< Lewwota 22 >
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
RAB Musa'ya şöyle dedi:
2 “Akka isaan maqaa koo qulqullicha hin xureessineef, akka isaan aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni addaan baasanii naa fidan sana akka gaariitti eeganiif Aroonii fi ilmaan isaatti himi. Ani Waaqayyo.
“Harun'a ve oğullarına de ki, ‘İsrail halkının bana sunduğu kutsal sunulardan uzak dursunlar. Kutsal adıma leke sürmesinler. RAB benim.
3 “Akkanas Isaaniin jedhi: ‘Dhaloota dhufu keessa yoo sanyii kee keessaa namni tokko illee utuu akka seeraatti hin qulqullaaʼin aarsaa Israaʼeloonni Waaqayyoof addaan baasanitti dhiʼaate namni sun fuula koo duraa haa balleeffamu. Ani Waaqayyo.
Gelecek kuşaklar boyunca soyunuzdan biri İsrail halkının bana sunduğu kutsal sunulara kirli olarak yaklaşırsa, onu huzurumdan atacağım. RAB benim.
4 “‘Sanyii Aroon keessaa namni tokko yoo lamxii yookaan dhangalaʼaa saala isaa keessaa baʼu qabaate inni hamma qulqullaaʼutti aarsaa qulqulluu sana hin nyaatin. Akkasumas yoo waan reeffaan xuraaʼe yookaan nama afeetaa saala isaa keessaa dangalaʼu tuqe,
“‘Harun soyundan deri hastalığına yakalanmış ya da akıntısı olan biri temiz sayılıncaya kadar kutsal sunuları yemeyecektir. Bir cesede değdiği için kirli sayılan bir şeye dokunan, menisi akan,
5 yookaan yoo waan lafa irra looʼu kan isa xureessu yookaan nama isa xureessu kam iyyuu tuqe, xuraaʼummaa kam iyyuu taanaan,
insanı kirli kılacak küçük kara hayvanlarından birine ya da herhangi bir nedenle kirli sayılan bir insana dokunan,
6 namni waan akkasii kam iyyuu tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Inni yoo dhagna isaa bishaaniin dhiqate malee aarsaa qulqulluu sana keessaa tokko illee hin nyaatin.
akşama kadar kirli sayılacak, yıkanmadığı sürece kutsal sunulardan yemeyecektir.
7 Inni yeroo aduun lixxutti ni qulqullaaʼa; ergasii immoo sababii wanni sun nyaata isaa taʼeef aarsaa qulqulluu sana nyaachuu dandaʼa.
Güneş battıktan sonra temiz sayılır, kutsal sunuları yiyebilir. Çünkü bu onun yiyeceğidir.
8 Inni waan duʼee argame yookaan waan bineensi ciccire nyaachuudhaan of hin xurreessin. Ani Waaqayyo.
Ölü bulunmuş ya da yabanıl hayvanlar tarafından parçalanmış bir leşi yiyerek kendini kirletmeyecektir. RAB benim.
9 “‘Luboonni akka ajaja koo tuffachuudhaan cubbuu hojjetanii hin duuneef ajaja koo haa eegan. Ani Waaqayyo isaan qulqulleessuu dha.
“‘Kâhinler buyruklarıma uymalıdır. Yoksa günahlarının cezasını çeker, buyruklarımı çiğnedikleri için ölürler. Onları kutsal kılan RAB benim.
10 “‘Namni maatii lubaa hin taʼin yookaan keessummaan lubaa yookaan namni lubichaaf qaxaramee hojjetu tokko illee aarsaa qulqulluu sana nyaachuu hin dandaʼu.
“‘Kâhin ailesi dışında hiç kimse kutsal sunuyu yemeyecek; kâhinin konuğu ve işçisi bile.
11 Garuu yoo lubni maallaqaan garbicha bitate, yookaan yoo garbichi mana isaatti dhalate, garbichi sun nyaata lubichaa nyaachuu dandaʼu.
