< Luqaas 14 >

1 Guyyaa Sanbataa tokko yommuu Yesuus buddeena nyaachuuf mana Fariisicha beekamaa tokkoo dhaqetti, namoonni xiyyeeffatanii isa ilaalaa turan.
And as He went into the house of one of the chief of the pharisees to eat on the sabbath-day, and they were watching Him,
2 Namichi dhagni isaa dhiitaʼe tokkos fuula isaa dura ture.
behold, there was a certain man before Him that had a dropsy.
3 Yesuusis, “Guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun ni eeyyamama moo hin eeyyamamu?” jedhee Fariisotaa fi hayyoota seeraa gaafate.
And Jesus spake to the expounders of the law and to the pharisees, saying, Is it lawful to heal on the sabbath-day?
4 Isaan garuu ni calʼisan; innis namicha harkaan qaqqabee fayyisee gad isa lakkise.
but they made no answer. And He took him and healed him, and sent him away:
5 Innis, “Isin keessaa namni tokko yoo ilma yookaan qotiyyoo guyyaa Sanbataatiin boolla keessa buʼe qabaate, inni yeruma sana harkisee boolla keessaa hin baasuu?” jedhee isaan gaafate.
and said unto them, Which of you shall have an ass or an ox fall into a pit, and will not immediately draw him out even on the sabbath-day?
6 Isaan garuu deebii kennuu hin dandeenye.
and they were not able to answer Him again to these things.
7 Innis yommuu akka keessumoonni sun iddoo ulfinaa filatan hubatetti akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime;
And He spake a parable to those that were invited, observing how they chose the chief seats, saying unto them,
8 “Yoo namni tokko cidha fuudhaa fi heerumaatti si waame, iddoo ulfinaa hin taaʼin; tarii namni si caalaa ulfina qabu tokko waamameera taʼaatii.
When thou art invited by any one to a wedding, do not sit down in the uppermost place, least one more honorable than thou be invited by him;
9 Namichi isin lamaanuu waame sun dhufee, ‘Namicha kanaaf kaʼi’ siin jedha; atis qaanoftee dhaqxee lafa iddoo hundumaa gad taʼe teessa.
and he who invited thee and him, should come and say to thee, Give place to this person, and then thou begin with shame to take the lowest place.
10 Ati garuu yommuu waamamtu akka namichi si waame sun yeroo dhufutti, ‘Yaa michuu koo iddoo ol aanutti hiiqi’ siin jedhuuf dhaqii lafa iddoo hundumaa gad taʼe taaʼi; yoos fuula warra si wajjin maaddiitti dhiʼaatan hundumaa duratti ulfina argattaatii.
But when thou art invited, go and sit down at the lowest place, that, when he who invited thee cometh, he may say to thee, Friend, go up higher: then wilt thou have honor before them that sit at table with thee:
11 Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu hundinuu immoo ol qabama.”
for whosoever exalteth himself shall be humbled, and he that humbleth himself shall be exalted.
12 Yesuusis namicha isa waame sanaan akkana jedhe; “Ati yommuu laaqana yookaan irbaata qopheessitu michoota kee yookaan obboloota kee, yookaan firoota kee, yookaan olloota kee warra sooreyyii hin waamin; yoo akkas goote isaanis deebisanii si waamu; gatiin kees siif deebifama.
He said also to him that had invited Him, When thou makest a dinner or a supper, do not invite thy friends, nor thy brethren, nor thy kindred, nor thy rich neighbors; least they invite thee again, and so a return be made thee.
13 Garuu yommuu cidha qopheessitu hiyyeeyyii, naafa, okkolaa fi jaamaa waami.
But when thou makest a feast, invite the poor, the maimed, the lame, the blind; and thou shalt be happy;
14 Sababii isaan waan siif deebisan hin qabneef ati ni eebbifamta; gatiin kee guyyaa duʼaa kaʼuu qajeeltotaatti siif deebifamaatii.”
because they have not wherewith to requite thee: for a recompense shall be given thee at the resurrection of the just.
15 Warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaatan keessaa namichi tokko yommuu waan kana dhagaʼetti Yesuusiin, “Namni mootummaa Waaqaa keessatti maaddiitti dhiʼaatu eebbifamaa dha” jedhe.
And one of those; who sat at table with Him, hearing these things, said unto Him, Happy is he that shall eat bread in the kingdom of God.
16 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Namichi tokko cidha guddaa qopheessee keessumoota hedduu affeere.
Upon which He said, A certain man made a great supper and invited many;
17 Namichi sunis saʼaatii nyaataatti akka inni, ‘Kunoo, wanni hundinuu qopheeffameeraatii kottaa’ jedhee warra affeeraman sanatti himuuf garbicha isaa erge.
and sent his servant at supper-time to say to them that were invited, Come, for all things are now ready.
18 “Garuu isaan hundi bifuma tokkoon sababa dhiʼeeffachuu jalqaban; inni jalqabaa, ‘Ani lafa qotiisaa bitadheera; kanaafuu dhaqeen ilaaluu qabaatii maaloo na hin komatin’ jedheen.
