< Lewwota 5 >

1 “‘Namni tokko yoo waan nama kakachiisu dhagaʼee waaʼee waan arge yookaan beeku sanaa dhugaa baʼuu diduudhaan cubbuu hojjete inni itti gaafatama.
Wenn eine SeeLE sündigen würde, daß er einen Fluch höret, und er des Zeuge ist, oder gesehen oder erfahren hat und nicht angesagt, der ist einer Missetat schuldig.
2 “‘Yookaan namni tokko yoo waan akka seeraatti xuraaʼaa taʼe jechuunis raqa bineensa xuraaʼaa yookaan horii xuraaʼaa yookaan uumamawwan xuraaʼoo kanneen lafa irra munyuuqanii utuu hin beekin tuqe inni xuraaʼeera; yakka qabeessas taʼa.
Oder wenn eine SeeLE etwas Unreines anrühret, es sei ein Aas eines unreinen Tieres oder Viehes oder Gewürmes, und wüßte es nicht, der ist unrein und hat sich verschuldet.
3 Yookaan inni yoo xuraaʼummaa namaa jechuunis waan isa xureessu kam iyyuu utuu hin beekin tuqe, yommuu waan sana beeketti yakka qabeessa taʼa.
Oder wenn er einen unreinen Menschen anrühret, in waserlei Unreinigkeit der Mensch unrein werden kann, und wüßte es nicht, und wird's inne, der hat sich verschuldet.
4 Yookaan namni yoo utuu itti hin yaadin waan gaarii yookaan hamaa gochuuf kakate, waaʼee waan utuu itti hin yaadin kakate sanaa beekuu baatu illee maalumaafuu yommuu waan sana beeketti inni yakka qabeessa taʼa.
Oder wenn eine SeeLE schwöret, daß ihm aus dem Munde entfähret, Schaden oder Gutes zu tun (wie denn einem Menschen ein Schwur entfahren mag, ehe er's bedacht), und wird's inne, der hat sich an der einem verschuldet.
5 Inni yoo karaa kanneen keessaa tokkoon iyyuu yakka qabeessa taʼe karaa kamiin akka hojjete haa himatu;
Wenn es nun geschiehet, daß er sich der eines verschuldet und erkennet sich, daß er daran gesündigt hat,
6 adaba cubbuu hojjete sanaatiifis akka aarsaa cubbuu isaaf taatuuf bushaayee keessaa hoolaa yookaan reʼee dhaltuu Waaqayyoof haa fidu; lubnis cubbuu namichaatiif aarsaa araaraa haa dhiʼeessu.
so soll er für seine Schuld dieser seiner Sünde, die er getan hat, dem HERRN bringen von der Herde eine Schaf oder Ziegenmutter zum Sündopfer; so soll ihm der Priester seine Sünde versöhnen.
7 “‘Namichi sun cubbuu hojjeteef hoolaa dhiʼeessuutti harka qalleessa yoo taʼe adabbii cubbuu isaatiif gugee lama yookaan gugee sosookkee lama, tokko aarsaa cubbuutiif tokko immoo aarsaa gubamuuf Waaqayyoof haa fidu.
Vermag er aber nicht ein Schaf, so bringe er dem HERRN für seine Schuld, die er getan hat, zwo Turteltauben oder zwo junge Tauben, die erste zum Sündopfer, die andere zum Brandopfer.
8 Lubattis isaan haa fidu; lubni immoo kan aarsaa cubbuutiif taatu duraan dursee haa dhiʼeessu. Innis mataa ishee micciiree morma ishee haa cabsu; garuu irraa hin kutin.
Und bringe sie dem Priester. Der soll die erste zum Sündopfer machen und ihr den Kopf abkneipen hinter dem Genick, und nicht abbrechen.
9 Dhiiga aarsaa cubbuu sana irraa fuudhee cinaacha iddoo aarsaatti haa facaasu; dhiigni hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaafamu; kun aarsaa cubbuu ti.
Und sprenge mit dem Blut des Sündopfers an die Seite des Altars und lasse das übrige Blut ausbluten an des Altars Boden. Das ist das Sündopfer.
10 Ergasiis lubichi akkuma ajajametti kan lammaffaa sana aarsaa gubamu godhee cubbuu namichi hojjeteef aarsaa araaraa haa dhiʼeessu; innis dhiifama argata.
