< Luqaas 5 >
1 Gaaf tokko Yesuus utuu Haroo Geensereex bira dhaabatee jiruu, utuu namoonnis isatti naannaʼanii dubbii Waaqaa dhagaʼaa jiranuu,
Or, un jour que pressé par la foule qui voulait entendre la parole de Dieu, il se tenait sur le bord du lac de Génésareth,
2 bidiruuwwan lama ededa bishaanichaa irratti arge; qurxummii qabdoonni garuu keessaa baʼanii kiyyoo isaanii miicachaa turan.
il vit deux barques qui stationnaient près du rivage; les pêcheurs étaient descendus pour laver leurs filets.
3 Innis bidiruuwwan sana gidduudhaa ishee kan Simoon taate tokko yaabbate; akka inni qarqara lafaa irraa gara gidduu bishaaniitti xinnoo achi butus isa kadhate. Yesuusis bidiruu sana irra taaʼee namoota barsiisuu jalqabe.
Il monta donc dans une de ces barques, qui était à Simon, et le pria de s’éloigner un peu de terre; puis, s’étant assis, il enseigna le peuple de dessus la barque.
4 Innis yommuu dubbatee fixetti Simooniin, “Gara tuujuba bishaaniitti achi siqi; qurxummii qabuufis kiyyoo keessan darbadhaa” jedhe.
Lorsqu’il eut cessé de parler, il dit à Simon: « Avance en pleine mer, et vous jetterez vos filets pour pêcher. »
5 Simoonis deebisee, “Yaa barsiisaa, nu halkan guutuu akka malee itti dadhabnee waa tokko illee hin qabne. Ani garuu waan ati jetteef kiyyoo nan darbadha” jedhe.
Simon lui répondit: « Maître, toute la nuit nous avons travaillé sans rien prendre; mais, sur votre parole, je jetterai le filet. »
6 Isaanis kiyyoo isaanii darbatanii hamma kiyyoon isaanii ciccituu jalqabutti qurxummii akka malee baayʼee qabatan.
L’ayant jeté, ils prirent une si grande quantité de poissons, que leur filet se rompait.
7 Kanaafuu akka michoonni isaanii warri bidiruu kaan keessa turan dhufanii isaan gargaaraniif mallattoon waammatan; isaanis dhufanii bidiruu lachuu qurxummiidhaan guutan; bidiruuwwan sunis liqimfamuu jalqaban.
Et ils firent signe à leurs compagnons, qui étaient dans l’autre barque, de venir à leur aide. Ils y vinrent, et ils remplirent les deux barques, au point qu’elles enfonçaient.
8 Simoon Phexrosis yommuu waan kana argetti jilba Yesuusitti kufee, “Yaa Gooftaa, ani nama cubbamaa dha; narraa fagaadhu!” jedhe.
Ce que voyant Simon Pierre tomba aux pieds de Jésus en disant: « Éloignez-vous de moi, Seigneur, parce que je suis un pécheur. »
9 Kunis sababii qurxummiin baayʼeen qabame sun Simʼoonii fi warra isa wajjin turan hunda dinqisiiseef;
Car l’effroi l’avait saisi, lui et tous ceux qui l’accompagnaient, à cause de la capture de poissons qu’ils avaient faite;
10 ilmaan Zabdewoos warri michoota Simoon turan jechuunis Yaaqoobii fi Yohannis akkasuma dinqisiifatan. Yesuusis Simʼooniin, “Hin sodaatin; ati ammaa jalqabdee qabduu namootaa ni taataa” jedhe.
il en était de même de Jacques et de Jean, fils de Zébédée, les associés de Simon. Et Jésus dit à Simon: « Ne crains point, car désormais ce sont des hommes que tu prendras. »
11 Isaanis bidiruuwwan isaanii gara qarqaraatti ol baasanii waan hunda dhiisanii isa duukaa buʼan.
Aussitôt, ramenant leurs barques à terre, ils quittèrent tout et le suivirent.
12 Utuu Yesuus magaalaawwan sana keessaa isa tokko keessa jiruu namichi dhagni isaa guutuun lamxaaʼe tokko gara isaa dhufe. Innis yommuu Yesuusin argetti adda isaatiin lafatti gombifamee, “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedhee isa kadhate.
