< Lewwota 5 >

1 “‘Namni tokko yoo waan nama kakachiisu dhagaʼee waaʼee waan arge yookaan beeku sanaa dhugaa baʼuu diduudhaan cubbuu hojjete inni itti gaafatama.
“‘Mutum zai yi zunubi in bai yi magana ba sa’ad da ya ji ana shelar neman shaida game da wani abin da ya gani ko kuwa ya ji, alhakin zai zauna a wuyansa.
2 “‘Yookaan namni tokko yoo waan akka seeraatti xuraaʼaa taʼe jechuunis raqa bineensa xuraaʼaa yookaan horii xuraaʼaa yookaan uumamawwan xuraaʼoo kanneen lafa irra munyuuqanii utuu hin beekin tuqe inni xuraaʼeera; yakka qabeessas taʼa.
“‘Ko kuwa in mutum ya taɓa wani abin da yake mai ƙazanta, ko gawar naman jeji marar tsabta, ko na shanu marar tsabta, ko na halittu marasa tsabtan da suke motsi a ƙasa; ko da yake bai sani ba, ya ƙazantu ke nan, kuma ya yi laifi.
3 Yookaan inni yoo xuraaʼummaa namaa jechuunis waan isa xureessu kam iyyuu utuu hin beekin tuqe, yommuu waan sana beeketti yakka qabeessa taʼa.
Ko kuwa in ya taɓa rashin tsabta na mutane, wani abin da zai sa shi rashin tsabta; ko da yake bai sani ba, sa’ad da ya gane, zai zama mai laifi.
4 Yookaan namni yoo utuu itti hin yaadin waan gaarii yookaan hamaa gochuuf kakate, waaʼee waan utuu itti hin yaadin kakate sanaa beekuu baatu illee maalumaafuu yommuu waan sana beeketti inni yakka qabeessa taʼa.
Ko kuwa in mutum bai yi tunani ba, ya yi rantsuwar yin wani abu, ko mai kyau ko marar kyau; ko da yake bai sani ba, duk da haka sa’ad da ya gane zai zama mai laifi.
5 Inni yoo karaa kanneen keessaa tokkoon iyyuu yakka qabeessa taʼe karaa kamiin akka hojjete haa himatu;
Sa’ad da wani yana da laifi a kowanne cikin waɗannan hanyoyi, dole yă furta a hanyar da ya yi zunubin
6 adaba cubbuu hojjete sanaatiifis akka aarsaa cubbuu isaaf taatuuf bushaayee keessaa hoolaa yookaan reʼee dhaltuu Waaqayyoof haa fidu; lubnis cubbuu namichaatiif aarsaa araaraa haa dhiʼeessu.
kuma don zunubin da ya yi, dole yă kawo wa Ubangiji tunkiya ko akuya daga garke kamar hadaya don zunubi; firist kuwa zai yi kafara dominsa da kuma domin zunubinsa.
7 “‘Namichi sun cubbuu hojjeteef hoolaa dhiʼeessuutti harka qalleessa yoo taʼe adabbii cubbuu isaatiif gugee lama yookaan gugee sosookkee lama, tokko aarsaa cubbuutiif tokko immoo aarsaa gubamuuf Waaqayyoof haa fidu.
“‘In ba zai iya kawo tunkiyar ba, sai yă kawo kurciyoyi biyu ko tattabarai biyu ga Ubangiji a matsayin hakki don zunubinsa, ɗaya domin hadaya don zunubi ɗayan kuma domin hadaya ta ƙonawa.
8 Lubattis isaan haa fidu; lubni immoo kan aarsaa cubbuutiif taatu duraan dursee haa dhiʼeessu. Innis mataa ishee micciiree morma ishee haa cabsu; garuu irraa hin kutin.
Zai kawo su wa firist, wanda da fari zai miƙa ɗaya domin hadaya don zunubi. Zai murɗe kan daga wuyanta, ba tare da tsinke kan gaba ɗaya ba,
9 Dhiiga aarsaa cubbuu sana irraa fuudhee cinaacha iddoo aarsaatti haa facaasu; dhiigni hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaafamu; kun aarsaa cubbuu ti.
zai kuma yayyafa jinin hadaya don zunubin a gefen bagade; a tsiyaye sauran jinin kuma a gindin bagade. Hadaya ce ta zunubi.
10 Ergasiis lubichi akkuma ajajametti kan lammaffaa sana aarsaa gubamu godhee cubbuu namichi hojjeteef aarsaa araaraa haa dhiʼeessu; innis dhiifama argata.