Ama kâhinin parayla satın aldığı ya da evinde doğan köle onun yemeğini yiyebilir.
12 Intalli lubaa yoo nama luba hin taʼinitti heerumte, isheen aarsaa qulqulluu sana irraa nyaachuu hin dandeessu.
Kâhinin kâhin olmayan bir erkekle evlenen kızı bağışlanan kutsal sunuları yemeyecek.
13 Taʼus intalli lubaa yoo haadha hiyyeessaa taate yookaan dhirsaan wal hiiktee utuu ijoollee hin qabaatin akkuma yeroo ijoollummaa isheetti mana abbaa ishee jiraachuuf deebite, isheen nyaata abbaa ishee irraa nyaachuu ni dandeessi. Ormi garuu nyaachuu hin dandaʼu.
Ama dul kalmış ya da boşanmış, çocuğu olmamış ve gençliğinde kaldığı baba evine geri dönmüş kâhin kızı babasının ekmeğini yiyebilir. Aile dışından yabancı biri asla yiyemez.
14 “‘Namni yoo utuu hin beekin aarsaa qulqulluu tokko nyaate, inni waan sana iddoo buusee gatii waan sanaa harka shan keessaa harka tokko itti dabalee lubichaaf haa kennu.
“‘Bilmeden kutsal sunuyu yiyen biri, beşte birini üzerine katarak kâhine geri verecek.
15 Luboonnis aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni Waaqayyoof dhiʼeessan hin xureessin
Kâhinler İsrail halkının RAB'be sunduğu kutsal sunuları bayağılaştırmayacaklar.
16 yookaan akka sabni sun aarsaa qulqulluu sana nyaatu eeyyamuufiidhaan yakka gatii baasisu isaanitti hin fidin. Ani Waaqayyo isaan qulqulleessuu dha.’”
Yoksa kutsal sunuları yiyen öbür insanlara büyük suç yüklemiş olurlar. Çünkü sunuları kutsal kılan RAB benim.’”
17 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
RAB Musa'ya şöyle dedi:
18 “Aroonitti, ilmaan isaattii fi Israaʼeloota hundatti akkana jedhii himi; ‘Yeroo saba Israaʼel keessaa namni tokko yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kam iyyuu aarsaa gubamu godhee wareega isaa yookaan aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu Waaqayyoof dhiʼeessutti,
“Harun'la oğullarına ve bütün İsrail halkına de ki, ‘İster İsrailli olsun, ister İsrail'de yaşayan bir yabancı olsun, biriniz RAB'be dilek adağı ya da gönülden verilen sunu olarak yakmalık sunu sunmak istiyorsa,
19 isin akka wanni sun fudhatama isiniif argatuuf loon, hoolota yookaan reʼoota keessaa korma hirʼina hin qabne tokko dhiʼeessuu qabdu.
sunusunun kabul edilmesi için kusursuz bir erkek sığır, koyun ya da keçi sunmalı.
20 Sababii inni isinii hin fudhatamneef waan hirʼina qabu kam iyyuu hin dhiʼeessinaa
Kusurlu olanı sunmayacaksınız. Çünkü kabul edilmeyecektir.
21 Yeroo namni loon yookaan bushaayee keessaa wareega guuttachuuf aarsaa fedhiidhaan dhiʼeeffamu godhee aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeessutti akka wanni sun fudhatama argatuuf wanni sun waan fayyaalessa yookaan waan hirʼina hin qabne haa taʼu.
Kim gönülden verilen bir sunuyu ya da dilek adağını yerine getirmek için RAB'be esenlik kurbanı olarak sığır veya davar sunmak isterse, kabul edilmesi için hayvan kusursuz olmalı. Hiçbir eksiği bulunmamalı.
