< Lewwota 24 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
L'Éternel parla à Moïse, et dit:
2 “Akka ibsaan ittuma fufee bobaʼuuf akka isaan zayitii ejersaa kan cuunfamee taliila taʼe siif fidaniif ijoollee Israaʼel ajaji.
Ordonne aux enfants d'Israël de t'apporter de l'huile d'olive pure, battue pour le feu, afin que la lampe brûle continuellement.
3 Aroonis ibsaawwan sana golgaa taabota kakuu seeraa kan dunkaana wal gaʼii keessa jiru sanaan alatti fuula Waaqayyoo duratti galgalaa hamma ganamaatti ittuma fufee haa qopheessu. Kunis dhaloota keessaniif seera bara baraa haa taʼu.
En dehors du voile du Témoignage, dans la Tente d'assignation, Aaron la tiendra en ordre, du soir au matin, devant Yahvé, en permanence. Ce sera une loi perpétuelle pour vos générations.
4 Ibsaawwan baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa hojjetaman irra fuula Waaqayyoo dura jiran sun ittuma fufanii qopheeffamuu qabu.
Il fera fonctionner les lampes sur le chandelier en or pur, devant l'Éternel, en permanence.
5 “Daakuu bullaaʼaa fuudhiitii buddeena kudha lama tolchi; tokkoon tokkoon buddeena sanaas daakuu iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka lama lamaan haa tolfamu.
« Tu prendras de la fleur de farine et tu en feras douze gâteaux: un gâteau contiendra deux dixièmes d'épha.
6 Buddeena kanas toora tokko keessa jaʼa jaʼa godhiitii minjaala warqee qulqulluu irraa hojjetamee fuula Waaqayyoo dura jiru irra toora lamaan kaaʼi.
Tu les placeras en deux rangs, six par rang, sur la table d'or pur, devant l'Éternel.
7 Akka inni qooda buddeena sanaa kutaa yaadannootii fi aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu taʼuuf tokkoo tokkoo toora sanaa irra ixaana qulqulluu kaaʼi.
Tu mettras de l'encens pur sur chaque rangée, afin qu'il serve de mémorial au pain, comme une offrande consumée par le feu à l'Éternel.
8 Buddeenni kunis akka kakuu bara baraa taʼee saba Israaʼel iddoo buʼuuf yeroo hunda Sanbatuma Sanbataan fuula Waaqayyoo dura haa kaaʼamu.
Chaque jour de sabbat, il la dressera en permanence devant l'Éternel. C'est une alliance éternelle en faveur des enfants d'Israël.
9 Buddeenni kun qooda Arooniitii fi ilmaan isaa ti; isaanis sababii buddeenni kun qooda isaanii kan bara baraa kan aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffame keessaa kutaa waan hunda caalaa qulqullaaʼe taʼeef iddoo qulqulluutti isa haa nyaatan.”
Elle sera pour Aaron et ses fils. Ils la mangeront dans un lieu saint, car elle est pour lui une chose très sainte parmi les offrandes de l'Éternel faites par feu, selon un statut perpétuel. »
10 Namichi haati isaa gosa Israaʼelii fi abbaan isaa immoo nama biyya Gibxii taʼe tokko Israaʼeloota gidduu baʼe; lollis qubata keessatti isaa fi Israaʼelicha tokko gidduutti kaʼe.
Le fils d'une femme israélite, dont le père était égyptien, sortit au milieu des enfants d'Israël; le fils de la femme israélite et un homme d'Israël se disputèrent dans le camp.
11 Ilmi dubartii Israaʼel sunis Maqaa Waaqaa arrabse; ni abaares; kanaafuu Museetti isa fidan. Maqaan haadha namicha sanaas Sheloomiit jedhama; isheen immoo intala namicha gosa Daanii kan Dibraayi jedhamuu ti.
Le fils de la femme israélite blasphéma le Nom et maudit, et on l'amena à Moïse. Sa mère s'appelait Shelomith, fille de Dibri, de la tribu de Dan.
12 Isaanis hamma fedhiin Waaqayyoo isaanii ifutti eegumsa jala isa tursan.
Ils le mirent en détention jusqu'à ce que la volonté de Yahvé leur soit déclarée.
13 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe:
Yahvé parla à Moïse et dit:
14 “Namicha Waaqa arrabse sana qubata keessaa gad baasi. Warri isa dhagaʼan hundinuu harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan; waldaan hundi immoo dhagaadhaan isa haa tumu.
« Fais sortir du camp celui qui a maudit; que tous ceux qui l'ont entendu posent leurs mains sur sa tête, et que toute l'assemblée le lapide.
15 Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni kam iyyuu yoo Waaqa isaa abaare inni cubbuu hojjeteef itti gaafatama;
Tu parleras aux enfants d'Israël en disant: « Celui qui maudira son Dieu portera la peine de son péché.
16 namni Maqaa Waaqayyoo arrabsu haa ajjeefamu. Waldaan hundi dhagaadhaan isa haa tumu. Alagaas taʼu dhalataan biyyaa yoo Maqaa Waaqaa arrabse haa ajjeefamu.
Celui qui blasphème le nom de l'Éternel sera puni de mort. Toute l'assemblée le lapidera certainement. L'étranger, comme le natif, sera mis à mort s'il blasphème le Nom.
17 “‘Namni nama ajjeese kam iyyuu haa ajjeefamu.
"'Celui qui frappera un homme mortellement sera puni de mort.
18 Namni horii namaa ajjeese horii sana iddoo haa buusu.
Celui qui frappera mortellement un animal lui rendra la pareille, vie pour vie.
19 Namni tokko yoo ollaa isaa miidhe, wanni inni nama sana godhe isa irrattis haa godhamu;
Si quelqu'un blesse son prochain, il lui sera fait comme il a fait:
20 kunis qooda cabaa cabaa, qooda ijaa ija, qooda ilkaanii ilkaan jechuu dha. Innis akkuma nama miidhe sana isa irrattis haa godhamu.
fracture pour fracture, œil pour œil, dent pour dent. Il lui sera fait comme il a fait du mal à quelqu'un.
21 Namni horii ajjeese horii sana iddoo haa buusu; namni nama ajjeese garuu haa ajjeefamu.
Celui qui tuera un animal le réparera, et celui qui tuera un homme sera mis à mort.
22 Alagaas taʼu dhalataa biyyaatiif seera tokkicha qabaadhaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’”
Vous aurez une même loi pour l'étranger comme pour l'indigène, car je suis Yahvé votre Dieu.'"
23 Museen waan kana Israaʼelootatti hime; isaanis namicha Waaqa arrabse sana qubata keessaa gad baasanii dhagaadhaan tuman; Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo Musee ajaje godhan.
Moïse parla aux enfants d'Israël. Ils firent sortir du camp celui qui avait maudit, et ils le lapidèrent. Les enfants d'Israël firent ce que Yahvé avait ordonné à Moïse.

< Lewwota 24 >