< Lewwota 2 >

1 “‘Namni tokko yommuu kennaa midhaanii Waaqayyoof dhiʼeessutti, kennaan isaa daakuu bullaaʼaa haa taʼu. Innis zayitii itti haa naqu; ixaanas itti dabalee,
"'When anyone offers a grain offering to Jehovah, his offering shall be of fine flour; and he shall pour oil on it, and put frankincense on it.
2 ilmaan Aroon luboota sanatti haa fidu. Lubichis daakuu bullaaʼaa zayitiin itti naqame sana irraa konyee tokko ixaana hunda wajjin haa fuudhu; kanas kutaa yaadannoo aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
He shall bring it to Aaron's sons, the priests; and he shall take his handful of its fine flour, and of its oil, with all its frankincense; and the priest shall burn its memorial on the altar, an offering made by fire, of a pleasant aroma to Jehovah.
3 Kennaan midhaanii hafe immoo kan Aroonii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
That which is left of the meal offering shall be Aaron's and his sons'. It is a most holy thing of the offerings of Jehovah made by fire.
4 “‘Yeroo ati kennaa midhaanii barbadaa ibiddaa irratti tolfamee dhiʼeessitutti, kennaan sun daakuu bullaaʼaa jechuunis maxinoo zayitiin itti makame yookaan bixxillee raacitii malee tolfamee zayitiin irra dibame haa taʼu.
"'When you offer an offering of a meal offering baked in the oven, it shall be unleavened cakes of fine flour mixed with oil, or unleavened wafers anointed with oil.
5 Kennaan kee kennaa midhaanii kan eelee irratti qopheeffame taanaan kennaan sun daakuu bullaaʼaa hin bukaaʼin kan zayitiin itti makame irraa haa taʼu.
If your offering is a meal offering of the griddle, it shall be of unleavened fine flour, mixed with oil.
6 Isa caccabsiitii gubbaa isaatti zayitii naqi; inni kennaa midhaanii ti.
You shall cut it in pieces, and pour oil on it. It is a meal offering.
7 Kennaan midhaan keetii yoo eelee irratti qopheeffame, kennaan sun daakuu bullaaʼaa fi zayitii irraa haa qopheeffamu.
If your offering is a meal offering of the pan, it shall be made of fine flour with oil.
8 Kennaa midhaanii kan wantoota kanneen irraa qopheeffame Waaqayyoof fidi; kanas luba iddoo aarsaatti geessutti kenni.
And you shall bring the meal offering that is made of these things to Jehovah, and it shall be presented to the priest, and he shall bring it to the altar.
9 Innis Kennaa midhaanii sana irraa kutaa yaadannoo fuudhee kennaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
The priest shall take from the meal offering its memorial, and shall burn it on the altar, an offering made by fire, of a pleasant aroma to Jehovah.
10 Kennaan midhaanii hafe immoo kan Aroonii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
That which is left of the meal offering shall be Aaron's and his sons'. It is a thing most holy of the offerings of Jehovah made by fire.
11 “‘Kennaan midhaanii kan isin Waaqayyoof dhiʼeessitan hundinuu utuu raacitiin itti hin makamin qopheeffamuu qaba; isin kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokko keessatti raacitii yookaan damma tokko illee gubuu hin qabdaniitii.
"'No meal offering, which you shall offer to Jehovah, shall be made with yeast; for you shall burn no yeast, nor any honey, as an offering made by fire to Jehovah.
12 Kennaa kanas akka mataa midhaaniitti Waaqayyoof dhiʼeessu dandeessu; garuu akka kennaa urgaaʼaa tokkootti iddoo aarsaa irratti dhiʼaachuu hin qabu.
As an offering of firstfruits you shall offer them to Jehovah: but they shall not ascend for a pleasant aroma on the altar.
13 Kennaa midhaan keetii hunda soogiddaan miʼeessi; soogidda kakuu Waaqa keetii kennaa midhaan keetii keessaa hin hambisin; kennaa kee hundatti soogidda dabali.
Every offering of your meal offering you shall season with salt; neither shall you allow the salt of the covenant of your God to be lacking from your meal offering. With all your offerings you shall offer salt.
14 “‘Ati yoo mataa midhaanii keessaa kennaa midhaanii Waaqayyoof fidde, mataa midhaan asheetee ibiddaan waadamee sukkuumamee dhiʼeessi.
"'If you offer a meal offering of first fruits to Jehovah, you shall offer for the meal offering of your first fruits grain in the ear parched with fire, bruised grain of the fresh ear.
15 Zayitii itti naqiitii ixaanas itti dabali; kun kennaa midhaanii ti.
You shall put oil on it, and lay frankincense on it: it is a meal offering.
16 Lubni sunis kutaa yaadannoo midhaan sukkuumamee sanaatii fi zayitii sana ixaana hunda wajjin kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhee haa gubu.
The priest shall burn as its memorial, part of its bruised grain, and part of its oil, along with all its frankincense: it is an offering made by fire to Jehovah.

< Lewwota 2 >