< Maarqos 2 >

1 Yesuus guyyaa muraasa booddee Qifirnaahomitti deebiʼe; namoonnis akka inni mana jiru dhagaʼan.
Og nogen dager derefter gikk han atter inn i Kapernaum, og det spurtes at han var hjemme.
2 Namoonni akka malee baayʼatan walitti qabamnaan iddoon dhabamee balballi durris dhiphate; innis dubbicha isaanitti lallabaa ture.
Og mange samlet sig, så de ikke lenger fikk rum, ikke engang ved døren, og han talte ordet til dem.
3 Jarri tokko nama dhagni irratti duʼe kan namoota afuriin baatame tokko gara isaa fidan.
Og de kom til ham med en verkbrudden, som blev båret av fire mann;
4 Isaanis sababii baayʼina namaatiif namicha sana Yesuusitti dhiʼeessuu dadhabanii qixa Yesuus tureen bantii manaa saaqanii siree namichi dhagni irratti duʼe irra ciise sana gad buusan.
og da de ikke kunde komme frem til ham for folketrengselen, tok de taket av der hvor han var, og brøt hull og firte ned sengen som den verkbrudne lå på.
5 Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti namicha dhagni irratti duʼe sanaan, “Gurbaa, cubbuun kee siif dhiifameera” jedhe.
Og da Jesus så deres tro, sa han til den verkbrudne: Sønn! dine synder er dig forlatt.
6 Barsiistota seeraa keessaa tokko tokko achi tataaʼanii garaa isaanii keessatti,
Men nogen skriftlærde satt der og tenkte i sine hjerter:
7 “Namichi kun maaliif akkana dubbata? Inni Waaqa arrabsa! Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu dandaʼa?” jedhanii yaadan.
Hvorfor taler denne mann så? Han spotter Gud; hvem kan forlate synder uten en, det er Gud?
8 Yesuusis yeruma sana akka wanni isaan garaa isaanii keessatti yaadaa turan kana taʼe hafuuraan beekee akkana jedheen; “Isin maaliif waan kana yaaddu?
Og Jesus kjente straks i sin ånd at de tenkte så ved sig selv, og han sa til dem: Hvorfor tenker I slikt i eders hjerter?
9 Namicha dhagni irratti duʼe kanaan, ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo ‘Kaʼii siree kee fudhadhuu deemi’ jechuutu salphaa dha?
Hvad er lettest, enten å si til den verkbrudne: Dine synder er dig forlatt, eller å si: Stå op og ta din seng og gå?
10 Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada.” Kanaafuu inni namicha sanaan,
Men forat I skal vite at Menneskesønnen har makt på jorden til å forlate synder - så sier han til den verkbrudne:
11 “Ani sitti nan hima; kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali” jedhe.
Jeg sier dig: Stå op og ta din seng og gå hjem til ditt hus!
12 Innis kaʼee, yommusuma siree isaa fudhatee utuma isaan hundinuu arganuu baʼe deeme. Kunis hunda isaanii dinqisiise; isaanis, “Nu takkumaa waan akkanaa arginee hin beeknu!” jedhanii Waaqa jajan.
Og han stod op og tok straks sin seng og gikk ut for alles øine, så alle blev ute av sig selv av forundring og priste Gud og sa: Slikt har vi aldri sett.
13 Yesuus amma illee gara qarqara galaanichaatti gad baʼe. Namoonni baayʼeenis isa biratti walitti qabaman; innis isaan barsiisuu jalqabe.
Og han gikk atter ut til sjøen, og alt folket kom til ham, og han lærte dem.
14 Innis utuu achiin darbaa jiruu, Lewwii ilma Alfewoos utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu argee, “Na duukaa buʼi” jedheen. Lewwiinis kaʼee isa duukaa buʼe.
Og da han gikk videre, så han Levi, Alfeus' sønn, sitte på tollboden, og han sa til ham: Følg mig! Og han stod op og fulgte ham.
15 Yeroo Yesuus mana Lewwiitti irbaata nyaachaa turetti, qaraxxoonnii fi cubbamoonni baayʼeen isaa fi barattoota isaa wajjin nyaachaa turan; namoonni isa duukaa buʼan baayʼee turaniitii.
Og det skjedde at han satt til bords i hans hus; og mange toldere og syndere satt til bords med Jesus og hans disipler; for det var mange av dem, og de fulgte ham.
