< Maarqos 15 >
1 Ganama barii luboonni hangafoonni, maanguddoota, barsiistota seeraatii fi guutummaa yaaʼii Yihuudootaa wajjin mariʼatanii Yesuusin hidhanii, geessanii Phiilaaxoositti dabarsanii kennan.
Brzy ráno velekněží s nejvyšší židovskou radou vynesli nad Ježíšem rozsudek smrti a poslali ho v poutech k římskému místodržiteli Pilátovi.
2 Phiilaaxoosis, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate. Yesuus immoo, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise.
„Tak ty jsi ten král Židů?“ušklíbl se Pilát. „Jak říkáš, “odpověděl Ježíš.
3 Luboonni hangafoonni waan baayʼeedhaan isa himatan.
Velekněží ho u Piláta obvinili z mnoha zločinů.
4 Phiilaaxoos amma illee, “Ati deebii hin kennituu? Isaan waan meeqaan akka si himatan mee ilaali” jedhee isa gaafate.
„Co ty na?“dal mu slovo místodržitel. „Co odpovíš na všechny ty žaloby?“
5 Yesuus garuu amma illee deebii tokko iyyuu hin kennine; Phiilaaxoosis ni dinqisiifate.
Ježíš však už ani nepromluvil, nehájil se. Divný zločinec!
6 Innis nama hidhame kan sabni gaafate tokko Guyyaa Ayyaanaa hunda gad dhiisa ture.
Vždy o Velikonocích amnestoval místodržitel podle volby lidu jednoho ze židovských vězňů.
7 Namichi Barabbaas jedhamu tokko finciltoota goolii kaasanii nama ajjeesan wajjin mana hidhaa keessa ture.
Pro výtržnost a vraždu seděl ve vězení jakýsi Barabáš se svými kumpány.
8 Uummanni sunis Phiilaaxoos bira dhaqee akka inni waan duraan gochaafii ture sana isaanii godhu isa kadhate.
Před Pilátovým sídlem se shromáždil dav a začal se dovolávat tradiční amnestie.
9 Phiilaaxoos garuu, “Akka ani mootii Yihuudootaa gad isinii dhiisu barbaadduu?” jedhee gaafate;
Pilát toho využil a promluvil k nim: „Chcete, abych propustil toho židovského krále?“
10 inni akka luboonni hangafoonni hinaaffaadhaan Yesuusin dabarsanii isatti kennan ni beeka tureetii.
Tušil totiž, že velekněží ho odsoudili k smrti, protože se báli jeho vlivu na lidi.
11 Luboonni hangafoonni garuu akka Phiilaaxoos qooda Yesuus Barabbaasin gad dhiisu akka isa kadhataniif namoota kakaasan.
Ale velekněžími navedená chátra žádala propuštění Barabáše.
12 Phiilaaxoosis, “Yoos namicha isin mootii Yihuudootaa jettaniin kana maal godhu ree?” jedhee amma illee isaan gaafate.
„Co tedy mám udělat s tím, kterému říkáte židovský král?“
13 Isaan amma illee, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan.
„Ukřižovat!“ozvaly se výkřiky.
14 Phiilaaxoos immoo, “Maaliif? Inni yakka maalii hojjete?” jedhee gaafate. Isaan garuu ittuma caalchisanii, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan.
„Ale za jaký zločin?“namítal Pilát. Lůza však skandovala: „Na kříž! Na kříž!“
15 Kanaafuu Phiilaaxoos namoota gammachiisuuf jedhee Barabbaasin gad isaaniif dhiise. Yesuusin garuu garafsiisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne.
Pilát tedy ustoupil nátlaku davu, dal propustit z vězení Barabáše a Ježíše vydal popravčí četě, aby ho zbičovali a ukřižovali.
16 Ergasii loltoonni Yesuusin mana bulchaatti, jechuunis Piraayitooriyoonitti ol galchan; raayyaa loltootaa hundas walitti waaman.
Vojáci odvedli Ježíše na nádvoří vládní budovy a svolali celou rotu.
17 Uffata dhiilgee itti uffisan; gonfoo qoraattiis micciiranii dhaʼanii isa irra kaaʼan.
Oblékli ho do purpurové látky jako do královského pláště, spletli věnec z trní a posadili mu ho na hlavu jako korunu.
