< Miilkiyaas 4 >

1 “Dhugumaan guyyaan akka badaa ibiddaa bobaʼu ni dhufa. Of tuultonni hundii fi warri hammina hojjetan hundi cidii taʼu; guyyaan sunis isaan guba” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Hiddi yookaan dameen tokko iyyuu isaaniif hin hafu.
For, behold, the day cometh, it burneth as a furnace; and all the proud, and all that work wickedness, shall be stubble; and the day that cometh shall set them ablaze, saith the LORD of hosts, that it shall leave them neither root nor branch.
2 Isin warra maqaa koo kabajjaniif garuu Aduun qajeelummaa qoochoo isaa jalatti fayyina qabatee ni baʼa. Isinis baatanii akkuma jabbii golaa gad dhiifamteetti burraaqxu.
But unto you that fear My name shall the sun of righteousness arise with healing in its wings; and ye shall go forth, and gambol as calves of the stall.
3 Ergasii isin hamoota ni dhidhiittu; isaanis guyyaa ani wantoota kanneen hojjedhutti faana miilla keessanii jalatti daaraa ni taʼu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
And ye shall tread down the wicked; for they shall be ashes under the soles of your feet in the day that I do make, saith the LORD of hosts.
4 “Seera garbicha koo Musee, sirnaa fi ajaja ani Israaʼeloota hundaaf Kooreebitti isatti kenne sana yaadadhaa.
Remember ye the law of Moses My servant, which I commanded unto him in Horeb for all Israel, even statutes and ordinances.
5 “Kunoo ani, guyyaan Waaqayyoo inni guddaanii fi sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura Eeliyaas raajicha isiniif nan erga.
Behold, I will send you Elijah the prophet before the coming of the great and terrible day of the LORD.
6 Inni qalbii abbootii gara ijoolleetti, qalbii ijoollee immoo gara abbootiitti ni deebisa; yoo kanaa achii ani dhufee abaarsaan biyyattii nan rukuta.”
And he shall turn the heart of the fathers to the children, and the heart of the children to their fathers; lest I come and smite the land with utter destruction.

< Miilkiyaas 4 >