< Lewwota 26 >

1 “‘Waaqota tolfamoo hin tolfatinaa; fakkii yookaan dhagaa waaqeffannaa hin dhaabbatinaa; fuula isaanii duratti sagaduuf jettaniis biyya keessan keessatti dhagaa soofame hin dhaabinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
Ye shall make yourselves no idols, neither rear you up for yourselves carved image, or statue, nor shall ye set up a figured stone in your land, to bow down unto it; for I am Jehovah your God.
2 “‘Sanbatoota koo eegaa; iddoo qulqulluu koos kabajaa. Ani Waaqayyo.
Ye shall observe my sabbaths, and my sanctuary shall ye reverence: I am Jehovah.
3 “‘Yoo isin sirna koo duukaa buutanii ajajawwan koos eegdanii hojii irra oolchitan,
If ye walk in my statutes, and observe my commandments and do them,
4 ani yeroo isaatti bokkaa isiniifan kenna; lafti midhaan ishee, mukkeen dirrees ija isaanii ni kennu.
then I will give your rain in the season thereof, and the land shall yield its produce, and the trees of the field shall yield their fruit;
5 Midhaan dhaʼachuun keessan hamma yeroo ija wayinii cirattaniitti itti fufa; ija wayinii cirachuun keessan hamma yeroo facaasaatti ittuma fufa; isinis nyaata keessan hamma quuftanitti nyaattanii lafa keessan irra nagaadhaan jiraattu.
and your threshing shall reach unto the vintage, and the vintage shall reach unto the sowing-time; and ye shall eat your bread to the full, and dwell in your land securely.
6 “‘Ani biyyattii keessa nagaa nan buusa; isin ni raftu; wanni tokko iyyuu isin hin sodaachisu. Biyyattii keessaa bineensota hamoo nan baasa; goraadeenis biyya keessan keessa hin darbu.
And I will give peace in the land, and ye shall lie down, and none shall make you afraid; and I will put away the evil beasts out of the land; and the sword shall not go through your land.
7 Isin diinota keessan ni ariitu; isaan immoo goraadeedhaan fuula keessan duratti dhumu.
And ye shall chase your enemies, and they shall fall before you by the sword;
8 Isin nama shan taatanii nama dhibba tokko ariitu; dhibba tokko taatanii immoo kuma kudhan ariitu; diinonni keessan goraadeedhaan fuula keessan duratti dhumu.
and five of you shall chase a hundred, and a hundred of you shall put ten thousand to flight; and your enemies shall fall beside you by the sword.
9 “‘Ani fuula tolaadhaan gara keessan ilaalee akka isin hortanii baayʼattan nan godha; kakuu isin wajjin qabus nan jabeessa.
And I will turn my face towards you and make you fruitful, and multiply you, and establish my covenant with you.
10 Isin midhaan bara darbee nyaachaa utuu inni gombisaa keessaa hin dhumin, midhaan haaraadhaaf iddoo qopheessuuf jettanii midhaan bara darbee sana gad baaftu.
And ye shall eat old store, and clear away the old because of the new.
11 Iddoo jireenya kootii isin gidduu nan godhadha; lubbuun koos isin hin balfitu.
And I will set my habitation among you; and my soul shall not abhor you;
12 Ani isin gidduu jiraadhee Waaqa keessan nan taʼa; isinis saba koo ni taatu.
and I will walk among you, and will be your God, and ye shall be to me a people.
13 Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan akka isin lammata garboota warra Gibxi hin taaneef biyya Gibxii baasee isin fidee dha; ani hidhaa waanjoo keessanii kutee akka isin mataa ol qabattanii deemtan godheera.
I am Jehovah your God, who brought you forth out of the land of Egypt, that ye should not be their bondmen; and I have broken the bands of your yoke, and made you walk upright.
14 “‘Garuu yoo na dhagaʼuu diddanii ajajawwan kanneen hunda eeguu baattan,
But if ye hearken not unto me, and do not all these commandments,
15 yoo sirna koo tuffattanii seera koo balfitan, yoo ajajawwan kanneen hunda eeguu baattanii kakuu koo cabsitan,
and if ye shall despise my statutes, and if your soul shall abhor mine ordinances, so that ye do not all my commandments, that ye break my covenant,
16 ani wantoota kanneen isinittin fida: Isaanis naasuu, dhukkuba nama huqqisu, dhukkuba dhagna nama gubu kan agartuu namaa balleessee jireenya namaa gogsu isinitti nan fida. Isin akkasumaan midhaan facaafattu; diinota keessantu nyaataatii.
I also will do this unto you — I will even appoint over you terror, consumption, and fever, which shall cause the eyes to fail, and the soul to waste away; and ye shall sow your seed in vain, for your enemies shall eat it.