18 Isaanis, “Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!” jedhanii nagaa isa gaafachuu jalqaban.
Začali ho výsměšně zdravit a volali: „Ať žije židovský král!“
19 Uleedhaanis mataa isaa rukutan; isattis tufan. Jilbeenfataniis sagadaniif.
Bili jej holí do hlavy, plivali na něj a pak si zase před něj klekali a klaněli se mu.
20 Erga itti qoosanii booddee uffata diimaa dhiilgee sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman.
Když se dost pobavili, svlékli mu zase purpurový plášť, oblékli mu jeho vlastní šaty a vedli ho na popraviště.
21 Isaanis namicha Qareenaa kan Simoon jedhamu tokko utuu inni baadiyyaadhaa dhufee achiin darbaa jiruu arganii akka inni fannoo Yesuus baatuuf isa dirqisiisan. Namichi kunis abbaa Iskindiroosii fi Ruufoosii ti.
Ježíš nemohl těžký kříž sám unést. Do města právě přicházel jistý Šimon, rodák z Kyrény, a toho vojáci přinutili, aby mu pomohl. (Šimon je otec pozdějších křesťanů Alexandra a Rufa.)
22 Isaanis iddoo Golgootaa jedhamutti Yesuusin geessan; Golgootaa jechuun “Iddoo buqqee mataa” jechuu dha.
Tak přivedli Ježíše až na popraviště, které se jmenovalo Golgota, což znamená Lebka.
23 Jarris akka inni daadhii wayinii kan qumbiin walitti makame dhuguuf kennaniif; inni garuu fudhachuu dide.
Nabídli mu víno s omamnou příměsí, ale on je odmítl.
24 Isaanis isa fannisan. Uffata isaas gargar qoodatanii tokkoon tokkoon namaa maal akka argatu murteessuuf ixaa buufatan.
Pak jej přibili na kříž a losovali o jeho šaty.
25 Yeroon isaan itti isa fannisanis ganama saʼaatii sadii ture.
Poprava se konala v devět hodin ráno.
26 Katabbiin waan inni ittiin himatamee kan, Mooticha Yihuudootaa, jedhu mataa isaatiin ol ture.
Ježíšovu vinu oznamoval nápis nad jeho hlavou: „Židovský král“.
27 Hattoota lamas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin isa wajjin fannisan. [
Zároveň s ním ukřižovali dva zločince; jednoho po pravé a druhého po levé straně.
28 Kanaanis dubbiin kitaabni, “Inni akka seera cabsitootaatti lakkaaʼame” jedhu sun ni raawwatame.]
Splnila se tak prorocká předpověď: „Je zahrnut mezi zločince.“
29 Warri achiin darbanis isa arrabsan; mataa isaaniis raasanii, “Muu! Ati kan mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu,
Kolemjdoucí mu nadávali a vysmívali se mu: „Tak tys nám chtěl zbořit chrám a za tři dny ho zase postavit?
30 mee fannoo irraa gad buʼiitii of oolchi!” jedhan.
Když jsi tak mocný, pomoz si sám a sestup z kříže!“
31 Akkasumas luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa wajjin itti qoosan. Akkanas jedhan; “Inni warra kaan oolcheera; ofii isaa garuu oolchuu hin dandaʼu!
Mezi posměvači byla i skupina významných kněží a učitelů zákona, kteří si mezi sebou říkali: „Jiným pomáhal a teď je bezmocný.
32 Akka nu arginee amannuuf Kiristoos mootichi Israaʼel kun mee amma fannoo irraa gad haa buʼu.” Warri isa wajjin fannifamanis isa arrabsan.
Jestli je to opravdu Mesiáš, zaslíbený král Izraele, ať sestoupí z kříže. To nás přesvědčí a uvěříme mu.“A také zločinci na křížích mu spílali.
33 Saʼaatii jaʼaa jalqabee, hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe.
V poledne se náhle setmělo a zlověstné šero trvalo až do tří hodin.
34 Saʼaatii sagalittis Yesuus sagalee guddaadhaan, “Eloohee! Eloohee! Laamaa Sabaqtaanii?” jedhee iyye. Hiikkaan isaas, “Yaa Waaqa ko! Yaa Waaqa ko! Ati maaliif na dhiifte?” jechuu dha.