Comme il était dans une ville, voici qu’un homme tout couvert de lèpre, apercevant Jésus, se prosterna la face contre terre, et le pria en disant: « Seigneur, si vous le voulez, vous pouvez me guérir. »
13 Yesuusis harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, “Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!” jedheen; lamxiin sunis yeruma sana namicha irraa bade.
Jésus, étendant la main, le toucha et lui dit: « Je le veux, sois guéri »; et à l’instant sa lèpre disparut.
14 Yesuusis, “Nama tokkotti illee hin himin; garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; qulqullaaʼuu keetiifis aarsaawwan Museen ajaje sana dhiʼeessi” jedhee isa ajaje.
Et il lui défendit d’en parler à personne; mais: « Va, dit-il, te montrer au prêtre, et offre pour ta guérison ce qu’a prescrit Moïse, pour l’attester au peuple. »
15 Haa taʼuu malee oduun waaʼee isaa ittuma caalee facaʼe; namoonni hedduunis isa dhagaʼuu fi dhukkuba isaanii irraa fayyuuf jedhanii gara isaa dhufaa turan.
Sa renommée se répandait de plus en plus, et l’on venait par troupes nombreuses pour l’entendre et pour être guéri de ses maladies.
16 Yesuus garuu yeroo baayʼee lafa namni hin jirre dhaqee kadhachaa ture.
Pour lui, il se retirait dans les déserts et priait.
17 Gaaf tokko Yesuus utuu barsiisaa jiruu, Fariisonnii fi barsiistonni seeraa warri gandoota Galiilaatii fi Yihuudaa hunda keessaa akkasumas Yerusaalemii dhufan achi tataaʼaa turan. Akka inni dhukkubsattoota fayyisuufis humni Gooftaa isa wajjin ture.
Un jour qu’il enseignait, il y avait là, assis autour de lui, des Pharisiens et des docteurs de la Loi, venus de tous les villages de la Galilée, ainsi que de la Judée et de Jérusalem, et la puissance du Seigneur se manifestait par des guérisons.
18 Jarri tokko nama dhagni irratti duʼe tokko sireedhaan baatanii dhufan; isaanis fuula Yesuus dura isa kaaʼuuf jedhanii manatti ol isa galchuu yaalan.
Et voilà que des gens, portant sur un lit un homme paralysé, cherchaient à le faire entrer et à le mettre devant lui.
19 Sababii baayʼina namaatiifis karaa ittiin ol isa galchan dhabnaan bantii manaatti ol baʼanii qadaada bantii manaa saaqanii walakkaa namootaatiin fuula Yesuus duratti siree isaatiin gad isa buusan.
Et n’en trouvant pas le moyen à cause de la foule, ils montèrent sur le toit et, à travers les tuiles, descendirent le malade avec sa couchette au milieu de tous, devant Jésus.
20 Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti, “Namichoo, cubbuun kee siif dhiifameera” jedhe.
Voyant leur foi, il dit: « Homme, tes péchés te sont remis. »
21 Fariisonnii fi barsiistonni seeraas, “Namichi Waaqa arrabsu kun eenyu? Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu dandaʼa?” jedhanii garaa isaaniitti yaaduu jalqaban.
Alors les Scribes et les Pharisiens se mirent à raisonner et à dire: « Qui est celui-ci qui profère des blasphèmes? Qui peut remettre les péchés, si ce n’est Dieu seul? »
22 Yesuusis waan isaan yaadaa turan beekee akkana jedhee gaafate; “Isin maaliif garaa keessan keessatti waan kana yaaddu?
Jésus, connaissant leurs pensées, prit la parole et leur dit: « Quelles pensées avez-vous en vos cœurs?
23 ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo ‘Kaʼii deemi’ jechuutu salphaa dha?
Lequel est le plus facile de dire: Tes péchés te sont remis, ou de dire: Lève-toi et marche?
24 Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada.” Kanaafuu inni namicha dhagni irratti duʼe sanaan, “Ani sitti nan hima; kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali” jedhe.
Or, afin que vous sachiez que le Fils de l’homme a sur la terre le pouvoir de remettre les péchés: Je te le commande, dit-il au paralytique, lève-toi, prends ta couchette et va dans ta maison. »
25 Innis yeruma sana kaʼee fuula isaanii dura dhaabate; waan irra ciisaa tures fudhatee Waaqa jajachaa mana ofii isaatti qajeele.
À l’instant, celui-ci se leva devant eux, prit le lit sur lequel il était couché, et s’en alla dans sa maison en glorifiant Dieu.
