< Miilkiyaas 4 >

1 “Dhugumaan guyyaan akka badaa ibiddaa bobaʼu ni dhufa. Of tuultonni hundii fi warri hammina hojjetan hundi cidii taʼu; guyyaan sunis isaan guba” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Hiddi yookaan dameen tokko iyyuu isaaniif hin hafu.
Tazama, siku inakuja, inaka kama tanuru, ambayo wote wenye kiburi na waharifu watakuwa mabua. siku inakuja itawachoma,” asema Bwana wa Majeshi, “siku hiyo itaondoa mzizi au shina.
2 Isin warra maqaa koo kabajjaniif garuu Aduun qajeelummaa qoochoo isaa jalatti fayyina qabatee ni baʼa. Isinis baatanii akkuma jabbii golaa gad dhiifamteetti burraaqxu.
Lakini kwenu mnaoliogopa jina langu, jua la haki litawaangazia na uponyaji katika mbawa zake. Mtarukaruka kama ndama zizini.
3 Ergasii isin hamoota ni dhidhiittu; isaanis guyyaa ani wantoota kanneen hojjedhutti faana miilla keessanii jalatti daaraa ni taʼu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
Na waovu wote mtawakanyaga chini, watakuwa majivu chini ya nyazo za miguu yenu siku hiyo nitatenda,”asema Bwana wa Majeshi.
4 “Seera garbicha koo Musee, sirnaa fi ajaja ani Israaʼeloota hundaaf Kooreebitti isatti kenne sana yaadadhaa.
Kumbukeni kutii sheria za mtumishi wangu Musa, mmri na sheria nilizomwamuru huko Horebu, kwa Israel wote.
5 “Kunoo ani, guyyaan Waaqayyoo inni guddaanii fi sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura Eeliyaas raajicha isiniif nan erga.
Tazama, nitamtuma Eliya nabii mbele ya siku kuu na yenye kutisha ya kuja kwa Bwana.
6 Inni qalbii abbootii gara ijoolleetti, qalbii ijoollee immoo gara abbootiitti ni deebisa; yoo kanaa achii ani dhufee abaarsaan biyyattii nan rukuta.”
Atarudisha moyo wa baba kwa watoto, na mioyo ya watoto kwa baba zao; ili kwamba nisije nikaiangamiza nchi kwa uharibifu wote.”

< Miilkiyaas 4 >