< Luqaas 3 >

1 Xibeeriyoos Qeesaar moʼee waggaa kudha shanaffaatti jechuunis yommuu Phonxoos Phiilaaxoos bulchaa Yihuudaa turetti, Heroodis bulchaa Galiilaa ture; obboleessi isaa Fiiliphoos bulchaa Ixuriyaasii fi Xiraakonitiis, Lisaaniiyaas immoo bulchaa Abileeniis turan;
Mʼchaka cha 15 mu ulamuliro wa Tiberiyo Kaisara, Pontiyo Pilato ali bwanamkubwa wa Yudeya, Herode ankalamulira ku Galileya, mʼbale wake Filipo ankalamulira ku Iturea ndi ku dera la Trakoniti, ndipo Lusaniyo ankalamulira ku Abilene.
2 yeroo sana Haannaasii fi Qayyaaffaan luboota ol aantota turan. Dubbiin Waaqaa gammoojjii keessatti gara Yohannis ilma Zakkaariyaas dhufe.
Inalinso nthawi ya mkulu wa ansembe wa Anasi ndi Kayafa, pamene mawu a Mulungu anabwera kwa Yohane mwana wa Zakariya mʼchipululu.
3 Innis dhiifama cubbuutiif cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa biyya naannoo Yordaanos hunda keessa deeme.
Iye anapita ku dziko lonse lozungulira mtsinje wa Yorodani, nalalikira ubatizo wa kulapa ndi kukhululukidwa kwa machimo.
4 Kunis isa kitaaba dubbii Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffamee dha: “Sagalee nama gammoojjii keessaa iyyu tokkoo: ‘Karaa Gooftaa qopheessaa; daandii isaas qajeelchaa.
Monga analembera mʼbuku la Yesaya mneneri kuti: “Mawu a wofuwula mʼchipululu, konzani njira ya Ambuye, wongolani njira zake.
5 Sululli hundi ni guutama; tulluu fi gaarri hundinuus gad deebifamu. Karaan jalʼaan ni qajeela; daandiin buʼaa baʼiinis wal qixxeeffama.
Chigwa chilichonse chidzadzazidwa ndipo phiri lililonse ndi mtunda uliwonse zidzasalazidwa, misewu yokhotakhota idzawongoledwa, ndi njira zosasalala zidzasalazidwa.
6 Sanyiin namaa hundinuus fayyisuu Waaqaa ni arga.’”
Ndipo anthu onse adzaona chipulumutso cha Mulungu.”
7 Yohannisis warra harka isaatti cuuphamuuf dhufaniin akkana jedhe; “Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime?
Yohane anati kwa magulu a anthu amene amabwera kudzabatizidwa ndi iye, “Ana anjoka inu! Anakuchenjezani ndani kuti muthawe mkwiyo umene ukubwera?
8 Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa. Isin, ‘Abbaan keenya Abrahaamii dha’ ofiin jechuu hin jalqabinaa. Waaqni dhagoota kanneen irraa Abrahaamiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii.
Onetsani zipatso zakutembenuka mtima, ndipo musamanene mwa inu nokha kuti, ‘Tili nalo kholo lathu Abrahamu,’ pakuti ndikuwuzani kuti kuchokera ku miyala iyi, Mulungu akhoza kumuwutsira Abrahamuyo ana.
9 Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama.”
Nkhwangwa ili kale pa muzu wamitengo, ndipo mtengo uliwonse umene subala chipatso chabwino udzadulidwa ndi kuponyedwa pa moto.”
10 Namoonni sunis, “Yoos maal haa goonuu ree?” jedhanii isa gaafatan.
Gulu la anthuwo linafunsa kuti, “Nanga tsono tichite chiyani?”
11 Yohannisis deebisee, “Namni uffata lama qabu isa homaa hin qabneef haa qoodu; kan nyaata qabus akkasuma haa godhu” jedheen.
Yohane anayankha kuti, “Munthu amene ali ndi malaya awiri apatseko amene alibe, ndi amene ali ndi chakudya achitenso chimodzimodzi.”