Die andere aber soll er zum Brandopfer machen nach seinem Recht. Und soll also der Priester ihm seine Sünde versöhnen, die er getan hat; so wird's ihm vergeben.
11 “‘Namichi sun yoo gugee lama yookaan gugee sosookkee lama dhiʼeessuutti harka qalleessa taʼe inni cubbuu hojjete sanaaf daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo keessaa harka kurnaffaa aarsaa cubbuutiif haa dhiʼeessu. Sababii wanni kun aarsaa cubbuu taʼeef namichi zayitii yookaan ixaana itti hin dabalin.
Vermag er aber nicht zwo Turteltauben oder zwo junge Tauben, so bringe er für seine Sünde sein Opfer, einen zehnten Teil Epha Semmelmehl zum Sündopfer. Er soll aber kein Öl drauf legen noch Weihrauch drauf tun: denn es ist ein Sündopfer.
12 Innis lubatti haa fidu; lubichi immoo konyee tokko irraa fuudhee akka kutaa yaadannoo tokkootti aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffame gubbaatti iddoo aarsaa irratti haa gubu; kun aarsaa cubbuu ti.
Und soll's zum Priester bringen. Der Priester aber soll eine Handvoll davon nehmen zum Gedächtnis und anzünden auf dem Altar zum Feuer dem HERRN. Das ist ein Sündopfer.
13 Lubichis haala kanaan cubbuu namichi hojjeteef araara buusa; innis dhiifama argata. Aarsaan hafe immoo akkuma aarsaa midhaaniitti kan lubichaa taʼa.’”
Und der Priester soll also seine Sünde, die er getan hat, ihm versöhnen, so wird's ihm vergeben. Und soll des Priesters sein, wie ein Speisopfer.
14 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Und der HERR redete mit Mose und sprach:
15 “Namni yoo seera cabsee utuu hin beekin waan Waaqayyoof qulqulleeffame kam iyyutti cubbuu hojjete inni adabbii cubbuu isaatiif bushaayee keessaa korbeessa hoolaa kan hirʼina hin qabne kan gatiin isaa akka saqilii iddoo qulqulluutti meetiidhaan tilmaamame tokko aarsaa yakkaa godhee Waaqayyoof haa fidu; kun aarsaa yakkaa ti.
Wenn sich eine SeeLE vergreift, daß sie es versiehet, und sich versündiget an dem, das dem HERRN geweihet ist, soll sie ihr Schuldopfer dem HERRN bringen, einen Widder ohne Wandel von der Herde, der zween Sekel Silbers wert sei nach dem Sekel des Heiligtums, zum Schuldopfer.
16 Namichi sunis waan wantoota qulqulluu irraa hirʼise sana iddoo haa buusu; gatii waan sanaa illee harka shan keessaa harka tokko itti dabalee hunda isaa lubatti haa kennu; lubni sunis korbeessa hoolaa aarsaa yakkaatiif dhiʼeeffame sanaan araara buusaaf; innis dhiifama argata.
Dazu, was er gesündiget hat an dem Geweiheten, soll er wiedergeben und das fünfte Teil darüber geben, und soll's dem Priester geben; der soll ihn versöhnen mit dem Widder des Schuldopfers, so wird's ihm vergeben.
17 “Namni yoo cubbuu hojjetee waan ajajawwan Waaqayyoo keessatti dhowwame hojjete, inni yoo beekuu baate illee yakka qabeessa taʼeera; itti gaafatamas.
Wenn eine SeeLE sündiget und tut wider irgend ein Gebot des HERRN, das sie nicht tun sollte, und hat es nicht gewußt, die hat sich verschuldet und ist einer Missetat schuldig.
18 Innis akka tilmaama keetiitti bushaayee keessaa korbeessa hoolaa hirʼina hin qabne tokko aarsaa yakkaa godhee lubatti haa fidu. Lubichis haaluma kanaan yakka namichi utuu hin beekin hojjeteef araara buusa; innis dhiifama argata.
Und soll bringen einen Widder von der Herde ohne Wandel, der eines Schuldopfers wert ist, zum Priester; der soll ihm seine Unwissenheit versöhnen, die er getan hat und wußte es nicht; so wird's ihm vergeben.
19 Kun aarsaa yakkaa ti; namichi sun Waaqayyotti yakka hojjeteera.”
Das ist das Schuldopfer, das er dem HERRN verfallen ist.

< Lewwota 5 >