< Lewwota 8 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Yahvé parla à Moïse, et dit:
2 “Aroonii fi ilmaan isaa, uffata isaanii, zayitii ittiin diban, dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamu, korbeeyyii hoolaa lamaa fi gundoo maxinoo baatu fidi;
« Prends avec lui Aaron et ses fils, les vêtements, l'huile d'onction, le taureau expiatoire, les deux béliers et la corbeille de pains sans levain,
3 waldaa hundas balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabi.”
et rassemble toute l'assemblée à l'entrée de la tente de la Rencontre. »
4 Museenis akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe; waldaan hundis balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabame.
Moïse fit ce que Yahvé lui avait ordonné; et l'assemblée se rassembla à l'entrée de la tente de la Rencontre.
5 Museenis waldaa sanaan, “Wanni Waaqayyo akka hojjetamu ajaje kana” jedhe.
Moïse dit à l'assemblée: « Voici ce que l'Éternel a ordonné de faire. »
6 Ergasiis Museen Aroonii fi ilmaan isaa gara fuula duraatti fidee bishaaniin isaan dhiqe.
Moïse fit venir Aaron et ses fils, et les lava avec de l'eau.
7 Innis Aroonitti kittaa uffisee sabbataan hidheef; wandaboos itti uffisee isa irratti dirata dabaleef; dirata sanas sabbata ogummaadhaan hojjetameen hidheef.
Il lui mit la tunique, lui attacha la ceinture, le revêtit de la robe, lui mit l'éphod, et il attacha sur lui la bande de l'éphod, habilement tissée, et la lui fixa avec elle.
8 Kiisii qomaa itti kaaʼee kiisii sana keessa immoo Uriimii fi Tumiimii kaaʼe.
Il plaça sur lui le pectoral. Il mit l'urim et le thummim dans le pectoral.
9 Museenis akkuma Waaqayyo isa ajajetti mataa Aroonitti marata mare; marata sana irrattis karaa fuula duraatiin faaya warqee kan gonfoo qulqulluu tolche.
Il mit le turban sur sa tête. Il plaça la plaque d'or, la couronne sacrée, sur le devant du turban, comme l'avait ordonné l'Éternel à Moïse.
10 Ergasii Museen zayitii ittiin diban fuudhee dunkaana qulqulluu fi waan achi keessa jiru hunda dibee qulqulleesse.
Moïse prit l'huile d'onction, oignit le tabernacle et tout ce qui s'y trouvait, et les sanctifia.
11 Zayitii sana irraas fuudhee iddoo aarsaa irratti yeroo torba facaase; akka isaan qulqulleessuufis iddoo aarsaatii fi miʼa isaa hunda akkasumas gabatee itti dhiqatan miilla isaa wajjin zayitii dibe.
Il en fit sept fois l'aspersion sur l'autel, et il oignit l'autel et tous ses ustensiles, ainsi que le bassin et sa base, pour les sanctifier.
12 Zayitii ittiin diban irraas fuudhee mataa Aroon irratti dhangalaase; isa qulqulleessuufis isa dibe.
Il versa de l'huile d'onction sur la tête d'Aaron et l'oignit, afin de le sanctifier.
13 Museenis akkuma Waaqayyo isa ajajetti ilmaan Aroon gara fuula duraatti baasee kittaa itti uffise; sabbata hidheefii gonfoo mataa isaaniitti kaaʼe.
Moïse fit venir les fils d'Aaron, les revêtit de tuniques, leur attacha des ceintures et leur mit des bandeaux, comme Yahvé l'avait ordonné à Moïse.
14 Ergasii immoo aarsaa cubbuutiif dibicha dhiʼeesse; Aroonii fi ilmaan isaas mataa dibicha sanaa irra harka isaanii kaaʼan.
Il amena le taureau du sacrifice pour le péché, et Aaron et ses fils posèrent leurs mains sur la tête du taureau du sacrifice pour le péché.
15 Museenis dibicha sana qalee dhiiga fuudhee iddoo aarsaa qulqulleessuuf quba isaatiin gaanfa iddoo aarsaa hunda dibe; dhiiga hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti gad naqe. Araara isaaf buusuufis iddoo aarsaa sana qulqulleesse.
