< Luqaas 20 >
1 Gaaf tokko utuu Yesuus mana qulqullummaa keessatti namoota barsiisuu, utuu wangeelas lallabuu luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa maanguddoota wajjin gara isaa dhufan.
And it came to pass, on one of those days, He teaching the people in the temple, and preaching the gospel, the priests, and scribes, along with the elders stood up against Him;
2 Isaanis, “Ati akka taayitaa maaliitiin waan kana hojjettu nutti himi. Eenyutu taayitaa kana siif kenne” jedhan.
and they spoke to Him, saying, Tell us by what authority you are doing these things? Who is the one having given you this authority?
3 Innis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isin immoo natti himaa:
And responding He said to them, I will ask you one word; and you tell me:
4 Cuuphaan Yohannis samii irraa dhufe moo nama biraa dhufe?”
Was the baptism of John from heaven, or from men?
5 Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne inni immoo, ‘Isin maaliif isa hin amanin ree?’ jedhee nu gaafata.
And they reason among themselves saying, If we may say it is from heaven; He will say, Why did you not believe on him?
6 Yoo nu, ‘Nama biraa dhufe’ jenne garuu namoonni hundinuu akka Yohannis raajii taʼe waan amananiif dhagaadhaan nu tumu.”
And if we may say, From men; all the people will stone us: for they are persuaded that John was a prophet.
7 Kanaaf isaan, “Inni eessaa akka dhufe nu hin beeknu” jedhan.
And they responded, We do not know whence it is.
8 Yesuus immoo, “Anis taayitaa maaliitiin akkan waan kana hojjedhu isinitti hin himu” jedheen.
And Jesus said to them, Neither do I tell you by what authority I am doing these things.
9 Innis akkana jedhee fakkeenya kana namootatti himuu jalqabe; “Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbatee, qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqee yeroo dheeraa ture.
And He began to speak to the people this parable, A man planted a vineyard and gave it out to husbandmen, and went away a long time.
10 Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka isaan ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa kennaniif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate. Qottuuwwan sun garuu tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan.
And in season he sent a servant to the husbandmen that they might give to him of the fruit of the vineyard, and the husbandmen beating him, sent him away empty.
11 Innis garbicha biraa ergate; isaan garuu isas tumanii, qaanessaniis harka duwwaa of irraa isa deebisan.
And he proceeded to send to them another servant, and they beating and dishonoring him sent him away empty.
12 Amma illee garbicha sadaffaa ergate; isaan immoo isas madeessanii gad isa darbatan.
And he proceeded to send a third: and wounding him, they cast him out also.
13 “Ergasii abbichi iddoo dhaabaa wayinii, ‘Maal gochuu naa wayya? Kaʼeen ilma koo jaallatamaa itti erga; tarii isa ni kabaju taʼaatii’ jedhe.
And the lord of the vineyard said, What shall I do? I will send my own beloved son: perchance seeing, they will reverence him.
14 “Qottoonni sun garuu yommuu isa arganitti, ‘Dhaaltuun isa kana; kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun kan keenya taʼaatii’ jedhanii walii wajjin dudubbatan.
And the husbandmen, seeing him, reasoned among themselves saying, This is the heir; let us kill him, in order that the inheritance may be ours.
15 Kanaafuu isaan iddoo dhaabaa wayinii keessaa gad baasanii isa ajjeesan. “Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa maal isaan godhinna laata?
And casting him out from the vineyard they slew him; what then will the lord of the vineyard do?
16 Inni dhufee qottuuwwan sana ni ajjeesa; iddoo dhaabaa wayinii sanas namoota biraatti kennata.” Namoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Waaqni waan kana hin fidin!” jedhan.
He will come and destroy those husbandmen, and will give the vineyard to others. And hearing, they said, Let it not be so.
17 Yesuusis isaan ilaalee, akkana jedhe; “Egaa inni, “‘Dhagaan ijaartonni tuffatan dhagaa golee taʼeera jedhamee barreeffame maal jechuu isaati ree’?
And looking upon them, He said, What is that which has been written, The stone which the builders rejected, the same has come to be the head of the corner.
18 Namni dhagaa sana irratti kufu hundinuu caccabee bututa; namni dhagichi irratti kufu kam iyyuu ni daakama.”
Every one having fallen on that stone will be dashed to pieces; and on whomsoever it may fall, it will grind him to powder.
19 Barsiistonni seeraatii fi luboonni hangafoonni akka inni fakkeenya kana isaaniin mormuun dubbate waan beekaniif yeruma sana isa qabuu barbaadan. Garuu namoota sana sodaatan.
And the chief priests and scribes sought to lay hands on Him at this hour, and feared the people; for they knew that He spoke this parable against them.
20 Jarris isa gaadaa, akka isaan waan inni dubbatuun isa qabanii dabarsanii humnaa fi taayitaa bulchaatti isa kennaniif jedhanii basaastota nama nagaa of fakkeessan ergan.
And laying in wait for Him, they sent sharpers, feigning themselves to be righteous, that they might catch his word, in order to turn Him over to the government and authority of the proconsul.
