< Luqaas 13 >
1 Yeroo sana namoonni waaʼee warra Galiilaa kanneen Phiilaaxoos dhiiga isaanii aarsaa isaaniitti make sanaa Yesuusitti himan tokko tokko achi turan.
There were present at that season some that told him of the Galilæans, whose blood Pilate had mingled with their sacrifices.
2 Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Sababiin namoonni Galiilaa kunneen akkas dhiphataniif waan isaan saba Galiilaa kaan hunda irra cubbamoota turaniif seetuu?
And Jesus answering said unto them, Suppose ye that these Galilæans were sinners above all the Galilæans, because they suffered such things?
3 Ani isinittin hima; akkas miti; garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan hundi keessan akkasuma baddu.
I tell you, Nay: but, except ye repent, ye shall all likewise perish.
4 Yookaan namoonni kudha saddeettan gamoon Saliihoom isaan irratti jigee isaan fixe sun warra Yerusaalem keessa jiraatan kaan hunda irra waan yakka hojjetan seetuu?
Or those eighteen, upon whom the tower in Siloam fell, and slew them, think ye that they were sinners above all men that dwelt in Jerusalem?
5 Ani isinittin hima; akkas miti. Garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan, hundi keessan akkasuma baddu.”
I tell you, Nay: but, except ye repent, ye shall all likewise perish.
6 Innis akkana jedhee fakkeenya kana dubbate; “Namichi tokko muka harbuu kan iddoo dhaabaa wayinii isaa keessa dhaabame tokko qaba ture; innis muka sana irra ija barbaaduu dhaqee waan tokko illee dhabe.
He spake also this parable; A certain [man] had a fig tree planted in his vineyard; and he came and sought fruit thereon, and found none.
7 Innis hojjetaa iddoo dhaaba wayinichaatiin, ‘Ani waggaa sadan darban kana muka harbuu kana irraa ija barbaadachuuf jedhee marmaaraan ture; garuu waan tokko illee irraa hin arganne; muriitii gati! Inni maaliif lafa balleessa?’ jedhe.
Then said he unto the dresser of his vineyard, Behold, these three years I come seeking fruit on this fig tree, and find none: cut it down; why cumbereth it the ground?
8 “Namichi sunis deebisee akkana jedheen; ‘Yaa Gooftaa, anuu naannoo isaa qoteen xaaʼoo itti naqaatii mee wagguma tokko haa turu.
And he answering said unto him, Lord, let it alone this year also, till I shall dig about it, and dung [it]:
9 Yoo inni waggaa dhufu ija naqate, gaarii dha! Yoo kanaa achii murtee gatuu dandeessa.’”
And if it bear fruit, [well]: and if not, [then] after that thou shalt cut it down.
10 Yesuus guyyaa Sanbataa tokko manneen sagadaa keessaa isa tokkotti barsiisaa ture.
And he was teaching in one of the synagogues on the sabbath.
11 Dubartiin hafuurri hamaan waggaa kudha saddeeti dugda ishee goophesse tokkos achi turte; isheenis waan gad gogdeef gonkumaa ol jechuu hin dandeessu turte.
And, behold, there was a woman which had a spirit of infirmity eighteen years, and was bowed together, and could in no wise lift up [herself].
12 Yesuusis yommuu ishee argetti ofitti ishee waamee, “Dubartii nana, ati dhukkuba kee irraa fayyiteerta” jedheen,
And when Jesus saw her, he called [her to him], and said unto her, Woman, thou art loosed from thine infirmity.
13 Innis harka isaa ishee irra kaaʼe; isheenis yeruma sana ol jettee Waaqa galateeffatte.
And he laid [his] hands on her: and immediately she was made straight, and glorified God.
14 Bulchaan mana sagadaas sababii Yesuus guyyaa Sanbataatiin nama fayyiseef aaree namootaan, “Guyyaan hojii jaʼatu jira; guyyoota sana kottaatii fayyifamaa malee guyyaa Sanbataa hin dhufinaa” jedhe.
And the ruler of the synagogue answered with indignation, because that Jesus had healed on the sabbath day, and said unto the people, There are six days in which men ought to work: in them therefore come and be healed, and not on the sabbath day.
15 Gooftaan immoo akkana jedhee deebiseef; “Yaa fakkeessitoota! Isin keessaa namni guyyaa Sanbataa qotiyyoo isaa yookaan harree isaa dallaa keessaa hiikee bishaan obaasuu hin geessine jiraa?
The Lord then answered him, and said, [Thou] hypocrite, doth not each one of you on the sabbath loose his ox or [his] ass from the stall, and lead [him] away to watering?
16 Yoos dubartiin kun intalli Abrahaam kan Seexanni waggaa kudha saddeeti guutuu hidhee ture kun guyyaa Sanbataatiin hidhaa kana irraa hiikamuun isheef hin maluu?”
And ought not this woman, being a daughter of Abraham, whom Satan hath bound, lo, these eighteen years, be loosed from this bond on the sabbath day?
17 Yommuu inni waan kana dubbatetti mormitoonni isaa hundi ni qaanaʼan; namoonni garuu hojjiiwwan dinqii kanneen inni hojjechaa ture hundatti ni gammadan.
And when he had said these things, all his adversaries were ashamed: and all the people rejoiced for all the glorious things that were done by him.
18 Yesuusis akkana jedhee gaafate; “Mootummaan Waaqaa maal fakkaata? Anis maaliinan wal isa fakkeessa?
Then said he, Unto what is the kingdom of God like? and whereunto shall I resemble it?
