< Lewwota 27 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Yahvé habló a Moisés, diciendo:
2 “Akkana jedhii Israaʼelootatti himi: ‘Namni yoo gatii wal madaalu kennuudhaan Waaqayyoof nama kennuuf wareega addaa godhe,
“Habla a los hijos de Israel y diles: ‘Cuando un hombre consagre a una persona a Yahvé en un voto, según vuestra valoración,
3 dhiira umuriin isaa waggaa digdamaa hamma jaatamaa taʼeef, akka safartuu saqilii iddoo qulqulluutti herregni isaa meetii saqilii shantama haa taʼu.
vuestra valoración de un varón de veinte a sesenta años será de cincuenta siclos de plata, según el siclo del santuario.
4 Yoo dubartii taate immoo herregni ishee meetii saqilii soddoma haa taʼu.
Si se trata de una mujer, tu valoración será de treinta siclos.
5 Yoo nama umuriin isaa waggaa shanii fi digdama gidduu taʼe, herregni dhiiraa meetii saqilii digdamatti, kan dubartii immoo meetii saqilii kudhanitti haa herregamu.
Si la persona tiene de cinco a veinte años, tu valoración será de veinte siclos para el varón y de diez siclos para la mujer.
6 Nama umuriin isaa jiʼa tokkoo hamma waggaa shanii taʼe immoo herregni isaa, dhiiraaf meetii saqilii shan, durbaaf immoo meetii saqilii sadii haa taʼu.
Si la persona tiene de un mes a cinco años, tu valoración será de cinco siclos de plata para el varón y de tres siclos de plata para la mujer.
7 Namni umuriin isaa waggaa jaatama yookaan sanaa ol taʼe dhiirri meetii saqilii kudha shanitti, dubartiin immoo meetii saqilii kudhanitti haa herregamu.
Si la persona es de sesenta años en adelante, si es varón, tu valoración será de quince siclos, y para la mujer de diez siclos.
8 Namni wareega wareegu hiyyoomee gatii murtaaʼe sana yoo baasuu dadhabe, Museen nama sana lubatti haa fidu; lubni immoo akkuma dandeettii namicha wareega wareege sanaatti gatii isaa haa herreguuf.
Pero si es más pobre que tu valuación, entonces será presentada ante el sacerdote, y éste le asignará un valor. El sacerdote le asignará un valor según su capacidad de pago.
9 “‘Wanni namichi sun wareege horii fuula Waaqayyoo duratti aarsaa fudhatama qabu yoo taʼe horiin Waaqayyoof kenname kan akkasii hundi ni qulqullaaʼa.
“‘Si se trata de un animal del que los hombres ofrecen una ofrenda a Yahvé, todo lo que un hombre da de él a Yahvé se convierte en santo.
10 Namichis horii sana geeddaruu yookaan horii gaarii horii jibbamaan yookaan horii jibbamaa horii gaarii iddoo hin buusin; yoo inni horii tokko horii biraa iddoo buuse horiin lamaanuu qulqulluu taʼu.
No lo alterará, ni lo cambiará, un bien por un mal, o un mal por un bien. Si se cambia un animal por otro, tanto éste como el que se cambia serán santos.
11 Yoo horiin inni wareege sun akka seeraatti xuraaʼaa jechuunis kan Waaqayyoof aarsaa taʼee dhiʼaachuu hin dandeenye taʼe namichi sun horii sana gara lubatti haa fidu;
Si se trata de un animal impuro, del que no se ofrece como ofrenda a Yahvé, entonces pondrá el animal delante del sacerdote;
12 lubichis akka horiin sun gaarii yookaan jibbamaa taʼe haa madaalu. Gatiin lubni madaale akkasuma haa taʼu.
y el sacerdote lo evaluará, si es bueno o malo. Según lo evalúe el sacerdote, así será.
13 Namichi sun yoo horii sana furachuu barbaade gatii herregame sanatti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu qaba.
