< Lewwota 22 >
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Korero ano a Ihowa ki a Mohi, i mea,
2 “Akka isaan maqaa koo qulqullicha hin xureessineef, akka isaan aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni addaan baasanii naa fidan sana akka gaariitti eeganiif Aroonii fi ilmaan isaatti himi. Ani Waaqayyo.
Korero ki a Arona ratou ko ana tama kia wehea ratou i nga mea tapu a nga tama a Iharaira, e whakatapua ana e ratou maku kei noa toku ingoa tapu: ko Ihowa ahau.
3 “Akkanas Isaaniin jedhi: ‘Dhaloota dhufu keessa yoo sanyii kee keessaa namni tokko illee utuu akka seeraatti hin qulqullaaʼin aarsaa Israaʼeloonni Waaqayyoof addaan baasanitti dhiʼaate namni sun fuula koo duraa haa balleeffamu. Ani Waaqayyo.
Mea atu ki a ratou, Ki te whakatata tetahi o o koutou uri katoa, puta noa i o koutou whakatupuranga, ki nga mea tapu e whakatapua ana e nga tama a Iharaira ma Ihowa, me te mau ano tona poke, ka hatepea atu taua wairua i toku aroaro: ko Ihowa ahau.
4 “‘Sanyii Aroon keessaa namni tokko yoo lamxii yookaan dhangalaʼaa saala isaa keessaa baʼu qabaate inni hamma qulqullaaʼutti aarsaa qulqulluu sana hin nyaatin. Akkasumas yoo waan reeffaan xuraaʼe yookaan nama afeetaa saala isaa keessaa dangalaʼu tuqe,
Ki te mea he repera tetahi o nga uri o Arona, ki te mea ranei he rere tona; kei kainga e ia nga mea tapu; kia kore ra ano ona poke. Ki te pa hoki tetahi ki te mea i poke i te tupapaku, ki te tangata ranei kua paheke atu tona purapura moenga;
5 yookaan yoo waan lafa irra looʼu kan isa xureessu yookaan nama isa xureessu kam iyyuu tuqe, xuraaʼummaa kam iyyuu taanaan,
Ki te pa ranei tetahi ki te mea ngoki, e poke ai ia, ki te tangata ranei e poke ai ia, ahakoa he aha ranei, he aha ranei, tona poke:
6 namni waan akkasii kam iyyuu tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Inni yoo dhagna isaa bishaaniin dhiqate malee aarsaa qulqulluu sana keessaa tokko illee hin nyaatin.
Ka poke a ahiahi noa te tangata i pa ki taua mea, kaua ano hoki ia e kai i nga mea tapu, ki te kahore i horoia e ia tona kikokiko ki te wai.
7 Inni yeroo aduun lixxutti ni qulqullaaʼa; ergasii immoo sababii wanni sun nyaata isaa taʼeef aarsaa qulqulluu sana nyaachuu dandaʼa.
A, ka to te ra, ka kore ona poke; a muri iho, ka kai i nga mea tapu, no te mea ko tana kai tena:
8 Inni waan duʼee argame yookaan waan bineensi ciccire nyaachuudhaan of hin xurreessin. Ani Waaqayyo.
He mea mate maori, i haea ranei e te kirehe, kaua tena e kainga e ia, kei poke: ko Ihowa ahau.
9 “‘Luboonni akka ajaja koo tuffachuudhaan cubbuu hojjetanii hin duuneef ajaja koo haa eegan. Ani Waaqayyo isaan qulqulleessuu dha.
Ina, kia mau ratou ki taku i whakarite ai, kei whai hara, a ka mate ki te whakanoatia e ratou: ko Ihowa ahau te whakatapu nei i a ratou.
10 “‘Namni maatii lubaa hin taʼin yookaan keessummaan lubaa yookaan namni lubichaaf qaxaramee hojjetu tokko illee aarsaa qulqulluu sana nyaachuu hin dandaʼu.
Kaua tetahi manene e kai i te mea tapu: kaua te tangata e noho ana ki te tohunga, te kaimahi ranei, e kai i te mea tapu.
11 Garuu yoo lubni maallaqaan garbicha bitate, yookaan yoo garbichi mana isaatti dhalate, garbichi sun nyaata lubichaa nyaachuu dandaʼu.
