< Luqaas 3 >

1 Xibeeriyoos Qeesaar moʼee waggaa kudha shanaffaatti jechuunis yommuu Phonxoos Phiilaaxoos bulchaa Yihuudaa turetti, Heroodis bulchaa Galiilaa ture; obboleessi isaa Fiiliphoos bulchaa Ixuriyaasii fi Xiraakonitiis, Lisaaniiyaas immoo bulchaa Abileeniis turan;
And in the fifteenth year in the reign of Tiberius Caesar, Pontius Pilate being governor of Judea, and Herod being tetrarch of Galilee, and Philip his brother, tetrarch of Ituria and the Trachonitis country, and Lusanius tetrarch of Abilene, during the high-priesthood of Annas
2 yeroo sana Haannaasii fi Qayyaaffaan luboota ol aantota turan. Dubbiin Waaqaa gammoojjii keessatti gara Yohannis ilma Zakkaariyaas dhufe.
and Caiaphas, the word of God came to John the son of Zacharias in the wilderness.
3 Innis dhiifama cubbuutiif cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa biyya naannoo Yordaanos hunda keessa deeme.
And he came into all the region round about the Jordan preaching the baptism of repentance unto the remissions of sins,
4 Kunis isa kitaaba dubbii Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffamee dha: “Sagalee nama gammoojjii keessaa iyyu tokkoo: ‘Karaa Gooftaa qopheessaa; daandii isaas qajeelchaa.
as has been written in the book of Isaiah the prophet, saying; The voice of one roaring in the wilderness; Prepare ye the way of the Lord, make straight His paths.
5 Sululli hundi ni guutama; tulluu fi gaarri hundinuus gad deebifamu. Karaan jalʼaan ni qajeela; daandiin buʼaa baʼiinis wal qixxeeffama.
Every valley shall be filled up and every mountain and hill shall be cut down; and the crooked places shall be straight and the rough ways smooth.
6 Sanyiin namaa hundinuus fayyisuu Waaqaa ni arga.’”
And all flesh shall see the salvation of God.
7 Yohannisis warra harka isaatti cuuphamuuf dhufaniin akkana jedhe; “Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime?
Then he said unto the multitudes coming out to be baptized by him; O generations of vipers, who hath warned you to flee from the wrath to come?
8 Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa. Isin, ‘Abbaan keenya Abrahaamii dha’ ofiin jechuu hin jalqabinaa. Waaqni dhagoota kanneen irraa Abrahaamiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii.
Bring forth therefore fruits worthy of repentance, and do not begin to say among yourselves; We have Abraham our father.
9 Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama.”
But truly the ax is laid to the root of the trees; Therefore every tree not producing good fruit is hewn down, and cast into the fire.
10 Namoonni sunis, “Yoos maal haa goonuu ree?” jedhanii isa gaafatan.
And the multitudes asked him, saying; What then shall we do?
11 Yohannisis deebisee, “Namni uffata lama qabu isa homaa hin qabneef haa qoodu; kan nyaata qabus akkasuma haa godhu” jedheen.
And responding he says to them, Let the one having two coats, give to him having none, and let the one having food do likewise.
12 Qaraxxoonni cuuphamuu dhufanii, “Yaa barsiisaa, nu hoo maal haa goonu?” jedhanii isa gaafatan.
And the publicans came also to be baptized, and said to him; Teacher, what shall we do!
13 Innis, “Waan ajajamtan caalaa walitti hin qabinaa” jedheen.
And he said to them, Exact no more than that which has been appointed unto you.
14 Loltoonnis akkasuma, “Nu immoo maal haa goonu ree?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Humnaan nama irraa maallaqa hin fudhatinaa; sobaan nama hin himatinaa; mindaan keessan isin haa gaʼu” jedheen.
And the soldiers were asking him saying; And what shall we do? And he said to them; Oppress no one, neither defraud; and be content with your wages.
15 Namoonni sun hawwiidhaan eegaa turan; hundi isaaniis, “Yohannis kun inni Kiristoos taʼinnaa laata?” jedhanii garaa isaaniitti yaadaa turan.
And the people waiting and all reasoning in their hearts concerning John, lest he might be the Christ.
16 Yohannis akkana jedhee isaan hundaaf deebii kenne; “Ani bishaaniin isin cuupha. Garuu kan na caalaa jabaa taʼe tokko ni dhufa; ani hidhaa kophee isaa illee hiikuun naaf hin malu. Inni Hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha.
John responded to all, saying; I indeed baptize you with water; but there cometh One more powerful than I, the latchet of His sandals I am not worthy to loose; He will baptize you with the Holy Ghost and fire.