17 Akka isin diinota keessaniin moʼamtaniif ani fuula isinittan hammaadha; warri isin jibban isin bulchu; isin utuu eenyu iyyuu isin hin ariʼin ni baqattu.
And I will set my face against you, that ye may be routed before your enemies; they that hate you shall have dominion over you; and ye shall flee when none pursueth you.
18 “‘Yoo isin wantoota kanneen hunda booddee naa ajajamuu diddan ani cubbuu keessaniif dachaa torba isin adaba.
And if for this ye hearken not unto me, I will punish you sevenfold more for your sins,
19 Of tuulummaa humna keessanii nan cabsa; samii keessan akka sibiilaa, lafa keessan immoo akka naasii nan godha.
and I will break the arrogance of your power; and I will make your heaven as iron, and your earth as bronze,
20 Humni keessan akkasumaan bada; lafti keessan midhaan isaa, mukkeenis ija isaanii hin kennaniitii.
and your strength shall be spent in vain, and your land shall not yield its produce; and the trees of the land shall not yield their fruit.
21 “‘Yoo isin naan mormitanii na dhagaʼuu diddan, ani akkuma cubbuu keessaniitti dhaʼicha dachaa torba isinitti nan fida.
And if ye walk contrary unto me, and will not hearken unto me, I will bring sevenfold more plagues upon you according to your sins.
22 Anis bineensota bosonaa isinittan erga; isaanis ijoollee keessan isin jalaa ni butatu; horii keessan ni barbadeessu; baayʼinni keessan ni xinnaata; daandiiwwan keessanis duwwaa hafu.
And I will send the beasts of the field among you, that they may rob you of your children, and cut off your cattle, and make you few in number; and your streets shall be desolate.
23 “‘Yoo isin waan kanneeniin deebiʼuu diddanii naan mormuu keessan itti fuftan garuu,
And if ye will not be disciplined by me through these, but walk contrary unto me,
24 ani mataan koo isiniinan morma; sababii cubbuu keessaniitiifis dachaa torba isin nan miidha.
then will I also walk contrary unto you, and will smite you, even I, sevenfold for your sins.
25 Kakuu cabsuu keessaniifis goraadee isinitti fidee haaloo isin nan baafadha. Yommuu isin gara magaalaawwan keessaniitti baqattanitti ani gidduu keessanitti dhaʼicha nan erga; isinis dabarfamtanii harka diinotaatti kennamtu.
And I will bring a sword upon you that avengeth with the vengeance of the covenant, and ye shall be gathered together into your cities, and I will send the pestilence among you; and ye shall be delivered into the hand of the enemy.
26 Yommuu ani madda buddeena keessanii gogsutti, dubartoonni kudhan eelee tokkotti buddeena tolchu, isaanis buddeena sana madaalanii isinii kennu; isin ni nyaattu; garuu hin quuftan.
When I break the staff of your bread, ten women shall bake your bread in one oven, and shall deliver you the bread again by weight; and ye shall eat, and not be satisfied.
27 “‘Yoo isin waan kanaanis na dhagaʼuu diddanii garuu naan mormuutti fuftan,
And if for this ye hearken not to me, but walk contrary unto me,
28 anis aaree isiniin nan morma; ani mataan koo sababii cubbuu keessaniitiif dachaa torba isiniinan adaba.
then I will walk contrary unto you also in fury; and I, even I, will chastise you seven-fold for your sins.
29 Isin foon ilmaan keessaniitii fi foon intallan keessanii ni nyaattu.
And ye shall eat the flesh of your sons, and the flesh of your daughters shall ye eat.
30 Iddoowwan sagadaa keessan barbadeessee iddoowwan aarsaa ixaanaa keessan nan caccabsa; reeffa keessanis waaqota keessan warra lubbuu hin qabne sana irra nan tuula; isinis nan balfa.
And I will lay waste your high places, and cut down your sun-pillars, and cast your carcases upon the carcases of your idols; and my soul shall abhor you.
31 Magaalaawwan keessan nan diiga; iddoowwan qulqulluu keessan nan onsa; urgaa keessan gammachiisaas hin urgeeffadhu.
And I will lay waste your cities and desolate your sanctuaries; and I will not smell your sweet odours.
32 Ani akka diinonni keessan kanneen achi jiraatan rifataniif biyyattii nan onsa;
And I will bring the land into desolation; that your enemies who dwell there in may be astonished at it.
33 ani saboota gidduu isin nan bittinneessa; goraadee koo luqqifadhees isin nan ariʼa. Biyyi keessan ni ona; magaalaawwan keessan immoo ni diigamu.
And I will scatter you among the nations, and will draw out the sword after you; and your land shall be desolation, and your cities waste.