22 Horii jaamaa yookaan cabaa yookaan dooluu yookaan kormommuu yookaan kan dhangalaʼaan dhagna isaa keessaa baʼu yookaan kan madaa malaʼu qabu Waaqayyoof hin dhiʼeessinaa. Kanneen akkasii keessaa tokko iyyuu aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu gootanii iddoo aarsaa irra hin kaaʼinaa.
Kör, sakat, yaralı, yarası irinli, kabuklu ya da uyuz bir hayvanı RAB'be sunmayacaksınız. Yakılan sunu olarak sunak üzerinde RAB'be böyle bir hayvan sunmayacaksınız.
23 Taʼus sangaa yookaan hoolaa gar malee dheeraa yookaan gar malee gabaabaa taʼe aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu gootanii dhiʼeessuu ni dandeessu; garuu wanni kun wareega keessan guutuuf fudhatama hin argatu.
Organlarından biri aşırı büyümüş ya da yeterince gelişmemiş bir sığırı veya davarı dilek adağı olarak sunabilirsiniz. Ama gönülden verilen bir sunu olarak kabul edilmez.
24 Horii kolaafame yookaan kan tumame, kan kolaan isaa baqaqfame yookaan irraa murame tokko Waaqayyoof hin dhiʼeessinaa; isin waan akkasii biyya keessan keessatti hin godhinaa;
Yumurtaları vurulmuş, ezilmiş, burulmuş ya da kesilmiş hayvanı RAB'be sunmayacak, ülkenizde buna yer vermeyeceksiniz.
25 horii akkasii nama ormaa harkaa fuutanii nyaata Waaqa keessanii gootanii hin dhiʼeessinaa. Horiin sun waan kolaafamee hirʼina qabuuf isiniif hin fudhatamu.’”
Böyle bir hayvanı bir yabancıdan alıp yiyecek sunusu olarak Tanrınız'a sunmayacaksınız. Çünkü sakat ve kusurludur. Kabul edilmeyecektir.’”
26 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
RAB Musa'ya şöyle dedi:
27 “Dibichi yookaan hoolaan yookaan reʼeen yommuu dhalatutti hamma bultii torbaatti haadha isaa wajjin haa turu. Guyyaa saddeettaffaadhaa jalqabee immoo aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu taʼee fudhatama ni argata.
“Bir buzağı, kuzu ya da oğlak doğduğu zaman, yedi gün anasının yanında kalacaktır. Sekizinci günden itibaren yakılan sunu olarak RAB'be sunulabilir. Kabul edilecektir.
28 Guyyuma tokkotti, saʼa yookaan hoolaa ilmoo isaa wajjin hin qalinaa.
İster inek, ister davar olsun, hayvanla yavrusunu aynı gün kesmeyeceksiniz.
29 “Gaafa aarsaa galataa Waaqayyoof dhiʼeessitanitti akka isiniif fudhatamuuf haala kanaan dhiʼeessaa.
“RAB'be şükran kurbanı sunduğunuz zaman, kabul edilecek biçimde sunun.
30 Aarsaan kunis gaafuma sana nyaatamuu qaba; waan tokko illee hin bulchinaa. Ani Waaqayyo.
Eti aynı gün yenecek, sabaha bırakılmayacak. RAB benim.
31 “Ajajawwan koo eegaa; duukaa buʼaas. Ani Waaqayyo.
“Buyruklarıma uyacak, onları yerine getireceksiniz. RAB benim.
32 Maqaa koo qulqullicha hin xureessinaa. Akka ani qulqulluu taʼe Israaʼeloonni haa beeksisan. Ani Waaqayyo kan isin qulqulleessu
Kutsal adıma leke sürmeyeceksiniz. İsrail halkı arasında kutsal tanınacağım. Sizi kutsal kılan RAB benim.
33 kanan Waaqa keessan taʼuudhaaf biyya Gibxii isin baasee dha. Ani Waaqayyo.”
Tanrınız olmak için sizi Mısır'dan çıkardım. RAB benim.”