< Maarqos 12 >
1 Yesuusis akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbachuu jalqabe; “Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbate. Innis naannoo isaatti dallaa ijaaree, boolla itti wayinii cuunfan qotee qooxii eegumsaa ijaare. Ergasiis iddoo dhaabaa wayinii sana qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqe.
And he began to speak to them by parables. A [certain] man planted a vineyard, and set a hedge about [it], and digged [a place for] the wine-vat, and built a tower, and let it out to husbandmen, and went into a far country.
2 Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka inni ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa fiduufiif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate.
And at the season he sent to the husbandmen a servant, that he might receive from the husbandmen of the fruit of the vineyard.
3 Isaan garuu qabanii, tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan.
And they caught [him], and beat him and sent [him] away empty.
4 Ammas garbicha biraa isaanitti ergate; isaanis mataa isaa buruqsanii isa qaanessan.
And again, he sent to them another servant: and at him they cast stones, and wounded [him] in the head, and sent [him] away shamefully handled.
5 Amma illee garbicha biraa ergate; isas ni ajjeesan. Garboota biraa baayʼees ergate; isaanis gartokko ni tuman; kaan immoo ni ajjeesan.
And again he sent another; and him they killed, and many others; beating some, and killing some.
6 “Amma iyyuu inni nama ergu tokko qaba ture; innis ilma isaa jaallatamaa dha. Namichis, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee dhuma irratti isa ergate.
Having yet therefore one son, his well-beloved, he sent him also last to them, saying, They will reverence my son.
7 “Qottoonni sun garuu, ‘Dhaaltuun isa kana. Kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun keenya taʼaatii’ waliin jedhan.
But those husbandmen said among themselves, This is the heir; come, let us kill him, and the inheritance will be ours.
8 Kanaafuu isaan fuudhanii isa ajjeesan; iddoo dhaabaa wayinii keessaas gad baasanii isa gatan.
And they took him, and killed [him], and cast [him] out of the vineyard.
9 “Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa maal godhinna laata? Inni dhufee qottuuwwan sana ni ajjeesa; iddoo dhaabaa wayinii sanas namoota biraatti kennata.
What therefore will the Lord of the vineyard do? he will come and destroy the husbandmen, and will give the vineyard to others.
10 Isin Katabbii Qulqulluu hin dubbifnee? Innis akkana jedha: “‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera;
And have ye not read this scripture; The stone which the builders rejected is become the head of the corner:
11 kanas Gooftaatu godhe; kunis ija keenyatti dinqii dha.’”
This was the Lord's doing, and it is marvelous in our eyes?
12 Isaanis akka inni isaaniin mormuudhaan fakkeenya sana dubbate waan beekaniif isa qabuu barbaadan. Garuu namoota sana sodaatan; kanaafuu isa dhiisanii qajeelan.
And they sought to lay hold on him, but feared the people; for they knew that he had spoken the parable against them: and they left him, and departed.
13 Ergasii waan inni dubbatuun isa qabuuf jedhanii Fariisotaa fi garee Heroodis keessaa jara tokko Yesuusitti ergan.
And they sent to him certain of the Pharisees, and of the Herodians, to catch him in [his] words.
14 Isaanis gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Yaa barsiisaa, akka ati nama dhugaa taate beekna. Ati waan fuula namaa hin ilaalleef namni kam iyyuu karaa irraa si hin jalʼisuutii; garuu ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiifta. Qeesaariif gibira baasuun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?
And when they had come, they say to him, Master, we know that thou art true, and carest for no man: for thou regardest not the person of men, but teachest the way of God in truth: Is it lawful to give tribute to Cesar, or not?
15 Haa baasnu moo haa dhiifnuu?” Yesuus garuu fakkeessitummaa isaanii beekee, “Isin maaliif na qortu? Mee diinaariitokko natti fidaa nan ilaalaa” jedheen.
Shall we give, or shall we not give? But he, knowing their hypocrisy, said to them, Why tempt ye me? bring me a penny, that I may see [it].
16 Isaanis diinaarii tokko isatti fidan; innis, “Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Kan Qeesaari” jedhanii deebisan.
And they brought [it]: and he saith to them, Whose [is] this image and superscription? And they said to him, Cesar's.
17 Kana irratti Yesuus, “Kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen. Isaanis isa dinqifatan.
And Jesus answering, said to them, Render to Cesar the things that are Cesar's, and to God the things that are God's. And they wondered at him.
18 Ergasii Saduuqonni, duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan gara Yesuus dhufanii akkana jedhanii gaaffii tokko isa gaafatan;
Then come to him the Sadducees, who say there is no resurrection; and they asked him, saying,
19 “Yaa barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin niitii isaa irraa duʼe, obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabuu jedhee Museen nuu barreesseera.
Master, Moses wrote to us, If a man's brother shall die, and leave [his] wife, and leave no children, that his brother should take his wife, and raise seed to his brother.
20 Kunoo obboloota torbatu ture. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe.
Now there were seven brothers: and the first took a wife, and dying left no seed.
21 Inni lammaffaanis ishee fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe. Inni sadaffaanis akkasuma taʼe.
And the second took her, and died, neither left he any seed: and the third likewise.
22 Torban isaanii iyyuu ijoollee hin dhalchine. Dhuma irratti dubartittiinis ni duute.
And the seven had her, and left no seed: last of all the woman died also.