34 Biyyattiinis yeroo ontee isin biyya diinota keessanii keessa jiraattanitti sanbata isheetti ni gammaddi; laftis boqottee sanbata isheetti gammaddi.
Then shall the land enjoy its sabbaths all the days of the desolation, when ye are in your enemies' land; then shall the land rest, and enjoy its sabbaths.
35 Biyyattiin yeroo onte kana hunda boqonnaa sanbatootaa kan yeroo isin ishee irra jiraattanitti hin argatin ni argatti.
All the days of the desolation it shall rest, [the days in] which it did not rest on your sabbaths, when ye dwelt therein.
36 “‘Warra isin keessaa hafan, ani utuma isaan biyya diinota isaanii jiranuu garaa isaaniitti naasuu nan buusa. Sagaleen baala qilleensi raasuu isaan ariʼa; utuma namni isaan ariʼu tokko illee hin jiraatin isaan akkuma waan goraadee jalaa baqataniitti fiigu; ni kukkufus.
And as to those that remain of you — I will send faintness into their hearts in the lands of their enemies, that the sound of a driven leaf shall chase them, and they shall flee, as fleeing from a sword; and they shall fall when none pursueth;
37 Namni isaan ariʼu jiraachuu baatu illee isaan akkuma waan goraadee jalaa baqataniitti wal gufachiisu. Isin fuula diinota keessanii dura dhaabachuu hin dandeessan.
and they shall stumble one over another, as it were before a sword, when none pursueth; and ye shall have no power to stand before your enemies.
38 Isin saboota ormaa gidduutti dhumtu; lafti diinota keessaniis isin liqimsiti.
And ye shall perish among the nations, and the land of your enemies shall eat you up.
39 Warri isin keessaa hafan immoo sababii cubbuu isaaniitiif lafa diinota isaanii keessatti badu; sababii cubbuu abbootii isaaniitiinis ni badu.
And they that remain of you shall waste away through their iniquity in your enemies' lands; and also through the iniquities of their fathers shall they waste away with them.
40 “‘Garuu yoo isaan cubbuu isaaniitii fi cubbuu abbootii isaanii jechuunis gantummaa fi daba isaan natti hojjetan
And they shall confess their iniquity, and the iniquity of their fathers, through their unfaithfulness wherein they were unfaithful to me, and also that they have walked contrary unto me,
41 kan akka ani isaaniin mormuu fi akka ani biyya diinota isaaniitti isaan ergu himatan, yoo garaan isaanii kan dhagna hin qabatin sun gad of deebisee isaan gatii cubbuu isaaniitiif malu baasan,
so that I also walked contrary unto them, and brought them into the land of their enemies. If then their uncircumcised heart be humbled, and they then accept the punishment of their iniquity,
42 ani kakuu koo kanan Yaaqoob wajjin gale, kakuu koo kanan Yisihaaq wajjin gale, kakuu koo kanan Abrahaam wajjin gale sana nan yaadadha; biyyattiis nan yaadadha.
I will remember my covenant with Jacob, and also my covenant with Isaac, and also my covenant with Abraham will I remember; and I will remember the land.
43 Lafti isaan malee hafti; yeroo isaan malee haftuttis sanbatoota isheetti ni gammaddi. Isaan sababii seera koo tuffatanii ajaja koos balfaniif gatii cubbuu isaanii ni baasu.
For the land shall be left by them, and shall enjoy its sabbaths, when it is in desolation without them; and they shall accept the punishment of their iniquity; because, even because they despised my judgments, and their soul abhorred my statutes.
44 Taʼus utuu isaan biyya diinota isaanii keessa jiranuu ani kakuu koo kanan isaan wajjin gale sana cabsee guutumaan guutuutti isaan balleessuuf jedhee isaan hin tuffadhu yookaan isaan hin balfu. Ani Waaqayyo Waaqa isaanii ti.
And yet for all that, when they are in the land of their enemies, I will not despise them, and will not abhor them, to make an end of them utterly, to break my covenant with them, for I am Jehovah their God.
45 Garuu ani isaaniif jedhee kakuu ani abbootii isaanii warra ani Waaqa isaanii taʼuuf utuu saboonni arganuu biyya Gibxiitii baasee fide sana wajjin gale nan yaadadha. Ani Waaqayyo.’”
But I will remember toward them the covenant with their ancestors whom I brought forth out of the land of Egypt before the eyes of the nations, that I might be their God: I am Jehovah.
46 Kunneen labsiiwwan, seerawwanii fi qajeelcha Waaqayyo Gaara Siinaa irratti harka Museetiin ofii isaatii fi Israaʼeloota gidduutti baasee dha.
These are the statutes and ordinances and laws which Jehovah made between him and the children of Israel in mount Sinai, by the hand of Moses.

< Lewwota 26 >