< Luqaas 15 >
1 Gaaf tokko warri qaraxa fuudhanii fi cubbamoonni hundi Yesuusin dhaggeeffachuudhaaf isa biratti walitti qabamaa turan.
Basi watoza ushuru wote na wengine wenye dhambi walikuja kwa Yesu na kumsikiliza.
2 Fariisonnii fi barsiistonni seeraa garuu, “Namichi kun cubbamoota simata; isaan wajjinis ni nyaata” jedhanii guunguman.
Mafarisayowaote na waandishi wakanung'unika wakisema, “Mtu huyu huwakaribisha wenye dhambi na hata hula nao.”
3 Yesuusis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime;
Yesu akasema mfano huu kwao, akisema
4 “Isin keessaa namni hoolota dhibba qabu tokko yoo hoolaan tokko jalaa bade, hoolota sagaltamii sagallan kaan lafa tikaatti dhiisee hamma hoolaa bade sana argatutti kan barbaaduu hin deemne eenyu?
“Nani kwenu, kama ana kondoo mia moja na akipotelewa na mmoja wao, hatawaacha wale tisini na tisa nyikani, na aende akamtafute yule aliyepotea hadi amwone?
5 Yommuu argatus gammadee gatiittii isaa irratti baatee,
Naye akisha kumpata humweka mabegani pake na kufurahia.
6 mana isaatti gala. Innis michoota isaatii fi olloota isaa walitti waamee, ‘Ani hoolaa koo kan bade sana argadheeraatii na wajjin gammadaa’ jedha.
Afikapo kwenye nyumba, huwaita rafiki zake na jirani zake akawaambia furahini pamoja nami, kwa kuwa nimempata kondoo wangu aliyepotea.'
7 Ani isinittin hima; sababii qajeeltota qalbii jijjiirrachuun isaan hin barbaachifne sagaltamii sagalii irra sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif samii keessatti gammachuun guddaan akkasuma ni taʼa.
nawaambia vivyo hivyo kutakuwa na furaha mbinguni kwa ajili ya mwenye dhambi mmoja atubuye, zaidi ya wenye haki tisini na tisa ambao hawana haja ya kutubu
8 “Yookaan mee dubartii saantima meetii kudhan qabdu jalaa tokko badeera haa jennuu; isheen ibsaa qabsiifattee, manas hartee hamma saantima sana argatutti jabeessitee hin barbaaddattuu?
Au kuna mwanamke gani mwenye sarafu kumi za fedha, akipotewa na sarafua moja, hata washa taa na kufagia nyumba na kutafuta kwa bidii hadi atakapoipata?
9 Isheenis yommuu argatutti michoota isheetii fi olloota ishee walitti waamtee, ‘Ani saantima koo kan bade sana argadheeraatii na wajjin gammadaa’ jetti.
Na akiisha kuiona huwaita rafiki zake na jirani zake akawaambia furahini pamoja nami, kwa kuwa nimeipata tena sarafu yangu niliyokua nimeipoteza.
10 Ani isinittin hima; sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif ergamoonni Waaqaa akkasuma ni gammadu.”
Hata hivyo nawaambia kuna furaha mbele ya malaika wa Mungu kwa ajili ya mwenye dhambi mmoja atubuye.”
11 Yesuus ittuma fufee akkana jedhe; “Namicha ilmaan lama qabu tokkotu ture.
Na Yesu akasema, “Mtu mmoja alikua na wana wawili
12 Ilmi quxisuun abbaa isaatiin ‘Yaa abbaa ko, qabeenya kee irraa qooda na gaʼu naa kenni’ jedhe. Abbaanis qabeenya isaa lamaan isaaniitiif ni hire.
yule mdogo akamwambia babaye, Baba nipe sehemu ya mali inayonistali kuirithi. Hivyo akagawanya mali zake kati yao.
13 “Ilmi quxisuun sunis utuu hin turin waan qabu hunda walitti qabatee biyya fagoo dhaqe; achittis qabeenya isaa jireenya bashannanuu irratti balleesse.
Siku si nyingi yule mdogo akakusanya vyote anavyomiliki akaenda nchi ya mbali, na huko akatapanya hela zake, kwa kununua vitu asivyo vihitaji, na kutapanya fedha zake kwa anasa.
14 Erga inni waan hunda fixee booddee beelli hamaan biyya sanatti buʼe; innis rakkachuu jalqabe.
Nae alipokua amekwisha tumia vyote njaa kuu iliingia nchi ile naye akaanza kuwa katika uhitaji.
15 Kanaafuu dhaqee lammiiwwan biyyasii keessaa isa tokkotti gale; namichi sunis akka inni booyyee tiksuuf lafa tikaatti isa erge.
Akaenda na kujiajiri mwenyewe kwa mmoja wa raia wa nchi ile, naye alimpeleka shambani kwake kulisha nguruwe.
16 Gurbichis qola booyyeen nyaattu sana nyaatee garaa guutachuu kajeela ture; garuu namni tokko iyyuu waa isatti hin kennu ture.
Na akawa akitamani kujishibisha kwa maganda waliyokula nguruwe kwa sababu hakuna mtu aliempa kitu chochote apate kula.
