< Lewwota 6 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Yahvé parla à Moïse, et dit:
2 “Namni yoo waaʼee waan imaanaa isatti kennamee yookaan waan isa bira kaaʼamee yookaan waan hatame tokkoo ollaa isaa gowwoomsuudhaan yookaan saamuudhaan cubbuu hojjetee Waaqayyoof amanamuu baate,
« Si quelqu'un pèche et commet une infidélité à l'égard de Yahvé, s'il traite faussement son prochain dans une affaire de dépôt, de marchandage ou de vol, s'il a opprimé son prochain,
3 yookaan yoo qabeenya bade argee waaʼee isaa soba dubbate yookaan yoo sobaan kakate yookaan yoo cubbuu akkasii kan namoonni hojjetan kam iyyuu hojjete,
s'il a retrouvé ce qui était perdu et a menti à son sujet, et a juré de mentir - dans l'une quelconque de ces choses, un homme pèche par ses actions -
4 yoo akkasiin cubbuu hojjetee yakka qabeessa taʼe inni waan hate yookaan waan humnaan saame yookaan waan imaanaa isatti kenname yookaan waan bade kan lafaa arge sana
alors, s'il a péché et s'il est coupable, il restituera ce qu'il a pris par vol, ou ce qu'il a obtenu par oppression, ou le dépôt qui lui a été confié, ou la chose perdue qu'il a trouvée,
5 yookaan waan sobaan itti kakate hunda haa deebisu. Inni waan sana guutummaatti iddoo haa buusu; gatii waan sanaas harka shan keessaa harka tokko itti dabalee hunda isaa guyyuma aarsaa yakka ofii isaa dhiʼeeffatutti abbaa qabeenya sanaatiif haa kennu.
ou toute chose sur laquelle il a juré faussement: il le restituera intégralement, et y ajoutera un cinquième de plus. Il la rendra à celui à qui elle appartient, le jour où il sera déclaré coupable.
6 Ergasiis inni bushaayee keessaa korbeessa hoolaa hirʼina hin qabne kan gatiin isaa gatii adabbii yakka tokkootti tilmaamamu aarsaa yakka ofii isaa kan Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhee lubatti haa fidu.
Il apportera son sacrifice de culpabilité à l'Éternel: un bélier sans défaut du troupeau, selon votre estimation, en sacrifice de culpabilité, au prêtre.
7 Lubichi haaluma kanaan fuula Waaqayyoo duratti araara isaaf buusa; innis wantoota kanneen keessaa waan hojjete kan yakka qabeessa isa godhe kamiif iyyuu dhiifama argata.”
Le prêtre fera pour lui l'expiation devant Yahvé, et il lui sera pardonné tout ce qu'il aura fait pour se rendre coupable. »
8 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Yahvé parla à Moïse, et dit:
9 “Aroonii fi ilmaan isaatiif ajaja kana kenni: ‘Seerri aarsaa gubamuu kanaa dha; aarsaan gubamu hamma lafti bariitutti halkan guutuu ibidda iddoo aarsaa irra jiru gubbaa haa turu; ibiddis ittuma fufee iddoo aarsaa irratti haa bobaʼu.
« Donne cet ordre à Aaron et à ses fils: Voici la loi de l'holocauste: l'holocauste restera sur le foyer de l'autel toute la nuit jusqu'au matin, et le feu de l'autel restera allumé sur lui.
10 Lubni sunis uffata isaa kan quncee talbaa irraa hojjetamee fi uffata wayyaa jalaan dhagna isaatti aanu kan quncee talbaa irraa hojjetame haa uffatu; ergasiis daaraa aarsaa gubamuu kan ibiddi iddoo aarsaa irratti gubee fixe sana haree iddoo aarsaa cina haa kaaʼu.
Le prêtre revêtira son vêtement de lin, et il mettra sur son corps son pantalon de lin; il enlèvera la cendre de l'endroit où le feu a consumé l'holocauste sur l'autel, et il la mettra à côté de l'autel.
11 Ergasiis uffata sana of irraa baasee kan biraa haa uffatu; daaraa sanas baatee qubata keessaa gad baasee lafa akka seeraatti qulqulluu taʼetti haa geessu.
Il ôtera ses vêtements, en mettra d'autres, et portera les cendres hors du camp, dans un lieu pur.
12 Ibiddi iddoo aarsaa irra jiru yeroo hunda bobaʼuu qaba; yoom iyyuus hin dhaamin. Lubichi ganama ganama ibidda sanatti qoraan haa naqu; aarsaa gubamu ibidda irratti haa qopheessu; kana irrattis cooma aarsaa nagaa haa gubu.
Le feu restera allumé sur l'autel, il ne s'éteindra pas, et le prêtre y brûlera du bois chaque matin. Il y déposera l'holocauste en ordre, et il y brûlera la graisse des sacrifices de prospérité.
13 Iddoo aarsaa irratti ibiddi yeroo hunda haa bobaʼu; gonkumaas hin dhaamin.
Le feu brûlera continuellement sur l'autel; il ne s'éteindra pas.
14 “‘Seerri kennaa midhaanii kanaa dha: Ilmaan Aroon waan kana fuullee iddoo aarsaatti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessan.
"'Voici la loi de l'offrande de gâteau: les fils d'Aaron l'offriront devant l'Éternel, devant l'autel.
15 Lubnis daakuu bullaaʼaa konyee tokkoo fi zayitii, ixaana kennaa midhaanii irra jiru hunda wajjin fuudhee urgaa Waaqayyotti tolu godhee akka kutaa yaadannootti iddoo aarsaa irratti haa gubu.