12 Qaraxxoonni cuuphamuu dhufanii, “Yaa barsiisaa, nu hoo maal haa goonu?” jedhanii isa gaafatan.
Amisonkho nawonso anabwera kudzabatizidwa. Iwo anafunsa kuti, “Aphunzitsi, ife tichite chiyani?”
13 Innis, “Waan ajajamtan caalaa walitti hin qabinaa” jedheen.
Iye anawawuza kuti, “Musalandire moposa zimene muyenera.”
14 Loltoonnis akkasuma, “Nu immoo maal haa goonu ree?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Humnaan nama irraa maallaqa hin fudhatinaa; sobaan nama hin himatinaa; mindaan keessan isin haa gaʼu” jedheen.
Kenaka asilikali ena anamufunsa kuti, “Nanga ife tichite chiyani?” Iye anayankha kuti, “Musamalande ndalama moopseza ndipo musamanamizire anthu, khutitsidwani ndi malipiro anu.”
15 Namoonni sun hawwiidhaan eegaa turan; hundi isaaniis, “Yohannis kun inni Kiristoos taʼinnaa laata?” jedhanii garaa isaaniitti yaadaa turan.
Anthu ankadikira ndi chiyembekezo ndipo ankasinkhasinkha mʼmitima mwawo kuti mwina Yohane nʼkukhala Khristu.
16 Yohannis akkana jedhee isaan hundaaf deebii kenne; “Ani bishaaniin isin cuupha. Garuu kan na caalaa jabaa taʼe tokko ni dhufa; ani hidhaa kophee isaa illee hiikuun naaf hin malu. Inni Hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha.
Yohane anayankha onse kuti, “Ine ndikubatizani ndi madzi. Koma wina wondiposa ine mphamvu adzabwera amene sindili woyenera kumasula lamba wa nsapato zake. Iyeyu adzakubatizani inu ndi Mzimu Woyera ndi moto.
17 Innis oobdii isaa qulqulleessee gombisaa isaatti qamadii galfachuudhaaf afarsaan isaa harka isaa jira; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba.”
Mʼdzanja lake muli chopetera kuti ayeretse powomberapo tirigu ndi kusonkhanitsa tirigu ndipo adzatentha zotsalira zonse ndi moto wosazimitsika.”
18 Yohannisis dubbii biraa baayʼeedhaan namoota gorsee wangeelas isaanitti lallabe.
Ndipo ndi mawu ena ambiri, Yohane anawachenjeza anthu ndi kuwalalikira Uthenga Wabwino.
19 Heroodis bulchaan garuu yommuu sababii inni niitii obboleessa isaa Heroodiyaas fuudhee fi sababii hammina inni hojjetee ture kaan hundaatiif Yohannis isa ifate,
Koma pamene Yohane anadzudzula Herode wolamulirayo chifukwa chokwatira Herodia, mkazi wa mʼbale wake, ndi zoyipa zina zonse anazichita,
20 hammina isaa hunda irratti dabalee Yohannisin mana hidhaatti galchee itti cufe.
Herode anawonjezanso choyipa ichi pa zonsezo: Anatsekera Yohane mʼndende.
21 Yeroo namoonni hundinuu cuuphamaa turanitti, Yesuusis ni cuuphame. Utuu inni kadhachaa jiruu samiin banamee,
Pamene anthu onse ankabatizidwa, Yesu anabatizidwanso. Ndipo akupemphera, kumwamba kunatsekuka.
22 Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin mulʼatee isa irratti gad buʼe. Sagaleen, “Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani sitti nan gammada” jedhu tokkos samii irraa ni dhufe.
Mzimu Woyera anatsika pa Iye mumaonekedwe a nkhunda ndipo mawu anamveka kuchokera kumwamba: “Iwe ndiwe Mwana wanga wokondedwa; ndimakondwera nawe.”