17 Innis oobdii isaa qulqulleessee gombisaa isaatti qamadii galfachuudhaaf afarsaan isaa harka isaa jira; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba.”
Whose fan is in His hand, and He will thoroughly purify His threshing-floor, and gather the wheat into His garner, and will burn up the chaff with unquenchable fire.
18 Yohannisis dubbii biraa baayʼeedhaan namoota gorsee wangeelas isaanitti lallabe.
Then indeed exhorting them as to many other things he continued to preach the gospel to the people.
19 Heroodis bulchaan garuu yommuu sababii inni niitii obboleessa isaa Heroodiyaas fuudhee fi sababii hammina inni hojjetee ture kaan hundaatiif Yohannis isa ifate,
And Herod the tetrarch, being convicted by him concerning Herodias, the wife of his brother Philip, and concerning the wickedness which Herod did,
20 hammina isaa hunda irratti dabalee Yohannisin mana hidhaatti galchee itti cufe.
added also this to all, and shut up John in prison.
21 Yeroo namoonni hundinuu cuuphamaa turanitti, Yesuusis ni cuuphame. Utuu inni kadhachaa jiruu samiin banamee,
And it came to pass while all the people were being baptized, and Jesus having been baptized, and praying, the heaven was opened,
22 Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin mulʼatee isa irratti gad buʼe. Sagaleen, “Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani sitti nan gammada” jedhu tokkos samii irraa ni dhufe.
and the Holy Spirit in bodily appearance like a dove descended on Him; and there was a voice from heaven, saying; Thou art my beloved Son, I am delighted in Thee.
23 Yesuus yeroo tajaajila isaa jalqabetti umuriin isaa gara waggaa soddomaa ture. Innis akka waan ilma Yoosef tureetti yaadamaa ture: ilma Eelii,
And Jesus was beginning to be about thirty years old, being as was supposed, the son of Joseph, the son of Eli,
24 ilma Maataat, ilma Lewwii, ilma Melkii, ilma Yaanaa, ilma Yoosef,
Matthat, Levi, Melchi, Janna, Joseph:
25 ilma Maataatiyaas, ilma Amoos, ilma Naahoom, ilma Asiiliim, ilma Naagee,
Mattathios, Amos, Naum, Esli, Naggai,
26 ilma Maaʼat, ilma Maataatiyaas, ilma Semeeʼi, ilma Yoosef, ilma Yoodaa,
Mattathios, Semei, Josech, Joda,
27 ilma Yoonaan, ilma Resaa, ilma Zarubaabel, ilma Sheʼaltiiʼeel, ilma Neeri,
Joanna, Resa, Zorababbel, Salithiel, Neri,
28 ilma Melkii, ilma Hadii, ilma Qoosaam, ilma Elmaadaam, ilma Eer,
Melchi, Addi, Cosam, Elmodam, Er,
29 ilma Iyyaasuu, ilma Eliiʼezer, ilma Yoorim, ilma Maataat, ilma Lewwii,
Joses, Eliezer, Jorim, Matthat, Levi,
30 ilma Simiʼoon, ilma Yihuudaa, ilma Yoosef, ilma Yoonaan, ilma Eliyaaqeem,
Simeon, Judah, Joseph, Jonan, Eliakim,
31 ilma Meeleyaa, ilma Mennaa, ilma Maataataa, ilma Naataan, ilma Daawit,
Melea, Mainan, Mattatha, Nathan, David,
32 ilma Isseey, ilma Yoobeed, ilma Boʼeez, ilma Salmoon, ilma Nahishoon,
Jesse, Obed, Booz, Salmon, Naasson,
33 ilma Amiinaadaab, ilma Aaraam, ilma Hezroon, ilma Faares, ilma Yihuudaa,
Aminadab, Aram, Esrom, Phares, Judah,
34 ilma Yaaqoob, ilma Yisihaaq, ilma Abrahaam, ilma Taaraa, ilma Naahoor,
Jacob, Isaac, Abraham, Thara, Nachor, Serouch, Ragau,
35 ilma Seruug, ilma Reʼuu, ilma Feleg, ilma Eeber, ilma Saalaa,
Phalek, Heber, Sala,
36 ilma Qaayinaam ilma Arfaaksaad, ilma Seem, ilma Nohi, ilma Laamehi,
Cainan, Arphaxad, Shem, Noah, Lamech,
37 ilma Matuuselaa, ilma Henook, ilma Yaared, ilma Mahalaleel, ilma Keenaan,
of Methusalah, Enoch, Jared, of Mahalaleel, Cainan,
38 ilma Enoos, ilma Seeti, ilma Addaam, ilma Waaqaa.
of Enos, Seth, Adam, the Son of God.

< Luqaas 3 >