Il l'égorgea; Moïse prit le sang et le mit avec son doigt autour des cornes de l'autel; il purifia l'autel, versa le sang au pied de l'autel et le sanctifia pour en faire l'expiation.
16 Akkasumas moora naannoo miʼa garaa jiru, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanii fuudhee iddoo aarsaa irratti gube.
Il prit toute la graisse qui était sur les entrailles, la couverture du foie, les deux rognons et leur graisse, et Moïse les brûla sur l'autel.
17 Dibicha sana, gogaa isaa, foon isaatii fi cumaa isaa garuu akkuma Waaqayyo isa ajajetti qubata keessaa gad baasee gube.
Mais le taureau, sa peau, sa viande et ses excréments, il les brûla au feu en dehors du camp, comme Yahvé l'avait ordonné à Moïse.
18 Ergasii immoo aarsaa gubamuuf korbeessa hoolaa dhiʼeesse; Aroonii fi ilmaan isaas mataa hoolaa sanaa irra harka isaanii kaaʼan.
Il présenta le bélier de l'holocauste. Aaron et ses fils posèrent leurs mains sur la tête du bélier.
19 Museen immoo korbeessa hoolaa sana qalee dhiiga isaa iddoo aarsaatti gama hundaan facaase.
Il l'égorgea et Moïse fit aspersion du sang tout autour de l'autel.
20 Korbeessa hoolaa sana gargar kukkutee mataa, buʼaa fi cooma isaa gube.
Il coupa le bélier en morceaux, et Moïse brûla la tête, les morceaux et la graisse.
21 Innis miʼa garaatii fi luka bishaaniin dhiqee korbeessa hoolaa sana guutuu iddoo aarsaa irratti gube. Kunis aarsaa gubamu, foolii namatti tolu, aarsaa nyaataa akkuma Waaqayyo Musee ajajetti Waaqayyoof dhiʼeeffamee dha.
Il lava à l'eau les entrailles et les jambes, et Moïse brûla le bélier tout entier sur l'autel. C'était un holocauste pour un parfum agréable. C'était un sacrifice consumé par le feu à Yahvé, comme Yahvé l'avait ordonné à Moïse.
22 Innis ergasii korbeessa hoolaa kaan jechuunis hoolaa ittiin muudan sana dhiʼeesse; Aroonii fi ilmaan isaa immoo mataa hoolaa sanaa irra harka isaanii kaaʼan.
Il présenta l'autre bélier, le bélier de consécration. Aaron et ses fils posèrent leurs mains sur la tête du bélier.
23 Museenis hoolaa sana qalee dhiiga isaa irraa fuudhee fiixee gurra Aroon mirgaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa dibe.
Il l'égorgea; Moïse prit un peu de son sang et en mit sur le bout de l'oreille droite d'Aaron, sur le pouce de sa main droite et sur le gros orteil de son pied droit.
24 Ilmaan Aroonis gara fuula duraatti baasee dhiiga fuudhee fiixee gurra isaanii mirgaa, quba abbuudduu harka isaanii mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaanii mirgaa ittiin tuqe. Ergasiis dhiiga sana iddoo aarsaatti gama hundaan facaase.
Il fit venir les fils d'Aaron; Moïse mit un peu de sang sur le bout de leur oreille droite, sur le pouce de leur main droite et sur le gros orteil de leur pied droit; Moïse fit asperger le sang tout autour de l'autel.
25 Innis cooma, duboo, moora naannoo miʼa garaa jiru, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanii, tafa mirgaa fuudhe.
Il prit la graisse, la queue, toute la graisse qui était sur les entrailles, la couverture du foie, les deux rognons et leur graisse, et la cuisse droite;
26 Ergasiis gundoo maxinoo baatu kan fuula Waaqayyoo dura ture sana irraa maxinoo tokko, maxinoo zayitiidhaan tolfame tokkoo fi bixxillee tokko fuudhe; waan kanas cooma sanaa fi tafa mirgaa irra kaaʼe.
et dans la corbeille de pains sans levain qui était devant l'Éternel, il prit un gâteau sans levain, un gâteau de pain huilé et une galette, et les plaça sur la graisse et sur la cuisse droite.
