< Lewwota 19 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
The Lord told Moses,
2 “Akkana jedhii waldaa saba Israaʼel hundatti himi; ‘Ani Waaqayyo Waaqni keessan qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa.
“Tell all the Israelites: You must be holy because I am holy; I am the Lord your God.
3 “‘Tokkoon tokkoon keessan haadha keessanii fi abbaa keessaniif ulfina kennaa; Sanbatoota koos eegaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
Show respect for your mother and father, and keep my Sabbaths. I am the Lord your God.
4 “‘Gara waaqota tolfamootti hin deebiʼinaa yookaan sibiila baqfame irraa ofii keessaniif waaqota hin tolfatinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
Don't turn to idols for help or make for metal images of gods. I am the Lord your God.
5 “‘Yommuu aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeessitanitti akka aarsaan keessan fudhatama isiniif argatu godhaatii dhiʼeessaa.
When you sacrifice a peace offering to the Lord, make sure you do it correctly so God will accept you.
6 Aarsaan isin dhiʼeessitanis guyyuma sana yookaan guyyaa itti aanu haa nyaatamu; garuu wanni hafee hamma guyyaa sadaffaatti ture haa gubamu.
It needs to be eaten the day you sacrifice it, or the next day. Whatever is left over on the third day must be burned.
7 Waan kana keessaa tokko iyyuu yoo guyyaa sadaffaatti nyaatame xuraaʼaa dha; fudhatamas hin argatu.
If you do eat some of it on the third day, the sacrifice becomes repulsive and won't be accepted.
8 Namni waan sana nyaatu sababii waan Waaqayyoon qulqulleeffame xureesseef itti gaafatama; namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu.
Anyone who eats it eats it will bear responsibility for their guilt, for they have made unclean what is holy to the Lord. They must be expelled from their people.
9 “‘Yommuu oomisha lafa keessanii walitti qabattanitti hamma daariitti hin haaminaa; qarmii isaa illee hin funaannatinaa.
When you harvest the crops grown on your land, don't harvest right up to the edges of your field, or collect what has been missed.
10 Qarmii iddoo dhaabaa wayinii keetii hin funaanin yookaan ija wayinii keetii kan harcaʼe hin funaanin. Hiyyeeyyii fi alagootaaf dhiisaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
Don't take every last grape from your vineyard or pick up the ones that have fallen. Leave them for the poor people and foreigners. I am the Lord your God.
11 “‘Hin hatinaa. “‘Hin sobinaa. “‘Walis hin gowwoomsinaa.
Don't steal. Don't lie. Don't deceive each other.
12 “‘Sobaan maqaa kootiin hin kakatinaa; akkasiinis maqaa Waaqa keessanii hin xureessinaa. Ani Waaqayyo.
Don't swear oaths in my name that are not true, otherwise you defame the character of your God. I am the Lord.
13 “‘Ollaa kee gowwoomsitee waa irraa hin fudhatin yookaan hin saamin. “‘Mindaa nama qaxarame tokkoo hamma bariʼutti of bira hin bulchin.
Don't cheat others or rob them. Don't refuse to pay wages due to workers until the morning.
14 “‘Nama gurra duudaa hin abaarin yookaan nama jaamaa dura gufuu hin kaaʼin; garuu Waaqa kee sodaadhu. Ani Waaqayyo.
Don't speak badly about deaf people. Don't put objects in the way of blind people to trip them up. Instead show respect to your God. I am the Lord.
15 “‘Murtii hin jalʼisinaa; nama wal caalchisuudhaan gara hiyyeessaa hin gorinaa; nama guddaafis hin looginaa; ollaa keetiif garuu murtii qajeelaa kenni.
Don't be a corrupt judge. Don't show favoritism to the poor or to the rich. Judge others fairly.
16 “‘Saba kee gidduutti hamii hin facaasin. “‘Waan jireenya ollaa keetii balaa irra buusu hin hojjetin. Ani Waaqayyo.
Don't go around spreading false rumors about people. Don't keep quiet when the lives of others are at risk. I am the Lord.
17 “‘Garaa keetti obboleessa kee hin jibbin; akka cubbuu isaa keessatti qooda hin qabaanneef ollaa kee ifaan ifatti itti dheekkami.
Don't hold onto hateful feelings towards others. Talk honestly with your neighbors, so that you don't sin because of them.
18 “‘Saba kee keessaa nama tokkotti iyyuu haaloo hin baʼin yookaan haaloo itti hin qabatin; ollaa kee garuu akkuma ofii keetiitti jaalladhu. Ani Waaqayyo.
Don't look for revenge or hold a grudge against anybody, but love your neighbor as yourself. I am the Lord.
19 “‘Sirna koo eegaa. “‘Horii gosa gosaa walitti hin diqaalomsinaa. “‘Midhaan gosa lama lafa qotiisaa keessanitti hin facaasinaa. “‘Wayyaa waan lama irraa hojjetame hin uffatinaa.
