< Miilkiyaas 3 >
1 “Kunoo ani ergamaa koo isa fuula koo duraan karaa naaf qopheessu nan erga. Ergasii Gooftaan isin eeggattan akkuma tasaa gara mana qulqullummaa isaa ni dhufa; ergamaan kakuu kan isin hawwitan sun ni dhufa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
看,我要派遺我的使者,在我前面預備道路。你們所尋求的主宰,必要忽然進入衪的殿內;你們所想望盟約的使者,看,他來了──萬軍的上主說。
2 Garuu eenyutu guyyaa dhufaatii isaa sana obsuu dandaʼa? Yeroo inni mulʼatuttis eenyutu isa dura dhaabachuu dandaʼa? Inni akka ibidda nama sibiila baqsee qulqulleessuu yookaan akka saamunaa nama wayyaa miicuu ti.
但是衪來臨之日,有誰能支得住﹖衪顯現時,有誰能站立得住﹖因為衪像煉金者用的爐火,又像漂布者用的滷汁
3 Inni akkuma nama meetii baqsee qulqulleessuu ni taʼa; Lewwotas calalee akka warqeettii fi meetiitti qulqulleessa. Ergasiis Waaqayyo namoota qajeelummaadhaan aarsaa isaaf fidan ni qabaata;
衪必要坐下,像個溶化和煉淨銀子的人,煉淨肋未的子孫,精煉他們像精煉金銀一像,使他們能懷著虔誠,向上主奉獻祭品:
4 akkuma bara darbee, akkuma waggoota duraa aarsaan Yihuudaatii fi Yerusaalem Waaqayyoon ni gammachiisa.
那時,猶大和耶路撒冷所獻的祭品,必能悅樂上主,有如昔日和往年。
5 “Kanaafuu ani murtiif gara keessan nan dhufa. Ani falfaltootatti, sagaagaltootatti, warra sobaan kakatanitti, warra mindaa hojjettootaa dhowwatanitti, warra haadhota hiyyeessaa fi ijoollee abbaa hin qabne hacuucanitti, warra alagoota murtii qajeelaa dhowwatanii fi na hin sodaannetti dhugaa baʼuuf nan ariifadha” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
那時,我必前來你們接近,執行審判,迅速作證反對術士、犯奸和發虛誓的人,反對欺壓傭工,寡婦和孤兒的人,反對侵害外方人的權利,而不敬畏我的人──萬軍的上主說。
6 “Ani Waaqayyo hin geeddaramu. Kanaafuu yaa ilmaan Yaaqoob isin hin barbadoofne.
是的,我是上主,決不改變;但你們總是雅各伯的子孫!
7 Isin bara abbootii keessaniitii jalqabdanii sirna koo irraa jalʼattaniirtu; hin eegnes. Gara kootti deebiʼaa; anis gara keessanitti nan deebiʼaa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin deebina?’ jettanii gaafattu.
自從你們祖先的日子以來,你們就離棄了我的法令,而不遵守。現在你們轉向我吧! 我必轉向你們──萬軍的上主說。你們卻說:「我們應怎樣轉向你呢﹖」
8 “Namni Waaqa ni saamaa?” Taʼus isin na saamtan. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin si saamne?’ jettanii gaafattu. “Kudhan keessaa tokkoo fi aarsaadhaan.
人豈能欺騙天主﹖可是你們卻欺騙了我! 你們卻說:「我們在什麼事上欺騙了你﹖」即在什一和應獻的祭物上。
9 Isin guutummaan saba keessanii sababii na saamtaniif abaarsa jala jirtu.
他們全體人民! 你們必要遭受嚴厲的詛咒,因為你們都欺騙了我。
10 Akka mana koo keessa nyaanni jiraatuuf, kudhan keessa tokko guutummaatti gombisaatti galchaa. Kanaan na qoraatii akka ani karra burqaa samii banee hamma isin iddoo itti kuufattan dhabdanitti eebba guddaa isiniif hin roobsine ilaalaa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
你們應把什一之物送入府庫,好使卜殿宇存有食糧。你們就在這事上試試我吧! ──萬軍的上主說──看我是否給你們開啟天閘,將祝福傾注在你們身上,直到你們心意滿足。
11 “Ani akka daanaʼoon midhaan keessan hin balleessineef nan ifadha; mukni wayinii lafa qotiisa keessaniis ija hin harcaafatu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
我必要為你們嚇走那舌食者,不容牠再損害你們的田產,也不讓你們田間的葡萄樹不結果實──萬軍的上主說。
12 “Ergasii isin biyya gammaddu waan taataniif, saboonni hundinuu eebbifamtoota isiniin jedhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
萬民都要稱你們有福,因為你們將成為一片樂土──萬軍的上主說。
13 “Isin of tuulummaadhaan natti dubbattan” jedha Waaqayyo. “Taʼus, ‘Nu maal siin jenne?’ jettanii gaafattu.
上主說:「你們竟然敢用言語頂撞我。你們卻說:「我們在什麼話上頂撞了你﹖」
14 “Isin akkana dubbattan; ‘Waaqa tajaajiluun faayidaa hin qabu. Nu fedhii isaa duukaa buunee akkuma nama booʼuu, fuula Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu dura jooruudhaan maal arganne?
即在你們說:「事奉天主只是徒然! 遵守衪的誡命,在萬軍的上主面前,穿苦衣而行,有什麼好處﹖
15 Amma garuu of tuultotaan eebbifamtoota jenna. Dhugumaan warri hamaa hojjetan ni eebbifamu; warri Waaqa qoranis ni miliqu.’”
現在我們該稱驕傲人有福;作惡的人,居然順利,試探天主的人居然免罰! 」
16 Warri Waaqayyoon sodaatan walitti dubbatan; Waaqayyos isaan dhaggeeffate; ni dhagaʼes. Warra Waaqayyoon sodaatanii fi maqaa isaa kabajaniifis kitaabni maramaan yaadannoodhaaf fuula isaa duratti barreeffame.
這是敬畏上主的人彼此談論的。但上主都加以注意而聽見了,並且在衪面前的記錄簿上,為那些敬畏上主和投靠衪名號的人予以記錄了。
17 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Guyyaa ani hojjedhutti isaan handhuuraa koo addaa ni taʼu. Akkuma namni tokko ilma isaa kan isa tajaajilu baraaru sana ani isa nan baraara.
在我行事的時日──萬軍的上主說──他們必是屬於我的產業,我要憐愛他們,有如人憐愛服事自己的兒子。
18 Isin ammas garaa garummaa nama qajeelaatii fi nama hamaa, garaa garummaa warra Waaqa tajaajilaniitii fi warra hin tajaajillee ni argitu.
你們將要重新看出義人和惡人,服事天主和不服事天主的人的區別。