< Maarqos 3 >
1 Ammas Yesuus mana sagadaa seene; namichi harki irratti goge tokkos achi ture.
Καὶ εἰσῆλθεν πάλιν εἰς [τὴν] συναγωγήν, καὶ [ἦν] ἐκεῖ ἄνθρωπος ἐξηραμμένην ἔχων τὴν χεῖρα,
2 Isaan keessaas namoonni tokko tokko Yesuusin himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan namicha fayyisu ilaaluuf isa gaadan.
καὶ παρετήρουν αὐτὸν εἰ τοῖς σάββασιν θεραπεύσει αὐτόν, ἵνα κατηγορήσουσιν αὐτοῦ.
3 Yesuusis namicha harki irratti goge sanaan, “Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu” jedhe.
καὶ λέγει τῷ ἀνθρώπῳ τῷ τὴν χεῖρα ἔχοντι ξηράν, Ἔγειρε εἰς τὸ μέσον.
4 Yesuusis, “Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo ajjeesuu?” jedhee isaan gaafate. Isaan garuu ni calʼisan.
καὶ λέγει αὐτοῖς, Ἔξεστιν τοῖς σάββασιν ἀγαθοποιῆσαι ἢ κακοποιῆσαι, ψυχὴν σῶσαι ἢ ἀποκτεῖναι; οἱ δὲ ἐσιώπων.
5 Innis mata jabina isaaniitti akka malee gaddee, aariidhaan garagalee isaan ilaale; namicha sanaanis, “Harka kee diriirfadhu!” jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutumaan guutuutti fayye.
καὶ περιβλεψάμενος αὐτοὺς μετ᾽ ὀργῆς, συλλυπούμενος ἐπὶ τῇ πωρώσει τῆς καρδίας αὐτῶν, λέγει τῷ ἀνθρώπῳ, Ἔκτεινον τὴν χεῖρά [σου]. καὶ ἐξέτεινεν, καὶ ἀπεκατεστάθη ἡ χεὶρ αὐτοῦ.
6 Fariisonnis gad baʼanii akka ittiin Yesuusin ajjeesuu dandaʼan garee Heroodis wajjin mariʼachuu jalqaban.
καὶ ἐξελθόντες οἱ Φαρισαῖοι εὐθὺς μετὰ τῶν Ἡρωδιανῶν συμ βούλιον ἐδίδουν κατ᾽ αὐτοῦ, ὅπως αὐτὸν ἀπολέσωσιν.
7 Yesuus barattoota isaa wajjin achii kaʼee gara galaanichaatti qajeele; tuunni namoota baayʼees Galiilaadhaa isa duukaa buʼe.
Καὶ ὁ Ἰησοῦς μετὰ τῶν μαθητῶν αὐτοῦ ἀνεχώρησεν πρὸς τὴν θάλασσαν, καὶ πολὺ πλῆθος ἀπὸ τῆς Γαλιλαίας ἠκολούθησεν, καὶ ἀπὸ τῆς Ἰουδαίας
8 Namoonni baayʼeenis yommuu waan inni hojjechaa ture hunda dhagaʼanitti Yihuudaadhaa, Yerusaalemii, Edoomiyaasii, biyya Yordaanos gamaatii, naannoo Xiiroosiitii fi Siidoonaatii gara isaa dhufan.
καὶ ἀπὸ Ἱεροσολύμων καὶ ἀπὸ τῆς Ἰδουμαίας καὶ πέραν τοῦ Ἰορδάνου, καὶ περὶ Τύρον καὶ Σιδῶνα, πλῆθος πολύ, ἀκούοντες ὅσα ποιεῖ ἦλθον πρὸς αὐτόν.
9 Innis akka baayʼina namaatiin hin dhiibamneef akka isaan bidiruu xinnoo tokko isaaf qopheessan barattoota isaatti hime.
καὶ εἶπεν τοῖς μαθηταῖς αὐτοῦ ἵνα πλοιάριον προσκαρτερῇ αὐτῷ διὰ τὸν ὄχλον, ἵνα μὴ θλίβωσιν αὐτόν.
10 Sababii inni nama baayʼee fayyisee tureef, warri dhukkubsatan hundinuu isa tuquuf jedhanii irratti wal cabsaa turan.
πολλοὺς γὰρ ἐθεράπευσεν, ὥστε ἐπιπίπτειν αὐτῷ, ἵνα αὐτοῦ ἅψωνται, ὅσοι εἶχον μάστιγας·
11 Hafuuronni xuraaʼoonis yeroo isa argan fuula isaa duratti kufanii, “Ati Ilma Waaqaa ti!” jedhanii iyyu turan.
καὶ τὰ πνεύματα τὰ ἀκάθαρτα ὅταν αὐτὸν ἐθεώρουν, προσέπιπτον αὐτῷ, καὶ ἔκραζον λέγοντα ὅτι Σὺ εἶ ὁ υἱὸς τοῦ θεοῦ.
