< Luqaas 12 >

1 Gidduu sana yommuu tuunni namoota kuma hedduu tokko hamma isaan wal irra ejjetanitti walitti qabametti, Yesuus duraan dursee barattoota isaatiin akkana jechuu jalqabe; “Raacitii Fariisotaa irraa of eeggadhaa; kunis fakkeessitummaa dha.
In those [times], the myriads of the crowd being gathered together, so that they trod one on another, he began to say to his disciples first, Beware of the leaven of the Pharisees, which is hypocrisy;
2 Wanni haguugamee utuu hin mulʼifamin hafu yookaan wanni dhokfamee utuu hin beekamin hafu tokko iyyuu hin jiru.
but there is nothing covered up which shall not be revealed, nor secret that shall not be known;
3 Wanni isin dukkana keessatti dubbattan, ifa guyyaatiin dhagaʼama; wanni isin gola keessatti gurratti hasaastanis bantii manaa irraa labsama.
therefore whatever ye have said in the darkness shall be heard in the light, and what ye have spoken in the ear in chambers shall be proclaimed upon the housetops.
4 “Yaa michoota ko, ani isinittin hima; warra dhagna ajjeesanii ergasii immoo kana caalaa homaa gochuu hin dandeenye hin sodaatinaa.
But I say to you, my friends, Fear not those who kill the body and after this have no more that they can do.
5 Ani garuu kan isin sodaachuu qabdan isinittin argisiisa; isa erga ajjeesee booddee gahaannamitti darbachuudhaaf taayitaa qabu sana sodaadhaa; eeyyee, ani isinittin hima; isa sodaadhaa. (Geenna g1067)
But I will shew you whom ye shall fear: Fear him who after he has killed has authority to cast into hell; yea, I say to you, Fear him. (Geenna g1067)
6 Daaloteen shan saantima lamatti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu Waaqni hin irraanfatu.
Are not five sparrows sold for two assaria? and one of them is not forgotten before God.
7 Dhugumaanuu rifeensi mataa keessanii hundi lakkaaʼameera. Hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.
But even the hairs of your head are all numbered. Fear not therefore, ye are better than many sparrows.
8 “Ani isinittin hima; nama fuula namootaa duratti ifaan ifatti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, Ilmi Namaas fuula ergamoota Waaqaa duratti dhugaa ni baʼa.
But I say to you, Whosoever shall confess me before men, the Son of man will confess him also before the angels of God;
9 Namni fuula namootaa duratti na ganu kam iyyuu garuu fuula ergamoota Waaqaa duratti ni ganama.
but he that shall have denied me before men shall be denied before the angels of God;
10 Nama Ilma Namaatiin mormee jecha tokko dubbatu hundaaf ni dhiifama; nama Hafuura Qulqulluudhaan mormee dubbatu kamiif iyyuu garuu hin dhiifamu.
and whoever shall say a word against the Son of man it shall be forgiven him; but to him that speaks injuriously against the Holy Spirit it shall not be forgiven.
11 “Yommuu manneen sagadaa, bulchitootaa fi abbootii taayitaa duratti dhiʼeeffamtanitti akkamitti akka falmattan yookaan maal akka jettan hin yaaddaʼinaa.
But when they bring you before the synagogues and rulers and the authorities, be not careful how or what ye shall answer, or what ye shall say;
12 Hafuurri Qulqulluun yeruma sana Waan isin jechuu qabdan isin barsiisaatii.”
for the Holy Spirit shall teach you in the hour itself what should be said.
13 Tuuta sana keessaa namichi tokko, “Yaa Barsiisaa, akka obboleessi koo dhaala naa hiruuf maaloo itti naa dubbadhu” jedheen.
And a person said to him out of the crowd, Teacher, speak to my brother to divide the inheritance with me.
14 Yesuus garuu deebisee, “Namana, eenyutu isin gidduutti abbaa murtii yookaan hirtuu dhaalaa na godhe?” jedheen.
But he said to him, Man, who established me [as] a judge or a divider over you?
