< Lewwota 23 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
And the Lord spoke to Moses, saying,
2 “Akkana jedhiitii Israaʼelootatti dubbadhu; ‘Kunneen ayyaanota koo murtaaʼoo, ayyaanota Waaqayyoo kanneen isin guyyoota wal gaʼii qulqulluu jettanii labsitanii dha.
Speak to the children of Israel, and you shall say to them, The feasts of the Lord which you shall call holy assemblies, these are my feasts.
3 “‘Guyyoonni isin hojii itti hojjettan jaʼatu jira; guyyaan torbaffaan garuu sanbata boqonnaa, guyyaa wal gaʼii qulqulluu ti. Isin hojii tokko illee hin hojjetinaa; iddoo isin jiraattan kamitti iyyuu kun sanbata Waaqayyoo ti.
Six days shall you do works, but on the seventh day is the sabbath; a rest, a holy convocation to the Lord: you shall not do any work, it is a sabbath to the Lord in all your dwellings.
4 “‘Isaan kunneen ayyaanota Waaqayyoo murteeffamoo, waldaawwan qulqulluu isin yeroo isaaniitti labsitanii dha;
These [are] the feasts to the Lord, holy convocations, which you shall call in their seasons.
5 Faasiikaan Waaqayyoo galgala bultii kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti jalqabama.
In the first month, on the fourteenth day of the month, between the evening times is the Lord's passover.
6 Guyyaa kudha shanaffaa jiʼa jalqabaatti Ayyaana Waaqayyoo kan maxinootu jalqabama; isinis guyyaa torba buddeena raacitii hin qabne nyaadhaa.
And on the fifteenth day of this month is the feast of unleavened bread to the Lord; seven days shall you eat unleavened bread.
7 Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.
And the first day shall be a holy convocation to you: you shall do no servile work.
8 Bultii torba aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa. Bultii torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.’”
And you shall offer whole burnt offerings to the Lord seven days; and the seventh day shall be a holy convocation to you: you shall do no servile work.
9 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
And the Lord spoke to Moses, saying,
10 “Akkana jedhii Israaʼelootatti dubbadhu; ‘Yommuu biyya ani isiniif kennutti galtanii oomisha walitti qabdanitti bissii mataa midhaan walitti qabdan sanaa lubatti fidaa.
Speak to the children of Israel, and you shall say to them, When you shall enter into the land which I give you, and reap the harvest of it, then shall you bring a sheaf, the first fruits of your harvest, to the priest;
11 Innis akka bissiin sun fudhatama isiniif argatuuf fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu; lubichis guyyaa Sanbata booddee jirutti haa sochoosu.
and he shall lift up the sheaf before the Lord, to be accepted for you. On the morrow of the first day the priest shall lift it up.
12 Guyyaa bissii sana sochooftanitti, xobbaallaa hoolaa waggaa tokkoo kan hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii Waaqayyoof dhiʼeessaa;
And you shall offer on the day on which you bring the sheaf, a lamb without blemish of a year old for a whole burnt offering to the Lord.
13 kana wajjinis aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumame iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama aarsaa urgaaʼaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu fi dhibaayyuu daadhii wayinii iinii tokko irraa harka afur keessaa harka tokko dhiʼeessaa.
And its meat-offering two tenth portions of fine flour mingled with oil: it is a sacrifice to the Lord, a smell of sweet savor to the Lord, and its drink-offering the fourth part of a hin of wine.
14 Isin hamma gaafa kennaa kana Waaqayyoof dhiʼeessitanitti buddeena yookaan akaayii yookaan asheetii hin nyaatinaa. Kunis iddoo isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
And you shall not eat bread, or the new parched corn, until this same day, until you offer the sacrifices to your God: [it is] a perpetual statute throughout your generations in all your dwellings.
15 “‘Guyyaa Sanbata booddee jiru, gaafa bissii aarsaa sochoofamu fiddanii jalqabaatii torbanoota torba guutuu lakkaaʼaa.
And you shall number to yourselves from the day after the sabbath, from the day on which you shall offer the sheaf of the heave-offering, seven full weeks:
16 Hamma guyyaa Sanbata torbaffaa booddee jiruutti guyyaa shantama lakkaaʼaa; ergasii immoo aarsaa midhaan haaraa Waaqayyoof dhiʼeessaa.
until the morrow after the last week you shall number fifty days, and shall bring a new meat-offering to the Lord.