12 Inni garuu akka isaan akka inni beekamu hin goone jabeessee isaan ajaje.
Καὶ πολλὰ ἐπετίμα αὐτοῖς ἵνα μὴ αὐτὸν φανερὸν ποιῶσιν.
13 Yesuusis tulluutti ol baʼee warra ofii isaatii barbaade ofitti waame; isaanis gara isaa dhufan.
Καὶ ἀναβαίνει εἰς τὸ ὄρος καὶ προσκαλεῖται οὓς ἤθελεν αὐτός, καὶ ἀπῆλθον πρὸς αὐτόν.
14 Innis akka isaan isa wajjin jiraatanii fi akka lallabaaf isaan erguuf namoota kudha lama muudee barattoota jedhee moggaase;
Καὶ ἐποίησεν δώδεκα ἵνα ὦσιν μετ᾽ αὐτοῦ, καὶ ἵνα ἀποστέλλῃ αὐτοὺς κηρύσσειν
15 akka isaan hafuurota hamoo baasaniifis taayitaa kenneef.
καὶ ἔχειν ἐξουσίαν ἐκβάλλειν τὰ δαιμόνια·
16 Warri kudha lamaan inni muudes isaan kana: Simoon isa inni “Phexros” jedhee moggaase,
καὶ ἐπέθηκεν ὄνομα τῷ Σίμωνι Πέτρον·
17 Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis warra inni “Boʼanergees” jedhee moggaase; Boʼanergees jechuun ilmaan “Kakawwee” jechuu dha;
καὶ Ἰάκωβον τὸν τοῦ Ζεβεδαίου καὶ Ἰωάννην τὸν ἀδελφὸν τοῦ Ἰακώβου, καὶ ἐπέθηκεν αὐτοῖς ὀνόματα Βοανηργές, ὅ ἐστιν υἱοὶ βροντῆς·
18 Indiriiyaas, Fiiliphoos, Bartaloomewoos, Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewoos, Taadewoos, Simoon Hinaafticha,
καὶ Ἀνδρέαν, καὶ Φίλιππον, καὶ Βαρθολομαῖον, καὶ Μαθθαῖον, καὶ Θωμᾶν, καὶ Ἰάκωβον τὸν τοῦ Ἀλφαίου, καὶ Θαδδαῖον, καὶ Σίμωνα τὸν Καναναῖον,
19 Yihuudaa Keeriyoticha isa Yesuusin dabarsee kenne.
καὶ Ἰούδαν Ἰσκαριώθ, ὃς καὶ παρέδωκεν αὐτόν.
20 Yesuusis mana tokko seene; sababii namoonni akka malee baayʼatan ammas walitti qabamaniif innii fi barattoonni isaa waa nyaachuu illee hin dandeenye.
Καὶ ἔρχονται εἰς οἶκον, καὶ συνέρχεται πάλιν ὁ ὄχλος, ὥστε μὴ δύνασθαι αὐτοὺς μηδὲ ἄρτον φαγεῖν.
21 Firoonni isaas yommuu waan kana dhagaʼanitti isa qabuu dhaqan; namoonni, “Inni qalbii dabarseera” jechaa turaniitii.
καὶ ἀκούσαντες οἱ παρ᾽ αὐτοῦ ἐξῆλθον κρατῆσαι αὐτόν. ἔλεγον γὰρ ὅτι ἐξέστη.
22 Barsiistonni seeraa warri Yerusaalemii gad buʼan, “Inni Biʼeelzebuuliin qabameera! Hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasaa jira” jedhan.
καὶ οἱ γραμματεῖς οἱ ἀπὸ Ἱεροσολύ μων καταβάντες ἔλεγον ὅτι Βεελζεβοὺλ ἔχει, καὶ ὅτι Ἐν τῷ ἄρχοντι τῶν δαιμονίων ἐκβάλλει τὰ δαιμόνια.
23 Yesuus immoo ofitti isaan waamee akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbate: “Seexanni akkamitti Seexana baasuu dandaʼa?