21 Basaastonni sunis akkana jedhanii isa gaafatan; “Yaa Barsiisaa, nu akka ati waan qajeelaa dubbatuu fi waanuma qajeelaa barsiiftu, akkasumas akka ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiisuu malee nama wal hin caalchifne beekna.
They asked Him saying, Teacher, we know that thou dost speak and teach correctly; and thou dost not receive the face; but thou dost teach the way of God in truth:
22 Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?”
is it lawful for us give tribute to Caesar, or not?
23 Inni garuu haxxummaa isaanii argee akkana isaaniin jedhe;
And He knowing their rascality, said to them, Why tempt ye me?
24 “Mee diinaarii tokko natti argisiisaa. Fakkii fi katabbii eenyuutu isa irra jira?” Isaanis, “Kan Qeesaar” jedhanii deebisan.
Show me the denarion. Whose image and superscription has it? And they responding said, Caesar's.
25 Kana irratti inni, “Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen.
And He said to them, Therefore render unto Caesar the things which are Caesar's, and unto God the things which are God's.
26 Isaanis waan inni dubbateen fuula namootaa duratti isa qabuu hin dandeenye. Deebii isaas dinqisiifatanii calʼisan.
And they were not able to criticise His word before the people: and being astonished at His answer, they were silent.
27 Saduuqota duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan keessaa tokko tokko waa gaafachuuf jedhanii gara Yesuus dhufan;
And certain ones of the Sadducees, who deny that there is a resurrection, coming forward asked Him,
28 akkanas jedhan; “Yaa Barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe, akka namichi sun niitii sana dhaalee ijoollee dhalchee obboleessa isaatiif sanyii dabarsu Museen nuu barreesseera.
saying, Teacher, Moses wrote to us, That if the brother of any one may die having a wife, and the same may die childless, that his brother must take his wife and raise up seed to his brother.
29 Kunoo obboloota torbatu ture. Inni hangafni niitii fuudhee ijoollee malee duʼe.
Then there were seven brothers; and the first receiving a wife died childless.
31 inni sadaffaanis ishee fuudhan; haaluma wal fakkaatuun isaan torbanuu utuu ijoollee hin dhalchin duʼan.
and the third received her, and likewise also the seven; they left no children and died.
32 Dhuma irratti dubartittiinis ni duute.
Last of all the woman also died.
33 Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”
Therefore in the resurrection of which one of them is she the wife? for the seven had her a wife.
34 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Namoonni addunyaa kanaa ni fuudhu; ni heerumus. (aiōn )
And responding Jesus said to them, The sons of this age marry and are given in marriage, (aiōn )
35 Warri addunyaa dhufuuf jiruu fi duʼaa kaʼuu keessatti hirmaachuun isaanii malu garuu hin fuudhan; hin heerumanis. (aiōn )
but those counted worthy to attain that age and the resurrection, which is from the dead, (aiōn )
36 Isaan waan akka ergamootaa taʼaniif deebiʼanii hin duʼan; waan ijoollee duʼaa kaʼuu taʼaniifis isaan ijoollee Waaqaa ti.
neither marry nor are given in marriage; for they are not able yet to die; for they are like the angels, and sons of God, being sons of the resurrection.
37 Garuu Museen iyyuu seenaa waaʼee daggalaa keessatti akka warri duʼan duʼaa kaʼan argisiiseera; inni Gooftaadhaan, ‘Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’jedhee waamaatii.
But that the dead are raised, Moses also mentioned at the Bush, when he says; The Lord, the God of Abraham, and the God of Isaac, and the God of Jacob.
38 Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti; hundinuu isaaf jiraatoodhaatii.”
He is not the God of the dead but of the living; for all live unto Him.
39 Barsiistota seeraa keessaa tokko tokko, “Yaa Barsiisaa, dhugaa jette!” jedhanii deebisan.
And certain of the scribes responding said; Teacher, you spoke beautifully.
40 Namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
And they no longer dared to ask Him anything.
41 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isaan akkamitti Kiristoosilma Daawit jechuu dandaʼu?
And He said to them; How do they say that the Christ is the son of David?
42 Daawit mataan isaa iyyuu kitaaba faarfannaa keessatti akkana jedha; “‘Gooftichi Gooftaa kootiin akkana jedhe; “Karaa mirga koo taaʼi;
And David himself says in the Book of the Psalms, The Lord said to my Lord, Sit thou on my right hand,
43 hamma ani diinota kee, ejjeta miilla keetii siif godhutti.”’
until I may make thine enemies the footstool of thy feet.
44 Daawit ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”
Therefore David calls Him Lord, and how is He his son?
45 Utuu namoonni hundinuu isa dhagaʼaa jiranuu, Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe;
And all the people hearing, He said to His disciples,
46 “Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu, manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu.
Beware of the scribes, wishing to walk about in robes, and loving salutations in the forums, and the first seats in the synagogues, and the first couches at the suppers,
47 Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis kadhannaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.”
Who devour the houses of the widows, and pray long through pretext; they shall receive the greater judgment.