15 Innis, “Ilaalladhaa! Doqnummaa hunda irraas of eegaa; jireenyi nama tokkoo baayʼina qabeenya isaatiin hin murteeffamuutii” jedheen.
And he said to them, Take heed and keep yourselves from all covetousness, for [it is] not because a man is in abundance [that] his life is in his possessions.
16 Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; “Lafti qotiisaa namicha sooressa tokkoo midhaan guddaa kenneef.
And he spoke a parable to them, saying, The land of a certain rich man brought forth abundantly.
17 Namichi sunis, ‘Ani waan lafan itti midhaan koo galfadhu hin qabneef maal gochuu naa wayya?’ jedhee garaa isaatti yaade.
And he reasoned within himself saying, What shall I do? for I have not [a place] where I shall lay up my fruits.
18 “Innis akkana jedhe; ‘Wanni ani godhu kana; gombisaa koo diigee guddaa isaa nan ijaarradha; midhaan koo fi miʼa koo hunda achittin kuufadha.
And he said, This will I do: I will take away my granaries and build greater, and there I will lay up all my produce and my good things;
19 Lubbuu kootiinis, “Yaa lubbuu ko, ati waan gaarii hedduu kan waggaa baayʼeef kuufame qabda; boqodhu; nyaadhu; dhugi; gammadis” nan jedha.’
and I will say to my soul, Soul, thou hast much good things laid by for many years; repose thyself, eat, drink, be merry.
20 “Waaqni garuu, ‘Yaa gowwicha, edanuma lubbuu kee sirraa fudhachuu barbaadu; egaa wanni ati walitti qabatte sun kan eenyuu taʼa?’ jedheen.
But God said to him, Fool, this night thy soul shall be required of thee; and whose shall be what thou hast prepared?
21 “Kanaafuu namni ofii isaatiif badhaadhummaa kuufatee fuula Waaqaa duratti immoo hin sooromin kam iyyuu akkasuma taʼa.”
Thus is he who lays up treasure for himself, and is not rich toward God.
22 Yesuusis barattoota isaatiin akkana jedhe; “Kanaafuu ani isinittin hima; ‘maal nyaanna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa.
And he said to his disciples, For this cause I say unto you, Be not careful for life, what ye shall eat, nor for the body, what ye shall put on.
23 Jireenyi nyaata caala; dhagnis uffata caalaatii.
The life is more than food, and the body than raiment.
24 Mee arraageyyii ilaalaa: Isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan; gombisaa yookaan gumbii hin qaban; taʼus Waaqni isaan soora. Isin immoo hammam simbirroota caalaa gatii guddaa qabdu!
Consider the ravens, that they sow not nor reap; which have neither storehouse nor granary; and God feeds them. How much better are ye than the birds?
25 Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼu eenyu?
But which of you by being careful can add to his stature one cubit?
26 Yoos isin erga waan xinnoo akkasii illee godhachuu hin dandeenye, maaliif waan biraaf yaaddoftu ree?
If therefore ye cannot [do] even what is least, why are ye careful about the rest?
27 “Daraaraawwan bosonaa akkamitti akka guddatan mee ilaalaa; isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan. Ani garuu isinittin hima; Solomoon iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne.
Consider the lilies how they grow: they neither toil nor spin; but I say unto you, Not even Solomon in all his glory was clothed as one of these.
28 Isin yaa warra amantii xinnoo nana! Waaqni erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo hammam kana caalaa haa uffisuu ree.
But if God thus clothe the grass, which to-day is in the field and to-morrow is cast into [the] oven, how much rather you, O ye of little faith?