καὶ προσκαλεσάμενος αὐτοὺς ἐν παραβολαῖς ἔλεγεν αὐτοῖς, Πῶς δύναται σατανᾶς σατανᾶν ἐκβάλλειν;
24 Mootummaan tokko yoo gargar of qoode, mootummaan sun dhaabachuu hin dandaʼu.
καὶ ἐὰν βασιλεία ἐφ᾽ ἑαυτὴν μερισθῇ, οὐ δύναται σταθῆναι ἡ βασιλεία ἐκείνη·
25 Manni tokko yoo gargar of qoode, manni sun dhaabachuu hin dandaʼu.
καὶ ἐὰν οἰκία ἐφ᾽ ἑαυτὴν μερισθῇ, οὐ δυνήσεται ἡ οἰκία ἐκείνη στῆναι.
26 Seexannis yoo gargar of qoode, inni dhaabachuu hin dandaʼu; dhumni isaa gaʼeeraatii.
καὶ εἰ ὁ σατανᾶς ἀνέστη ἐφ᾽ ἑαυτὸν καὶ μεμέρισται, οὐ δύναται στῆναι, ἀλλὰ τέλος ἔχει.
27 Dhugumaan namni kam iyyuu utuu duraan dursee nama jabaa tokko hin hidhin, mana nama jabaa sanaa seenee qabeenya isaa saamuu hin dandaʼu. Ergasii inni mana namicha jabaa sanaa saamuu dandaʼa.
ἀλλ᾽ οὐδεὶς δύναται εἰς τὴν οἰκίαν τοῦ ἰσχυροῦ, εἰσελθὼν τὰ σκεύη αὐτοῦ διαρπάσαι, ἐὰν μὴ πρῶτον τὸν ἰσχυρὸν δήσῃ, καὶ τότε τὴν οἰκίαν αὐτοῦ διαρπάσει.
28 Ani dhuguma isinittin hima; cubbuun isaanii hundii fi arrabsoon isaan dubbatan hundi namootaaf dhiifamuu ni dandaʼa;
ἀμὴν λέγω ὑμῖν ὅτι πάντα ἀφεθήσεται τοῖς υἱοῖς τῶν ἀνθρώπων τὰ ἁμαρτήματα, καὶ αἱ βλασφημίαι ὅσα ἐὰν βλασφημήσωσιν·
29 namni Hafuura Qulqulluu arrabsu kam iyyuu garuu gonkumaa dhiifama hin argatu; inni itti gaafatamaa cubbuu bara baraa ti.” (aiōn , aiōnios )
ὃς δ᾽ ἂν βλασφημήσῃ εἰς τὸ πνεῦμα τὸ ἅγιον, οὐκ ἔχει ἄφεσιν εἰς τὸν αἰῶνα, ἀλλὰ ἔνοχός ἐστιν αἰωνίου ἁμαρτήματος· (aiōn , aiōnios )
30 Yesuusis sababii isaan, “Inni hafuura xuraaʼaa qaba” jechaa turaniif waan kana dubbate.
ὅτι ἔλεγον, Πνεῦμα ἀκάθαρτον ἔχει.
31 Haatii fi obboloonni isaa dhufanii, ala dhaabatanii nama itti erganii isa waamsisan.
Καὶ ἔρχονται ἡ μήτηρ αὐτοῦ καὶ οἱ ἀδελφοὶ αὐτοῦ, καὶ ἔξω στήκοντες ἀπέστειλαν πρὸς αὐτόν, καλοῦντες αὐτόν.
32 Namoonni baayʼeenis isatti naannaʼanii taaʼaa turan; isaanis, “Haati keetii fi obboloonni kee ala dhadhaabatanii si iyyaafachaa jiru” jedhanii isatti himan.
καὶ ἐκάθητο περὶ αὐτὸν ὄχλος, καὶ λέγουσιν αὐτῷ, Ἰδοὺ ἡ μήτηρ σου καὶ οἱ ἀδελφοί σου ἔξω ζητοῦσίν σε.
33 Inni immoo, “Haati kootii fi obboloonni koo eenyu?” jedhee gaafate.
καὶ ἀποκριθεὶς αὐτοῖς λέγει, Τίς ἐστιν ἡ μήτηρ μου καὶ οἱ ἀδελφοί [μου];
34 Innis warra naannoo isaa marsanii tataaʼan ilaalee akkana jedhe; “Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti!
καὶ περιβλεψάμενος τοὺς περὶ αὐτὸν κύκλῳ καθημένους λέγει, Ἴδε ἡ μήτηρ μου καὶ οἱ ἀδελφοί μου.
35 Namni fedhii Waaqaa raawwatu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis.”
ὃς [γὰρ] ἂν ποιήσῃ τὸ θέλημα τοῦ θεοῦ, οὗτος ἀδελφός μου καὶ ἀδελφὴ καὶ μήτηρ ἐστίν.