19 Mootummaan Waaqaa sanyii sanaaficaa kan namni tokko fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase fakkaata. Sanyiin sunis guddatee muka taʼe; simbirroonnis dameewwan isaa irra jiraatan.”
It is like a grain of mustard seed, which a man took, and cast into his garden; and it grew, and waxed a great tree; and the fowls of the air lodged in the branches of it.
20 Amma illee akkana jedhee gaafate; “Ani mootummaa Waaqaa maaliinan wal fakkeessa?
And again he said, Whereunto shall I liken the kingdom of God?
21 Inni raacitii dubartiin tokko fuutee hamma inni guutummaatti bukeessutti daakuu safartuu sadiitti makte fakkaata.”
It is like leaven, which a woman took and hid in three measures of meal, till the whole was leavened.
22 Yesuusis utuu gara Yerusaalem deemuu namoota barsiisaa magaalaawwanii fi gandoota keessa darbaa ture.
And he went through the cities and villages, teaching, and journeying toward Jerusalem.
23 Namichi tokkos, “Yaa Gooftaa warri fayyifaman namoota muraasa qofaa?” jedhee isa gaafate. Innis akkana isaaniin jedhe;
Then said one unto him, Lord, are there few that be saved? And he said unto them,
24 “Balbala dhiphaadhaan seenuuf tattaaffadhaa; ani isinittin hima; namoonni baayʼeen seenuu ni yaaluutii; garuu hin dandaʼan.
Strive to enter in at the strait gate: for many, I say unto you, will seek to enter in, and shall not be able.
25 Abbaan mana sanaa takkaa kaʼee balbalicha cufannaan isin ala dhaabatanii balbala rurrukutaa, ‘Yaa Gooftaa balbala nuu bani’ jettanii kadhattu. “Inni garuu deebisee, ‘Ani isin hin beeku yookaan eessaa akka dhuftan hin beeku’ isiniin jedha.
When once the master of the house is risen up, and hath shut to the door, and ye begin to stand without, and to knock at the door, saying, Lord, Lord, open unto us; and he shall answer and say unto you, I know you not whence ye are:
26 “Isin immoo, ‘Nu si wajjin nyaannee dhugneerra; atis daandii keenya irratti barsiifteerta’ jettuun.
Then shall ye begin to say, We have eaten and drunk in thy presence, and thou hast taught in our streets.
27 “Inni garuu deebisee, ‘Ani isin hin beeku yookaan eessaa akka dhuftan hin beeku. Isin warri hammina hojjettan hundinuu na biraa badaa!’ jedha.
But he shall say, I tell you, I know you not whence ye are; depart from me, all [ye] workers of iniquity.
28 “Yommuu Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoobii fi raajota hunda mootummaa Waaqaa keessatti argitanii, ofii keessanii immoo gad darbatamtan, achitti booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa.
There shall be weeping and gnashing of teeth, when ye shall see Abraham, and Isaac, and Jacob, and all the prophets, in the kingdom of God, and you [yourselves] thrust out.
29 Namoonnis baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutii, kaabaa fi kibbaa dhufanii mootummaa Waaqaa keessatti maaddiitti ni dhiʼaatu.
And they shall come from the east, and [from] the west, and from the north, and [from] the south, and shall sit down in the kingdom of God.
30 Dhugumaanuu kanneen warra dhumaa taʼan keessaa kanneen warra jalqabaa, kanneen warra jalqabaa taʼan keessaa immoo warra dhumaa taʼan jiru.”
And, behold, there are last which shall be first, and there are first which shall be last.
31 Yeroo sana Fariisota keessaa namoonni tokko tokko gara Yesuus dhufanii, “Sababii Heroodis si ajjeesuu barbaaduuf asii deemii iddoo biraa dhaqi” jedhaniin.
The same day there came certain of the Pharisees, saying unto him, Get thee out, and depart hence: for Herod will kill thee.
32 Innis akkana jedhee deebise; “Dhaqaatii waangoo sanaan, ‘Kunoo, ani harʼaa fi bori hafuurota hamoo nan baasa; namoota dhukkubsatanis nan fayyisa; guyyaa sadaffaatti immoo hojii koo nan fixadha’ jedhaa.
And he said unto them, Go ye, and tell that fox, Behold, I cast out devils, and I do cures to day and to morrow, and the third [day] I shall be perfected.
33 Waan fedhe iyyuu taanaan, ani harʼaa fi bori, iftaanis adeemsa koo itti fufuutu naa mala; raajiin Yerusaalemiin alatti duʼuu hin qabuutii!
Nevertheless I must walk to day, and to morrow, and the [day] following: for it cannot be that a prophet perish out of Jerusalem.
34 “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ati kan raajota ajjeeftu, warra gara keetti ergamanis kan dhagaadhaan tumtu, akkuma indaanqoon cuucii ishee qoochoo ishee jalatti walitti qabattu sana anis ijoollee kee walitti qabuuf yeroo meeqan hawwe! Isin garuu hin barbaanne.
O Jerusalem, Jerusalem, which killest the prophets, and stonest them that are sent unto thee; how often would I have gathered thy children together, as a hen [doth gather] her brood under [her] wings, and ye would not!
35 Kunoo, manni keessan onee isinii hafa. Ani isinittin hima; isin hamma, ‘Inni maqaa Gooftaatiin dhufu sun eebbifamaa dha’jettanitti lammata na hin argitan.”
Behold, your house is left unto you desolate: and verily I say unto you, Ye shall not see me, until [the time] come when ye shall say, Blessed [is] he that cometh in the name of the Lord.