27 Innis wantoota kanneen hunda harka Aroonii fi harka ilmaan isaa keessa kaaʼee aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti sochoose.
Il mit tout cela dans les mains d'Aaron et dans les mains de ses fils, et il les agita comme une offrande par agitation devant l'Éternel.
28 Museenis wantoota kanneen harka isaaniitii fuudhee aarsaa ittiin luba taʼan kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu, foolii namatti tolu, aarsaa nyaataa godhee iddoo aarsaa irratti aarsaa gubamu gubbaatti gube.
Moïse les prit de leurs mains et les brûla sur l'autel, sur l'holocauste. Elles constituaient une offrande de consécration pour un parfum agréable. C'était une offrande faite par le feu à Yahvé.
29 Museenis handaraafa fuudhee aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti sochoose; kunis akkuma Waaqayyo isa ajajetti qooda Museen korbeessa hoolaa ittiin luba taʼan irraa argatuu dha.
Moïse prit la poitrine et l'agita comme une offrande par agitation devant Yahvé. C'était la part de Moïse du bélier de consécration, comme Yahvé l'avait ordonné à Moïse.
30 Ergasiis Museen zayitii ittiin dibanii fi dhiiga iddoo aarsaa irra jiru irraa fuudhee Aroonii fi uffata isaatti, ilmaan isaattii fi uffata isaaniitti facaase; akkasiinis Aroonii fi uffata isaa, ilmaan isaatii fi uffata isaanii qulqulleesse.
Moïse prit de l'huile d'onction et du sang qui était sur l'autel; il en fit l'aspersion sur Aaron, sur ses vêtements, sur ses fils et sur les vêtements de ses fils avec lui, et il sanctifia Aaron, ses vêtements, ses fils et les vêtements de ses fils avec lui.
31 Museenis Aroonii fi ilmaan isaatiin akkana jedhe; “Foon sana balbala dunkaana wal gaʼii duratti affeellaa; akkuma ani ‘Aroonii fi ilmaan isaa haa nyaatan’ jedhee ajajetti foon sana buddeena gundoo aarsaan ittiin luboota taʼan keessa kaaʼamu sana keessa jiru wajjin achumatti nyaadhaa.
Moïse dit à Aaron et à ses fils: « Faites bouillir la viande à l'entrée de la tente de la Rencontre, et là, mangez-la, ainsi que le pain qui est dans la corbeille de consécration, comme je l'ai ordonné, en disant: « Aaron et ses fils la mangeront ».
32 Foonii fi buddeena hafu immoo ibiddaan gubaa.
Ce qui restera de la viande et du pain, vous le brûlerez au feu.
33 Sababii luba taʼuun keessan bultii torba fudhatuuf hamma yeroon luba taʼuu keessanii raawwatutti bultii torba balbala dunkaana wal gaʼii duraa hin deeminaa.
Tu ne sortiras pas de l'entrée de la Tente d'assignation pendant sept jours, jusqu'à ce que les jours de ta consécration soient accomplis, car il te consacrera sept jours.
34 Waan harʼa hojjetame kana Waaqayyotu araara isinii buusuuf akka hojjetamu ajaje.
Ce qui a été fait aujourd'hui, Yahvé a ordonné de le faire, afin de faire l'expiation pour vous.
35 Isin akka hin duuneef bultii torba halkanii fi guyyaa balbala dunkaana wal gaʼii dura turaatii waan Waaqayyo isin irraa barbaadu hojjedhaa; wanni ani ajajame kanaatii.”
Tu resteras jour et nuit à l'entrée de la Tente de la Rencontre, pendant sept jours, et tu observeras l'ordre de l'Éternel, afin que tu ne meures pas; car c'est ainsi qu'on me l'ordonne. »
36 Aroonii fi ilmaan isaa waan Waaqayyo karaa Museetiin ajaje hunda hojjetan.
Aaron et ses fils firent tout ce que l'Éternel avait ordonné par Moïse.

< Lewwota 8 >