< Lewwota 3 >
1 “‘Kennaan nama tokkoo yoo aarsaa nagaa taʼe, namichi sunis karra loonii keessaa horii tokko, korma yookaan dhalaa yoo dhiʼeesse, inni horii hirʼina hin qabne fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
“‘Kama sadaka ya mtu ni sadaka ya amani, naye akatoa ngʼombe kutoka kundi, akiwa dume au jike, atamleta mnyama asiye na dosari mbele za Bwana.
2 Namichi sun mataa kennaa isaa irra harka isaa haa kaaʼu; balbala dunkaana wal gaʼii durattis haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Aroon luboonni sun dhiiga horii sana iddoo aarsaa sanatti gama hundaan haa facaasan.
Ataweka mkono wake juu ya kichwa cha sadaka yake na kumchinja penye ingilio la Hema la Kukutania. Ndipo makuhani wana wa Aroni watanyunyiza damu yake pande zote za madhabahu.
3 Innis aarsaa nagaa irraa aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu haa fidu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
Kutoka kwenye hiyo sadaka ya amani ataleta sadaka iliyotolewa kwa Bwana kwa moto: mafuta yote ya mnyama yafunikayo sehemu za ndani, ama yanayoungana na hizo sehemu za ndani,
4 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼa.
figo zote pamoja na mafuta yote yanayozizunguka karibu na kiuno na yale yanayofunika ini, ambayo atayaondoa pamoja na figo.
5 Ergasiis ilmaan Aroon waan kana aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhanii iddoo aarsaa irratti aarsaa gubamu kan qoraan bobaʼu irra jiru irratti haa guban.
Kisha wana wa Aroni wataiteketeza juu ya madhabahu, juu ya ile sadaka ya kuteketezwa iliyoko juu ya kuni zinazowaka, kama sadaka ya kuteketezwa kwa moto, harufu nzuri ya kumpendeza Bwana.
6 “‘Inni yoo bushaayee keessaa horii tokko akka aarsaa nagaatti Waaqayyoof dhiʼeesse, korma yookaan dhalaa hirʼina hin qabne haa dhiʼeessu.
“‘Kama akitoa kondoo au mbuzi kutoka kundi kama sadaka ya amani kwa Bwana, atamtoa dume au jike asiye na dosari.
7 Inni yoo xobbaallaa hoolaa dhiʼeesse, fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
Kama akimtoa mwana-kondoo, atamleta mbele za Bwana.
8 Namichi sunis mataa kennaa isaa irra harka isaa kaaʼee balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Aroon dhiiga horii sanaa iddoo aarsaa irratti gama hundaan haa facaasan.
Ataweka mkono wake juu ya kichwa cha sadaka yake, naye atamchinja mbele ya Hema la Kukutania. Kisha wana wa Aroni watanyunyiza damu yake kwenye madhabahu pande zote.
9 Innis aarsaa nagaa sana irraa qalma ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu haa fidu; kunis cooma isaa, duboo isaa kan lafee dugdaatti dhiʼeeffamee kutame hunda, moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
Kutoka kwenye hiyo sadaka ya amani ataleta dhabihu iliyotolewa kwa Bwana kwa moto: mafuta yake, mafuta yote ya mkia uliokatwa karibu na uti wa mgongo, mafuta yote yanayofunika sehemu za ndani au yale yanayounganika nazo,
10 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi.
figo mbili pamoja na mafuta yanayozizunguka yaliyo karibu na kiuno na yale yanayofunika ini, ambayo atayatoa pamoja na figo.
11 Lubni sunis waan kana nyaata godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; nyaanni kunis aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
Kuhani ataviteketeza juu ya madhabahu kama chakula, sadaka iliyotolewa kwa Bwana kwa moto.
12 “‘Yoo kennaan isaa reʼee taʼe, inni fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
“‘Kama sadaka yake ni mbuzi, ataileta mbele za Bwana.
13 Namichi sun mataa reʼee sanaa irra harka isaa kaaʼee fuula dunkaana wal gaʼii duratti haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Aroon dhiiga horii sanaa iddoo aarsaa irratti gama hundaan haa facaasan.
Ataweka mkono wake juu ya kichwa chake na kumchinja mbele ya Hema la Kukutania. Kisha wana wa Aroni watanyunyiza damu yake kwenye madhabahu pande zote.
14 Innis waan dhiʼeessu keessaa kennaa kana kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhee haa dhiʼeessu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
Kutokana na ile sadaka anayotoa, atatoa sadaka hii kwa Bwana kwa moto: mafuta yote yanayofunika sehemu za ndani na yale yanayoungana nazo,
15 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi.
figo zote mbili pamoja na mafuta yaliyo juu yake karibu na kiuno na yanayofunika ini, ambayo atayaondoa pamoja na figo.
16 Lubni sunis waan kana nyaata godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; kunis aarsaa urgaaʼaa ibiddaan dhiʼeeffamuu dha. Coomni hundinuu kan Waaqayyoo ti.
Kuhani ataviteketeza juu ya madhabahu kama chakula, sadaka iliyotolewa kwa moto, harufu nzuri. Mafuta yote ya mnyama ni ya Bwana.
17 “‘Isin cooma tokko illee yookaan dhiiga tokko illee hin sooratinaa; wanni kun lafa isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf jiru keessatti seera hin geeddaramnee dha.’”
“‘Hii ni kanuni ya kudumu kwa vizazi vijavyo, popote muishipo: Msile mafuta yoyote ya mnyama wala damu.’”