< Luqaas 2 >
1 Bara sana keessa akka addunyaan Roomaa hundi galmeeffamuuf Awugisxoos Qeesaar biraa labsiin baʼe.
Now in those days a decree went out from Caesar Augustus that a census should be taken of the whole empire.
2 Lakkoobsi sabaa kunis bara Qereenewoos bulchaa biyya Sooriyaa turetti yeroo jalqabaatiif taasifame.
This was the first census to take place while Quirinius was governor of Syria.
3 Namni hundinuu galmeeffamuuf gara magaalaa itti dhalatee dhaqe.
And everyone went to his own town to register.
4 Yoosefis manaa fi sanyii Daawit keessaa waan dhalateef magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessaatii kaʼee gara magaalaa Daawit ishee Yihuudaa keessaa kan Beetlihem jedhamtuutti ol baʼe.
So Joseph also went up from Nazareth in Galilee to Judea, to the city of David called Bethlehem, since he was from the house and line of David.
5 Innis kaadhima isaa Maariyaam ishee ulfa turte sana wajjin galmeeffamuu dhaqe.
He went there to register with Mary, who was pledged to him in marriage and was expecting a child.
6 Utuma isaan achi jiranuus yeroon daʼumsa ishee gaʼe.
While they were there, the time came for her Child to be born.
7 Isheenis ilma ishee isa hangafa deesse. Waan mana bultii keessummootaa keessa iddoon hin jiraatiniif huccuudhaan martee bidiruu keessa isa ciibsite.
And she gave birth to her firstborn, a Son. She wrapped Him in swaddling cloths and laid Him in a manger, because there was no room for them in the inn.
8 Tiksoota halkan halkan ala bulanii bushaayee isaanii tikfatanitu biyya sana ture.
And there were shepherds residing in the fields nearby, keeping watch over their flocks by night.
9 Ergamaan Gooftaa isaanitti mulʼate; ulfinni Gooftaas naannoo isaaniitti ibse; isaanis akka malee sodaatan.
Just then an angel of the Lord stood before them, and the glory of the Lord shone around them, and they were terrified.
10 Ergamaan sun garuu akkana isaaniin jedhe; “Hin sodaatinaa. Kunoo, ani oduu gaarii baayʼee nama gammachiisu kan saba hundumaaf taʼu isinii fideeraatii.
But the angel said to them, “Do not be afraid! For behold, I bring you good news of great joy that will be for all the people:
11 Harʼa magaalaa Daawit keessatti fayyisaan isiniif dhalateera; innis Kiristoos Goofticha.
Today in the city of David a Savior has been born to you. He is Christ the Lord!
12 Kunis mallattoo isiniif taʼa: Daaʼima huccuudhaan maramee bidiruu keessa ciisu tokko ni argitu.”
And this will be a sign to you: You will find a baby wrapped in swaddling cloths and lying in a manger.”
13 Ergamaa sana wajjinis raayyaan samii irraa baayʼeen akkuma tasaa mulʼatanii Waaqa galateeffachaa akkana jedhan;
And suddenly there appeared with the angel a great multitude of the heavenly host, praising God and saying:
14 “Samii gubbaatti ulfinni Waaqaaf, lafa irrattis nagaan namoota inni itti gammaduuf haa taʼu.”
“Glory to God in the highest, and on earth peace to men on whom His favor rests!”
15 Erga Ergamoonni tiksoota dhiisanii gara samiitti ol baʼanii booddee tiksoonni sun, “Kottaa Beetlihemin dhaqnee waan taʼe kan Gooftaan nutti hime kana ilaalaa” waliin jedhan.
When the angels had left them and gone into heaven, the shepherds said to one another, “Let us go to Bethlehem and see this thing that has happened, which the Lord has made known to us.”
16 Isaanis dafanii dhaqanii Maariyaamii fi Yoosefin, daaʼima bidiruu keessa ciisus argan.
So they hurried off and found Mary and Joseph and the Baby, who was lying in the manger.
17 Yommuu isa arganitti waan waaʼee mucichaa isaanitti himame sana odeessan;
After they had seen the Child, they spread the message they had received about Him.
18 warri waan kana dhagaʼan hundinuu waan tiksoonni isaanitti himan sana ni dinqifatan.
And all who heard it were amazed at what the shepherds said to them.
19 Maariyaam garuu waan kana hunda garaatti qabattee itti yaadaa turte.
But Mary treasured up all these things and pondered them in her heart.