Firist zai miƙa ɗayan matsayin hadaya ta ƙonawa bisa ga yadda aka tsara, yă kuma yi kafara dominsa saboda zunubin da ya yi, za a kuwa gafarta masa.
11 “‘Namichi sun yoo gugee lama yookaan gugee sosookkee lama dhiʼeessuutti harka qalleessa taʼe inni cubbuu hojjete sanaaf daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo keessaa harka kurnaffaa aarsaa cubbuutiif haa dhiʼeessu. Sababii wanni kun aarsaa cubbuu taʼeef namichi zayitii yookaan ixaana itti hin dabalin.
“‘In ba zai iya kawo kurciyoyi biyu ko tattabarai biyu ba, sai yă kawo humushin garwan gari mai laushi domin hadaya don zunubi. Ba lalle ba ne yă sa mai ko turare a kansa, saboda wannan hadaya ce ta zunubi.
12 Innis lubatti haa fidu; lubichi immoo konyee tokko irraa fuudhee akka kutaa yaadannoo tokkootti aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffame gubbaatti iddoo aarsaa irratti haa gubu; kun aarsaa cubbuu ti.
Zai kawo wa firist, firist kuwa zai ɗiba da hannu don yă kasance abin tunawa, sai yă ƙone a bisan bagaden kamar hadayar da ake ƙona da wuta ga Ubangiji. Hadaya ce ta zunubi.
13 Lubichis haala kanaan cubbuu namichi hojjeteef araara buusa; innis dhiifama argata. Aarsaan hafe immoo akkuma aarsaa midhaaniitti kan lubichaa taʼa.’”
Ta haka firist zai yi kafara dominsa saboda dukan waɗannan zunuban da ya yi, za a kuwa gafarta masa. Sauran hadayar za tă zama ta firist, kamar yadda yake bisa ga hadaya ta gari.’”
14 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Ubangiji ya ce wa Musa,
15 “Namni yoo seera cabsee utuu hin beekin waan Waaqayyoof qulqulleeffame kam iyyutti cubbuu hojjete inni adabbii cubbuu isaatiif bushaayee keessaa korbeessa hoolaa kan hirʼina hin qabne kan gatiin isaa akka saqilii iddoo qulqulluutti meetiidhaan tilmaamame tokko aarsaa yakkaa godhee Waaqayyoof haa fidu; kun aarsaa yakkaa ti.
“Sa’ad da mutum ya ci amana, ya kuma yi zunubi ba da gangan ba dangane da wani cikin abubuwa masu tsarki na Ubangiji, zai kawo ga Ubangiji rago daga garke wanda ba shi da lahani saboda yin hadaya don laifinsa. Za a kimata kuɗinsa bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri. Hadaya ce ta laifi.
16 Namichi sunis waan wantoota qulqulluu irraa hirʼise sana iddoo haa buusu; gatii waan sanaa illee harka shan keessaa harka tokko itti dabalee hunda isaa lubatti haa kennu; lubni sunis korbeessa hoolaa aarsaa yakkaatiif dhiʼeeffame sanaan araara buusaaf; innis dhiifama argata.
Dole yă biya abin da ya kāsa yi dangane da abubuwa masu tsarki, yă ƙara kashi ɗaya bisa biyar na darajar abin a kan wannan sa’an nan yă ba wa firist. Firist kuwa zai yi kafara dominsa da ragon hadaya don laifi. Za a kuwa gafarta masa.
17 “Namni yoo cubbuu hojjetee waan ajajawwan Waaqayyoo keessatti dhowwame hojjete, inni yoo beekuu baate illee yakka qabeessa taʼeera; itti gaafatamas.
“In mutum ya yi zunubi, ya aikata ɗaya daga cikin abubuwan da Ubangiji ya umarta kada a yi, ko da yake bai sani ba, shi mai laifi ne. Za a kuwa nemi hakki daga gare shi.
18 Innis akka tilmaama keetiitti bushaayee keessaa korbeessa hoolaa hirʼina hin qabne tokko aarsaa yakkaa godhee lubatti haa fidu. Lubichis haaluma kanaan yakka namichi utuu hin beekin hojjeteef araara buusa; innis dhiifama argata.
Zai kawo wa firist rago daga garke, marar lahani. Za a kimanta tamanin rago daidai da tamanin hadaya don laifi. Firist kuwa zai yi kafara don kuskuren da mutumin ya yi ba da saninsa ba, za a gafarta masa.
19 Kun aarsaa yakkaa ti; namichi sun Waaqayyotti yakka hojjeteera.”
Hadaya ce ta laifi, ya yi laifi na abin da ya yi marar kyau ga Ubangiji.”

< Lewwota 5 >