Il prendra là une poignée de la fleur de farine de l'offrande, de son huile et de tout l'encens qui est sur l'offrande, et il la brûlera sur l'autel, en guise d'odeur agréable, comme sa portion commémorative, devant l'Éternel.
16 Aroonii fi ilmaan isaa immoo waan irraa hafe haa nyaatan; kun maxinoo iddoo qulqulluutti nyaatamuu qabuu dha; isaanis oobdii dunkaana wal gaʼii keessatti haa nyaatan.
Ce qui en restera, Aaron et ses fils le mangeront. On le mangera sans levure, dans un lieu saint. Ils le mangeront dans le parvis de la tente d'assignation.
17 Wanni kun raacitiidhaan tolfamuu hin qabu; ani kennaa ibiddaan naa dhiʼeeffamu keessaa akka qooda isaaniitti waan kana isaaniif kenneera. Kunis akkuma aarsaa cubbuutii fi aarsaa yakkaatti waan hunda caalaa qulqulluu dha.
Il ne sera pas cuit au four avec de la levure. Je le leur ai donné comme part de mes offrandes consumées par le feu. Il est très saint, comme le sacrifice pour le péché et le sacrifice de culpabilité.
18 Sanyiin Aroon kan dhiira taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu dandaʼa. Kunis qooda kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu keessaa dhaloota keessan kan dhufutti bara baraan Arooniif kennamee dha; namni isa tuqu hundinuus ni qulqullaaʼa.’”
Tout mâle parmi les enfants d'Aaron en mangera, c'est la part qui lui reviendra de génération en génération, parmi les offrandes consumées par le feu de l'Éternel. Quiconque les touchera sera saint. »"
19 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
L'Éternel parla à Moïse, et dit:
20 “Kennaan Aroonii fi ilmaan isaa guyyaa inni dibamutti Waaqayyoof dhiʼeessuu qaban kanaa dha: Daakuu bullaaʼaa iifii kudhan keessaa tokkoo jechuunis walakkaa isaa ganama, walakkaa immoo galgala yeroo hunda kennaa midhaanii godhanii haa dhiʼeessan.
Voici l'offrande qu'Aaron et ses fils présenteront à l'Éternel le jour où il sera oint: un dixième d'épha de fleur de farine, en offrande perpétuelle, une moitié le matin et une moitié le soir.
21 Kunis zayitiidhaan eelee irratti haa tolfamu; akka gaariitti walitti makiitii kennaa midhaan sanaa caccabsii urgaa Waaqayyotti tolu godhii dhiʼeessi.
On la fera cuire à l'huile dans une poêle. Lorsqu'elle sera trempée, tu l'apporteras. Tu offriras l'offrande de repas en morceaux cuits, comme une odeur agréable à Yahvé.
22 Ilmi isaa kan luba taʼee dibamee iddoo isaa buʼu waan kana haa qopheessu; kennaan kun sababii qooda Waaqayyoo kan bara baraa taʼeef guutummaatti haa gubamu.
Le prêtre oint qui sera à sa place, parmi ses fils, l'offrira. C'est une loi perpétuelle: elle sera entièrement consumée devant l'Éternel.
23 Kennaan midhaanii kan lubichi dhiʼeessu hundi guutummaatti haa gubamu; aarsaan sun nyaatamuu hin qabuutii.”
Toute offrande de repas d'un prêtre sera entièrement brûlée. On ne la mangera pas. »
24 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Yahvé parla à Moïse et dit:
25 “Aroonii fi ilmaan isaatiin akkana jedhi: ‘Seerri aarsaan cubbuu ittiin dhiʼeeffamu kanaa dha: Aarsaan cubbuu iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti fuula Waaqayyoo duratti haa qalamu; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluu dha.
Parle à Aaron et à ses fils, et dis: « Voici la loi du sacrifice pour le péché: dans le lieu où l'on égorge l'holocauste, on égorgera le sacrifice pour le péché devant Yahvé. Elle est très sainte.
26 Lubni isa dhiʼeessu aarsaa kana haa nyaatu; kunis oobdii dunkaana wal gaʼii keessatti iddoo qulqulluutti nyaatamuu qaba.
Le prêtre qui l'offrira pour le péché la mangera. Il la mangera dans un lieu saint, dans le parvis de la tente d'assignation.
27 Namni foon sana tuqu kam iyyuu ni qulqullaaʼa; yoo dhiigni isaa tokko iyyuu uffatatti facaʼe uffata sana iddoo qulqulluutti miicuu qabda.
Tout ce qui touchera sa chair sera saint. Si un vêtement est aspergé de son sang, vous laverez celui sur lequel il a été aspergé dans un lieu saint.
28 Okkoteen suphee kan foon sun itti affeelame haa cabsamu; yoo okkotee naasiitti affeelame garuu haqamee bishaaniin haa dhiqamu.
Mais le vase de terre dans lequel on l'aura fait bouillir sera brisé; et si on l'a fait bouillir dans un vase de bronze, on le récurera et on le rincera à l'eau.
29 Dhiirri gosa lubootaa taʼe kam iyyuu foon kana nyaachuu ni dandaʼa; kun waan hunda caalaa qulqulluu dha.
Tout mâle parmi les prêtres en mangera. C'est une chose très sainte.
30 Garuu aarsaan cubbuu kan araara buusuudhaaf dhiigni isaa gara dunkaana wal gaʼii Iddoo Qulqulluutti fidamu kam iyyuu nyaatamuu hin qabu; inni gubamuu qaba.
On ne mangera pas le sacrifice pour le péché dont on a apporté une partie du sang dans la tente d'assignation pour faire l'expiation dans le lieu saint. Il sera brûlé au feu.

< Lewwota 6 >