17 Iddoo jiraattan hundatti buddeena lama kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka lamaa kan raacitiin itti makamee tolfame kennaa hangafa kan sochoofamu godhaatii Waaqayyoof fidaa.
You shall bring from your dwelling loaves, as a heave-offering, two loaves: they shall be of two tenth portions of fine flour, they shall be baked with leaven of the first fruits to the Lord.
18 Buddeena kana wajjinis xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen hirʼina hin qabnee fi kanneen waggaa tokko tokkoo, dibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa lama dhiʼeessaa. Isaanis aarsaa midhaan isaaniitii fi aarsaa dhibaayyuu isaanii wajjin Waaqayyoof aarsaa gubamu taʼu; kunis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu dha.
And you shall bring with the loaves seven unblemished lambs of a year old, and one calf of the herd, and two rams without blemish, and they shall be a whole burnt offering to the Lord: and their meat-offerings and their drink-offerings [shall be] a sacrifice, a smell of sweet savor to the Lord.
19 Ergasiis aarsaa cubbuutiif korma reʼee tokko akkasumas xobbaallaa hoolaa lama kanneen waggaa tokko tokkoo aarsaa nagaatiif qalaa.
And they shall sacrifice one kid of the goats for a sin-offering, and two lambs of a year old for a peace-offering, with the loaves of the first fruits.
20 Lubni immoo xobbaallaa hoolaa sana lamaan aarsaa sochoofamu godhee buddeena jalqabaa wajjin fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu. Isaan kunneenis kan Waaqayyoof qulqulleeffamanii dha; qooda lubootaatis.
And the priest shall place them with the loaves of the first fruits an offering before the Lord with the two lambs, they shall be holy to the Lord; they shall belong to the priest that brings them.
21 Isin gaafuma sana wal gaʼii qulqulluu labsaa; hojii idilees hin hojjetinaa. Kunis iddoo isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
And you shall call this day a convocation: it shall be holy to you; you shall do no servile work on it: it is a perpetual ordinance throughout your generations in all your habitations.
22 “‘Yommuu oomisha lafa keessanii walitti qabdanitti hamma qarqaraatti hin haaminaa yookaan qarmii isaa hin funaaninaa; waan kana hiyyeeyyii fi alagootaaf hambisaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’”
And when you shall reap the harvest of your land, you shall not fully reap the remainder of the harvest of your field when you reap, and you shall not gather that which falls from your reaping; you shall leave it for the poor and the stranger: I [am] the Lord your God.
23 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
And the Lord spoke to Moses, saying,
24 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Isin guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti sanbata boqonnaa qabaadhaa; yaaʼii qulqulluu sagalee malakataatiin ayyaaneffamus qabaadhaa.
Speak to the children of Israel, saying, In the seventh month, on the first day of the month, you shall have a rest, a memorial of trumpets: it shall be to you a holy convocation.
25 Aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa malee hojii idilee hin hojjetinaa.’”
You shall do no servile work, and you shall offer a whole burnt offering to the Lord.
26 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
And the Lord spoke to Moses, saying,
27 “Guyyaan kurnaffaan jiʼa torbaffaa guyyaa araarri buʼuu dha. Wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; gad ofi deebisaa; Waaqayyoofis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu dhiʼeessaa.
Also on the tenth day of this seventh month is a day of atonement: it shall be a holy convocation to you; and you shall humble your souls, and offer a whole burnt offering to the Lord.
28 Sababii guyyaan sun Guyyaa Araarri Buʼu, yeroo itti fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti araarri isiniif buʼu taʼeef hojii tokko illee hin hojjetinaa.
You shall do no work on this self-same day: for this is a day of atonement for you, to make atonement for you before the Lord your God.
29 Namni gaafuma sana gad of hin deebifne kam iyyuu saba isaa keessaa baafamee ni balleeffama.
Every soul that shall not be humbled in that day, shall be cut off from among its people.
30 Nama gaafa sana hojii tokko illee hojjetu kam iyyuus ani saba isaa gidduudhaa nan balleessa.
And every soul which shall do work on that day, that soul shall be destroyed from among its people.
