< Lewwota 9 >
1 Museen bultii saddeettaffaatti Aroon, ilmaan Aroonii fi maanguddoota Israaʼel waame;
到了第八天,摩西召了亞倫和他兒子,並以色列的眾長老來,
2 Arooniinis akkana jedhe; “Aarsaa cubbuutiif dibicha tokko, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko kanneen hirʼina hin qabne fuudhii fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessi.
對亞倫說:「你當取牛群中的一隻公牛犢作贖罪祭,一隻公綿羊作燔祭,都要沒有殘疾的,獻在耶和華面前。
3 Ergasiis Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Aarsaa cubbuutiif korbeessa reʼee tokko, aarsaa gubamuuf immoo dibicha tokkoo fi korbeessa hoolaa kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hirʼina hin qabne,
你也要對以色列人說:『你們當取一隻公山羊作贖罪祭,又取一隻牛犢和一隻綿羊羔,都要一歲、沒有殘疾的,作燔祭,
4 aarsaa nagaatiif immoo sangaa tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko, kennaa midhaanii kan zayitiidhaan sukkuumame wajjin fuula Waaqayyoo duratti aarsaa gochuuf dhiʼeessi. Harʼa Waaqayyo isinitti mulʼataatii.’”
又取一隻公牛,一隻公綿羊作平安祭,獻在耶和華面前,並取調油的素祭,因為今天耶和華要向你們顯現。』」
5 Isaanis waan Museen isaan ajaje sana fuula dunkaana wal gaʼii duratti fidan; waldaan hundinuus dhufee fuula Waaqayyoo dura dhaabate.
於是他們把摩西所吩咐的,帶到會幕前;全會眾都近前來,站在耶和華面前。
6 Museenis, “Akka ulfinni Waaqayyoo isinitti mulʼatuuf wanni Waaqayyo akka isin gootan isin ajaje kana” jedhe.
摩西說:「這是耶和華吩咐你們所當行的;耶和華的榮光就要向你們顯現。」
7 Ergasii Museen Arooniin akkana jedhe; “Gara iddoo aarsaa kottuutii aarsaa cubbuu keetiitii fi aarsaa kee kan gubamu dhiʼeeffadhuutii ofii keetii fi sabaaf araara buusi; akkuma Waaqayyo ajajettis aarsaa sabaa dhiʼeessiitii araara isaaniif buusi.”
摩西對亞倫說:「你就近壇前,獻你的贖罪祭和燔祭,為自己與百姓贖罪,又獻上百姓的供物,為他們贖罪,都照耶和華所吩咐的。」
8 Aroon gara iddoo aarsaa dhufee dibicha aarsaa kan sababii cubbuu isaatiif dhiʼaate sana qale.
於是,亞倫就近壇前,宰了為自己作贖罪祭的牛犢。
9 Ilmaan isaas dhiiga isatti fidan; inni immoo dhiiga sana keessa quba isaa cuuphee gaanfawwan iddoo aarsaa dibe; dhiiga hafe immoo miiloo iddoo aarsaa jalatti dhangalaase.
亞倫的兒子把血奉給他,他就把指頭蘸在血中,抹在壇的四角上,又把血倒在壇腳那裏。
10 Innis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti aarsaa cubbuu sana irraa moora, kaleewwanii fi haguuggii tiruu iddoo aarsaa irratti gube;
惟有贖罪祭的脂油和腰子,並肝上取的網子,都燒在壇上,是照耶和華所吩咐摩西的;
11 foonii fi gogaa isaa immoo qubata keessaa baasee gube.
又用火將肉和皮燒在營外。
12 Inni ergasii aarsaa gubamu qale. Ilmaan isaas dhiiga fidanii itti kennan; innis iddoo aarsaa irratti gama hundaan facaase.
亞倫宰了燔祭牲,他兒子把血遞給他,他就灑在壇的周圍,
13 Isaanis aarsaa gubamu buʼaa buʼaadhaan, mataa wajjin isatti kennan; innis iddoo aarsaa irratti gube.
又把燔祭一塊一塊地、連頭遞給他,他都燒在壇上;
14 Miʼa garaatii fi luka qalma sanaas dhiqee iddoo aarsaa irratti, aarsaa gubamu gubbaatti gube.
又洗了臟腑和腿,燒在壇上的燔祭上。
15 Itti aansees Aroon aarsaa sabaa dhiʼeesse; reʼee aarsaa cubbuu sabaatiif dhiʼeeffamu sana fuudhee qale; akkuma duraan hojjetettis aarsaa cubbuu godhee dhiʼeesse.
他奉上百姓的供物,把那給百姓作贖罪祭的公山羊宰了,為罪獻上,和先獻的一樣;
16 Innis aarsaa gubamu fidee akkuma ajajametti dhiʼeesse.
也奉上燔祭,照例而獻。
17 Kennaa midhaaniis fidee konyee tokko irraa fuudhee aarsaa ganama ganama gubamu irratti dabalee iddoo aarsaa irratti gube.
他又奉上素祭,從其中取一滿把,燒在壇上;這是在早晨的燔祭以外。
18 Aroonis sangaa fi korbeessa hoolaa sana aarsaa nagaa kan sabaaf jedhamee dhiʼeeffamu godhee qale. Ilmaan isaa immoo dhiiga fidanii isatti kennan; innis dhiiga sana iddoo aarsaa irratti gama hundaan facaase.
亞倫宰了那給百姓作平安祭的公牛和公綿羊。他兒子把血遞給他,他就灑在壇的周圍;
19 Cooma sangaatii fi korbeessa hoolaa sanaa jechuunis duboo, moora miʼa garaa haguugu, kaleewwanii fi haguuggii tiruu,
又把公牛和公綿羊的脂油、肥尾巴,並蓋臟的脂油與腰子,和肝上的網子,都遞給他;
20 handaraafota irra kaaʼan; Aroonis cooma sana iddoo aarsaa irratti gube.
把脂油放在胸上,他就把脂油燒在壇上。
21 Aroonis akkuma Museen isa ajajetti handaraafotaa fi tafa mirgaa aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti sochoose.
胸和右腿,亞倫當作搖祭,在耶和華面前搖一搖,都是照摩西所吩咐的。
22 Aroon harka isaa sabatti balʼisee isaan eebbise. Erga aarsaa cubbuu, aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddees gad buʼe.
亞倫向百姓舉手,為他們祝福。他獻了贖罪祭、燔祭、平安祭就下來了。
23 Musee fi Aroonis dunkaana wal gaʼii seenan; yommuu achii baʼanittis saba eebbisan; ulfinni Waaqayyoos saba hundatti mulʼate.
摩西、亞倫進入會幕,又出來為百姓祝福,耶和華的榮光就向眾民顯現。
24 Ibiddis Waaqayyo biraa baʼee aarsaa gubamuu fi cooma iddoo aarsaa irra ture sana fixe; sabni hundis waan kana argee ililche; adda isaatiinis gombifamee sagade.
有火從耶和華面前出來,在壇上燒盡燔祭和脂油;眾民一見,就都歡呼,俯伏在地。