26 Hundi isaaniis dinqifatanii Waaqa jajan. Sodaadhaanis guutamanii, “Nu harʼa waan takkumaa hin taʼin argine” jedhan.
Et tous étaient frappés de stupeur; ils glorifiaient Dieu, et, remplis de crainte, ils disaient: « Nous avons vu aujourd’hui des choses merveilleuses. »
27 Ergasii Yesuus achii baʼee qaraxxuu Lewwii jedhamu tokko utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu arge. Yesuusis, “Na duukaa buʼi” jedheen.
Après cela, Jésus sortit, et ayant vu un publicain nommé Lévi, assis au bureau du péage, il lui dit: « Suis-moi. »
28 Lewwiinis waan hunda dhiisee kaʼee isa duukaa buʼe.
Et lui, quittant tout, se leva et le suivit.
29 Lewwiinis mana isaatti cidha guddaa Yesuusiif qopheesse; qaraxxoonnii fi namoonni kaan baayʼeenis isaan wajjin nyaachaa turan.
Lévi lui donna un grand festin dans sa maison; et une foule nombreuse de publicains et d’autres personnes étaient à table avec eux.
30 Fariisonnii fi Barsiistonni seeraa kanneen garee isaanii taʼan garuu, “Isin maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaattanii dhugdu?” jedhanii barattoota isaatti guunguman.
Les Pharisiens et leurs Scribes murmuraient et disaient à ses disciples: « Pourquoi mangez-vous et buvez-vous avec les publicains et les pécheurs? »
31 Yesuus immoo deebisee akkana isaaniin jedhe; “Ogeessi fayyaa tokko warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu.
Jésus leur répondit: « Ce ne sont pas les bien portants qui ont besoin de médecin, mais les malades.
32 Ani cubbamoota gara qalbii jijjiirrannaatti waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufne.”
Je ne suis pas venu appeler les justes à la pénitence, mais les pécheurs. »
33 Isaanis, “Barattoonni Yohannis yeroo baayʼee ni soomu; ni kadhatus; barattoonni Fariisotaas akkasuma godhu; barattoonni kee garuu ni nyaatu; ni dhugus” jedhaniin.
Alors ils lui dirent: « Pourquoi, tandis que les disciples de Jean et ceux des Pharisiens jeûnent et prient souvent, les vôtres mangent-ils et boivent-ils? »
34 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin utuu inni isaan wajjin jiruu michoota misirrichaa soomsisuu ni dandeessuu?
Il leur répondit: « Pouvez-vous faire jeûner les amis de l’Époux, pendant que l’Époux est avec eux?
35 Garuu yeroon itti misirrichi isaan biraa fudhatamu ni dhufa; isaanis yeroo sana ni soomu.”
Viendront des jours où l’Époux leur sera enlevé: ils jeûneront ces jours-là. »
36 Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; “Namni uffata moofaa erbuuf jedhee huccuu uffata haaraa tarsaasu tokko iyyuu hin jiru. Yoo kun godhame, isaan uffata haaraa sana tarsaasaniiru; erbeen haaraan sunis uffata moofaa wajjin wal hin fudhatu.
Il leur proposa encore cette comparaison: « Personne ne met à un vieux vêtement un morceau pris à un vêtement neuf: autrement on déchire le neuf, et le morceau du neuf convient mal au vêtement vieux.
37 Namni daadhii wayinii haaraaqalqalloo moofaatti naqu tokko iyyuu hin jiru. Yoo itti naqe immoo daadhiin haaraan sun qalqalloo sana ni dhoosa; daadhiin sun ni dhangalaʼa; qalqallichis horoomaa baʼa.
Personne non plus ne met du vin nouveau dans de vieilles outres: autrement, le vin nouveau rompant les outres, il se répandra, et les outres seront perdues.
38 Qooda kanaa daadhiin wayinii haaraan qalqalloo daadhii wayinii haaraatti naqamuu qaba.
Mais il faut mettre le vin nouveau dans des outres neuves, et tous les deux se conservent.
39 Namni kam iyyuu erga daadhii wayinii kan goge dhugee booddee daadhii wayinii haaraa hin barbaadu; isaan, ‘Daadhii wayinii kan goge wayya’ jedhuutii.”
Et personne après avoir bu du vieux vin, ne veut aussitôt du nouveau; car on dit: Le vieux vin est meilleur. »