Otiia ki te hokona tetahi tangata e te tohunga ki tana moni, e kai ano ia; me nga tangata ano i whanau ki tona whare, e kai ano ratou i tana kai.
12 Intalli lubaa yoo nama luba hin taʼinitti heerumte, isheen aarsaa qulqulluu sana irraa nyaachuu hin dandeessu.
He tamahine hoki na te tohunga kua riro i te tangata iwi ke, kaua ia e kai i te whakahere poipoi o nga mea tapu.
13 Taʼus intalli lubaa yoo haadha hiyyeessaa taate yookaan dhirsaan wal hiiktee utuu ijoollee hin qabaatin akkuma yeroo ijoollummaa isheetti mana abbaa ishee jiraachuuf deebite, isheen nyaata abbaa ishee irraa nyaachuu ni dandeessi. Ormi garuu nyaachuu hin dandaʼu.
Otiia ki te mea he pouaru te tamahine a te tohunga, i whakarerea atu ranei, a kahore ana tamariki, kua hoki mai ano ki te whare o tona papa, kua pera me ia i tona taitamahinetanga, e kai ano ia i te kai a tona papa; kaua ia te tangata ke e kai.
14 “‘Namni yoo utuu hin beekin aarsaa qulqulluu tokko nyaate, inni waan sana iddoo buusee gatii waan sanaa harka shan keessaa harka tokko itti dabalee lubichaaf haa kennu.
A ki te kai pohehe te tangata i te mea tapu, me tapiri e ia te whakarima o taua mea, a ka homai tahi me te mea tapu ki te tohunga.
15 Luboonnis aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni Waaqayyoof dhiʼeessan hin xureessin
Kei whakanoatia e ratou nga mea tapu a nga tama a Iharaira, e whakaherea ana ma Ihowa;
16 yookaan akka sabni sun aarsaa qulqulluu sana nyaatu eeyyamuufiidhaan yakka gatii baasisu isaanitti hin fidin. Ani Waaqayyo isaan qulqulleessuu dha.’”
Kei meinga ratou kia whakawaha i te kino o te he, ina kai i a ratou mea tapu: ko Ihowa hoki ahau te whakatapu nei i a ratou.
17 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
I korero ano a Ihowa ki a Mohi, i mea,
18 “Aroonitti, ilmaan isaattii fi Israaʼeloota hundatti akkana jedhii himi; ‘Yeroo saba Israaʼel keessaa namni tokko yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kam iyyuu aarsaa gubamu godhee wareega isaa yookaan aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu Waaqayyoof dhiʼeessutti,
Korero ki a Arona, ki ana tama, ki nga tama katoa ano a Iharaira, mea atu ki a ratou, Ko te tangata o te whare o Iharaira, o nga manene ranei i roto i a Iharaira, e mea ana ki te tapae i tana whakahere, he ki taurangi, he mea tuku noa ranei nana, ta ratou e tapae ai ki a Ihowa hei tahunga tinana;
19 isin akka wanni sun fudhatama isiniif argatuuf loon, hoolota yookaan reʼoota keessaa korma hirʼina hin qabne tokko dhiʼeessuu qabdu.
Kia manakohia ai koutou, ko ta koutou e tapae ai hei te toa kohakore, no roto i nga kau, i nga hipi ranei, i nga koati ranei.
20 Sababii inni isinii hin fudhatamneef waan hirʼina qabu kam iyyuu hin dhiʼeessinaa
Kaua rawa ia e whakaherea tetahi mea he koha tona: no te mea e kore e manakohia hei mea ma koutou.
21 Yeroo namni loon yookaan bushaayee keessaa wareega guuttachuuf aarsaa fedhiidhaan dhiʼeeffamu godhee aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeessutti akka wanni sun fudhatama argatuuf wanni sun waan fayyaalessa yookaan waan hirʼina hin qabne haa taʼu.
Ki te whakaherea ano hoki e tetahi he patunga mo te pai ki a Ihowa, hei whakamana mo te ki taurangi, hei whakahere tuku noa ake ranei, he kau, he hipi ranei, hei te mea kohakore, kia manakohia ai: kei whai koha.