Pero si en verdad lo redime, entonces añadirá la quinta parte de él a su valoración.
14 “‘Yoo namni tokko mana ofii Waaqayyoof qulqulleesse, akka manni sun gaarii yookaan gadhee taʼe lubichi gatii isaa haa herregu. Gatiin lubni madaale akkasuma haa taʼu.
“‘Cuando un hombre dedique su casa a ser santa para Yahvé, entonces el sacerdote la evaluará, si es buena o mala. Según la evalúe el sacerdote, así quedará.
15 Namichi mana isaa Waaqaaf qulqulleesse sun yoo mana ofii furachuu barbaade, gatii herregame sanatti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu qaba; manni sunis deebiʼee kan isaa taʼa.
Si el que la dedica quiere redimir su casa, entonces le añadirá la quinta parte del dinero de su evaluación, y será suya.
16 “‘Yoo namni lafa dhaalaan argate irraa Waaqayyoof qulqulleesse gatiin lafa sanaa akkuma baayʼina sanyii lafa sanaaf barbaachisuutti jechuunis garbuun safartuun homeerii tokko meetii saqilii shantamatti herregama.
“‘Si un hombre dedica a Yahvé una parte del campo de su posesión, su valoración será según la semilla de la misma. La siembra de un homer de cebada se valorará en cincuenta siclos de plata.
17 Yoo inni lafa qotiisaa isaa Waggaa Iyyoobeeliyyuu keessa qulqulleesse gatiin duraan hedame sun hin geeddaramu.
Si él dedica su campo desde el Año del Jubileo, según tu valoración se mantendrá.
18 Garuu yoo inni waggaa Iyyoobeeliyyuu booddee lafa qotiisaa isaa qulqulleesse lubichi akkuma baayʼina waggoota hamma waggaa Iyyoobeeliyyuu itti aanuutti jiraniitti herrega; gatiin shallagame gad buʼa.
Pero si dedica su campo después del Jubileo, el sacerdote le contará el dinero según los años que falten para el Año del Jubileo, y se hará una rebaja de tu valoración.
19 Yoo namichi lafa qotiisaa isaa Waaqaaf addaan baasu sun lafa qotiisaa isaa furachuu barbaade, inni gatii hedametti harka shan keessaa harka tokko haa dabalu; lafti qotiisaa sunis deebiʼee kan isaa taʼa.
Si el que dedicó el campo lo rescata, le agregará la quinta parte del dinero de tu valuación, y seguirá siendo suyo.
20 Taʼus yoo inni lafa qotiisaa sana furachuu baate, yookaan dabarsee nama biraatti gurgure, lafti qotiisaa sun deebiʼee furamuu hin dandaʼu.
Si no quiere rescatar el campo, o si lo ha vendido a otro hombre, ya no se rescatará;
21 Lafti qotiisaa sun yommuu Waggaa Iyyoobeeliyyuu keessa gad dhiifamutti akkuma lafa qotiisaa Waaqayyoof kennameetti addaan baafama; kunis qabeenya lubootaa taʼa.
pero el campo, cuando salga en el jubileo, será sagrado para Yahvé, como campo consagrado. Será propiedad de los sacerdotes.
22 “‘Yoo namni tokko lafa qotiisaa dhaalaan hin argatin kan ofii isaatii bitate Waaqayyoof qulqulleesse,
“‘Si dedica a Yahvé un campo que ha comprado, que no es del campo de su posesión,
23 lubni gatii lafa qotiisaa sanaa hamma Waggaa Iyyoobeeliyyuutti herrega; namichis gatii herregame sana gaafuma sana kan Waaqayyoof qulqulleeffame godhee haa baasu.
entonces el sacerdote le calculará el valor de su valoración hasta el Año del Jubileo; y le dará su valoración en ese día, como cosa sagrada para Yahvé.