20 Tiksoonnis sababii waan dhagaʼanii fi arganiitiif Waaqaaf ulfina kennaa, isa jajachaas deebiʼan; wanni hundinuu akkuma isaanitti himame sana tureetii.
The shepherds returned, glorifying and praising God for all they had heard and seen, which was just as the angel had told them.
21 Innis guyyaa saddeettaffaatti, akkuma yeroon dhagna qabaa isaa gaʼeen maqaa utuu haati isaa iyyuu isa hin ulfaaʼiniin dura ergamaan Waaqaa isaaf baaseen Yesuus jedhamee moggaafame.
When the eight days until His circumcision had passed, He was named Jesus, the name the angel had given Him before He had been conceived.
22 Akka Seera Museetti yeroon qulqullaaʼummaa isaanii geenyaan Yoosefii fi Maariyaam daaʼima sana Gooftaa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isa fudhatanii Yerusaalemitti ol baʼan.
And when the time of purification according to the Law of Moses was complete, His parents brought Him to Jerusalem to present Him to the Lord
23 Akkuma Seera Gooftaa keessatti barreeffametti, “Dhiirri hangafni hundinuu gooftaaf ni qulqulleeffama.”
(as it is written in the Law of the Lord: “Every firstborn male shall be consecrated to the Lord”),
24 Isaanis akkuma Seerri Gooftaa jedhutti, “Gugee lama yookaan gugee sosookkee lama” aarsaa dhiʼeessuu dhaqan.
and to offer the sacrifice specified in the Law of the Lord: “A pair of turtledoves or two young pigeons.”
25 Kunoo, namichi qajeelaan Waaqa sodaatu kan maqaan isaa Simiʼoon jedhamu tokko Yerusaalem keessa ture. Innis jajjabeeffama Israaʼel eeggachaa ture; Hafuurri Qulqulluunis isa irra ture.
Now there was a man in Jerusalem named Simeon, who was righteous and devout. He was waiting for the consolation of Israel, and the Holy Spirit was upon him.
26 Hafuurri Qulqulluunis akka inni utuu Kiristoos Goofticha hin argin hin duune isatti mulʼisee ture.
The Holy Spirit had revealed to him that he would not see death before he had seen the Lord’s Christ.
27 Innis Hafuuraan qajeelfamee mana qulqullummaa seene. Abbaa fi haati Yesuus yommuu akka duudhaa seerichaatti waan barbaachisu isaaf guutuuf jedhanii Yesuus mucicha baadhatanii ol seenanitti,
Led by the Spirit, he went into the temple courts. And when the parents brought in the child Jesus to do for Him what was customary under the Law,
28 Simiʼoon fuudhee isa hammatee akkana jedhee Waaqa galateeffate:
Simeon took Him in his arms and blessed God, saying:
29 “Yaa Gooftaa, akkuma dubbii keetiitti, ati garbicha kee amma nagaan geggeessis.
“Sovereign Lord, as You have promised, You now dismiss Your servant in peace.
30 Iji koo fayyina kee isa ati
For my eyes have seen Your salvation,
31 saba hundumaa duratti qopheessite argeera;
which You have prepared in the sight of all people,
32 innis mulʼata Namoota Ormaatiif ifa; saba kee Israaʼeliif immoo ulfina.”
a light for revelation to the Gentiles, and for glory to Your people Israel.”
33 Abbaa fi haati isaas waan waaʼee isaa dubbatame sana ni dinqifatan.
The Child’s father and mother were amazed at what was spoken about Him.
34 Simiʼoonis isaan eebbise; haadha daaʼima sanaa Maariyaamiinis akkana jedhe; “Daaʼimni kun Israaʼel keessatti kufaatiidhaa fi kaʼumsa namoota baayʼeetiif sababii, mormii isa irratti dubbatamuufis mallattoo akka taʼu murteeffameera;
Then Simeon blessed them and said to His mother Mary: “Behold, this Child is appointed to cause the rise and fall of many in Israel, and to be a sign that will be spoken against,
35 kunis akka yaadni garaa namoota baayʼee ifatti baʼuuf. Goraadeen lubbuu kee ni waraana.”
so that the thoughts of many hearts will be revealed— and a sword will pierce your soul as well.”