29 Qalbii keessan waan nyaattan irra yookaan waan dhugdan irra hin kaaʼatinaa; waaʼee isaas hin yaaddaʼinaa.
And ye, seek not what ye shall eat or what ye shall drink, and be not in anxiety;
30 Addunyaan ormootaa waan kana hunda ni barbaaduutii; Abbaan keessan akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka.
for all these things do the nations of the world seek after, and your Father knows that ye have need of these things;
31 Garuu mootummaa isaa barbaadaa; wanni kun akkasuma isiniif kennama.
but seek his kingdom, and [all] these things shall be added to you.
32 “Isin karra xinnoo nana, hin sodaatinaa; Abbaan keessan mootummaa isinii kennuu jaallateeraatii.
Fear not, little flock, for it has been the good pleasure of your Father to give you the kingdom.
33 Waan qabdan gurguraatii hiyyeeyyiif kennaa. Korojoo hin moofofne, qabeenya dhuma hin qabnes samii irratti, iddoo hattuun itti hin dhiʼaannee fi biliinis hin balleessinetti ofii keessaniif kuufadhaa.
Sell what ye possess and give alms; make to yourselves purses which do not grow old, a treasure which does not fail in the heavens, where thief does not draw near nor moth destroy.
34 Idduma badhaadhummaan keessan jiru sana garaan keessanis jiraatii.
For where your treasure is, there also will your heart be.
35 “Tajaajilaaf hidhadhaatii qophaaʼaa; ibsaa keessanis ibsadhaa;
Let your loins be girded about, and lamps burning;
36 akkuma namoota yommuu Gooftaan isaanii cidha fuudhaa fi heerumaatii galee balbala dhadhaʼutti dafanii isaaf banuuf jedhanii qophaaʼanii isa eeganii taʼaa.
and ye like men who wait their own lord whenever he may leave the wedding, that when he comes and knocks, they may open to him immediately.
37 Garboonni gooftaan isaanii yeroo galutti isaanii dammaqanii jiran argu sun eebbifamoo dha; ani dhuguman isinitti hima; inni marxifatee akka isaan nyaataaf taaʼan ni godha; dhufees isaan tajaajila.
Blessed are those bondmen whom the lord [on] coming shall find watching; verily I say unto you, that he will gird himself and make them recline at table, and coming up will serve them.
38 Garboonni gooftaan isaanii halkanicha keessaa kutaa lammaffaatti yookaan kutaa sadaffaatti dhufee akkasuma isaanii dammaqanii jiran isaan argu sun eebbifamoo dha.
And if he come in the second watch, and come in the third watch, and find [them] thus, blessed are those [bondmen].
39 Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu saʼaatii kamitti akka hattuun dhuftu beekee, silaa akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture.
But this know, that if the master of the house had known in what hour the thief was coming, he would have watched, and not have suffered his house to be dug through.
40 Isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.”
And ye therefore, be ye ready, for in the hour in which ye do not think [it], the Son of man comes.
41 Phexrosis, “Yaa Gooftaa, ati fakkeenya kana nu qofatti moo nama hundumatti himta?” jedhee gaafate.
And Peter said to him, Lord, sayest thou this parable to us, or also to all?
42 Gooftaanis akkana jedhee deebise; “Egaa hojii adeemsisaan amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota isaa irratti isa muudu eenyu?
And the Lord said, Who then is the faithful and prudent steward, whom his lord will set over his household, to give the measure of corn in season?
43 Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha.
Blessed is that bondman whom his lord [on] coming shall find doing thus;
44 Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda.
verily I say unto you, that he will set him over all that he has.
45 Garbichi sun garuu yoo, ‘Gooftaan koo dhufuuf yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee, garboota dhiiraatii fi dubartootaa tumuu jalqabe, yoo nyaatee dhugee machaaʼe,
But if that bondman should say in his heart, My lord delays to come, and begin to beat the menservants and the maidservants, and to eat and to drink and to be drunken,
46 gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa. Innis isa kukkuta; warra hin amanne keessattis isa ramada.
the lord of that bondman shall come in a day when he does not expect it, and in an hour he knows not of, and shall cut him in two and appoint his portion with the unbelievers.
