< Lewwota 20 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Yehova anawuza Mose kuti,
2 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni Israaʼel yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kan ilmaan isaa keessaa Moolekiif kennu kam iyyuu haa ajjeefamu; sabni biyya sanaa dhagaadhaan isa haa tumu.
“Uza Aisraeli kuti, ‘Mwisraeli aliyense kapena mlendo aliyense wokhala mu Israeli wopereka mwana wake kwa Moleki ayenera kuphedwa. Anthu a mʼdera lakelo amuphe ndi miyala.
3 Sababii namichi sun ilmaan isaa Moolekiif kennuudhaan iddoo qulqulluu koo xureessee maqaa koo qulqulluu sana salphiseef, ani fuula itti hammaadhee saba isaa keessaa isa nan balleessa.
Munthu ameneyo ndidzamufulatira ndi kumuchotsa pakati pa anzake.’ Popereka mwana wake kwa Moleki, wadetsa malo anga wopatulika ndi kuyipitsa dzina langa loyera.
4 Sabni biyya sanaa yeroo namichi sun ilmaan isaa keessaa tokko Moolekiif kennutti yoo fuula irraa deebifatee isa ajjeesuu dhiise,
Ngati anthu a mʼderalo achita ngati sakumuona munthuyo pamene akupereka mwana wake kwa Moleki ndi kusamupha,
5 ani namicha sanaa fi maatii isaatti fuula hammaadhee isaa fi warra isa faana buʼanii sagaagaluudhaan Moolekitti of kennan hunda saba isaanii keessaa nan balleessa.
Ineyo ndidzamufulatira pamodzi ndi banja lake. Ndidzawachotsa pakati pa anthu anzawo onse amene anamutsatira, nadziyipitsa okha popembedza Moleki.”
6 “‘Nama isaan duukaa buʼuudhaan sagaagaluuf jedhee gara ilaaltotaatii fi warra ekeraa dubbisaniitti deebiʼutti ani fuula ittan hammaadha; saba isaa keessaa isa nan balleessa.
“‘Ngati munthu adzapita kwa woyankhula ndi mizimu ya anthu akufa kapena kwa owombeza, nadziyipitsa powatsatira iwowo, Ine ndidzamufulatira ndi kumuchotsa pakati pa anthu anzake.
7 “‘Of qulqulleessaa; qulqullootas taʼaa; ani Waaqayyo Waaqa keessaniitii.
“‘Chifukwa chake dzipatuleni ndi kukhala woyera popeza Ine ndine Yehova Mulungu wanu.
8 Sirna koo eegaa; duukaa buʼaas. Ani Waaqayyo isa isin qulqulleessuu dha.
Ndipo sungani malangizo anga ndi kuwatsata. Ine ndine Yehova amene ndimakuyeretsani.
9 “‘Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare kam iyyuu haa ajjeefamu. Inni abbaa isaa yookaan haadha isaa abaareeraatii dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa.
“‘Munthu aliyense amene atemberera abambo ake kapena amayi ake ayenera kuphedwa. Magazi ake adzakhala pamutu pake chifukwa iye watemberera abambo kapena amayi ake.
10 “‘Yoo namni niitii nama biraa wajjin jechuunis niitii ollaa isaa wajjin sagaagale namichi sagaagalee fi niitiin sagaagalte sun haa ajjeefaman.
“‘Ngati munthu wachita chigololo ndi mkazi wa mnzake, mwamunayo pamodzi ndi mkaziyo ayenera kuphedwa.
11 “‘Namni yoo niitii abbaa isaa wajjin ciise inni abbaa isaa salphiseera. Namichis, dubartiin sunis haa ajjeefaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.
“‘Ngati munthu agonana ndi mkazi wa abambo ake, wachititsa manyazi abambo ake. Munthuyo pamodzi ndi mkaziyo ayenera kuphedwa. Magazi awo adzakhala pa mitu pake.
12 “‘Yoo namni niitii ilma isaa wajjin ciise lamaan isaanii iyyuu haa ajjeefaman. Isaan haraamuu dha; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.
“‘Ngati munthu agonana ndi mkazi wa mwana wake, awiriwo ayenera kuphedwa. Iwo achita chinthu chonyansa kwambiri. Magazi awo adzakhala pa mitu pawo.
13 “‘Yoo namni akkuma dubartii wajjin ciisutti dhiira wajjin ciise lamaan isaanii iyyuu waan jibbisiisaa hojjetaniiru. Isaan haa ajjeefaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.
“‘Ngati munthu agonana ndi mwamuna mnzake ngati akugonana ndi mkazi, ndiye kuti onsewo achita chinthu cha manyazi. Choncho aphedwe. Magazi awo adzakhala pa mitu pawo.
14 “‘Namni tokko yoo intalaa fi haadha ishee fuudhe, wanni kun xuraaʼummaa dha. Akka isin gidduutti xuraaʼummaan akkasii hin argamneef namichii fi dubartoonni lamaan ibiddaan haa gubaman.
“‘Ngati munthu akwatira mkazi, nakwatiranso amayi ake, chimenecho ndi chinthu choyipa kwambiri. Mwamunayo pamodzi ndi akaziwo ayenera kutenthedwa pa moto kuti chinthu choyipa chotere chisapezekenso pakati panu.
15 “‘Namni tokko yoo horii wajjin wal bira gaʼe haa ajjeefamu; horii sana illee ajjeesaa.
“‘Ngati mwamuna agonana ndi nyama, iye ayenera kuphedwa, ndipo muyeneranso kupha nyamayo.
16 “‘Yoo dubartiin horii kamitti iyyuu dhiʼaattee horii sana wajjin wal bira geesse, dubartiin sunii fi horiin sun haa ajjeefaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.
