< Lewwota 4 >
1 Waaqayyo akkana jedhee Museetti dubbate;
And the Lord spoke to Moses, saying:
2 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Yoo namni utuu hin beekin waan Waaqayyo dhowwe cabsuudhaan cubbuu hojjete.
Say to the children of Israel: The soul that sinneth through ignorance, and doth any thing concerning any of the commandments of the Lord, which he commanded not to be done:
3 “‘Lubichi dibame yoo cubbuu hojjetee akkasiin sabatti cubbuu fide, inni cubbuu hojjete sanaaf dibicha hirʼina hin qabne tokko aarsaa cubbuu godhee Waaqayyoof haa dhiʼeessu.
If the priest that is anointed shall sin, making the people to offend, he shall offer to the Lord for his sin a calf without blemish.
4 Innis dibicha sana balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu. Mataa dibicha sanaa irras harka isaa kaaʼee fuula Waaqayyoo duratti haa qalu.
And he shall bring it to the door of the testimony before the Lord, and shall put his hand upon the head thereof, and shall sacrifice it to the Lord.
5 Lubni dibame sun dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee dunkaana wal gaʼiitti qabatee haa seenu.
He shall take also of the blood of the calf, and carry it into the tabernacle of the testimony.
6 Lubni sunis quba isaa dhiiga keessa cuphee dhiiga sana irraa golgaa iddoo qulqulluu duratti yeroo torba fuula Waaqayyoo duratti haa facaasu.
And having dipped his finger in the blood, he shall sprinkle with it seven times before the Lord, before the veil of the sanctuary.
7 Ergasiis lubni sun dhiiga sana irraa gaanfawwan iddoo aarsaa ixaana urgaaʼu kan dunkaana wal gaʼii keessa fuula Waaqayyoo dura jiru sana irratti haa naqu. Dhiiga dibicha sanaa kan hafe hunda immoo balbala dunkaana wal gaʼii irratti miilla iddoo aarsaa gubamuu jalatti haa dhangalaasu.
And he shall put some of the same blood upon the horns of the altar of the sweet incense most acceptable to the Lord, which is in the tabernacle of the testimony. And he shall pour all the rest of the blood at the foot of the altar of holocaust in the entry of the tabernacle.
8 Innis dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame sana irraa cooma hunda haa baasu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
And he shall take off the fat of the calf for the sin offering, as well that which covereth the entrails, as all the inwards:
9 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan inni kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi;
The two little kidneys, and the caul that is upon them, which is by the hanks, and the fat of the liver with the little kidneys,
10 waan kanas akkuma loon aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamu irraa moorri baafamu sanatti haa baasu. Lubnis iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuu irratti haa gubu.
As it is taken off from the calf of the sacrifice of peace offerings, and he shall burn them upon the altar of holocaust.
11 Garuu gogaa dibicha sanaatii fi foon isaa hunda, mataa fi miilla isaa, miʼa garaatii fi cumaa isaa,
But the skin and all the flesh with the head and the feet and the bowels and the dung,
12 jechuunis waan dibicha sanaa kan hafe hunda qubata keessaa gad baasee gara iddoo seeraan qulqulluu taʼe kan daaraan itti gatamuutti haa geessu; daaraa tuulame irrattis ibidda qoraaniitiin haa gubu.
And the rest of the body he shall carry forth without the camp into a clean place where the ashes are wont to be poured out, and he shall burn them upon a pile of wood, they shall be burnt in the place where the ashes are poured out.
13 “‘Yoo waldaan Israaʼel hundi utuu hin beekin cubbamee waan ajaja Waaqayyoo keessatti dhowwame hojjete waldaan sun waaʼee waan sanaa beekuu baatu illee yakka qabeessa taʼa.
And if all the multitude of Israel shall be ignorant, and through ignorance shall do that which is against the commandment of the Lord,
14 Yommuu cubbuun isaan hojjetan beekamutti waldaan sun dibicha tokko aarsaa cubbuu godhee dunkaana wal gaʼii duratti fidee haa dhiʼeessu.
And afterwards shall understand their sin, they shall offer for their sin a calf, and shall bring it to the door of the tabernacle.
15 Maanguddoonni waldaa fuula Waaqayyoo duratti mataa dibicha sanaa irra harka isaanii haa kaaʼan; dibichi sunis fuula Waaqayyoo duratti haa qalamu.
And the ancients of the people shall put their hands upon the head thereof before the Lord. And the calf being immolated in the sight of the Lord,
16 Lubni dibame sun dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee gara dunkaana wal gaʼiitti haa fidu.
The priest that is anointed shall carry of the blood into the tabernacle of the testimony.
17 Innis quba isaa dhiiga keessa cuuphee golgaa duratti yeroo torba fuula Waaqayyoo duratti haa facaasu.
And shall dip his finger in it and sprinkle it seven times before the veil.
18 Lubni sunis dhiiga sana irraa gaanfawwan iddoo aarsaa kan dunkaana wal gaʼii keessa fuula Waaqayyoo dura jiru sana irratti haa naqu. Dhiiga dibicha sanaa kan hafe hunda immoo balbala dunkaana wal gaʼii irratti miilla iddoo aarsaa gubamuu jalatti haa dhangalaasu.
