< Luqaas 18 >

1 Yesuusis akka isaan yeroo hunda kadhachuu qabanii fi akka isaan abdii hin kutanne isaan barsiisuuf jedhee fakkeenya tokko barattoota isaatti hime.
Dicebat autem et parabolam ad illos, quoniam oportet semper orare et non deficere,
2 Innis akkana jedhe; “Magaalaa tokko keessa abbaa murtii kan Waaqa hin sodaanne, namas kan hin kabajne tokkotu ture.
dicens: Iudex quidam erat in quadam civitate, qui Deum non timebat, et hominem non reverebatur.
3 Haati hiyyeessaa tokkos magaalaa sana keessa turte; isheenis, ‘Diina koo irratti murtii qajeelaa naa kenni’ jettee isatti deddeebiʼaa turte.
Vidua autem quaedam erat in civitate illa, et veniebat ad eum, dicens: Vindica me de adversario meo.
4 “Innis yeroo gabaabaaf didee ture; ergasii garuu akkana jedhee garaa isaatti yaade; ‘Ani yoon Waaqa hin sodaanne illee, yoon namas hin kabajne illee,
Et nolebat per multum tempus. Post haec autem dixit intra se: Etsi Deum non timeo, nec hominem revereor:
5 sababii niitiin kun deddeebitee na rakkiftuuf murtii qajeelaa nan kennaaf; yoo kanaa achii deddeebitee na dadhabsiifti.’”
tamen quia molesta est mihi haec vidua, vindicabo illam, ne in novissimo veniens suggilet me.
6 Gooftaanis akkana jedhe; “Egaa waan abbichii murtii dabaan sun jedhu dhagaʼaa;
Ait autem Dominus: Audite quid iudex iniquitatis dicit:
7 Waaqni immoo filatamtoota isaa warra halkanii guyyaa gara isaatti iyyataniif murtii qajeelaa hin kennuu? Isaan duraa tursaa ree?
Deus autem non faciet vindictam electorum suorum clamantium ad se die ac nocte, et patientiam habebit in illis?
8 Ani isinittin hima; inni dafee murtii qajeelaa kennaaf; garuu Ilmi Namaa gaafa dhufu lafa irratti amantii ni argataa?”
Dico vobis quia cito faciet vindictam illorum. Verumtamen Filius hominis veniens, putas, inveniet fidem in terra?
9 Yesuusis namoota qajeelummaa ofiitti amananii warra kaan immoo tuffatanitti akkana jedhee fakkeenya kana hime.
Dixit autem et ad quosdam, qui in se confidebant tamquam iusti, et aspernabantur ceteros, parabolam istam dicens:
10 “Namoonni lama Waaqa kadhachuuf gara mana qulqullummaatti ol baʼan; isaanis Fariisicha tokkoo fi nama qaraxa walitti qabu tokko turan.
Duo homines ascendebant in templum ut orarent: unus Pharisaeus, et alter publicanus.
11 Fariisichi kaʼee dhaabatee, waaʼee mataa isaa akkana jedhee kadhate; ‘Yaa Waaqayyo, ani akka namoota kaanii jechuunis akka saamtotaa, jalʼootaa fi sagaagaltootaa keessumattuu waan akka namicha qaraxa walitti qabu kanaa hin taʼiniif sin galateeffadha.
Pharisaeus stans, haec apud se orabat: Deus gratias ago tibi, quia non sum sicut ceteri hominum: raptores, iniusti, adulteri: velut etiam hic publicanus.
12 Ani torbanitti yeroo lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa irraas harka kudhan keessaa tokko nan kenna.’
ieiuno bis in sabbato: decimas do omnium, quae possideo.
13 “Namichi qaraxa walitti qabu sun garuu fagoo dhaabate, qoma isaa dhadhaʼaa, ‘Yaa Waaqayyo, ani nama cubbamaadhaatii naa naʼi!’ jedhe malee ija isaatiin illee ol jedhee gara samii hin ilaalle.
Et publicanus a longe stans, nolebat nec oculos ad caelum levare: sed percutiebat pectus suum, dicens: Deus propitius esto mihi peccatori.
14 “Ani isinittin hima; namichi kun namicha duraa irra fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼee mana isaatti gale. Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu garuu ol qabama.”
Dico vobis, descendit hic iustificatus in domum suam ab illo, quia omnis, qui se exaltat, humiliabitur: et qui se humiliat, exaltabitur.
15 Namoonni akka inni harka isaan irra kaaʼuuf daaʼimmanis Yesuusitti fidaa turan. Barattoonni garuu yommuu waan kana arganitti isaan ifatan.
Afferebant autem ad illum et infantes, ut eos tangeret. Quod cum viderent discipuli, increpabant illos.
16 Yesuus garuu ijoollee sana ofitti waamee akkana jedhe; “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Waaqaa kan warra akkanaatii.
Iesus autem convocans illos, dixit: Sinite pueros venire ad me, et nolite vetare eos. talium est enim regnum Dei.
17 Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Waaqaa hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu.”
Amen dico vobis: Quicumque non acceperit regnum Dei sicut puer, non intrabit in illud.
18 Bulchaan tokko, “Yaa Barsiisaa gaarii, ani jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?” jedhee isa gaafate. (aiōnios g166)
Et interrogavit eum quidam princeps, dicens: Magister bone, quid faciens vitam aeternam possidebo? (aiōnios g166)
19 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ati maaliif gaarii naan jetta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru.
Dixit autem ei Iesus: Quid me dicis bonum? nemo bonus nisi solus Deus.