17 “Innis yommuu of beeketti akkana jedhe; ‘Tajaajiltoonni mana abbaa kootti qacaraman hammamitu buddeena gaʼee irraa hafu qaba! Ani garuu asitti beelaan nan duʼa.
Ila yule mwana mdogo alipozingatia moyoni mwake, alisema 'ni watumishi wangapi wa baba yangu wanachakula kingi cha kutosha na mimi niko hapa, ninakufa na njaa!
18 Ani kaʼeen abbaa kootti deebiʼee akkana jedhaan; “Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera.
Nitaondoka na kwenda kwa baba yangu, na kumwambia, “Baba nimekosa juu ya mbingu na mbele ya macho yako.
19 Siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu; tajaajiltoota kee keessaa akka isa tokkootti na ilaali.”’
Sistahili kuitwa mwana wako tena; nifanye kama mmoja wa watumishi wako.”
20 Innis kaʼee gara abbaa isaa dhaqe. “Garuu utuu inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee akka malee garaa laafeef; gara ilma isaattis fiigee itti marmee dhungate.
Ndipo akaondoka akaenda kwa baba yake. Alipokua angali mbali baba yake alimuona akamwonea huruma akaenda mbio na kumkumbatia na kumbusu.
21 “Gurbichis, ‘Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera; siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu’ jedheen.
Yule mwana akamwambia, 'baba nimekosa juu ya mbingu na mbele ya macho yako sistahili kuitwa mwana wako.'
22 “Abbaan isaa garuu garboota isaatiin akkana jedhe; ‘Dafaatii uffata uffata hunda caalu fidaa isatti uffisaa; quba isaatti qubeelaa, miilla isaattis kophee kaaʼaa.
Yule baba aliwaambia watumishi wake, 'lileteni upesi vazi lililo bora, mkamvike mtieni na pete kidoleni na viatu miguuni.
23 Dibicha gabbataa fidaatii qalaa; haa nyaannuu; haa gammannus.
Kisha mleteni ndama yule alienona mkamchinje tule na kufurai.
24 Ilmi koo kun duʼee tureetii; amma immoo jireenyatti deebiʼeeraa. Badees ture; amma immoo argameera.’ Isaanis gammaduu jalqaban.
Kwa kuwa mwanangu alikua amekufa naye yu hai. Alikua amepotea nae ameonekana wakaanza kushangilia.
25 “Yeroo sanatti ilmi inni hangafti lafa qotiisaa ture; innis yeroo dhufee manatti dhiʼaatetti muuziiqaa fi sirba dhagaʼe.
Basi yule mwanae mkubwa alikuwako shamba. Alipokuwa akija na kuikaribia nyumba alisikia sauti ya nyimbo na michezo.
26 Kanaafuu tajaajiltoota keessaa nama tokko waamee waan taʼaa jiru gaafate.
Akaita mtumishi mmoja akamuuliza mambo haya maana yake nini?
27 Tajaajilaan sunis deebisee, ‘Obboleessi kee galeera; abbaan kees waan ilma isaa nagaa fi fayyaadhaan argateef dibicha gabbataa qale’ jedheen.
Mtumishi akamwambia mdogo wako amekuja na baba yako amemchinjia ndama aliyenona kwa sababu amerudi salama.'
28 “Obboleessi hangafni garuu aaree ol seenuu dide; kanaaf abbaan isaa gad baʼee isa kadhate.
Mwana mkubwa akakasirika akakataa kuingia ndani na babaye alitoka nje kumsihi.
29 Inni immoo deebisee abbaa isaatiin akkana jedhe; ‘Ilaa ani waggoota kanneen hunda akkuma garbaatti siif hojjechaan ture; ajaja kee illee didee hin beeku. Ati garuu akka ani michoota koo wajjin gammaduuf takkumaa ilmoo reʼee tokko illee naa hin kennine.
Ila akamjibu babayake akisema, 'Tazama mimi nimekutumikia miaka mingi, wala sijakosa amri yako, lakini hujanipa mwana mbuzi, ili niweze kusherehekea na rafiki zangu.
30 Garuu ilmi kee inni sagaagaltoota wajjin qabeenya kee balleesse kun deebiʼee manatti gallaan dibicha gabbataa qalteef!’
Lakini alipokuja huyu mwana wako aliyetapanya mali yako yote pamoja na makahaba umemchinjia ndama alienona.
31 “Abbaan isaas akkana jedheen; ‘Yaa ilma koo ati yeroo hunda anuma wajjin jirta; wanni ani qabu hundinuus kanuma kee ti.
Baba akamwambia, 'Mwanangu, wewe u pamoja nami siku zote na vyote nilivyo navyo ni vyako.
32 Garuu obboleessi kee inni duʼee ture kun waan jireenyatti deebiʼeef nu gammaduu fi ililchuu qabna. Inni badee ture; amma immoo argameera.’”
Ila ilikua vyema kwetu kufanya sherehe na kufurahi, huyu ndugu yako alikua amekufa, na sasa yu hai; alikua amepotea naye ameonekana.”