< Lewwota 9 >

1 Museen bultii saddeettaffaatti Aroon, ilmaan Aroonii fi maanguddoota Israaʼel waame;
Katika siku ya nane, Mose akawaita Aroni na wanawe, na wazee wa Israeli.
2 Arooniinis akkana jedhe; “Aarsaa cubbuutiif dibicha tokko, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko kanneen hirʼina hin qabne fuudhii fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessi.
Akamwambia Aroni, “Chukua ndama dume kwa ajili ya sadaka yako ya dhambi, na kondoo dume kwa sadaka yako ya kuteketezwa, wote wawili wasiwe na dosari, nao uwalete mbele za Bwana.
3 Ergasiis Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Aarsaa cubbuutiif korbeessa reʼee tokko, aarsaa gubamuuf immoo dibicha tokkoo fi korbeessa hoolaa kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hirʼina hin qabne,
Kisha waambie Waisraeli: ‘Chukueni mbuzi dume kwa ajili ya sadaka ya dhambi, na ndama na mwana-kondoo, wote wawili wawe wa umri wa mwaka mmoja, na wasio na dosari, kwa ajili ya sadaka ya kuteketezwa,
4 aarsaa nagaatiif immoo sangaa tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko, kennaa midhaanii kan zayitiidhaan sukkuumame wajjin fuula Waaqayyoo duratti aarsaa gochuuf dhiʼeessi. Harʼa Waaqayyo isinitti mulʼataatii.’”
na pia maksai na kondoo dume kwa ajili ya sadaka ya amani, ili kutoa dhabihu mbele za Bwana, pamoja na sadaka ya nafaka iliyochanganywa na mafuta. Kwa kuwa leo Bwana atawatokea.’”
5 Isaanis waan Museen isaan ajaje sana fuula dunkaana wal gaʼii duratti fidan; waldaan hundinuus dhufee fuula Waaqayyoo dura dhaabate.
Wakavileta vile vitu Mose alivyowaagiza mbele ya Hema la Kukutania, nalo kusanyiko lote likakaribia na kusimama mbele za Bwana.
6 Museenis, “Akka ulfinni Waaqayyoo isinitti mulʼatuuf wanni Waaqayyo akka isin gootan isin ajaje kana” jedhe.
Ndipo Mose akasema, “Hili ndilo Bwana alilowaagiza mlifanye, ili utukufu wa Bwana upate kuonekana kwenu.”
7 Ergasii Museen Arooniin akkana jedhe; “Gara iddoo aarsaa kottuutii aarsaa cubbuu keetiitii fi aarsaa kee kan gubamu dhiʼeeffadhuutii ofii keetii fi sabaaf araara buusi; akkuma Waaqayyo ajajettis aarsaa sabaa dhiʼeessiitii araara isaaniif buusi.”
Mose akamwambia Aroni, “Njoo madhabahuni ili utoe dhabihu yako ya sadaka ya dhambi na sadaka yako ya kuteketezwa, ufanye upatanisho kwa ajili yako mwenyewe na kwa ajili ya watu. Kisha utoe sadaka ya upatanisho kwa ajili ya watu, kama vile Bwana alivyoagiza.”
8 Aroon gara iddoo aarsaa dhufee dibicha aarsaa kan sababii cubbuu isaatiif dhiʼaate sana qale.
Hivyo Aroni akaja madhabahuni na kumchinja yule ndama kuwa sadaka ya dhambi kwa ajili yake mwenyewe.
9 Ilmaan isaas dhiiga isatti fidan; inni immoo dhiiga sana keessa quba isaa cuuphee gaanfawwan iddoo aarsaa dibe; dhiiga hafe immoo miiloo iddoo aarsaa jalatti dhangalaase.
Wanawe wakamletea damu, naye akachovya kidole chake katika hiyo damu, akaitia kwenye pembe za madhabahu, nayo damu iliyobaki akaimwaga chini ya madhabahu.
10 Innis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti aarsaa cubbuu sana irraa moora, kaleewwanii fi haguuggii tiruu iddoo aarsaa irratti gube;
Juu ya madhabahu akateketeza mafuta, figo na mafuta yanayofunika ini kutoka kwenye hiyo sadaka ya dhambi, kama Bwana alivyomwagiza Mose.
11 foonii fi gogaa isaa immoo qubata keessaa baasee gube.
Akateketeza nyama na ngozi nje ya kambi.
12 Inni ergasii aarsaa gubamu qale. Ilmaan isaas dhiiga fidanii itti kennan; innis iddoo aarsaa irratti gama hundaan facaase.