31 Isin hojii tokko iyyuu hin hojjetinaa. Kunis lafa isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
You shall do no manner of work: it is a perpetual statute throughout your generations in all your habitations.
32 Kun isiniif sanbata boqonnaa ti; isinis gad of deebisuu qabdu. Galgala bultii saglaffaa jiʼa sanaatii jalqabaatii hamma galgala itti aanutti sanbata keessan ayyaaneffadhaa.”
It shall be a holy sabbath to you; and you shall humble your souls, from the ninth day of the month: from evening to evening you shall keep your sabbaths.
33 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
And the Lord spoke to Moses, saying,
34 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatti Ayyaana Dunkaana Qulqulluu Waaqayyootu jalqabama; kunis bultii torba tura.
Speak to the children of Israel, saying, On the fifteenth day of this seventh month, there shall be a feast of tabernacles seven days to the Lord.
35 Guyyaan jalqabaa wal gaʼii qulqulluu dha; hojii idilees hin hojjetinaa.
And on the first day shall be a holy convocation; you shall do no servile work.
36 Guyyaa torba aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa; guyyaa saddeettaffaatti immoo wal gaʼii qulqulluu godhadhaatii aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa; kun guyyaa wal gaʼiin qulqulluun itti xumuramuu dha; hojii idilees hin hojjetinaa.
Seven days shall you offer whole burnt offerings to the Lord, and the eighth-day shall be a holy convocation to you; and you shall offer whole burnt offerings to the Lord: it is a time of release, you shall do no servile work.
37 “‘Kunneen ayyaanota Waaqayyoo murtaaʼoo isin aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu, aarsaa gubamu, aarsaa midhaanii, qalmaa fi dhibaayyuu guyyaa kamiif iyyuu barbaachisu dhiʼeessuuf wal gaʼiiwwan qulqulluu itti labsitanii dha.
These [are] the feasts to the Lord, which you shall call holy convocations, to offer burnt offerings to the Lord, whole burnt offerings and their meat-offerings, and their drink-offerings, that for each day on its day:
38 Aarsaawwan kunneen kennaawwan isin Sanbata Waaqayyootiif dhiʼeessitanii fi kennaawwan keessan, kennaawwan wareega keessanii fi kennaawwan isin fedhiidhaan kennitan hunda irratti dabaltanii Waaqayyoof fiddanii dha.
besides the sabbaths of the Lord, and besides your gifts, and besides all your vows, and besides your free will offerings, which you shall give to the Lord.
39 “‘Erga oomisha lafa keessanii walitti qabdanii booddee bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatii jalqabaatii bultii torba Waaqayyoof ayyaana ayyaaneffadhaa; guyyaan jalqabaa sanbata boqonnaa ti; guyyaan saddeettaffaanis akkasuma sanbata boqonnaa ti.
And on the fifteenth day of this seventh month, when you shall have completely gathered in the fruits of the earth, you shall keep a feast to the Lord seven days; on the first day there shall be a rest, and on the eighth day a rest.
40 Guyyaa jalqabaa ija muka gaarii, damee meexxii, damee muka baala qabuutii fi alaltuu qabadhaatii guyyaa torba fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti gammadaa.
And on the first day you shall take goodly fruit of trees, and branches of palm trees, and thick boughs of trees, and willows, and branches of osiers from the brook, to rejoice before the Lord your God seven days in the year.
41 Wagguma waggaan ayyaana Waaqayyoo guyyaa torba ayyaaneffadhaa. Kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu; jiʼa torbaffaattis isa ayyaaneffadhaa.
[It is] a perpetual statute for your generations: in the seventh month you shall keep it.
42 Bultii torba daasii keessa turaa; dhalataan Israaʼel hundinuu daasii keessa haa turu;
Seven days you shall dwell in tabernacles: every native in Israel shall dwell in tents,
43 ijoolleen keessanis akkasiin akka ani yeroo biyya Gibxiitii Israaʼeloota baasetti daasii keessa isaan turse ni beeku. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’”
that your posterity may see, that I made the children of Israel to dwell in tents, when I brought them out of the land of Egypt: I [am] the Lord your God.
44 Museenis ayyaanota Waaqayyoo murtaaʼoo Israaʼelootatti labse.
And Moses recounted the feasts of the Lord to the children of Israel.

< Lewwota 23 >