22 Horii jaamaa yookaan cabaa yookaan dooluu yookaan kormommuu yookaan kan dhangalaʼaan dhagna isaa keessaa baʼu yookaan kan madaa malaʼu qabu Waaqayyoof hin dhiʼeessinaa. Kanneen akkasii keessaa tokko iyyuu aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu gootanii iddoo aarsaa irra hin kaaʼinaa.
He matapo, he whati, he kopa, kua whai puku, he papaka, he mea hakihaki ranei, kaua ena e whakaherea ma Ihowa, kaua ano e homai hei whakahere ahi ki runga ki te aata ma Ihowa.
23 Taʼus sangaa yookaan hoolaa gar malee dheeraa yookaan gar malee gabaabaa taʼe aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu gootanii dhiʼeessuu ni dandeessu; garuu wanni kun wareega keessan guutuuf fudhatama hin argatu.
He puru, he reme ranei, e hira ake ana, kua kore ranei tetahi wahi ona, e whakaherea ano tena e koe hei whakahere noa ake; otiia e kore e manakohia mo te ki taurangi.
24 Horii kolaafame yookaan kan tumame, kan kolaan isaa baqaqfame yookaan irraa murame tokko Waaqayyoof hin dhiʼeessinaa; isin waan akkasii biyya keessan keessatti hin godhinaa;
Kaua e whakaherea ma Ihowa te mea i romia, te mea ranei i kurua, i unuhia ranei, i pokaia ranei; kaua ano hoki e pena i to koutou whenua.
25 horii akkasii nama ormaa harkaa fuutanii nyaata Waaqa keessanii gootanii hin dhiʼeessinaa. Horiin sun waan kolaafamee hirʼina qabuuf isiniif hin fudhatamu.’”
Kaua ano hoki tetahi o enei e tapaea hei kai ma to koutou Atua, ina homai e te tangata iwi ke; he whakahe hoki kei roto, he koha kei roto: e kore enei e manakohia hei mea ma koutou.
26 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
I korero ano a Ihowa ki a Mohi, i mea,
27 “Dibichi yookaan hoolaan yookaan reʼeen yommuu dhalatutti hamma bultii torbaatti haadha isaa wajjin haa turu. Guyyaa saddeettaffaadhaa jalqabee immoo aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu taʼee fudhatama ni argata.
Ka whanau he kau, he hipi, he koati ranei, kia whitu nga ra e waiho, ai ki tona whaea; a i te waru o nga ra, i o muri iho hoki, ka manakohia hei whakahere ahi ma Ihowa.
28 Guyyuma tokkotti, saʼa yookaan hoolaa ilmoo isaa wajjin hin qalinaa.
Otiia ahakoa he kau, he hipi ranei, kaua raua ko tana kuao e patua i te rangi kotahi.
29 “Gaafa aarsaa galataa Waaqayyoof dhiʼeessitanitti akka isiniif fudhatamuuf haala kanaan dhiʼeessaa.
Ka patua ano e koutou he patunga whakawhetai ki a Ihowa, hei te patunga e manakohia ai koutou.
30 Aarsaan kunis gaafuma sana nyaatamuu qaba; waan tokko illee hin bulchinaa. Ani Waaqayyo.
Me kai i taua rangi ano; kaua e waiho tetahi wahi ki te ata: ko Ihowa ahau.
31 “Ajajawwan koo eegaa; duukaa buʼaas. Ani Waaqayyo.
Na, kia mau ki aku whakahau, mahia hoki; ko Ihowa ahau.
32 Maqaa koo qulqullicha hin xureessinaa. Akka ani qulqulluu taʼe Israaʼeloonni haa beeksisan. Ani Waaqayyo kan isin qulqulleessu
Kaua ano e whakanoatia toku ingoa tapu; engari me whakatapu ahau i roto i nga tama a Iharaira: ko Ihowa ahau te whakatapu nei i a koutou,
33 kanan Waaqa keessan taʼuudhaaf biyya Gibxii isin baasee dha. Ani Waaqayyo.”
I whakaputa mai nei hoki i a koutou i te whenua o Ihipa, kia waiho ai hei Atua mo koutou: ko Ihowa ahau.