< Lewwota 7 >

1 “‘Seerri aarsaa yakkaa kan waan hunda caalaa qulqulluu taʼe sanaa kana:
This also is the law of the sacrifice for a trespass, it is most holy:
2 Aarsaan yakkaa iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti haa qalamu; dhiigni isaa immoo gama hundaan iddoo aarsaatti facaafamuu qaba.
Therefore where the holocaust is immolated, the victim also for a trespass shall be slain: the blood thereof shall be poured round about the altar.
3 Moorri isaa hundinuus aarsaa taʼee dhiʼeeffamuu qaba; kunis duboo fi moora miʼa garaa haguugu,
They shall offer thereof the rump and the fat that covereth the entrails:
4 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggiin tiruu kan kaleewwan wajjin baʼu wal faana haa dhiʼaatu.
The two little kidneys, and the fat which is by the flanks, and the caul of the liver with the little kidneys.
5 Lubichis aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼaatu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; kun aarsaa yakkaa ti.
And the priest shall burn them upon the altar: it is the burnt sacrifice of the Lord for a trespass.
6 Dhiirri gosa lubootaa taʼe kam iyyuu foon kana nyaachuu dandaʼa; kun garuu iddoo qulqulluutti nyaatamuu qaba; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluu dha.
Every male of the priestly race, shall eat this flesh in a holy place, because it is most holy.
7 “‘Seerri aarsaan cubbuutii fi aarsaan yakkaa ittiin dhiʼeeffamu tokkuma; aarsaawwan kunneenis kan luba ittiin araara buusuu taʼu.
As the sacrifice for sin is offered, so is also that for a trespass: the same shall be the law of both these sacrifices: it shall belong to the priest that offereth it.
8 Lubni namaaf jedhee aarsaa gubamu dhiʼeessu tokko gogaa aarsaa gubamu sanaa ofii isaatiif haa fudhatu.
The priest that offereth the victim of holocaust, shall have the skin thereof.
9 Kennaan midhaanii kan barbadaa ibiddaa irratti yookaan eelee irratti yookaan beddee irratti bilchaate kam iyyuu luba isa dhiʼeessuuf haa kennamu;
And every sacrifice of flour that is baked in the oven, and whatsoever is dressed on the gridiron, or in the fryingpan, shall be the priest’s that offereth it:
10 kennaan midhaanii kam iyyuu jechuunis kan zayitiin itti makame yookaan goggogaan ilmaan Aroon hundaaf wal qixxee haa kennamu.
Whether they be tempered with oil, or dry, all the sons of Aaron shall have one as much as another.
11 “‘Seerri aarsaa nagaa kan namni tokko ittiin Waaqayyoof dhiʼeessuu qabu kana.
This is the law of the sacrifice of peace offerings that is offered to the Lord.
12 “‘Inni yoo galata galchuuf aarsaa dhiʼeeffate, aarsaa galataa kana wajjin maxinoo zayitiin itti makame, bixxillee raacitii malee tolfamee zayitiin irra dibamee fi maxinoo daakuu bullaaʼaa kan akka gaarii sukkuumamee zayitiin itti makame haa dhiʼeessu.
If the oblation be for thanksgiving, they shall offer leaves without leaven tempered with oil, and unleavened wafers anointed with oil, and fine flour fried, and cakes tempered and mingled with oil:
13 Aarsaa nagaa kan galataaf dhiʼeeffatu wajjinis kennaa maxinoo raacitii qabu haa dhiʼeessu.
Moreover leaves of leavened bread with the sacrifice of thanks, which is offered for peace offerings:
14 Aarsaa hunda keessaa tokko tokko fuudhee akka kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokkootti haa fidu; kunis luba dhiiga aarsaa nagaa facaasu sanaaf haa kennamu.
Of which one shall be offered to the Lord for firstfruits, and shall be the priest’s that shall pour out the blood of the victim.
15 Foon aarsaa nagaa kan galataaf dhiʼeeffamu gaafuma dhiʼaate sana nyaatamee dhumuu qaba; wanni tokko iyyuu isa irraa hafee buluu hin qabu.
And the flesh of it shall be eaten the same day, neither shall any of it remain until the morning.
16 “‘Yoo aarsaan isaa wareega guuttachuuf yookaan aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu taʼe, aarsaan sun guyyuma inni dhiʼeesse nyaatamuu qaba; kan hafe garuu guyyaa itti aanu nyaatamuu dandaʼa.
If any man by vow, or of his own accord offer a sacrifice, it shall in like manner be eaten the same day: and if any of it remain until the morrow, it is lawful to eat it:
17 Foon aarsaa sana irraa hamma guyyaa sadaffaatti hafe gubamuu qaba.
But whatsoever shall be found on the third day shall be consumed with fire.
18 Foon aarsaa nagaa sana irraa yoo wanni tokko iyyuu guyyaa sadaffaatti nyaatame aarsaan sun hin fudhatamu. Kun sababii xuraaʼaa taʼeef nama dhiʼeesse sanaaf fudhatama hin qabaatu. Namni foon sana irraa nyaatu itti gaafatama.
If any man eat of the flesh of the victim of peace offerings on the third day, the oblation shall be of no effect, neither shall it profit the offerer: yea rather whatsoever soul shall defile itself with such meat, shall be guilty of transgression.
