< Maarqos 13 >
1 Utuu Yesuus mana qulqullummaatii baʼaa jiruu barattoota isaa keessaa inni tokko, “Yaa Barsiisaa! Dhagaawwan gurguddaa kanneenii fi gamoowwan babbareedoo kanneen mee ilaali!” jedheen.
耶稣离开圣殿的时候,有一个门徒对他说:“老师,你看这些大石头,还有这些雄伟的建筑!”
2 Yesuusis, “Gamoowwan gurguddaa kanneen argitaa? Ni diigama malee asitti dhagaan dhagaa irratti hin hafu” jedheen.
耶稣说:“你看这些雄伟的建筑,将来不会哪块石头堆砌在其他石头上,因为一切都会倒塌。”
3 Utuu Yesuus Tulluu Ejersaa irra fuullee mana qulqullummaa taaʼee jiruu Phexros, Yaaqoob, Yohannisii fi Indiriiyaas akkana jedhanii kophaatti isa gaafatan;
耶稣坐在橄榄山上,面向圣殿,彼得、雅各、约翰和安得烈私下问他:
4 “Mee nutti himi; wantoonni kunneen yoom taʼu? Mallattoon yeroo wantoonni kunneen hundi itti raawwatamanii maali?”
“请告诉我们,这一切什么时候会发生?这一切将要发生时,会有什么预兆?”
5 Yesuusis akkana isaaniin jechuu jalqabe; “Akka namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsineef of eeggadhaa.
耶稣告诉他们:“你们要小心,不要被人迷惑。
6 Namoonni hedduun, ‘Ani isa’ jechaa maqaa kootiin ni dhufu; nama hedduus ni gowwoomsu.
许多人会跑来假冒我的名,声称‘我就是基督’,迷惑众人。
7 Isin yommuu waaʼee waraanaatii fi oduu waraanaa dhageessanitti hin rifatinaa. Wanni akkanaa taʼuu qabaatii; dhumni garuu amma iyyuu hin geenye.
如果你们听说附近和远方有战争,不要担心,这些事情必然发生,但不是最终结局。
8 Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Sochiin lafaa iddoo garaa garaatti ni taʼa; beellis ni buʼa. Kunis jalqaba ciniinsuu daʼumsaa ti.
一个民族要攻打另一个民族,一个国家要对抗另一个国家,到处有地震和饥荒,但这就是世界诞生所经历痛苦的开始。
9 “Isin of eeggachuu qabdu. Isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu. Isinis akka isaanitti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa dura ni dhaabattu.
你们要小心!因为人们会把你们交给公议会,你们会在会堂中被鞭打,还因为我的缘故,必须站在总督和君王面前向他们作证。
10 Duraan dursee wangeelli saba hundatti lallabamuu qaba.
但必须先将福音传给每个城邦。
11 Yommuu qabamtanii qorumsaaf dhiʼeeffamtanitti waaʼee waan dubbattanii duraan dursitanii hin yaaddaʼinaa. Waanuma yeroo sana isinii kennamu dubbadhaa; kan dubbatu Hafuura Qulqulluudha malee isin miti.
当你们被抓并送去审判,无需担心该说什么,到时候你们听到告诉你的话,就说出来,因为说话的不是你们,而是圣灵。
12 “Obboleessi dabarsee obboleessa duʼatti kenna; abbaan dabarsee ijoollee isaa duʼatti kenna. Ijoolleenis warra isaaniitti kaʼanii isaan ajjeesu.
兄弟会彼此背叛丧命,父亲会背叛儿子,儿女会悖逆父母,甚至置他们于死地。
13 Namni hundinuu sababii maqaa kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
因为我的原因,你们会被众人憎恨,但只要坚持忍耐到底,一定会获得救赎。
14 “‘Isin yommuu wanni jibbisiisaan badiisa fidu’sun iddoo isaaf hin malle dhaabatee argitanitti, namni dubbisu haa hubatu; yommus warri Yihuudaa keessa jiran tulluuwwanitti haa baqatan.
当你们看见那‘污秽的偶像崇拜’站在但以理先知所说圣地(读至此处应认真思考),这时候,住在犹太的应当逃到山上。
15 Namni bantii manaa irra jiru tokko iyyuu waan tokko illee fudhachuuf gad hin buʼin yookaan mana hin seenin.
站在屋顶的人,不要跑回屋子里取东西,
16 Namni lafa qotiisaa jiru tokko iyyuu uffata isaa fudhachuuf duubatti hin deebiʼin.
如果你在田里,也不要回去取衣服。
17 Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo!