And he shall put of the same blood on the horns of the altar that is before the Lord, in the tabernacle of the testimony: and the rest of the blood he shall pour at the foot of the altar of holocaust, which is at the door of the tabernacle of the testimony.
19 Inni cooma hunda irraa baasee iddoo aarsaa irratti haa gubu;
And all the fat thereof he shall take off, and shall burn it upon the altar:
20 dibicha kanas akkuma dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame sana godhe haa godhu; lubnis haaluma kanaan araara isaaniif buusa; isaanis dhiifama argatu.
Doing so with this calf, as he did also with that before: and the priest praying for them, the Lord will be merciful unto them.
21 Innis ergasii dibicha sana qubata keessaa gad baasee akkuma dibicha jalqabaa gube sana haa gubu; kunis aarsaa cubbuu waldaa ti.
But the calf itself he shall carry forth without the camp, and shall burn it as he did the former calf: because it is for the sin of the multitude.
22 “‘Bulchaan tokko yoo utuu hin beekin cubbuu hojjetee waan ajaja Waaqayyo Waaqa isaa keessatti dhowwame hojjete inni yakka qabeessa taʼa.
If a prince shall sin, and through ignorance do any one of the things that the law of the Lord forbiddeth,
23 Inni yommuu cubbuu hojjete sana beeketti korma reʼee kan hirʼina hin qabne tokko aarsaa ofii isaatiif haa fidu.
And afterwards shall come to know his sin, he shall offer a buck goat without blemish, a sacrifice to the Lord.
24 Mataa reʼee sanaa irra harka isaa kaaʼee iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti fuula Waaqayyoo duratti haa qalu; kunis aarsaa cubbuu ti.
And he shall put his hand upon the head thereof: and when he hath immolated it in the place where the holocaust is wont to be slain before the Lord, because it is for sin,
25 Lubni sunis ergasii dhiiga aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu irratti dhiʼeeffamutti haa naqu; dhiiga hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu.
The priest shall dip his finger in the blood of the victim for sin, touching therewith the horns of the altar of holocaust, and pouring out the rest at the foot thereof.
26 Innis akkuma cooma aarsaa nagaatiif dhiʼeeffame gube sana moora hunda iddoo aarsaa irratti haa gubu; lubichi haala kanaan namichaaf araara cubbuu buusa; innis dhiifama argata.
But the fat he shall burn upon it, as is wont to be done with the victims of peace offerings: and the priest shall pray for him, and for his sin, and it shall be forgiven him.
27 “‘Saba keessaa namni tokko yoo utuu hin beekin waan ajaja Waaqayyoo keessatti dhowwame keessaa tokko illee cabsuudhaan cubbuu hojjete inni yakka qabeessa taʼa.
And if any one of the people of the land shall sin through ignorance, doing any of those things that by the law of the Lord are forbidden, and offending,
28 Inni yommuu akka cubbuu hojjete beeketti cubbuu hojjete sanaaf reʼee dhaltuu hirʼina hin qabne tokko aarsaa ofii isaatiif haa fidu.
And shall come to know his sin, he shall offer a she goat without blemish.
29 Mataa reʼee aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamte sanaa irras harka isaa kaaʼee iddoo aarsaa gubamuutti haa qalu.
And he shall put his hand upon the head of the victim that is for sin, and shall immolate it in the place of the holocaust.
30 Lubni sunis ergasii dhiiga sana irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu irratti dhiʼeeffamutti haa naqu; dhiiga hafe hunda immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu.
And the priest shall take of the blood with his finger, and shall touch the horns of the altar of holocaust, and shall pour out the rest at the foot thereof.
31 Akkuma moorri itti aarsaa nagaa irraa baafamutti inni moora hunda haa baasu; lubni immoo aarsaa urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu. Akkasiinis lubni araara buusaaf; innis dhiifama argata.
But taking off all the fat, as is wont to be taken away of the victims of peace offerings, he shall burn it upon the altar, for a sweet savour to the Lord: and he shall pray for him, and it shall be forgiven him.
32 “‘Inni yoo hoolaa tokko aarsaa cubbuu ofii isaatiif fide, dhaltuu hirʼina hin qabne haa fidu.
But if he offer of the flock a victim for his sin, to wit, an ewe without blemish:
33 Mataa hoolaa sanaa irras harka isaa kaaʼee iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti aarsaa cubbuutiif haa qalu.
He shall put his hand upon the head thereof, and shall immolate it in the place where the victims of holocausts are wont to be slain.
34 Lubni sunis ergasii dhiiga aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuutti haa naqu; dhiiga hafe hunda immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu.
And the priest shall take of the blood thereof with his finger, and shall touch the horns of the altar of holocaust, and the rest he shall pour out at the foot thereof.
35 Akkuma moorri itti hoolaa aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamu irraa baafamutti inni moora hunda haa baasu; lubni immoo aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu gubbaatti iddoo aarsaa irratti haa gubu. Lubnis akkasiin cubbuu namichi hojjeteef araara buusaaf; innis dhiifama argata.
All the fat also he shall take off, as the fat of the ram that is offered for peace offerings is wont to be taken away: and shall burn it upon the altar, for a burnt sacrifice of the Lord: and he shall pray for him and for his sin, and it shall be forgiven him.