19 “‘Foon waan akka seeraatti xuraaʼaa taʼe kam iyyuu tuqe hin nyaatamin; foon sun gubamuu qaba. Foon kaan garuu namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu nyaachuu dandaʼa.
The flesh that hath touched any unclean thing, shall not be eaten, but shall be burnt with fire: he that is clean shall eat of it.
20 Garuu namni xuraaʼaan yoo foon aarsaa nagaa kan Waaqayyoof dhiʼeeffame nyaate, inni saba ofii keessaa haa balleeffamu.
If any one that is defiled shall eat of the flesh of the sacrifice of peace offerings, which is offered to the Lord, he shall be cut off from his people.
21 Namni yoo waan xuraaʼaa jechuunis xuraaʼummaa namaa yookaan horii xuraaʼaa yookaan waan xuraaʼaa kam iyyuu, waan jibbisiisaa tuqee ergasii immoo foon aarsaa nagaa kan Waaqayyoof dhiʼaate keessaa nyaate namni sun saba ofii keessaa haa balleeffamu.’”
And he that hath touched the uncleanness of man, or of beast, or of any thing that can defile, and shall eat of such kind of flesh, shall be cut off from his people.
22 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
And the Lord spoke to Moses, saying:
23 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Moora loonii yookaan kan hoolaa yookaan kan reʼee kamii iyyuu hin nyaatinaa.
Say to the children of Israel: The fat of a sheep, and of an ox, and of a goat you shall not eat.
24 Coomni horii duʼee argamee yookaan bineensi ajjeesee waan biraaf haa oolu; isin garuu isa nyaachuu hin qabdan.
The fat of a carcass that hath died of itself, and of a beast that was caught by another beast, you shall have for divers uses.
25 Namni horii ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffame irraa cooma isaa nyaate kam iyyuu saba ofii isaa keessaa haa balleeffamu.
If any man eat the fat that should be offered for the burnt sacrifice of the Lord, he shall perish out of his people.
26 Isin lafa jiraattan hundatti dhiiga simbirroo yookaan horii gosa kamii iyyuu hin nyaatinaa.
Moreover you shall not eat the blood of any creature whatsoever, whether of birds or beasts.
27 Namni kam iyyuu yoo dhiiga nyaate saba ofii isaa keessaa haa balleeffamu.’”
Every one that eateth blood, shall perish from among the people.
28 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
And the Lord spoke to Moses, saying:
29 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeessu kanuma irraa fuudhee aarsaa ofii isaa Waaqayyoof haa dhiʼeessu.
Speak to the children of Israel, saying: He that offereth a victim of peace offerings to the Lord, let him offer therewith a sacrifice also, that is, the libations thereof.
30 Aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamus harkuma isaatiin haa fidu; cooma sana handaraafa wajjin haa fidu; handaraafas aarsaa sochoofame godhee fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu.
He shall hold in his hands the fat of the victim, and the breast: and when he hath offered and consecrated both to the Lord, he shall deliver them to the priest,
31 Lubichi cooma sana iddoo aarsaa irratti haa gubu. Handaraafni isaa garuu Aroonii fi ilmaan isaatiif haa kennamu.
Who shall burn the fat upon the altar, but the breast shall be Aaron’s and his sons’.
32 Tafa mirgaa kan aarsaa nagaa keessanii kennaa godhaatii lubaaf kennaa.
The right shoulder also of the victims of peace offerings shall fall to the priest for firstfruits.
33 Ilmi Aroon kan dhiigaa fi cooma aarsaa nagaa dhiʼeessu sun tafa mirgaa qooda ofii isaa godhee haa fudhatu.
He among the sons of Aaron, that offereth the blood, and the fat, he shall have the right shoulder also for his portion.
34 Ani aarsaa nagaa kan Israaʼelootaa irraa handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼaate sana fudhadheera; kanas akka qooda isaan bara baraan Israaʼeloota irraa argataniitti Aroon lubichaa fi ilmaan isaatii kenneera.’”
For the breast that is elevated and the shoulder that is separated I have taken of the children of Israel, from off their victims of peace offerings, and have given them to Aaron the priest, and to his sons, by a law for ever, from all the people of Israel.
35 Gaafa isaan lubummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluuf dhiʼaatanitti aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼaate irraa qoodni Aroonii fi ilmaan isaatiif ramadame kana.
This is the anointing of Aaron and his sons, in the ceremonies of the Lord, in the day when Moses offered them, that they might do the office of priesthood,
36 Guyyaa isaan dibamanitti, akka Israaʼeloonni qooda isaanii godhanii bara baraan dhaloota dhufutti waan kana isaanii kennan Waaqayyo ajajeera.
And the things that the Lord commanded to be given them by the children of Israel, by a perpetual observance in their generations.
37 Egaa seerri dhiʼeessuu aarsaa gubamuu, kennaa midhaanii, aarsaa cubbuu, aarsaa yakkaa, seerri dibamuu lubummaatii fi aarsaa nagaa kanaa dha;
This is the law of holocaust, and of the sacrifice for sin, and for trespass, and for consecration, and the victims of peace offerings:
38 kunis ajaja Waaqayyo gaafa akka Israaʼeloonni Gammoojjii Siinaatti kennaa isaanii Waaqayyoof dhiʼeessan Gaara Siinaa irratti Museedhaaf kennee dha.
Which the Lord appointed to Moses in mount Sinai, when he commanded the children of Israel, that they should offer their oblations to the Lord in the desert of Sinai.

< Lewwota 7 >