那样的日子,对于怀孕和哺乳婴儿的女人极为可怕!
18 Kunis akka gannakeessa hin taaneef kadhadhaa.
要去祈祷,不要让这一切发生在冬季。
19 Guyyoota sana keessa dhiphinni jalqaba uumama Waaqni uumee kaasee hamma ammaatti hin dhufin, kan gara fuula duraattis hin dhufne ni dhufaatii.
因为那时必有大灾难,这是从世界的开始到现在未曾有过的,以后也必不会再有。
20 “Utuu Gooftaan guyyoota sana gabaabsuu baatee silaa namni tokko iyyuu hin hafu ture. Garuu inni sababii filatamtoota filateetiif jedhee guyyoota sana gabaabseera.
如果上帝不想尽快结束那些日子,将无人幸免,但为了上帝所选之人,那些日子必会变短。
21 Yeroo sana yoo namni kam iyyuu, ‘Ilaa Kiristoos as jira!’ yookaan ‘Ilaa, inni achi jira!’ isiniin jedhe hin amaninaa.
那时如果有人对你们说:‘看,基督在这里!看,基督在那里!’不要信。
22 Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef, filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo fi dinqii ni hojjetu.
因为到时必有假弥赛亚和假先知出现,可能会做出神迹和奇事,如果如此,就连天选之子都会迷惑。
23 Isin garuu of eeggadhaa! Ani waan hunda duraan dursee isinitti himeera.
所以务必小心!我已经提前把这一切都告诉你们了。
24 “Bara sana keessa garuu dhiphina sana booddee, “‘Aduun ni dukkanoofti; jiʼis ifa ishee hin kennitu;
那些灾难过后会发生这样的事情:‘太阳会暗淡,月亮不再发光,
25 urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu; humnoonni samiis ni raafamu.’
众星从天空陨落,天之力量被动摇。’
26 “Yeroo sana namoonni utuu Ilmi Namaa humna guddaa fi ulfinaan duumessaan dhufuu ni argu.
届时,他们将看到人子携伟大的力量和荣光,驾云降临。
27 Innis Ergamoota isaa ergee filatamtoota isaa kanneen handaarawwan lafaa irraa hamma handaarawwan samiiwwaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qaba.
他会派出天使,把从极地到天涯的天选之子大批召集而来。
28 “Fakkeenya kana muka harbuu irraa baradhaa; yommuu dameen isaa latee baala baafatutti akka bonni dhiʼaate ni beektu.
要学习无花果树,当树枝发出嫩芽并长出叶子,你们便知道夏天已来。
29 Akkasuma isinis yommuu wanni kun raawwatamuu isaa argitanitti akka inni dhiʼaate, akka balbala irras gaʼe ni beektu.
同样,当你们看到这些事发生,就知道必须发生的事情已经来到,就在你的门口!
30 Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu.
告诉你们实话,这一切必将发生,然后这个世界才会过去。
31 Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
天地都将走向终结,但我的教诲不会消失。
32 “Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan ilmi iyyuu hin beeku.
发生这种事情时,无人再知晓日子或是时间,甚至连天使或人子都不知情,只有天父知道。
33 Of eeggadhaa! Dammaqaas! Yeroon sun yoom akka taʼe hin beektaniitii.
要小心!保持清醒!你们不知道那一天何时来临。
34 Innis nama garboota isaatti taayitaa kennee, tokkoo tokkoo isaaniittis hojii isaa kennee, akka garbichi karra eegu immoo dammaqee eegu ajajee, mana isaa dhiisee karaa dheeraa deeme tokko fakkaata.
这就像一个人要出外远行,唤自己的仆人来,把产业交给他们,告诉每个仆人该做什么,然后离开。他还提醒看门人要保持清醒。
35 “Kanaafuu isin dammaqaa; yeroo itti abbaan mana sanaa deebiʼu, jechuunis galgala yookaan halkan walakkaa yookaan iyya indaanqoo yookaan barii obboroo taʼuu isaa hin beektaniitii.
所以要警醒,因为你们不知道主人何时回来,也许黄昏、也许夜半、也许是黎明、也许清晨。
36 Kunis akka inni akkuma tasaa dhufee utuu raftanuus isin hin arganneef.
你肯定不愿意在他忽然回来时,发现你们正在睡觉。
37 Ani waanan isiniin jedhu nama hundumaan nan jedha; ‘dammaqaa!’”
我对你们所说的一切,也对众人说过,‘保持警惕!’”