first the leaf, then the head, then the full grain.
29 Namichis akkuma midhaanichi bilchaateen haamuu jalqaba; yeroon haamaa gaʼeeraatii.”
But when the grain is ready, he quickly sends men to get it cut, because the time for cutting has come.
30 Ammas inni akkana jedhe; “Mootummaan Waaqaa maal fakkaata jechuu dandeenya? Yookaan fakkeenya maaliitiin isa ibsina?
And he said, What picture may we give of the kingdom of God, or with what story may we make it clear?
31 Inni sanyii sanaaficaa kan sanyiiwwan lafa irra jiran hunda irra xinnaa taʼe fakkaata.
It is like a grain of mustard seed, which, when it is put in the earth, is smaller than all the seeds on the earth,
32 Erga facaafamee booddee garuu guddatee biqiltuu hunda caala; dameewwan gurguddaa simbirroonnis gaaddisa isaa jala jiraachuu dandaʼanis qabaata.”
But when it is planted, it comes up, and becomes taller than all the plants, and puts out great branches, so that the birds of heaven are able to take rest in its shade.
33 Yesuusis fakkeenyawwan akkanaa baayʼeedhaan hamma isaan dhagaʼuu dandaʼan dubbicha isaanitti dubbate.
And with a number of such stories he gave them his teaching, as they were able to take it:
34 Innis fakkeenyaan malee waan tokko illee isaanitti hin dubbanne. Yeroo kophaa turanitti garuu waan hunda barattoota isaatiif ni ibse.
And without a story he said nothing to them: but privately to his disciples he made all things clear.
35 Inni gaafas, yeroo galgalaaʼetti, “Kottaa gama ceenaa” isaaniin jedhe.
And on that day, when the evening had come, he said to them, Let us go over to the other side.
36 Isaanis tuuta namootaa sana achitti dhiisanii Yesuusin akkuma inni bidiruu keessa jirutti fuudhanii deeman. Bidiruuwwan biraas isa wajjin turan.
And going away from the people, they took him with them, as he was, in the boat. And other boats were with him.
37 Bubbeen hamaan tokko ni kaʼe; dambaliinis bidiruu sana dhaʼee bidiruun sun bishaaniin guutamuu gaʼe.
And a great storm of wind came up, and the waves came into the boat, so that the boat was now becoming full.
38 Yesuusis bidiruu sana keessa karaa duubaa boraatii tokko irra rafaa ture. Barattoonnis isa dammaqsanii, “Yaa barsiisaa, dhumuun keenya homaa si hin dhibuu?” jedhaniin.
And he himself was in the back of the boat, sleeping on the cushion: and they, awaking him, said, Master, is it nothing to you that we are in danger of destruction?
39 Innis kaʼee bubbee sana ifate; dambalii sanaanis, “Calʼisi! Gab jedhis!” jedhe. Bubbeen sunis ni calʼise; tasgabbiin guddaanis ni taʼe.
And he came out of his sleep, and gave strong orders to the wind, and said to the sea, Peace, be at rest. And the wind went down, and there was a great calm.
40 Innis barattoota isaatiin, “Isin maaliif akkana sodaattu? Isin amma iyyuu amantii hin qabdanii?” jedhe.
And he said to them, Why are you full of fear? have you still no faith?
41 Isaanis akka malee sodaatanii, “Namichi bubbee fi dambaliin iyyuu ajajamaniif kun eenyu?” jedhanii wal gaafatan.
And their fear was great, and they said one to another, Who then is this, that even the wind and the sea do his orders?