“‘Ngati mkazi agonana ndi nyama, aphedwe pamodzi ndi nyamayo. Mkaziyo ndi nyamayo ayenera kuphedwa, ndipo magazi awo adzakhala pa mitu pawo.
17 “‘Namni tokko yoo obboleettii isaa jechuunis intala abbaa isaa yookaan intala haadha isaa fuudhee wal bira gaʼan wanni kun salphina. Isaan utuma sabni isaanii arguu saba isaanii keessaa haa balleeffaman; namichi kun obboleettii isaa salphiseera; itti gaafatamas.
“‘Ngati munthu akakwatira mlongo wake, mwana wamkazi wa abambo ake, kapena mwana wamkazi wa amayi ake, ndipo iwo nʼkugonana, ndiye kuti achita chinthu chochititsa manyazi. Onse awiri ayenera kuchotsedwa pa gulu la abale awo. Tsono popeza munthuyo wachititsa manyazi mlongo wake, adzayenera kulandira chilango.
18 “‘Namni tokko yoo yeroo dubartiin tokko xurii jiʼaa of irraa qabdutti ishee bira gaʼe, inni madda dhangalaʼaa ishee ifatti baaseera; isheenis madda dhangalaʼa ishee mulʼifteerti. Lamaan isaanii iyyuu saba isaanii keessaa haa balleeffaman.
“‘Ngati munthu agonana ndi mkazi pa nthawi yake yosamba, ndiye kuti wavula msambo wake, ndipo mkaziyo wadzivulanso. Onse awiri achotsedwe pakati pa anthu anzawo.
19 “‘Obboleettii haadha keetii yookaan abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni sun fira dhiigaa salphisaatii; isin lamaanuus itti gaafatamtu.
“‘Musagonane ndi mchemwali wa amayi anu kapena abambo anu, pakuti kutero ndi kuchititsa manyazi mʼbale wanu. Nonse mudzalipira mlandu wanu.
20 “‘Namni tokko yoo niitii eessuma isaa wajjin wal bira gaʼe inni eessuma isaa salphiseera. Isaan itti gaafatamu; utuu ijoollee hin argatinis duʼu.
“‘Ngati munthu agonana ndi azakhali ake, munthuyo wachititsa manyazi a malume ake. Onse adzalipira mlandu wawo. Onsewo adzafa wopanda mwana.
21 “‘Namni tokko yoo niitii obboleessa isaa fuudhe, wanni kun hojii xuraaʼummaa ti; innis obboleessa isaa salphiseera. Isaan ijoollee malee hafu.
“‘Munthu akakwatira mkazi wa mchimwene wake ndiye kuti wachita chinthu chonyansa. Wachititsa manyazi mʼbale wakeyo. Onse awiriwo adzakhala wopanda mwana.
22 “‘Akka lafti ani akka isin keessa jiraattaniif itti isin fidu sun isin hin tufneef ajajaa fi seera koo hunda eegaa; duukaa buʼaas.
“‘Nʼchifukwa chake muzisunga malangizo anga onse ndi malamulo anga ndipo muwatsatire kuti ku dziko limene Ine ndikupita nanu kuti mukakhalemo lisakakusanzeni.
23 Isin bartee saboota ani fuula keessan duraa ariʼee baasuuf jiru kanneenii duukaa hin buʼinaa; sababii isaan wantoota kanneen hunda hojjetaniif ani isaan jibbeera.
Musatsanzire miyambo ya mitundu ya anthu imene ndi kuyipirikitsa inu mukufika. Chifukwa iwo anachita zinthu zonsezi, ndipo Ine ndinanyansidwa nawo.
24 Ani garuu, “Isin lafa isaanii ni dhaaltu; anis lafa aannanii fi damma baasu dhaala godhee isiniifin kenna” jedheera. Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan saboota kaan irraa addaan isin baasee dha.
Koma Ine ndinakuwuzani kuti, ‘Mudzatenga dziko lawo. Ine ndidzakupatsani dzikolo kuti likhale cholowa chanu, dziko loyenda mkaka ndi uchi.’ Ine ndine Yehova Mulungu wanu amene ndakupatulani pakati pa mitundu yonse ya anthu.
25 “‘Kanaafuu isin bineensa qulqullaaʼaa fi xuraaʼaa, simbirroo xuraaʼaa fi qulqullaaʼaa addaan baasaa. Bineensa yookaan simbirroo yookaan waan lafa irra munyuuqu kanneen ani isiniif xuraaʼota jedhee addaan baase kamiin iyyuu of hin xureessinaa.
“‘Chifukwa chake muzisiyanitsa pakati pa nyama zoyeretsedwa ndi nyama zodetsedwa ndiponso pakati pa mbalame zoyeretsedwa ndi mbalame zodetsedwa. Musadzidetse pakudya nyama iliyonse kapena mbalame, kapena chilichonse chimene chimakwawa pansi, chimene Ine ndachipatula kuti chikhale chodetsedwa kwa inu.
26 Sababii ani Waaqayyo qulqulluu taʼee fi akka isin kan koo taataniifis saboota kaan irraa addaan isin baaseef, isin qulqulloota naaf taʼaa.
Muzikhala woyera pamaso panga chifukwa Ine Yehova, ndine woyera ndipo ndakupatulani pakati pa anthu a mitundu yonse kuti mukhale anthu anga.
27 “‘Dhiirri yookaan dubartiin ilaalan yookaan ekeraa dubbisan haa ajjeefaman. Isaan dhagaadhaan haa tumaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.’”
“‘Mwamuna kapena mkazi woyankhula ndi mizimu ya anthu akufa kapena wanyanga pakati panu ayenera kuphedwa. Muwagende ndi miyala, ndipo magazi awo adzakhala pa mitu pawo.’”

< Lewwota 20 >