< Maarqos 16 >

1 Erga Sanbanni darbee booddee Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoobii fi Saloomeen dhaqanii reeffa Yesuus dibuuf jedhanii urgooftuu bitan.
And when the sabbath was past, Mary Magdalene, and Mary the [mother] of James, and Salome, had bought sweet spices, that they might come and anoint him.
2 Isaanis guyyaa jalqaba torbaan sanaa ganama barii, akkuma biiftuun baateen gara awwaalaa dhaqan;
And very early in the morning, the first [day] of the week, they came to the sepulcher at the rising of the sun:
3 isaanis, “Eenyutu balbala awwaalaa irraa dhagaa sana nuu gangalcha?” waliin jedhan.
And they said among themselves, Who shall roll away for us the stone from the door of the sepulcher?
4 Yommuu milʼatanii ilaalanitti garuu akka dhagaan baayʼee guddaan sun afaan awwaalaa irraa gangalfame argan.
(And when they looked, they saw that the stone was rolled away) for it was very great.
5 Isaanis awwaala keessa seenanii dargaggeessa uffata adii uffate tokko karaa mirgaatiin taaʼee arganii rifatan.
And entering into the sepulcher, they saw a young man sitting on the right side, clothed in a long white garment; and they were frightened.
6 Innis akkana isaaniin jedhe; “Hin rifatinaa! Isin Yesuus Nama Naazreeti isa fannifamee ture barbaaddu. Inni kaʼeera! As hin jiru. Mee iddoo isaan isa kaaʼanii turan ilaalaa.
And he saith to them, Be not frightened: ye seek Jesus of Nazareth, who was crucified: he is risen; he is not here: behold the place where they laid him:
7 Garuu dhaqaatii barattoota isaatii fi Phexrositti, ‘Inni isin dursee Galiilaa ni dhaqa. Akkuma isinitti hime sanas achitti isa ni argitu’ jedhaatii himaa.”
But go, tell his disciples and Peter, that he goeth before you into Galilee: there shall ye see him, as he said to you.
8 Dubartoonni sunis hollachaa fi dinqisiifachaa gad baʼanii awwaalicha biraa baqatan. Sababii sodaataniifis nama tokkotti illee homaa hin himne. [
And they went out quickly, and fled from the sepulcher; for they trembled, and were amazed: neither said they any thing to any [man]; for they were afraid.
9 (note: The most reliable and earliest manuscripts do not include Mark 16:9-20.) Yesuusis barii guyyaa jalqaba torban sanaa yeroo duʼaa kaʼetti duraan dursee Maariyaam ishee Magdalaatti mulʼate; Maariyaam kunis kan inni hafuurota hamoo torba ishee keessaa baasee turee dha.
(note: The most reliable and earliest manuscripts do not include Mark 16:9-20.) Now when [Jesus] was risen early, the first [day] of the week, he appeared first to Mary Magdalene, out of whom he had cast seven demons.
10 Isheenis dhaqxee utuu warri isa wajjin turan wawwaachuu fi booʼuutti jiranuu isaanitti himte.
[And] she went and told them that had been with him, as they mourned and wept.
11 Isaan garuu yommuu akka Yesuus jiraataa taʼee fi akka isheen isa argite dhagaʼanitti waan sana hin amanne.
And they, when they had heard that he was alive, and had been seen by her, believed not.
12 Ergasiis isaan keessaa utuu namoonni lama baadiyyaa dhaqaa jiranuu Yesuus bifa biraatiin isaanitti mulʼate.
After that, he appeared in another form to two of them, as they were walking and going into the country.
13 Jarris deebiʼanii warra hafanitti himan; isaan garuu warra kanas hin amanne.
And they went and told [it] to the residue: neither believed they them.
14 Ergasiis Yesuus utuu isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu warra Kudha Tokkotti mulʼate; innis sababii isaan warra erga inni duʼaa kaʼe isa argan sana amanuu didaniif, amantii dhabuu isaaniitii fi mata jabina isaaniitiif isaan ifate.
Afterward he appeared to the eleven, as they sat at table, and upbraided them with their unbelief, and hardness of heart, because they believed not them who had seen him after he was risen.
15 Innis akkana isaaniin jedhe; “Gara addunyaa hundaa dhaqaa; uumama hundumattis wangeela lallabaa.
And he said to them, Go ye into all the world, and preach the gospel to every creature.
16 Namni amanuu fi cuuphamu kam iyyuu ni fayya; nama hin amannetti garuu ni murama.
He that believeth and is baptized, shall be saved; but he that believeth not shall be damned.
17 Mallattoon kunis warra amanan irraa mulʼata; isaan maqaa kootiin hafuurota hamoo baasu; afaan haaraadhaan dubbatu;
And these signs shall follow them that believe: In my name shall they cast out demons; they shall speak in new languages;
18 harka isaaniitiin bofa ni qabu; yoo summii nama ajjeesu dhugan isaan hin miidhu; harka isaanii namoota dhukkubsatan irra ni kaaʼu; namoonnis ni fayyu.”
They shall take up serpents; and if they drink any deadly thing, it shall not hurt them; they shall lay hands on the sick, and they shall recover.
19 Yesuus Gooftaan erga isaanitti dubbatee booddee samiitti ol fudhatamee gara mirga Waaqaatiin taaʼe.
So then after the Lord had spoken to them, he was received up into heaven, and sat on the right hand of God.
20 Barattoonnis achii baʼanii iddoo hundatti lallaban; Gooftaanis isaan wajjin hojjechaa ture; dubbii isaas dinqiiwwan hojjetamaniin ni mirkaneessa ture.]
And they went forth, and preached every where, the Lord working with [them], and confirming the word with signs following. Amen.

< Maarqos 16 >