And they all with one consent began to make excuses; the first said, I have bought a field, and I must go and see it, pray have me excused.
19 “Inni kaan, ‘Ani qotiyyoo cimdii shan bitadheera; isaan leenjisuuf deemuuttin jiraatii, maaloo na hin komatin’ jedheen.
And another said, I have bought five yoke of oxen, and am going to try them, pray have me excused.
20 “Amma illee inni kaan, ‘Ani dhiʼoon niitii fuudhe; kanaafuu dhufuu hin dandaʼu’ jedheen.
And another said, I have married a wife, and therefore I cannot come.
21 “Garbichi sunis deebiʼee waan kana gooftaa isaatti hime. Abbaan mana sanaas aaree, ‘Dafii karaa guddaa fi daandii qalʼaa magaalaatti achi baʼiitii hiyyeeyyii, naafa, jaamaa fi okkolaa fidii ol seensis’ jedhee garbicha isaa ajaje.
So the servant came and told his lord these things. Then the master of the house being angry said to his servant, Go directly into the streets and lanes of the city, and bring in hither the poor, and the maimed, and the lame, and the blind.
22 “Garbichi sunis, ‘Yaa gooftaa, wanni ati ajajje hundi raawwateera; garuu amma illee iddoon jira’ jedheen.
And the servant said, Sir, it is done according to thine order, and still there is room.
23 “Gooftichis garbicha isaatiin akkana jedhe; ‘Akka manni koo guutamuuf karaa guddaa fi daandii baadiyyaatti achi baʼiitii akka isaan ol galan dirqisiisi.
And the lord said to the servant, Go out into the high-ways and hedges, and press them to come in, that my house may be filled:
24 Ani isinittin hima; namoota waamaman sana keessaa namni tokko iyyuu maaddii koo irraa afaaniin hin qabu.’”
for I tell you, that none of those men who were invited, shall taste of my supper.
25 Namoonni baayʼeen Yesuus wajjin deemaa turan; innis garagalee akkana isaaniin jedhe;
Now there were great multitudes going along with Him:
26 “Namni gara koo dhufu kam iyyuu yoo abbaa isaatii fi haadha isaa, niitii isaatii fi ijoollee isaa, obboloota isaatii fi obboleettota isaa akkasumas lubbuu isaa illee hin jibbine inni barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
so he turned and said to them, If any man come to me, and does not comparatively hate his father, and mother, and wife, and children, and brethren, and sisters, yea and his own life too, he cannot be my disciple.
27 Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuus barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
And whosoever doth not bear his cross, and follow me, cannot be my disciple.
28 “Mee isin keessaa namni tokko gamoo ijaarrachuu barbaada haa jennuu; namichi sun gamoo sana ijaaree fixuuf horii gaʼaa qabaachuu fi qabaachuu baachuu isaa beekuuf duraan dursee taaʼee gatii isaa hin herregatuu?
For who of you that hath a mind to build a tower does not first sit down and calculate the expence, whether he hath wherewithal to perfect it?
29 Yoo kanaa achii yommuu inni hundee kaaʼee fixuu dadhabutti, namoonni argan hundi itti qoosu.
least having laid a foundation and not being able to finish,
30 Isaanis, ‘Namichi kun ijaaruu jalqabee fixuu dadhabe’ jedhu.
all that see it, should deride him, saying, this man began to build and was not able to finish.
31 “Yookaan mee mootiin tokko mootii biraa loluu dhaqa haa jennuu; inni mootii loltoota kuma digdamaan isatti dhufu tokko loltoota kuma kudhaniin of irraa loluu dandaʼuu fi dandaʼuu baachuu isaa duraan dursee taaʼee itti hin yaaduu?
Or what king, going to engage with another king in battle, doth not sit down first and consult, whether he be able with ten thousand men to meet him that cometh against him with twenty thousand?
32 Yoo hin dandeenye immoo utuu mootichi kaan isa irraa fagoo jiruu bakka buʼoota itti ergee akka nagaan buʼu kadhata.
and if not, while he is yet far off, he sendeth an embassy, and desireth conditions of peace.
33 Akkanumas isin keessaa namni waan qabu hunda hin dhiifne kam iyyuu barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
So, every one of you, that doth not give up all that he hath, cannot be my disciple.
34 “Soogiddi gaarii dha; garuu yoo inni miʼaa isaa dhabe, miʼaan isaa akkamiin deebifamuu dandaʼa?
Salt is good; but if the salt have lost it's savor, wherewith shall it be seasoned?
35 Inni biyyoof yookaan tuulaa kosiitiif faayidaa hin qabu; inni gad gatama. “Namni gurra dhagaʼu qabu kam iyyuu haa dhagaʼu.”
it is neither fit for the land, nor for the dunghil; but they throw it away. He that hath ears to hear, let him hear.

< Luqaas 14 >