Kisha Aroni akachinja sadaka ya kuteketezwa. Wanawe wakamletea damu, naye akainyunyiza pande zote za madhabahu.
13 Isaanis aarsaa gubamu buʼaa buʼaadhaan, mataa wajjin isatti kennan; innis iddoo aarsaa irratti gube.
Wakamletea sadaka ya kuteketezwa kipande kwa kipande, pamoja na kichwa, naye akaviteketeza juu ya madhabahu.
14 Miʼa garaatii fi luka qalma sanaas dhiqee iddoo aarsaa irratti, aarsaa gubamu gubbaatti gube.
Akasafisha sehemu za ndani na miguu, akaviteketeza juu ya sadaka ya kuteketezwa juu ya madhabahu.
15 Itti aansees Aroon aarsaa sabaa dhiʼeesse; reʼee aarsaa cubbuu sabaatiif dhiʼeeffamu sana fuudhee qale; akkuma duraan hojjetettis aarsaa cubbuu godhee dhiʼeesse.
Kisha Aroni akaleta sadaka ile iliyokuwa kwa ajili ya watu. Akachukua yule mbuzi wa sadaka ya dhambi kwa ajili ya watu, akamchinja na kumtoa kwa ajili ya sadaka ya dhambi, kama alivyofanya kwa ile ya kwanza.
16 Innis aarsaa gubamu fidee akkuma ajajametti dhiʼeesse.
Aroni akaleta sadaka ya kuteketezwa na kuitoa kama ilivyoelekezwa.
17 Kennaa midhaaniis fidee konyee tokko irraa fuudhee aarsaa ganama ganama gubamu irratti dabalee iddoo aarsaa irratti gube.
Pia akaleta sadaka ya nafaka, akachukua konzi moja na kuiteketeza juu ya madhabahu, pamoja na sadaka ya kuteketezwa ya asubuhi.
18 Aroonis sangaa fi korbeessa hoolaa sana aarsaa nagaa kan sabaaf jedhamee dhiʼeeffamu godhee qale. Ilmaan isaa immoo dhiiga fidanii isatti kennan; innis dhiiga sana iddoo aarsaa irratti gama hundaan facaase.
Akachinja maksai na kondoo dume kama sadaka ya amani kwa ajili ya watu. Wanawe Aroni wakampa ile damu, naye akainyunyiza kwenye madhabahu pande zote.
19 Cooma sangaatii fi korbeessa hoolaa sanaa jechuunis duboo, moora miʼa garaa haguugu, kaleewwanii fi haguuggii tiruu,
Lakini sehemu zile za mafuta ya yule maksai na kondoo dume, yaani mafuta ya mkia, mafuta yaliyofunika tumbo, ya figo na yaliyofunika ini,
20 handaraafota irra kaaʼan; Aroonis cooma sana iddoo aarsaa irratti gube.
hivi vyote wakaviweka juu ya vidari, kisha Aroni akayateketeza hayo mafuta ya wanyama juu ya madhabahu.
21 Aroonis akkuma Museen isa ajajetti handaraafotaa fi tafa mirgaa aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti sochoose.
Aroni akaviinua vile vidari na paja la kulia mbele za Bwana ili viwe sadaka ya kuinuliwa, kama Mose alivyoagiza.
22 Aroon harka isaa sabatti balʼisee isaan eebbise. Erga aarsaa cubbuu, aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddees gad buʼe.
Kisha Aroni akainua mikono yake kuwaelekea watu na kuwabariki. Naye baada ya kutoa dhabihu ya sadaka ya dhambi, sadaka ya kuteketezwa, na sadaka ya amani, akashuka chini.
23 Musee fi Aroonis dunkaana wal gaʼii seenan; yommuu achii baʼanittis saba eebbisan; ulfinni Waaqayyoos saba hundatti mulʼate.
Kisha Mose na Aroni wakaingia kwenye Hema la Kukutania. Walipotoka nje, wakawabariki watu. Nao utukufu wa Bwana ukawatokea watu wote.
24 Ibiddis Waaqayyo biraa baʼee aarsaa gubamuu fi cooma iddoo aarsaa irra ture sana fixe; sabni hundis waan kana argee ililche; adda isaatiinis gombifamee sagade.
Moto ukaja kutoka uwepo wa Bwana, ukairamba ile sadaka ya kuteketezwa, pamoja na sehemu ya mafuta yaliyokuwa juu ya madhabahu. Watu wote walipoona jambo hili, wakapiga kelele kwa furaha na kusujudu.

< Lewwota 9 >