< Miilkiyaas 1 >

1 Raajii dubbii Waaqayyoo kan karaa Miilkiyaasiin gara Israaʼel dhufe.
A revelation, the LORD’s word to Israel by Malachi.
2 “Ani isin jaalladheera” jedha Waaqayyo. “Isin immoo, ‘Ati akkamitti nu jaallatte?’ jettanii gaafattu. “Esaawu obboleessa Yaaqoob hin turree?” jedha Waaqayyo. “Taʼus ani Yaaqoobin jaalladhee,
“I have loved you,” says the LORD. Yet you say, “How have you loved us?” “Was not Esau Jacob’s brother?” says the LORD, “Yet I loved Jacob;
3 Esaawun garuu jibbeera; ani tulluuwwan isaa lafa onaa godhee dhaala isaas waangoo gammoojjiitiif kenneera.”
but Esau I hated, and made his mountains a desolation, and gave his heritage to the jackals of the wilderness.”
4 Edoomiyaas, “Nu caccabnu iyyuu, diigama sana deebisnee ni ijaarra” jedha taʼa. Garuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Isaan ni ijaaru taʼa; ani garuu nan diiga. Isaan Biyya Hamaa, saba yeroo hunda dheekkamsa Waaqayyoo jala jiraatu jedhamanii ni waamamu.
Whereas Edom says, “We are beaten down, but we will return and build the waste places,” the LORD of Armies says, “They shall build, but I will throw down; and men will call them ‘The Wicked Land,’ even the people against whom the LORD shows wrath forever.”
5 Isin waan kana ija keessaniin argitanii, ‘Daarii biyya Israaʼeliin gamatti iyyuu Waaqayyo Guddaa dha!’ jettu.
Your eyes will see, and you will say, “The LORD is great—even beyond the border of Israel!”
6 “Ilmi abbaa isaa, garbichis gooftaa isaa ulfeessa. Egaa ergan abbaa taʼe, ulfinni naaf malu meerre ree? Ergan gooftaa taʼe, kabajni naaf malu meerree ree?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Yaa luboota; isintu maqaa koo tuffata. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin maqaa kee tuffanne?’ jettanii gaafattu.
“A son honors his father, and a servant his master. If I am a father, then where is my honor? And if I am a master, where is the respect due me?” says the LORD of Armies to you priests who despise my name. “You say, ‘How have we despised your name?’
7 “Isin nyaata xuraaʼaa iddoo aarsaa koo irratti dhiʼeessitu. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin si xureessine’ jettanii gaafattu. “Maaddiin Waaqayyoo tuffatamaa dha jechuudhaan.
You offer polluted bread on my altar. You say, ‘How have we polluted you?’ In that you say, ‘The LORD’s table is contemptible.’
8 Isin yoo horii jaamaa aarsaadhaaf dhiʼeessitan, sun balleessaa mitii? Isin yoo horii naafa yookaan horii dhukkubsataa naaf qaltan, sun balleessaa mitii? Mee horii sana bulchaa keessaniif kennuu yaalaa! Inni isinitti ni gammadaa? Inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
When you offer the blind for sacrifice, is not that evil? And when you offer the lame and sick, is not that evil? Present it now to your governor! Will he be pleased with you? Or will he accept your person?” says the LORD of Armies.
9 “Egaa mee akka inni garaa nuu laafuuf Waaqa nuuf kadhadhaa. Isin yoo aarsaa akkasii qabattanii dhiʼaattan inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda dandaʼu.
“Now, please entreat the favor of God, that he may be gracious to us. With this, will he accept any of you?” says the LORD of Armies.
10 “Isin keessaa namni tokko akka isin ibidda faayidaa hin qabne iddoo aarsaa koo irratti hin bobeessineef utuu balbala mana qulqullummaa cufee jiraatee! Ani isinitti hin gammadu; aarsaa tokko iyyuu isin harkaa hin fudhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
“Oh that there were one among you who would shut the doors, that you might not kindle fire on my altar in vain! I have no pleasure in you,” says the LORD of Armies, “neither will I accept an offering at your hand.
11 “Maqaan koo baʼa aduutii kaasee hamma lixa aduutti saboota gidduutti guddaa ni taʼa. Iddoo hundatti ixaannii fi aarsaan qulqulluun ni kennama; maqaan koo saboota gidduutti guddaa ni taʼaatii” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
For from the rising of the sun even to its going down, my name is great among the nations, and in every place incense will be offered to my name, and a pure offering; for my name is great among the nations,” says the LORD of Armies.
12 “Isin garuu maaddiin Gooftaa ‘xuraaʼaa dha’ nyaanni isaas ‘tuffatamaa dha’ jechuudhaan maqaa koo xureessitu.
“But you profane it when you say, ‘The LORD’s table is polluted, and its fruit, even its food, is contemptible.’
13 ‘Kun dadhabbii dha!’ jettaniis tuffiidhaan itti cirriiqfattu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Isin yoo horii hatame, kan naafate yookaan kan dhukkuba qabu fiddanii aarsaa gootanii dhiʼeessitan, ani isin harkaa fudhachuutu narra jiraa?” jedha Waaqayyo.
You say also, ‘Behold, what a weariness it is!’ And you have sniffed at it”, says the LORD of Armies; “and you have brought that which was taken by violence, the lame, and the sick; thus you bring the offering. Should I accept this at your hand?” says the LORD.
14 “Namni bushaayee isaa keessaa korbeessa jaallatamaa qabu kan korbeessa sana aarsaa dhiʼeessuuf wareega kennee garuu sobee horii hirʼina qabu Gooftaadhaaf dhiʼeessu abaaramaa haa taʼu. Ani mootii guddaadhaatii, maqaan koo saboota gidduutti sodaatamuu qaba” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
“But the deceiver is cursed who has in his flock a male, and vows and sacrifices to the Lord a defective thing; for I am a great King,” says the LORD of Armies, “and my name is awesome among the nations.”

< Miilkiyaas 1 >