< Lewwota 1 >
1 Waaqayyo Musee waamee dunkaana wal gaʼii keessaa akkana jedhee itti dubbate;
Bwana akamwita Mose na kusema naye kutoka kwenye Hema la Kukutania, akamwambia,
2 “Israaʼelootatti dubbadhu; akkanas jedhiin: ‘Isin keessaa namni kam iyyuu yommuu horii keessaa Waaqayyoof kennaa dhiʼeessutti karra loonii yookaan bushaayee keessaa haa dhiʼeessu.
“Sema na Waisraeli na uwaambie, ‘Yeyote miongoni mwenu aletapo sadaka ya mnyama kwa Bwana, alete mnyama kama sadaka yake kutoka kundi lake la ngʼombe au la kondoo na mbuzi.
3 “‘Yoo kennaan sun qalma gubamu kan karra loonii taʼe, namichi sun korma hirʼina hin qabne haa dhiʼeessu. Akka aarsaan sun fuula Waaqayyoo duratti fudhatama argatuufis balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa dhiʼeessu.
“‘Kama sadaka hiyo ni ya kuteketezwa kutoka kwenye kundi la ngʼombe, atamtoa ngʼombe dume asiye na dosari. Ni lazima amlete kwenye ingilio la Hema la Kukutania ili aweze kukubalika kwa Bwana.
4 Namichis mataa horii aarsaa gubamuuf dhiʼeeffamu sanaa irra harka isaa haa kaaʼu; kunis araara isaaf buusuuf qooda isaa fudhatama argata.
Ataweka mkono wake juu ya kichwa cha sadaka ya kuteketezwa, nayo itakubaliwa kwa niaba yake ili kufanya upatanisho kwa ajili yake.
5 Innis fuula Waaqayyoo duratti korma haa qalu; ilmaan Aroon luboonni dhiiga sana fuudhanii iddoo aarsaa kan balbala dunkaana wal gaʼii dura jirutti gama hundaan haa facaasan.
Atamchinja yule fahali mchanga mbele za Bwana, kisha wana wa Aroni walio makuhani wataleta damu na kuinyunyiza pande zote za madhabahu yaliyo penye ingilio la Hema la Kukutania.
6 Innis aarsaa gubamu sana irraa gogaa baasee kutaa kutaatti murmura.
Ataichuna hiyo sadaka ya kuteketezwa na kuikata vipande vipande.
7 Ilmaan Aroon lubichaa immoo iddoo aarsaa irratti ibidda qabsiisanii qoraan irra haa naqan.
Wana wa Aroni kuhani wataweka moto juu ya madhabahu na kupanga kuni juu ya huo moto.
8 Ergasiis ilmaan Aroon luboonni kutaa murmurame, mataa fi cooma isaas qoraan iddoo aarsaa irratti bobaʼu irra tarree haa naqan.
Kisha wana wa Aroni walio makuhani watapanga vile vipande vya nyama, pamoja na kichwa na mafuta ya huyo mnyama juu ya zile kuni zinazowaka juu ya madhabahu.
9 Innis miʼa garaatii fi miilla qalma sanaa bishaaniin haa dhiqu; lubichis hunda isaa iddoo aarsaa irratti haa gubu. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼaatuu fi kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu dha.
Ataziosha sehemu za ndani na miguu yake kwa maji, naye kuhani atavichoma vyote juu ya madhabahu. Hii ni sadaka ya kuteketezwa, sadaka iliyotolewa kwa moto, yenye harufu nzuri ya kumpendeza Bwana.
10 “‘Yoo aarsaan sun qalma gubamu kan bushaayee jechuunis hoolaa yookaan reʼee taʼe namichi dhiʼeessu sun korma hirʼina hin qabne haa dhiʼeessu.
“‘Kama sadaka ni ya kuteketezwa kutoka kwenye kundi la kondoo au mbuzi, atamtoa mnyama dume asiye na dosari.
11 Innis gama kaaba iddoo aarsaatiin fuula Waaqayyoo duratti haa qalu; ilmaan Aroon luboonni immoo gama hundaan dhiiga isaa iddoo aarsaatti haa facaasan.
Atamchinjia upande wa kaskazini wa madhabahu mbele za Bwana, nao wana wa Aroni walio makuhani watanyunyizia damu yake pande zote za madhabahu.
12 Namichi sunis kutaa kutaatti haa murmuru; lubichi immoo mataa fi cooma isaa qoraan iddoo aarsaa irratti bobaʼaa jiru irra tarree haa naqu.
Atamkata vipande vipande, naye kuhani atavipanga, pamoja na kichwa na mafuta ya mnyama juu ya zile kuni zinazowaka juu ya madhabahu.
13 Innis miʼa garaatii fi miilla qalma sanaa bishaaniin haa dhiqu; lubichi immoo hunda isaa fidee iddoo aarsaa irratti haa gubu. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼaatuu fi kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu dha.
Ataosha sehemu za ndani na miguu kwa maji, naye kuhani atavileta vyote na kuvichoma juu ya madhabahu. Hii ni sadaka ya kuteketezwa, sadaka iliyotolewa kwa moto, harufu nzuri ya kumpendeza Bwana.
14 “‘Yoo aarsaan Waaqayyoof dhiʼaatu sun qalma gubamu kan simbirrootaa taʼe namichi sun gugee yookaan gugee sookkee haa dhiʼeessu.
“‘Kama sadaka ya kuteketezwa inayotolewa kwa Bwana ni ndege, atamtoa hua au kinda la njiwa.
15 Lubichi sun gara iddoo aarsaatti haa fidu; mataa isaas micciiree irraa haa kutu; ergasii immoo iddoo aarsaa irratti haa gubu; dhiigni isaa immoo iddoo aarsaa cinatti haa coccobu.
Kuhani atamleta kwenye madhabahu, naye atamvunja shingo na kumnyofoa kichwa na kumchoma juu ya madhabahu. Damu yake itachuruzishwa ubavuni mwa madhabahu.
16 Miʼa garaa isaa baallee isaa wajjin baasee karaa baʼa biiftuutiin iddoo aarsaa cinatti lafa daaraan jirutti haa gatu.
Ataondoa kifuko cha chakula pamoja na uchafu wake na kuvitupa upande wa mashariki wa madhabahu, mahali pale penye majivu.
17 Karaa qoochoo isaatiin haa baqaqsu; garuu guutumaan guutuutti gargar hin baasin; ergasii lubichi iddoo aarsaa irratti qoraan bobaʼaa jiru irratti haa gubu. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼaatuu fi kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu dha.
Atampasua na kumweka wazi katika mabawa yake, lakini asimwachanishe kabisa, kisha kuhani ataichoma juu ya zile kuni zinazowaka juu ya madhabahu. Hii ni sadaka ya kuteketezwa, sadaka iliyotolewa kwa moto, harufu nzuri ya kumpendeza Bwana.