< Lewwota 2 >
1 “‘Namni tokko yommuu kennaa midhaanii Waaqayyoof dhiʼeessutti, kennaan isaa daakuu bullaaʼaa haa taʼu. Innis zayitii itti haa naqu; ixaanas itti dabalee,
Yeyote akitoa sadaka ya nafaka kwa Bwana, sadaka yake lazima iwe unga safi, na atamwaga mafuta juu yake na kuweka ubani juu yake.
2 ilmaan Aroon luboota sanatti haa fidu. Lubichis daakuu bullaaʼaa zayitiin itti naqame sana irraa konyee tokko ixaana hunda wajjin haa fuudhu; kanas kutaa yaadannoo aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
Atachukua sadaka kwa wana wa Haruni, makuhani na pale kuhani atachukua konzi moja ya unga safi pamoja na mafuta na ubani. Kisha kuhani atateketeza hiyo sadaka juu ya madhabahu kuwa shukrani kwa uzuri wa Bwana. Italeta harufu nzuri sana kwa Bwana, itakuwa sadaka ya Bwana iliyotolewa kwa moto.
3 Kennaan midhaanii hafe immoo kan Aroonii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
Unga wowote uliobaki utakuwa ni wa Haruni na watoto wake. Ni takatifu sana kwa Bwana iliyotolewa sadaka kwa Bwana kwa moto.
4 “‘Yeroo ati kennaa midhaanii barbadaa ibiddaa irratti tolfamee dhiʼeessitutti, kennaan sun daakuu bullaaʼaa jechuunis maxinoo zayitiin itti makame yookaan bixxillee raacitii malee tolfamee zayitiin irra dibame haa taʼu.
Kisha utakapotoa sadaka ya unga bila chachu iliyookwa kweye kiokeo, itakuwa mkate lainiya unga safi uliochanganywa na mafuta, au mkate mgumu usiokuwa na chachu, ambao umesambazwa na mafuta.
5 Kennaan kee kennaa midhaanii kan eelee irratti qopheeffame taanaan kennaan sun daakuu bullaaʼaa hin bukaaʼin kan zayitiin itti makame irraa haa taʼu.
Kama matoleo yako ya nafaka yameokwa na kikaango cha chuma ni lazima iwe unga safi bila chachu uliochanganywa na mafuta.
6 Isa caccabsiitii gubbaa isaatti zayitii naqi; inni kennaa midhaanii ti.
Utagawanya katika vipande na kumwaga mafuta juu yake. Hii ni sadaka ya nafaka.
7 Kennaan midhaan keetii yoo eelee irratti qopheeffame, kennaan sun daakuu bullaaʼaa fi zayitii irraa haa qopheeffamu.
Kama sadaka yako ya nafaka imepikwa katika kikaango, ni lazima iwe imetengenezwa kwa unga safi na mafuta.
8 Kennaa midhaanii kan wantoota kanneen irraa qopheeffame Waaqayyoof fidi; kanas luba iddoo aarsaatti geessutti kenni.
Utaleta matoleo ya nafaka yaliyotengenezwa kwa vitu hivi kwa Bwana, italeta kwa kuhani, ambaye ataleta mbele ya madhabahu.
9 Innis Kennaa midhaanii sana irraa kutaa yaadannoo fuudhee kennaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
Ndipo kuhani atachukua baadhi ya sadaka ya nafaka ya shukrani ya Bwana, ataitekeza katika madhabahu. Itakuwa sadaka ya kuteketezwa kwa moto, italeta harufu nzuri kwa Bwana.
10 Kennaan midhaanii hafe immoo kan Aroonii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
Itakayobaki sadaka ya nafaka itakuwa ya Haruni na wanawe. Itakuwa takatifu kamili ya Bwana kutoka matoleo kwa Bwana yatolewayo kwa moto.
11 “‘Kennaan midhaanii kan isin Waaqayyoof dhiʼeessitan hundinuu utuu raacitiin itti hin makamin qopheeffamuu qaba; isin kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokko keessatti raacitii yookaan damma tokko illee gubuu hin qabdaniitii.
Sadaka ya nafaka itolewayo kwa Bwana isiwe na chachu, hautatekeza chachu wala asali kama matoleo yatakayotekezwa kwa moto kwa ajili ya Bwana.
12 Kennaa kanas akka mataa midhaaniitti Waaqayyoof dhiʼeessu dandeessu; garuu akka kennaa urgaaʼaa tokkootti iddoo aarsaa irratti dhiʼaachuu hin qabu.
Utayatoa kwa Bwana kama mazao ya kwanza, lakini hayatatumika kama matoleo ya harufu nzuri ya moto juu ya madhabahu.
13 Kennaa midhaan keetii hunda soogiddaan miʼeessi; soogidda kakuu Waaqa keetii kennaa midhaan keetii keessaa hin hambisin; kennaa kee hundatti soogidda dabali.
Utaweka chumvi katika kila matoleo yako ya nafaka. Usipungukie chumvi ya agano la Bwana katika matoleo yako ya unga. Matoleo yako yote hayatapungukiwa na chumvi.
14 “‘Ati yoo mataa midhaanii keessaa kennaa midhaanii Waaqayyoof fidde, mataa midhaan asheetee ibiddaan waadamee sukkuumamee dhiʼeessi.
Kama ukitoa matoleo ya nafaka ya mazao ya kwanza kwa Bwana, utatoa nafaka mbichi yaliyookwa kwa moto, na yaliyopondwa.
15 Zayitii itti naqiitii ixaanas itti dabali; kun kennaa midhaanii ti.
Lazima utaweka mafuta na ubani juu yake. Haya ni matoleo ya nafaka.
16 Lubni sunis kutaa yaadannoo midhaan sukkuumamee sanaatii fi zayitii sana ixaana hunda wajjin kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhee haa gubu.
Kuhani atatoa sehemu ya nafaka iliyopondwa na mafuta na ubani, kama sadaka ya shukrani itolewayo kwa uzuri wa Bwana. Hii ni sadaka ya Bwana inayotolewa kwa moto.