20 Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’”
Mandata nosti: Non occides: Non moechaberis: Non furtum facies: Non falsum testimonium dices: Honora patrem tuum, et matrem.
21 Namichis, “Ani ijoollummaa kootii jalqabee ajajawwan kanneen hunda eegeera” jedhe.
Qui ait: Haec omnia custodivi a iuventute mea.
22 Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Amma illee waan tokkotu si duraa hirʼata; waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedheen.
Quo audito, Iesus ait ei: Adhuc unum tibi deest: omnia quaecumque habes vende, et da pauperibus, et habebis thesaurum in caelo: et veni, sequere me.
23 Inni yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee gadde; akka malee sooressa tureetii.
His ille auditis, contristatus est: quia dives erat valde.
24 Yesuusis isa ilaalee akkana jedhe; “Mootummaa Waaqaatti galuun sooreyyiif akkam rakkisaa dha!
Videns autem Iesus illum tristem factum, dixit: Quam difficile, qui pecunias habent, in regnum Dei intrabunt!
25 Dhugumaan namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.”
Facilius est enim camelum per foramen acus transire, quam divitem intrare in regnum Dei.
26 Warri waan kana dhagaʼanis, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan.
Et dixerunt qui audiebant: Et quis potest salvus fieri?
27 Yesuusis, “Wanni namaaf hin dandaʼamne, Waaqaaf ni dandaʼama” jedhee deebise.
Ait illis: Quae impossibilia sunt apud homines, possibilia sunt apud Deum.
28 Phexrosis, “Kunoo, nu waan qabnu hunda dhiifnee si duukaa buuneerra” jedheen.
Ait autem Petrus: Ecce nos dimisimus omnia et secuti sumus te.
29 Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii mootummaa Waaqaatiif jedhee mana yookaan niitii yookaan obboloota yookaan haadhaa fi abbaa yookaan ijoollee dhiisee,
Qui dixit eis: Amen dico vobis, nemo est, qui reliquit domum, aut parentes, aut fratres, aut uxorem, aut filios propter regnum Dei,
30 bara kana keessa dachaa baayʼee, bara dhufuuf jiru keessa immoo jireenya bara baraa utuu hin argatin hafu tokko iyyuu hin jiru.” (aiōn g165, aiōnios g166)
et non recipiat multo plura in hoc tempore, et in saeculo venturo vitam aeternam. (aiōn g165, aiōnios g166)
31 Yesuus warra kudha lamaan kophaatti baasee akkana jedheen; “Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; wanni raajonni waaʼee Ilma Namaa barreessan hundinuus ni raawwatama.
Assumpsit autem Iesus duodecim, et ait illis: Ecce ascendimus Ierosolymam, et consummabuntur omnia, quae scripta sunt per prophetas de Filio hominis.
32 Inni dabarfamee Namoota Ormaatti ni kennama. Isaanis isatti qoosu; isa arrabsu; isatti tufu; isa garafu; isa ajjeesus.
tradetur enim Gentibus, et illudetur, et flagellabitur, et conspuetur:
33 Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaʼa.”
et postquam flagellaverint, occident eum, et tertia die resurget.
34 Barattoonni garuu waan kana hunda keessaa tokko illee hin hubanne; hiikkaan isaas isaan duraa dhokfamee ture. Inni maal akka dubbachaa tures isaaniif hin galle.
Et ipsi nihil horum intellexerunt, et erat verbum istud absconditum ab eis, et non intelligebant quae dicebantur.
35 Yeroo Yesuus Yerikootti dhiʼaatetti, namichi jaamaan tokko qarqara karaa taaʼee kadhachaa ture.
Factum est autem, cum appropinquaret Iericho, caecus quidam sedebat secus viam, mendicans.
36 Innis akka tuunni namootaa karaa sana darbaa jiru dhageenyaan, waan taʼaa ture gaafate.
Et cum audiret turbam praetereuntem, interrogabat quid hoc esset.
37 Isaanis, “Yesuus nama Naazreetitu asiin darbaa jira” jedhanii isatti himan.
Dixerunt autem ei, quod Iesus Nazarenus transiret.
38 Innis, “Yesuus, yaa ilma Daawit, na maari!” jedhee iyye.
Et clamavit, dicens: Iesu fili David miserere mei.
39 Namoonni fuula dura deemaa turanis akka inni calʼisuuf isa ifatan; inni garuu, “Yaa ilma Daawit na maari!” jedhee ittuma caalchisee iyye.
Et qui praeibant, increpabant eum ut taceret. Ipse vero multo magis clamabat: Fili David miserere mei.
40 Yesuusis dhaabatee akka isaan namicha gara isaa fidan ajaje. Yommuu inni gara isaatti dhiʼaatetti Yesuus akkana jedhee isa gaafate;
Stans autem Iesus iussit illum adduci ad se. Et cum appropinquasset, interrogavit illum,
41 “Akka ani maal siif godhu barbaadda?” Namichis, “Yaa Gooftaa, ani arguun barbaada” jedhee deebise.
dicens: Quid tibi vis faciam? At ille dixit: Domine ut videam.
42 Yesuusis, “Argi; amantiin kee si fayyiseeraa” jedheen.
Et Iesus dixit illi: Respice, fides tua te salvum fecit.
43 Innis yeruma sana argee Waaqa jajachaa Yesuus duukaa buʼe. Namoonni hundinuus yommuu waan kana arganitti Waaqa jajan.
Et confestim vidit, et sequebatur illum magnificans Deum. Et omnis plebs ut vidit, dedit laudem Deo.

< Luqaas 18 >