16 Barsiistonni seeraa warri Fariisota turan yommuu isaa cubbamootaa fi qaraxxoota wajjin nyaatu arganitti, “Inni maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaata?” jedhanii barattoota isaa gaafatan.
Og da de skriftlærde og fariseerne så at han åt sammen med toldere og syndere, sa de til hans disipler: Han eter og drikker med toldere og syndere!
17 Yesuus immoo waan kana dhageenyaan, “Ogeessi fayyaa tokko warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufne” jedheen.
Og da Jesus hørte det, sa han til dem: De friske trenger ikke til læge, men de som har ondt; jeg er ikke kommet for å kalle rettferdige, men for å kalle syndere.
18 Barattoonni Yohannisii fi Fariisonni ni soomu turan. Namoonni tokko tokko dhufanii, “Barattoonni Yohannisii fi barattoonni Fariisotaa ni soomu; barattoonni kee garuu maaliif hin soomne?” jedhanii Yesuusin gaafatan.
Og Johannes' og fariseernes disipler holdt faste, og de kom og sa til ham: Hvorfor faster Johannes' disipler og fariseernes disipler, men dine disipler faster ikke?
19 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Keessummoonni misirrichaa akkamiin utuu inni isaan wajjin jiruu soomuu dandaʼu? Isaan hamma isa of biraa qabanitti soomuu hin dandaʼan.
Og Jesus sa til dem: Kan vel brudesvennene faste så lenge brudgommen er hos dem? Så lenge de har brudgommen hos sig, kan de ikke faste.
20 Garuu yeroon itti misirrichi isaan biraa fudhatamu ni dhufa; isaanis gaafas ni soomu.
Men de dager skal komme da brudgommen blir tatt fra dem, og da skal de faste, på den dag.
21 “Namni uffata moofaa irratti erbee haaraa erbu tokko iyyuu hin jiru. Yoo kun godhame, erbeen haaraan sun uffata sana irraa tarsaasa; tarsaʼaan sunis isa duraa ni caala.
Ingen syr en lapp av ukrympet tøi på et gammelt klædebon, ellers river den nye lapp et stykke med sig av det gamle, og riften blir verre.
22 Namni daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti naqu tokko iyyuu hin jiru. Yoo itti naqe immoo daadhiin sun qalqalloo sana dhoosa; daadhichii fi qalqallichi horoomaa baʼu. Qooda kanaa daadhiin wayinii haaraan qalqalloo haaraatti naqamuu qaba.”
Og ingen fyller ny vin i gamle skinnsekker; ellers vil vinen sprenge sekkene og vinen spilles og sekkene ødelegges; men ny vin i nye skinnsekker!
23 Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus lafa qotiisaa midhaanii keessa darbaa ture; barattoonni isaas utuu isa wajjin deemaa jiranuu asheetii midhaanii cirachuu jalqaban.
Og det skjedde at han gikk igjennem en aker på sabbaten, og hans disipler begynte å plukke aks mens de gikk der.
24 Fariisonnis, “Ilaa, isaan maaliif waan Sanbataan hojjechuun hin eeyyamamne hojjetu?” jedhaniin.
Og fariseerne sa til ham: Se, hvorfor gjør de på sabbaten det som ikke er tillatt?
25 Innis akkana jedhee deebise; “Isin waan Daawit yeroo innii fi miiltonni isaa beelaʼanii fi rakkatanitti godhe sana takkumaa hin dubbifnee?
Og han sa til dem: Har I aldri lest hvad David gjorde da han var i nød og sultet, han selv og de som var med ham,
26 Bara Abiyaataar luba ol aanaa ture keessa, inni mana Waaqaa seenee buddeena qulqulleeffame kan akka luboonni qofti nyaataniif eeyyamame sana nyaate. Warra isa wajjin jiraniifis ni kenne.”
hvorledes han gikk inn i Guds hus, da Abjatar var yppersteprest, og åt skuebrødene, som ingen har lov til å ete uten prestene, og gav også dem som var med ham?
27 Yesuusis akkana jedheen; “Sanbatatu namaaf uumame malee namni Sanbataaf hin uumamne.
Og han sa til dem: Sabbaten blev til for menneskets skyld, og ikke mennesket for sabbatens skyld.
28 Kanaafuu Ilmi Namaa Sanbataaf illee Gooftaa dha.”
Så er da Menneskesønnen herre også over sabbaten.

< Maarqos 2 >