23 Guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”
In the resurrection therefore, when they shall rise, whose wife shall she be of them? for the seven had her for a wife.
24 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu mitii?
And Jesus answering, said to them, Do ye not therefore err, because ye know not the scriptures, neither the power of God?
25 Warri duʼan yommuu duʼaa kaʼanitti akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis.
For when they shall rise from the dead, they neither marry, nor are given in marriage; but are as the angels who are in heaven.
26 Waaʼee warri duʼan duʼaa kaʼuu garuu akka Waaqni Kitaaba Musee keessatti, daggala bobaʼu biratti, ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’jedhee isatti dubbate isin hin dubbifnee?
And concerning the dead that they rise; have ye not read in the book of Moses, how in the bush God spoke to him, saying, I [am] the God of Abraham, and the God of Isaac, and the God of Jacob?
27 Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti. Isin akka malee dogoggortaniirtu!”
He is not the God of the dead, but the God of the living: ye therefore do greatly err.
28 Barsiistota seeraa keessaa inni tokko dhufee wal falmuu isaanii dhagaʼe. Innis akka Yesuus deebii gaarii isaaniif kenne hubatee, “Ajajni ajajawwan hunda caalu isa kami?” jedhee isa gaafate.
And one of the scribes came, and having heard them reasoning together, and perceiving that he had answered them well, asked him, Which is the first commandment of all?
29 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ajajni ajajawwan hunda caalu isa kana; ‘Yaa Israaʼel dhagaʼi! Waaqayyo Gooftaan keenya Gooftaa tokkicha.
And Jesus answered him, The first of all the commandments [is], Hear, O Israel; The Lord our God is one Lord.
30 Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan jaalladhu.’
And thou shalt love the Lord thy God with all thy heart, and with all thy soul, and with all thy mind, and with all thy strength: this [is] the first commandment.
31 Inni lammaffaan immoo, isa kana; ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’Ajajni ajajawwan kanneen caalu tokko iyyuu hin jiru.”
And the second [is] like, [namely] this, Thou shalt love thy neighbor as thyself: there is no other commandment greater than these.
32 Barsiisaan seeraa sunis akkana jedhee deebise; “Yaa barsiisaa, ati dhugaa jette; Waaqa tokkicha malee Waaqni biraa hin jiruutii.
And the scribe said to him, Well, Master, thou hast said the truth: for there is one God; and there is no other but he.
33 Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan isa jaallachuun, ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaallachuun, qalma gubamuu fi aarsaa hunda caala.”
And to love him with all the heart, and with all the understanding, and with all the soul, and with all the strength, and to love [his] neighbor as himself, is more than all whole burnt-offerings and sacrifices.
34 Yesuusis yommuu akka inni hubannaadhaan deebise argetti, “Ati mootummaa Waaqaa irraa fagoo hin jirtu” jedheen. Ergasii namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
And when Jesus saw that he answered discreetly, he said to him, Thou art not far from the kingdom of God. And no man after that durst ask him any question.
35 Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisaa jiruu akkana jedhee gaafate; “Barsiistonni seeraa maaliif Kiristoos ilma Daawit jedhu?
And Jesus answered and said, while he taught in the temple, How say the scribes that Christ is the son of David?
36 Daawit mataan isaa iyyuu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee akkana jedhe: “‘Gooftichi Gooftaa kootiin, “Hamma ani diinota kee, miilla kee jala siif galchutti, gara mirga koo taaʼi.”’
For David himself said by the Holy Spirit, The LORD said to my Lord, Sit thou on my right hand, till I make thy enemies thy footstool.
37 Daawit mataan isaa iyyuu ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?” Tuunni guddaan sunis gammachuudhaan isa dhagaʼe.
David therefore himself calleth him Lord, and whence is he [then] his son? and the common people heard him gladly.
38 Yesuusis utuu barsiisuu akkana jedhe; “Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu jaallatu;
And he said to them in his doctrine, Beware of the scribes, who love to go in long clothing, and [love] salutations in the market-places,
39 manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu.
And the chief seats in the synagogues, and the uppermost rooms at feasts:
40 Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis kadhannaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.”
Who devour widows' houses, and for a pretense make long prayers: these shall receive greater damnation.
41 Yesuusis fuullee iddoo kennaan kaaʼamuu taaʼee namoota maallaqa isaanii miʼa buusii keessa buusan ilaala ture. Sooreyyiin baayʼeenis maallaqa baayʼee miʼa sana keessa buusaa turan.
And Jesus sat over against the treasury, and beheld how the people cast money into the treasury: and many that were rich cast in much.
42 Haati hiyyeessaa hiyyeettiin tokko dhuftee saantima sibiila diimaa xixinnoo lama kan gatiin isaa gara saantima tokkoo taʼe miʼa sana keessa buufte.
And there came a certain poor widow, and she threw in two mites, which make a farthing.
43 Yesuusis barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; haati hiyyeessaa hiyyeettiin kun warra miʼa buusii kana keessa kennaa buusan hunda caalaa buufteerti.
And he called his disciples, and saith to them, Verily I say to you, that this poor widow hath cast in more, than all they who have cast into the treasury.
44 Isaan hundi qabeenya isaanii irraa kennan; isheen garuu hiyyuma ishee keessaa waan hunda, waan ittiin jiraattu hunda kennite.”
For all [they] cast in of their abundance: but she of her want cast in all that she had, [even] all her living.