24 Waggaa Iyyoobeeliyyuuttis lafti qotiisaa sun namichuma irraa bitame kan abbaa lafa qotiisaa sanaa tureef ni deebiʼa.
En el Año del Jubileo el campo volverá al que lo compró, al que le pertenece la posesión de la tierra.
25 Gatiin hundinuu akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti jechuunis geeraan digdamni saqilii tokkootti herregama.
Todas vuestras valoraciones serán según el siclo del santuario: veinte gerahs al siclo.
26 “‘Taʼus namni tokko iyyuu horii hangafa qulqulleessuu hin dandaʼu; hangafti duraanuu Waaqayyoof qulqulleeffameeraatii; sangaas taʼu hoolaan hangafni kan Waaqayyoo ti.
“‘Sin embargo, el primogénito entre los animales, que pertenece a Yahvé como primogénito, ningún hombre puede dedicarlo, ya sea un buey o una oveja. Es de Yahvé.
27 Yoo horiin sun xuraaʼaa taʼe inni gatii herregame irratti harka shan keessaa harka tokko dabalee deebisee bitachuu dandaʼa. Yoo inni furachuu baate immoo horiin sun gatii isaaf herregametti gurgurama.
Si se trata de un animal impuro, lo recomprará según tu valoración, y le añadirá la quinta parte; o si no se redime, se venderá según tu valoración.
28 “‘Garuu wanni namni qabu kan inni Waaqayyoof qulqulleessu tokko illee jechuunis namas taʼu horiin yookaan lafti dhaalaan argame hin gurguramu yookaan hin furamu. Wanni akkasiin qulqulleeffame hundinuu akka malee Waaqayyoof qulqulluudhaatii.
“‘Sin embargo, ninguna cosa consagrada que un hombre dedique a Yahvé de todo lo que tiene, sea de hombre o de animal, o del campo de su posesión, será vendida o redimida. Todo lo que se consagra permanentemente es santísimo para Yahvé.
29 “‘Namni akka ajjeefamuuf murteeffame tokko illee hin furamu; inni ajjeefamuu qaba.
“‘Ningún consagrado a la destrucción, que sea consagrado de entre los hombres, será rescatado. Será condenado a muerte.
30 “‘Wanni lafti baaftu kam iyyuu sanyiis taʼu ija mukaa harka kudhan keessaa harki tokko kan Waaqayyoo ti; kun waan Waaqayyoof qulqulleeffamee dha.
“‘Todo el diezmo de la tierra, ya sea de la semilla de la tierra o del fruto de los árboles, es de Yahvé. Es sagrado para Yahvé.
31 Namni yoo kennaa isaa kan harka kudhan keessaa harka tokko taʼe sana furachuu barbaade inni gatii kennaa sanaaf herregame irratti harka shan keessaa harka tokko dabalee haa baasu.
Si un hombre rescata algo de su diezmo, le añadirá la quinta parte.
32 Kennaan karra loonii fi bushaayee guutuu keessaa harka kudhan keessaa harka tokko taʼe jechuunis horiin ulee tiksee jala baʼee darbu hunda keessaa harka kudhan keessaa harki tokko Waaqayyoof qulqullaaʼa.
Todo el diezmo de las vacas o de los rebaños, todo lo que pase por debajo de la vara, el décimo será santo para el Señor.
33 Inni horii jibbamaa keessaa horii gaarii hin filatin yookaan iddoo hin buusin; yoo inni iddoo buuse horiin lamaanuu qulqulluu taʼu; furamuus hin dandaʼu.’”
No examinará si es bueno o malo, ni lo cambiará. Si lo cambia, tanto él como aquello por lo que se cambie serán sagrados. No se canjeará”.
34 Kunneen ajajawwan Waaqayyo Gaara Siinaa irratti karaa Museetiin Israaʼelootaaf kennee dha.
Estos son los mandamientos que Yahvé ordenó a Moisés para los hijos de Israel en el Monte Sinaí.

< Lewwota 27 >