47 “Garbichi utuu fedhii gooftaa isaa beekuu hin qophoofne yookaan waan gooftaan isaa barbaadu hin hojjenne sun akka malee tumama.
But that bondman who knew his own lord's will, and had not prepared [himself] nor done his will, shall be beaten with many [stripes];
48 Nama utuu hin beekin waan isa adabamsiisu hojjete garuu adaba salphaatu isa irra gaʼa. Nama wanni baayʼeen itti kenname hunda irraa waan baayʼeetu eegama; nama imaanaan guddaan itti kenname irraa immoo kan caalutu barbaadama.
but he who knew [it] not, and did things worthy of stripes, shall be beaten with few. And to every one to whom much has been given, much shall be required from him; and to whom [men] have committed much, they will ask from him the more.
49 “Ani ibidda lafa irra buusuufin dhufe; utuu inni ammuma iyyuu qabatee ani akkam hawwa!
I have come to cast a fire on the earth; and what will I if already it has been kindled?
50 Garuu cuuphaa ani cuuphamu tokkotu jira; hamma inni raawwatamutti ani akka malee nan dhiphadha!
But I have a baptism to be baptised with, and how am I straitened until it shall have been accomplished!
51 Isin waan ani lafa irratti nagaa buusuuf dhufe seetuu? Akkas miti; ani isinittin hima; ani gargar baʼuu fiduufan dhufe malee nagaa buusuuf hin dhufne.
Think ye that I have come to give peace in the earth? Nay, I say to you, but rather division:
52 Siʼachi maatiin nama shan qabu tokko gargar qoodama; namni sadii nama lamatti kaʼa; namni lama immoo nama sadiitti kaʼa.
for from henceforth there shall be five in one house divided; three shall be divided against two, and two against three:
53 Abbaan ilmatti, ilmi abbaatti, haati intalatti, intalli haadhatti, amaatiin niitii ilmaatti, niitiin ilmaas amaatii isheetti kaʼuudhaan gargar baʼu.”
father against son, and son against father; mother against daughter, and daughter against mother; a mother-in-law against her daughter-in-law, and a daughter-in-law against her mother-in-law.
54 Yesuusis tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin yommuu duumessa karaa lixa biiftuutiin ol baʼu argitanitti yeruma sana, ‘Bokkaan ni rooba’ jettu; innis ni rooba.
And he said also to the crowds, When ye see a cloud rising out of the west, straightway ye say, A shower is coming; and so it happens.
55 Yommuu bubbeen kibbaa bubbisutti immoo, ‘Ni hoʼa’ jettu; innis ni hoʼa.
And when [ye see] the south wind blow, ye say, There will be heat; and it happens.
56 Fakkeessitoota nana! Isin bifa lafaatii fi samiitiif hiikkaa kennuu ni beektu. Bara ammaa kanaaf immoo hiikkaa kennuu akkamitti wallaaltu?
Hypocrites, ye know how to judge of the appearance of the earth and of the heaven; how [is it then that] ye do not discern this time?
57 “Isin maaliif ofuma keessanii waan qajeelaa hin murteessine?
And why even of yourselves judge ye not what is right?
58 Ati yommuu amajaajii kee wajjin gara abbaa murtii dhaqxutti, karuma irratti isaan walitti araaramuu cimsii yaali; yoo kanaa achii amajaajiin kee abbaa seeraatti si geessa; abbaan seeraas dabarsee poolisiitti si kenna; poolisiin immoo mana hidhaatti si darbata.
For as thou goest with thine adverse party before a magistrate, strive in the way to be reconciled with him, lest he drag thee away to the judge, and the judge shall deliver thee to the officer, and the officer cast thee into prison.
59 Ani sitti nan hima; ati hamma saantima ishee dhumaa of irraa baaftutti achii hin baatu.”
I say unto thee, Thou shalt in no wise come out thence until thou hast paid the very last mite.

< Luqaas 12 >