23 Yesuus yeroo tajaajila isaa jalqabetti umuriin isaa gara waggaa soddomaa ture. Innis akka waan ilma Yoosef tureetti yaadamaa ture: ilma Eelii,
Ndipo Yesu anali ndi zaka makumi atatu pamene anayamba ntchito yake. Monga mmene anthu ankaganizira, Iyeyo anali mwana wa Yosefe, mwana wa Heli,
24 ilma Maataat, ilma Lewwii, ilma Melkii, ilma Yaanaa, ilma Yoosef,
mwana wa Matate, mwana wa Levi, mwana wa Meliki, mwana wa Yaneyi, mwana wa Yosefe
25 ilma Maataatiyaas, ilma Amoos, ilma Naahoom, ilma Asiiliim, ilma Naagee,
mwana wa Matati, mwana wa Amosi, mwana wa Naomi, mwana wa Esli, mwana wa Nagai,
26 ilma Maaʼat, ilma Maataatiyaas, ilma Semeeʼi, ilma Yoosef, ilma Yoodaa,
mwana wa Maati, mwana wa Matatiyo, mwana wa Simeoni, mwana wa Yosefe, mwana wa Yoda
27 ilma Yoonaan, ilma Resaa, ilma Zarubaabel, ilma Sheʼaltiiʼeel, ilma Neeri,
mwana wa Yohanani, mwana wa Resa, mwana wa Zerubabeli, mwana wa Salatieli, mwana wa Neri,
28 ilma Melkii, ilma Hadii, ilma Qoosaam, ilma Elmaadaam, ilma Eer,
mwana wa Meliki, mwana wa Adi, mwana wa Kosamu, mwana wa Elmadama, mwana wa Ere,
29 ilma Iyyaasuu, ilma Eliiʼezer, ilma Yoorim, ilma Maataat, ilma Lewwii,
mwana wa Jose, mwana wa Eliezara, mwana wa Yorimu, mwana wa Matati, mwana wa Levi,
30 ilma Simiʼoon, ilma Yihuudaa, ilma Yoosef, ilma Yoonaan, ilma Eliyaaqeem,
mwana wa Simeoni, mwana wa Yuda, mwana wa Yosefe, mwana wa Yonamu, mwana wa Eliakimu,
31 ilma Meeleyaa, ilma Mennaa, ilma Maataataa, ilma Naataan, ilma Daawit,
mwana wa Meleya, mwana wa Mena, mwana wa Matata, mwana wa Natani, mwana wa Davide,
32 ilma Isseey, ilma Yoobeed, ilma Boʼeez, ilma Salmoon, ilma Nahishoon,
mwana wa Yese, mwana wa Obedi, mwana wa Bowazi, mwana wa Salimoni, mwana wa Naasoni,
33 ilma Amiinaadaab, ilma Aaraam, ilma Hezroon, ilma Faares, ilma Yihuudaa,
mwana wa Aminadabu, mwana wa Arni, mwana wa Hezronu, mwana wa Perezi, mwana wa Yuda,
34 ilma Yaaqoob, ilma Yisihaaq, ilma Abrahaam, ilma Taaraa, ilma Naahoor,
mwana wa Yakobo, mwana wa Isake, mwana wa Abrahamu, mwana wa Tera, mwana wa Nakoro,
35 ilma Seruug, ilma Reʼuu, ilma Feleg, ilma Eeber, ilma Saalaa,
mwana wa Serugi, mwana wa Reu, mwana wa Pelegi, mwana wa Eberi, mwana wa Sela,
36 ilma Qaayinaam ilma Arfaaksaad, ilma Seem, ilma Nohi, ilma Laamehi,
mwana wa Kainane, mwana wa Arfaksadi, mwana wa Semu, mwana wa Nowa, mwana wa Lameki,
37 ilma Matuuselaa, ilma Henook, ilma Yaared, ilma Mahalaleel, ilma Keenaan,
mwana wa Metusela, mwana wa Enoki, mwana wa Yaredi mwana wa Malaleeli, mwana wa Kainane,
38 ilma Enoos, ilma Seeti, ilma Addaam, ilma Waaqaa.
mwana wa Enosi, mwana wa Seti, mwana wa Adamu, mwana wa Mulungu.

< Luqaas 3 >