Ve tři hodiny odpoledne vykřikl Ježíš: „Eloi, Eloi, lema sabachtani?“Jsou to úvodní slova dvacátého druhého žalmu: „Bože můj, Bože můj, proč jsi mne opustil?“
35 Warra achi dhadhaabatan keessaa tokko tokko yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Ilaa, inni Eeliyaasin waamaa” jedhan.
Někteří z přihlížejících mu nerozuměli a domnívali se, že volá na pomoc proroka Elijáše.
36 Namichi tokkos fiigee, ispoonjii dhangaggaaʼaadhaan guutee, uleetti kaaʼe; akka inni dhuguufis Yesuusiif kennee, “Mee isa dhiisaa. Akka Eeliyaas dhufee gad isa buusu arginaatii” jedhe.
Jeden z nich připevnil na hůl houbu nasátou kyselým vínem a přistrčil mu ji ke rtům se slovy: „Počkáme si, zda mu Elijáš přijde na pomoc.“
37 Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee hafuura dhumaa baafate.
Ježíš vykřikl ještě jednou a zemřel.
38 Golgaan mana qulqullummaas olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe.
V tu chvíli se opona, která zastírala nejsvatější místnost chrámu, roztrhla napůl od shora až dolů.
39 Ajajaan dhibbaa kan fuula Yesuus dura dhaabachaa tures yommuu iyyuu Yesuus dhagaʼee akka inni itti hafuura dhumaa baafate argetti, “Dhugumaanuu namichi kun Ilma Waaqaa ture!” jedhe.
Římský setník, který velel popravčí četě a byl svědkem Ježíšových posledních chvil, zvolal: „Ten člověk byl opravdu Boží Syn!“
40 Dubartoonni tokko tokkos fagoodhaa ilaalaa turan. Isaan keessaas Maariyaam ishee Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoob isa quxisuutii fi Yoosaa akkasumas Saloomee turan.
Zpovzdálí přihlížely některé ženy, mezi nimi Marie Magdaléna, Marie, matka Jakuba „malého“a Josefa, a Salome.
41 Isaanis yeroo inni Galiilaa turetti isa duukaa buʼanii isa tajaajilaa turan. Dubartoonni isa wajjin Yerusaalemitti ol baʼan baayʼeen kaanis achi turan.
Ty v něho uvěřily už kdysi v Galileji a od té doby mu sloužily. A byly tu i jiné ženy, které s ním přišly do Jeruzaléma.
42 Guyyaan sun Guyyaa Qophii jechuunis guyyaa Sanbataan duraa ture. Yommuu galgalaaʼettis,
Nastával páteční večer, pro židy začátek sobotního svátku.
43 Yoosef namni Armaatiyaa, miseensi yaaʼii beekamaan kan mataan isaa mootummaa Waaqaa eeggachaa ture tokko ija jabinaan gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate.
Josef z Arimatie, vážený člen velerady, který také vyhlížel Mesiášovu vládu, přišel odvážně k Pilátovi a žádal Ježíšovo tělo.
44 Phiilaaxoosis yommuu akka inni duʼe dhagaʼetti ni dinqifate. Ajajaa dhibbaa sanas ofitti waamee Yesuus erga duʼee turuu fi turuu baachuu isaa gaafate.
Místodržitel se podivil, že by Ježíš tak brzy zemřel. Zavolal si velitele popravčí čety a zeptal se ho na to.
45 Akka inni duʼes ajajaa dhibbaa sana irraa erga mirkaneeffatee booddee reeffa sana Yoosefiif kenne.
Když mu to setník potvrdil, přikázal vydat Ježíšovo tělo Josefovi.
46 Yoosefis huccuu quncee talbaa irraa hojjetame bitee, reeffa sana gad buusee, huccuu sanaan kafanee awwaala garaa kattaa keessatti qotate keessa kaaʼe. Dhagaa tokkos balbala awwaala sanaatti gangalchee cufe.
Ten koupil plátno, a když sňali Ježíšovo tělo z kříže, zavinul je a uložil do vlastní hrobky, vytesané ve skále. Před vchod přivalili kamennou desku.
47 Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam haati Yoosaa lafa inni kaaʼame ni argan.
Marie Magdaléna a Marie Josefova je sledovaly, a věděly tak, kde je Ježíš pohřben.