36 Gosa Aasheer keessaas raajittii Haannaa jedhamtu tokkotu ture. Isheenis intala Faanuʼel turte; baayʼees jaartee turte; dhirsa ishee kan durbummaadhaan itti heerumte wajjin waggaa torba jiraatte;
There was also a prophetess named Anna, the daughter of Phanuel, of the tribe of Asher, who was well along in years. She had been married for seven years,
37 isheenis hamma umuriin ishee waggaa 84 guuteetti haadha hiyyeessaa taatee jiraatte. Utuu mana qulqullummaatii hin dhabaminis soomaa fi kadhannaadhaan halkanii guyyaa waaqeffachaa turte.
and then was a widow to the age of eighty-four. She never left the temple, but worshiped night and day, fasting and praying.
38 Yeruma sanas isaanitti dhiʼaattee Waaqaaf galata galchite; warra furama Yerusaalem eeggachaa turan hundattis waaʼee daaʼima sanaa odeessite.
Coming forward at that moment, she gave thanks to God and spoke about the Child to all who were waiting for the redemption of Jerusalem.
39 Yoosefii fi Maariyaamis waan seerri Gooftaa ajaju hunda raawwatanii gara Galiilaatti gara magaalaa isaanii Naazreetitti deebiʼan.
When Jesus’ parents had done everything required by the Law of the Lord, they returned to Galilee, to their own town of Nazareth.
40 Mucichis guddatee jabaachaa deeme; ogummaadhaanis ni guutame; ayyaanni Waaqaas isa irra ture.
And the Child grew and became strong. He was filled with wisdom, and the grace of God was upon Him.
41 Abbaa fi haati isaa wagguma waggaan Ayyaana Faasiikaatiif jedhanii Yerusaalem dhaqaa turan.
Every year His parents went to Jerusalem for the Feast of the Passover.
42 Yommuu umuriin mucaa sanaa waggaa kudha lama guutettis akkuma sirna Ayyaanichaatti Yerusaalemitti ol baʼan.
And when He was twelve years old, they went up according to the custom of the Feast.
43 Erga ayyaanichi raawwatee booddee utuu abbaa fi haati isaa gara mana isaaniitti deebiʼaa jiranuu, Yesuus mucichi Yerusaalemitti isaan biraa hafe; isaan garuu waan kana hin hubanne.
When those days were over and they were returning home, the boy Jesus remained behind in Jerusalem, but His parents were unaware He had stayed.
44 Isaanis waan inni miiltoo isaanii wajjin jiru seʼanii guyyaa tokko deeman. Ergasiis firoota isaaniitii fi michoota isaanii keessa isa barbaaduu jalqaban.
Assuming He was in their company, they traveled on for a day before they began to look for Him among their relatives and friends.
45 Yommuu isa dhabanittis, isa barbaaduuf Yerusaalemitti deebiʼan.
When they could not find Him, they returned to Jerusalem to search for Him.
46 Guyyaa sadii booddee utuu inni barsiistota gidduu taaʼee isaan dhaggeeffatuu, gaaffiis isaan gaafatuu mana qulqullummaa keessatti isa argatan.
Finally, after three days they found Him in the temple courts, sitting among the teachers, listening to them and asking them questions.
47 Warri isa dhagaʼan hundinuus hubannaa isaatii fi deebii inni kennu ni dinqifatan.
And all who heard Him were astounded at His understanding and His answers.
48 Abbaa fi haati isaas yommuu isa arganitti ni raajeffatan. Haati isaas, “Gurbaa, maaliif akkana nu goote? Kunoo, anii fi abbaan kee yaaddoo guddaadhaan si barbaadaa turree!” jetteen.
When His parents saw Him, they were astonished. “Child, why have You done this to us?” His mother asked. “Your father and I have been anxiously searching for You.”
49 Innis deebisee, “Maaliif na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kootti argamuu qabu hin beekne moo?” isaaniin jedhe.
“Why were you looking for Me?” He asked. “Did you not know that I had to be in My Father’s house?”
50 Isaan garuu dubbii inni isaanitti dubbate hin hubanne.
But they did not understand the statement He was making to them.
51 Innis isaan wajjin Naazreetitti gad buʼe; isaaniifis ni ajajama ture. Haati isaa garuu waan kana hunda garaatti qabatte.
Then He went down to Nazareth with them and was obedient to them. But His mother treasured up all these things in her heart.
52 Yesuusis ogummaadhaan, hojjaa fi surraadhaan fuula Waaqaatii fi fuula namaa duratti guddachaa deeme.
And Jesus grew in wisdom and stature, and in favor with God and man.