Do what I tell you! Don't make different kinds of livestock breed together. Don't sow your fields with two different kinds of seed. Don't wear clothes made of two different kinds of material.
20 “‘Namni garbittii nama biraaf kaadhimamte kan hin furamin yookaan bilisummaan ishee hin kennaminiif wajjin yoo wal bira gaʼe isaan adabamuu qabu; taʼus waan dubartiin sun hin bilisoominiif isaan hin ajjeefamin.
If a man has sex with a servant girl promised to become another man's wife, but who hasn't yet been bought or set free, then compensation has to be paid. However, they are not to be killed, because she hadn't been set free.
21 Namichi sun garuu korbeessa hoolaa tokko aarsaa yakkaatiif gara balbala dunkaana wal gaʼiitti Waaqayyoof haa fidu.
But the man must bring a ram as his guilt offering to the Lord at the entrance of the Tent of Meeting.
22 Lubichis korbeessa hoolaa aarsaa yakkaa sanaan cubbuu namichi hojjete sanaaf fuula Waaqayyoo duratti araara haa buusu; cubbuun namichaas ni dhiifamaaf.
The priest will set things right for him before the Lord using the ram of the guilt offering for the sin he has committed, and his sin will be forgiven.
23 “‘Isin yommuu biyyattiitti galtanii muka ija kennu kan gosa hundaa dhaabdanitti, akka waan iji isaa dhowwameetti fudhadhaa. Isin akka waan iji sun hamma waggaa sadiitti dhowwameetti ilaalaa; iji sun hin nyaatamin.
When you enter the land and plant any kind of fruit tree, treat the fruit at first as unclean. For three years you are forbidden to eat it.
24 Waggaa afuraffaatti immoo iji isaa hundinuu ni qulqullaaʼa; Waaqayyoofis aarsaa galataa taʼa.
The fourth year all the fruit must be dedicated to the Lord as a praise offering.
25 Waggaa shanaffaatti garuu ija isaa nyaachuu dandeessu. Haala kanaan oomishni keessan ni guddata. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
However, the fifth year you may eat the fruit and in this way you will have an even greater harvest. I am the Lord your God.
26 “‘Utuu dhiigni keessa jiruu foon kam iyyuu hin nyaatinaa. “‘Tolcha yookaan falfala hin hojjetinaa.
Don't eat meat with blood in it. Don't use fortune-telling or witchcraft.
27 “‘Rifeensa mataa keessanii naannessitanii hin haaddatinaa yookaan qarqara areeda keessaniis hin murmuratinaa.
Don't cut your hair on the sides of your head or trim the sides of your beard,
28 “‘Nama duʼeef jettanii dhagna keessan hin mammadeessinaa yookaan mallattoo tumaa tokko illee of irratti hin tolfatinaa. Ani Waaqayyo.
don't cut your bodies in some pagan ritual for the dead, and don't get yourselves tattoos. I am the Lord.
29 “‘Akka lafti halalummaatti deebitee hamminaan hin guutamneef intala kee akka isheen ejjitu gochuudhaan ishee hin salphisin.
Don't bring shame on your daughter by making her a prostitute, otherwise the land will become morally and spiritually depraved.
30 “‘Sanbatoota koo eegaa; iddoo qulqulluu koos kabajaa. Ani Waaqayyo.
Keep my Sabbaths and show respect for my sanctuary. I am the Lord.
31 “‘Isin akka hin xuroofneef ilaaltota bira hin deeminaa yookaan warra ekeraa dubbisan hin barbaadinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
Don't try and find help from mediums or spiritists—don't even go looking for them, otherwise they will corrupt you. I am the Lord your God.
32 “‘Warra dulloomaniif kaʼi; jaarsaaf ulfina kenni; Waaqa kee sodaadhu. Ani Waaqayyo.
Stand up and be respectful of older people. Show reverence for your God. I am the Lord.
33 “‘Yoo alagaan biyya keessan keessa isin wajjin jiraate isa hin cunqursinaa.
Don't mistreat foreigners who live in your country.
34 Alagaan isin gidduu jiraatu sun akka dhalataa biyya keessaniitti haa ilaalamu. Akka ofii keessaniitti isa jaalladhaa; isinis biyya Gibxitti alagoota turtaniitii. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
Treat them in the same way as a fellow citizen, and love them as you love yourself, because you were once foreigners living in Egypt. I am the Lord your God.
35 “‘Isin yommuu dheerina, ulfinaa fi baayʼina wayii safartanitti madaalii gowwoomsaatti hin fayyadaminaa.
Don't use dishonest weights and measures.
36 Safartuu fi madaalii dhugaatti, iifii fi iinii dhugaatti fayyadamaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan biyya Gibxii baasee isin fidee dha.
Make sure your scales and weights are accurate, that your measures of ephah and hin are correct. I am the Lord your God who led you out of Egypt.
37 “‘Ajajaa fi seera koo hunda eegaatii duukaa buʼaa. Ani Waaqayyo.’”
Keep all my rules and regulations, and make sure you follow them. I am the Lord.”

< Lewwota 19 >